ترجمة معاني سورة المائدة باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
آية رقم 1
Yaa warra amantan! Waadaa guutaa; (Hajjiifi umraa) kan hidhattan taatanii adamsuu halaala haala hin godhatiniin wanti isin irratti dubbifamu qofti odoo hafuu beelladoonni isiniif halaala godhamteettiRabbiin waan fedhe murteessa.
Yaa warra amantan! Mallattoolee Rabbii, ji'a kabajamo, horii wareegaaf dhufan, horii (wareega hajjiitiif) morma isaanii irratti mallattoon fannifame,fi warra tolaafi jaalala Gooftaa isaanii barbaacha gara mana kabajamaa fedhanuus halaala hin godhatinaaYeroo ihraama (hajjii yookiin umraa) raawwattan adamsadhaaWaan masjida kabajamaa irraa isin deebisaniif jibbaan ummata (Makkaa) daangaa dabruutti isin hin kakaasinToltuufi sodaa Rabbii irratti wal gargaaraaBadiifi daangaa dabruu irratti wal hin gargaarinaaRabbiin sodaadhaaDhugumatti Rabbiin adabbiin isaa akkaan cimaadha.
(Isinirratti haraama godhamte) Baktiin, dhiigni, foon booyyee, waan (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhame, hudhamtee kan duutes, rukutamtee kan duutes, konkolaattee kan duutes, kan gaafaan waraanamtee duutes, wanti bineensi nyaates yoo (odoo inni hin du’in dura) gorraatan malee, wanti taabota irratti gorra’ames, xiyyaan carraa ilaallachuunis isin irratti haraama godhamteettiKuni fincilaHar'a warri kafaran amantii keessan irraa abdii muratanii jiruIsaan hin sodaatinaa; Anuma (qofa) sodaadhaaAmantii keessan har'a isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteeraAmantiis Islaama isiniif jaaladheeraNamni beela keessatti dhiphifame, kan gara badii dabuu hin yaadin (isaaf dhiifama)Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
آية رقم 4
Maaltu akka isaaniif hayyamame si gaafatu"Gaggaariin hunduu, waan Rabbiin isin barsiise irraa kan barsiiftan taatanii wanti isin leenjiftoota taatanii carraaqxota irraas barsiiftan isiniif hayyamameeraWaan isaan isiniif qaban irraa nyaadhaaMaqaa Rabbiis isa irratti dubbadhaaRabbiin sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin qormaanni (Isaa) saffisaadha.
آية رقم 5
Har'a gaggaariin hundi isiniif eeyyamameeraNyaanni abbootii kitaabaas isiniif eeyyamamaadhaNyaanni keessanis isaaniif hayyamamaadhaTikfattoonni dubartoota mu’uminoota irraa ta’aniifi tikfattoonni dubartoota warra isiniin dura kitaaba kennaman irraa ta'anii fuudhoo, kan sagaagala hin dalagneefi sanyoo (jaalallee dhoksaa) hin qabanne taatanii (isiniif eeyyamama)Namni iimaana irraa gara gale, dhugumatti dalagaan isaa badeInnis Aakhiraatti warra hoonga’an irraa ta’a
Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan, fuula keessaniifi harka keessan hanga ciqileetti dhiqadhaaMataa keessaniis haxaa'aa; Luka keessanis hanga koronyootti (dhiqaa)Yoo janaabaa taatan (bishaan saalaa isin irraa dhangala’e) dhiqadhaaYoo dhukkubsatoo taatan yookiin imala irra jiraattan yookiin tokkoon keessan mana fincaanii irraa dhufe yookiin yoo dubartiin wal tuqxanii (qunnamtii saalaa gootanii), ergasii bishaan hin argatin dachii (biyyee) qulqulluu barbaaddadhaa (tayammuma godhadhaa)Isa irraas fuula keessaniifi harka keessan haxaa'aaRabbiin rakkina tokkollee isin irra fiduu hin fedhuGaruu akka isin galateeffattaniif jecha isin qulquleessuufi ni’imaa Isaa isin iraatti guutuu fedha.
آية رقم 7
Ni’imaa Rabbii kan isin irra jiruufi waadaa Isaa kan yeroo isin "dhageenye; awwaannes" jettan Inni isiniif gales yaadadhaaRabbiin sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin beekaa waan qoma keessaati.
آية رقم 8
Yaa warra amantan! Rabbiif gadi dhaabbataa ta’aa; haqaan ragaa ba’aa ta'aaJibbaan ummataa haqa dalaguu dhiisuu irratti isin hin kakaasinHaqa hojjadhaa; isatu sodaa Rabbiitti irra dhihoodhaRabbiin sodaadhaasDhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hunda beekaadha.
آية رقم 9
Rabbiin isaan amananii gaggaariis hojjatan, isaaniif araaramaafi mindaa guddaatu jira (jechuun) waadaa seeneera.
آية رقم 10
Isaan kafaranii keeyyattoota keenyas sobsiisan, isaan warra ibiddaati.
آية رقم 11
Yaa warra amantan! Ni’imaa Rabbii kan yeroo ‘ummanni harka isaanii gara keessan diriirsuu yaadanii, (Rabbiin) harka isaanii isin irraa qabe’ isin irra jiru yaadadhaaRabbiin sodaadhaaMu’uminoonnis Rabbi irratti haa irkatan.
آية رقم 12
Dhugumatti, Rabbiin waadaa Ilmaan Israa’iil qabatee jiraIsaan irraas qondaalota kudha lama goonee jirraRabbiinis "Ani isin waliinin jiraYoo isin salaata dhaabdanii zakaas kennitanii, ergamoota kiyyattis amantanii, isaan gargaartanii, Rabbiif liqaa bareedaa liqeessitan, dhugumatti Ani hamtuuwwan keessan isin irraa harcaaseeti, Jannata laggeen ishee jala yaatu isin seensisaIsin irraa namni san booda kafare, inni dhugumatti karaa qajeelaa irraa jallateera" jedhe.
آية رقم 13
Sababaa isaan waadaa isaanii diiganiif, isaan abaarree onnee isaaniis gogaa taasifneIddoowwan isaanii (kan sirrii) irraa jechoota jijjiiruWaan ittiin gorfaman irraas qooda wahii dagatanIsaan irraa nama muraasa malee gantuu isaan irraa taate arguurraa hin deemtuDhiifama isaaniif godhi; irras dabriDhugumatti, Rabbiin tolchitoota ni jaalata.
آية رقم 14
Isaan nuti Kiristaanota jedhan irraallee waadaa isaanii fuunee, waan ittiin gorfaman irraa qooda wahii dagatanHanga Guyyaa Qiyaamatti gidduu isaanitti diinummaafi jibbaa buufneRabbiinis waan isaan dalagaa turan fuula dura isaanitti hima.
آية رقم 15
Yaa warra kitaabaa! Ergamaan keenya kan irra hedduu kitaabaa irraa waan isin dhoksaa turtan isiniif ibsuufi baay’ee isaa immoo dhiifamaan irra isiniif dabru isinitti dhufeeraDhugumatti, iftiifi kitaabni ifaa ta’e Rabbi irraa isiniif dhufeera.
آية رقم 16
Rabbiin nama jaalala Isaa karaa nagaa hordofe ittiin (kitaabichaan) qajeelchaDukkana irraa gara ifaatti eeyyama Isaatiin isaan baasaGara karaa sirriis isaan qajeelcha.
آية رقم 17
Warri “Rabbiin isumatu Masiih ilma Maryami” jedhan dhugumatti kafaraniiruJedhi: "sila yoo Inni Masiih ilma Maryam, haadha isaatiifi namoota dachii irra jiran hunda balleesuu fedhe eenyutu Rabbi irraa isin tiksa?" Mootummaan samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii jiran hundaatuu kan RabbiitiWaan fedhe uumaRabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
آية رقم 18
Yahuudonniifi Kiristaanonni "nuti ilmaan Rabbiitiifi jaalallee Isaati" jedhanAti jedhi: "maaliif badii keessaniin isin adaba? Dhugumatti isin nama Inni uume irraayi(Inni) nama fedheef ni araarama; nama fedhe immoo ni adabaMootummaan samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii kan RabbiitiDeebiin garuma Isaatti" (jedhi).
آية رقم 19
Yaa abbootii kitaabaa! Akka isin gammachiisaafi dinniinaanis nutti hin dhufne hin jenneef, ergamaan keenya kan (waan hunda) ifa isiniif taasisu, eega wal irraa citiinsi ergamootaa argamee booda isinitti dhufeeraDhugumatti gammachiisaafi akeekkachiisaan isinitti dhufeeraRabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
آية رقم 20
Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhes [yaadadhaa]: "yaa ummata kiyya! Ni’imaa Rabbiin yeroo nabiyyota isin keessa taasisee, moototas isin godheefi waan aalama irraa eenyuufillee hin kennin isiniif kennee isin irratti oole yaadadhaa.
آية رقم 21
Yaa ummata kiyya! Dachii qulqulleeffamtuu Rabbiin isiniif barreesse (Filisxeeniin) seenaaDugda duubatti hin deebi’inaas(Yoo akkas gootan) hongaa’oo taatanii deebitu."
آية رقم 22
"Yaa Muusaa! Dhugumatti, ishee keessa ummata of tuultotatu (gara jabeeyyiitu) jiraNuti hanga isaan ishee keessaa ba’anitti gara ishee hin seennuYoo isaan ishee irraa ba’an, nuti ni seenna" jedhan.
آية رقم 23
Namoota (Rabbiin) sodaatan, kan Rabbiin ni’imaa Isaatiin isaan qanansiise irraa dhiirotiin lama ni jedhan: "balbala isaan irratti seenaaYeroo isa seentan isin injifattootaYoo mu’uminoota taataniif Rabbirratti hirkadhaa."
آية رقم 24
Ni jedhan: "Yaa Muusaa! Hanga isaan ishee keessa jiranutti, nuti gonkumaa ishee hin seennuAtiifi Gooftaan kee deemaa lolaa, nuti asuma teenya."
آية رقم 25
)Muusaan) ni jedhe: "Yaa Gooftaa kiyya! Ani ofiifi obboleessa kiyya irratti malee taaytaa hin qabuNuufi finciltoota gidduu addaan baasi."
آية رقم 26
)Rabbiiniis) ni jedhe: "isheen (dachittii seenuun) waggoota afurtamaaf isaan irratti haraamfamtuudha; Dachii keessa dhama’uUmmata finciltoota irratti hin gaddin."
آية رقم 27
Oduu ilmaan Aadam lamaanii kan yeroo isaan waan Rabbitti isaan dhiheessu (qurbaana) dhiyeessanii, isa tokko irraa qeebalamee isa kan biraa irraa qeebalamuu dide dhugaan isaaniif dubbisi(Inni lamuu isa duraatiin) ni jedhe: "Ani dhugumatti sin ajjeesa." (Inni duraas) ni jedhe: "Rabbiin kan qeebalu warra Isa sodaatan irraayyi.
آية رقم 28
Yoo ati na ajjeesuuf harka kee gara kiyyatti diriirsites, ani si ajjeesuuf harka kiyya gara keetti hin diriirsuAni Rabbii Gooftaa aalamaan sodaadha.
آية رقم 29
Ani ati badii kiyyaafi badii keetiin deebitee warra ibiddaa irraa ta'uun fedhaKunis mindaa miidhaa hojjattootaati."
آية رقم 30
Lubbuun isaas isaaf miidhagsinaan obboleessa isaa ajjeeseWarra hoonga’an irraas ta’e.
آية رقم 31
Akkamitti akka reeffa obboleessa isaa dhoksu isa argisiisuuf Rabbiin harraagessa dachii haadhu erge"Sila ani Reeffa obboleessa kiyyaa dhoksuuf akka harraagessa kanaa ta’uun dadhabee?" jedhee gaabbitoota irraa ta’e.
آية رقم 32
Sababa kanaan Ilmaan Israa’iil irratti "namni lubbuu tokko lubbuu biraatiin yookiin dachii keessa balleessuun alatti ajjeese akka waan nama hunda ajjeeseti; namni ishee jiraachises akka waan nama hunda jiraachiseeti" jechuu murteessineDhugumatti, ergamoonni keenya ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhuftee jirtiErgasii irra hedduun isaanii sana booda dachii keessatti daangaa dabroodha.
آية رقم 33
Dhugumatti mindaan warra Rabbiifi ergamaa Isaatiin lolanii, dachii keessa balleessuuf deemanii, ajjeefamuu yookiin fannifamuu yookiin harkaafi miilli isaanii faallaan irraa ciramuu yookiin biyya irraa ari’amuudhaKun addunyaatti isaaniif salphinaAakhiraatti immoo isaaniif adabbii guddaatu jira.
آية رقم 34
Isaannan odoo isin isaan irratti hin danda'in dura toobatan malee; Rabbiinis araaramaa mararfataa ta'uu isaa beekaa
آية رقم 35
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaaWaan ittiin gara Isaatti dhihaattanus barbaadaaAkka milkooftaniif jecha karaa Isaa keessattis qabsaa’aa.
آية رقم 36
Dhugumatti, isaan kafaran odoo wanti dachii keessa jiru hundiifi fakkaatan isaas isa waliin isaaniif ta’ee isaan adabbii Guyyaa Qiyaamaa irraa of bituu fedhanii isaan irraa hin qeebalamuIsaaniif adabbii laalessaa ta’etu jira.
آية رقم 37
Ibidda irraa ba’uu fedhuIsaanis ishee irraa kan ba’anii mitiIsaaniif adabbii itti fufaatu jira.
آية رقم 38
Dhiira hattuufi dubartii hattuus galata waan isaan dalaganiif jiilchaa Rabbi irraa ta'eef jecha harka isaanii lamaan kutaaRabbiin injifataa, ogeessa.
آية رقم 39
Namni miidhaa (raawwachuu) isaa booda toobatee tolches, dhugumatti Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebalaRabbiin akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.
آية رقم 40
Sila Rabbiin mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta’uu hin beeknee! Nama fedhe ni adaba; nama fedheef ni araaramaRabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Yaa ergamichaa! Isaan afaaniin amanne jedhanii onneen isaanii immoo hin amanin irraa warri kufrii keessatti ariifatan si hin gaddisiisinIsaan yahuudoman irraas kan kijibaaf dhaggeeffatanu, ummata biraa kan gara kee hin dhufiniif dhaggeeffatantu jiruJechootas bakka isaa irraa jijjiiru"Yoo kana kennamtaniif isa qabadhaa; yoo isa hin kennamin immoo eeggadhaa" jedhuNama Rabbiin mokkoroo isaa fedhe Rabbi irraa waan tokko isaaf hin deebiftuSunniin warra Rabbiin onnee isaanii qulqulleessuu hin fedhiniAddunyaa kanatti salphinatu isaaniif jira; Aakhiraatti immoo adabbii guddaa ta’etu isaaniif jira.
آية رقم 42
Kijiba dhaggeeffattoota, haraama nyaatoodhaYoo sitti dhufan, gidduu isaaniitti murteessi; yookiin isaan irraa gara galiYoo ati isaan irraa gara galtes homaa si hin miidhanuYoo murteessiteef, haqaan gidduu isaaniitti murteessiRabbiin warra haqaan murteessan ni jaalata.
آية رقم 43
Sila odoo Tawraat kan murteen Rabbii ishee keessa jiru taatee isaan bira jirtuu akkamitti si murteessisiifatu? Ergasii san booda gara galuJarri sun mu’uminootaa miti.
آية رقم 44
Dhugumatti, Nuti Tawraatiin kan ishee keessa qajeelfamaafi ifaan jiru taasifnee buufnee jirraNabiyyoonni warri fedha Rabbiitiif bulan warra yahuudomaniif isheedhaan murteessuQeesonniifi beektonnis waan kitaaba Rabbii irraa eegsifamaniniifi ishee irratti ragaa ta'aniin (murteessu)Namoota hin sodaatinaa; Ana sodaadhaaKeeyyattoota kiyyas gatii xiqqaan hin gurguratinaaNamni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun kaafiroota.
آية رقم 45
Ishee keessatti "Lubbuun lubbuudhaan, ijji ijaan, funyaan funyaaniin, gurri gurraan, ilkaan ilkaaniin, madaanis gumaadha" jechuun isaan irratti barreessinee jirraNamni isa sadaqate (gumaa dhiise) inni isaaf (badii) harcaasaadhaNamni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun miidhaa raawwattoota.
آية رقم 46
Faana isaanii irratti Iisaa ilma Maryam haala dhugeessaa waan isaan duraa Tawraat irraa ta'eetiin hordofsiifneInjiiliinis kan isa keessa qajeelfamniifi ifti jiru, dhugoomsaa waan isaan duraa Tawraat irraa ta'eefi (Rabbi) sodaattotaaf qajeelfamaafi gorsa haala ta'een isaaf kennine
آية رقم 47
Warri Injiil waan Rabbiin isa keessatti buuseen haa murteessanu; Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun finciltoota
Nuti Kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaafi isa irrattis tiksaa ta'ee Qur’aana gara keetti buufneerraWaan Rabbiin buuseen gidduu isaaniitti murteessiDhugaa waan sitti dhufe irraa dabuun fedha lubbuu isaanii hin hordofinHundumaafuu seera shari’aatiifi karaa ifa ta’e taasifnee jirraRabbiin odoo fedhee ummata tokko isin taasisa tureGaruu waan isiniif kenne keessatti isin qormaatuuf (addaan isin baase)Hojii gaarii keessatti wal dorgomaaHunda taatanii deebiin keessan gara RabbiitiWaan isin isa keessatti wal dhabaa turtanis isinitti hima.
آية رقم 49
Ammas "gidduu isaaniitti waan Rabbiin buuseen murteessiFedhii lubbuu isaaniis hin hordofinGarii waan Rabbiin gara keetti buusee irraas akka si hin deebifne, isaan eeggadhu" (jechuudhaan buufne)Yoo isaan (sirraa) gara galan, Rabbiin garii badii isaaniitiin isaan tuquu (adabuu) barbaada jechuu beekiDhugumatti, hedduun namoota irraa ta'e finciltoota.
آية رقم 50
Sila murtii 'jaahiliyyaa'[] barbaaduu? Ummata hubannoo amantii qabaniif wanti Rabbi irra murtiin isaa miidhagaa hin jiru.
آية رقم 51
Yaa warra amantan! Yahuudotaafi Kiristaanotas jaalallee keessoo hin godhatinaaGariin isaanii jaalallee gariitiIsin irraa namni jaalallee isaan godhate, inni isaanuma irraayyiDhugumatti, Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.
آية رقم 52
Isaan onnee isaanii keessa dhukkubni (munaafiqummaa) jiru, "naannoon rakkinaa tokko nu tuquu sodaanna" jedhaa, isaan (gargaaruu) keessatti kan ariifatan agartaRabbiin injifannoo yookiin murtii isa biraa ta’e fidee, waan lubbuu isaanii keessatti gadi qabatan irratti gaabbitoota ta'uun isaanii mirkanaa'eera.
آية رقم 53
Isaan amanan ni jedhu: "isaan nuti isinii wajjin jirra jedhanii kakuu cimaa Rabbiin kakatan isaan kanaa mitii?" (jedhu)Dalagaan isaanii badeHongaa'oos ta'an.
آية رقم 54
Yaa warra amantan! Isin irraa namni amantii isaa (Islaama) irraa gara gale, Rabbiin namoota isaan jaalatuufi isaanis Isa jaalatan, kan mu’uminootaaf gadi of qabanii kaafiroota irratti ciman, kan karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniifi komii warra isaan komatuu kan hin sodaanne fuulduratti ni fidaKun tola RabbiitiNama fedheef isa kennaRabbiin (kenni isaa) bal'aa, beekaadha.
آية رقم 55
Dhugumatti, jaalalleen keessan Rabbiifi ergamaa IsaatiAmmas isaan amanan, kanneen salaata dhaabaniifi kan rukuu'a godhan ta'aa zakaa kennaniidha.
آية رقم 56
Namoonni Rabbiin, ergamaa Isaatiifi warra amanan jaalallee taasifatan (isaan garee Rabbiiti)Dhugumatti gareen Rabbii isaanumatu injifattoota.
آية رقم 57
Yaa warra amantan! Warra amantii keessan qishinaafi tapha taasisan kan isaan isin dura kitaaba kennamaniifi kaafiroota irraa ta’an jaalallee hin taasifatinaaYoo mu’uminoota taataniif Rabbiin sodaadhaa.
آية رقم 58
Yeroo gara salaataa lallabdan (azaana gootan), qishinaafi tapha ishee godhatuKun waan isaan ummata hin xiinxalle ta’aniifi.
آية رقم 59
"Yaa warra kitaabaa! Sila nuti Rabbitti, waan gara keenya buufamettiifi waan kana dura buufametti amanuu keenyaafi irra hedduun keessan finciltoota ta'uu malee homaa nurratti jibbituu?" jedhi.
آية رقم 60
Jedhi: "Sila kan adabbiin isaa Rabbiin biratti san caalaa badaa ta’e isiniif himuu? Namni Rabbiin isa abaareefi isa irratti dallane, kan isaan irraa gara jaldeessaafi booyyetti jijjiire, isaan xaaghuuta (gabbaramtoota Rabbiin alaa) gabbaran, isaan sun warra (Aakhiratti) iddoon isaanii badaa ta'eefi irra jallatoowwan karaati."
آية رقم 61
Isaan odoma dhugumatti kufrii wajjin seenaniifi isaan dhugumatti isumaa wajjin ba’anii jiranuu yeroo isinitti dhufan "nuti amanne" jedhuRabbiinis irra beekaa waan isaan dhoksaa turaniiti.
آية رقم 62
Baay’ee isaan irraa ta'es kan badii, daangaa dabruufi wantoota dhorgaman nyaachuu keessatti ariifatan argitaWantoonni isaan hojjataa turan waa fokkate!
آية رقم 63
Sila maaliif qeesonniifi beektonni jechoota isaanii kan badiitiifi wantoota dhorgaman nyaachuu isaanii irraa isaan hin dhorgine? Wanti isaan dalagaa turan waa fokkate!
Yahuudonnis "harki Rabbii hidhamtuu dha" jetteHarki isaanii hidhamtee waan jedhaniinis abaaramaniiruLakki! Harki Isaa lamaanuu diriiroodhaAkka fedhetti kennaDhugumatti, irra hedduu isaaniitiif wanti Gooftaa kee irraa gara keetti buufame daangaa dabruufi kufrii dabalaDiinummaafi wal jibbaa hanga Guyyaa Qiyaamatti turus gidduu isaaniitti darbineDhawaata isaan ibidda lolaaf qabsiisaniin Rabbiin ishee dhaamsaIsaanis badii dachii keessa facaasuuf fiiguRabbiinis badii hojjattoota hin jaalatu.
آية رقم 65
Odoo warri kitaabaa amananii Rabbiinis sodaatanii, silaa hamtuu isaanii isaan irraa haqnee jannata qananii isaan seensifna turre.
آية رقم 66
Odoo isaan Tawraatiin, Injiiliifi waan Gooftaa isaanii irraa gara isaanitti buufametti hojjatanii, silaa gubbaa isaanitiifi miila isaanii jalaa nyaatu turanIsaan irraa ummata giddu galeessa ta'antu jiraHedduun isaan irraa ta’e immoo hojiin isaanii waa fokkate.
آية رقم 67
Yaa Ergamichaa! Waan Gooftaa kee irraa sirratti buufame dhaqqabsiisiYoo hin dalagin, ati ergaa Isaa hin geessifneRabbiinis namoota irraa si eegaDhugumatti, Rabbiin ummata kaafiraa hin qajeelchu.
آية رقم 68
Jedhi: "Yaa warra kitaabaa! Isin hanga Tawraatiin, Injiiliifi waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti buufametti hojjattanitti homaa irra hin jirtan." Dhugumatti, wanti Gooftaa kee irraa gara keetti buufame daangaa dabruufi kufrii irra hedduu isaaniitiif dabalaUmmata kaafiraa irratti hin gaddin.
آية رقم 69
Isaannan amanan, isaan yahuudoman, saabi’oonnii[]fi kiristaanonnis, namni Rabbiifi guyyaa Aakhiraatti amanee, wantoota gaggaariis dalage, isaan irra sodaan hin jiru; isaan hin gaddanis.
آية رقم 70
Dhugumatti, Nuti waadaa Ilmaan Israa’iil irraa fuunee ergamootas gara isaanitti erginee jirraDhawaata ergamaan waan lubbuun isaanii hin feeneen isaanitti dhufuun garii isaanii ni kijibsiisu; garii isaanii immoo ni ajjeesu.
آية رقم 71
Adabni hin jiru jechuu yaadanKanaafuu jaamanii duudanErgasii Rabbiin tawbaa isaanii irraa qeebaleErgasiis irra hedduun isaanii jaamanii duudanRabbiin waan isaan dalagan argaadha.
آية رقم 72
Isaan "Rabbiin Masiih Ilma Maryami" jedhan dhugumatti kafaranii jiruMasiihis ni jedhe: "Yaa Ilmaan Israa'iil! Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e gabbaraaDhugumatti, dubbiin namni Rabbitti waa qindeesse, Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseeraTeessoon isaas ibiddaMiidhaa raawwattootaafis tumsitoonni hin jiranu."
آية رقم 73
Isaan "Rabbiin sadaffaa sadeeniiti" jedhanis dhugumatti kafaraniiruGabbaramaa tokkicha malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiruYoo waan jedhan (kana) irraa hin dhorgamin, dhugumatti warra isaan irraa kafaran adabbii laalessaa ta’etu tuqa.
آية رقم 74
Sila gara Rabbiitti tawbatanii araarama Isa hin kadhatanuu? Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
آية رقم 75
Masiih Ilma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee homaa mitiHaati isaas akkaan dhugoomsituudhaLamaanuu nyaata kan nyaatan turanAkkamitti akka keeyyattoota ifa isaaniif taasifnu ilaaliErgasiis akkamitti akka isaan (dhugaa irraa) garagalan ilaali.
آية رقم 76
Jedhi: "Sila isin Rabbiin alatti waan miidhaafi faayidaa isiniif hin qabne gabbartuu? Rabbitu Isa hunda dhagayaa, hunda beekaadha."
آية رقم 77
Jedhi: "Yaa warra kitaabaa! amantii keessan keessatti dhugaan ala (waan biraatti amanuun) daangaa hin dabrinaaFedhii ummata duraan jallatanii dabranii, (namoota) heddus jallisaniifi karaa qajeelaa irraa jallatanii hin hordofinaa."
آية رقم 78
Isaan Ilmaan Israa’iil irraa kafaran arraba Daawuudiifi Iisaa Ilma Maryam irratti abaaramaniiruKun waan isaan (Rabbiin) faallessaniifi kan daangaa dabran turaniifi.
آية رقم 79
Hamtuu hojjatan irraa kan wal hin dhorgine turanWantoonni isaan hojjataa turan waa fokkate.
آية رقم 80
Hedduu isaan irraa ta’e kan warra kafaran jaalallee godhatan argitaRabbiin isaan irratti waan dallaneef wanti lubbuun isaanii isaaniif dabarsite waa fokkate! Isaan adabbii keessattis hafoodha.
آية رقم 81
Odoo kan Rabbitti, nabiyyittiifi waan gara isaatti bu’etti amanan ta’anii, silaa isaan jaalallee hin godhatanu turanGaruu isaan irraa (namoonni) hedduun finciltoota.
آية رقم 82
Dhugumatti namoota diinummaan warra amananiif akkaan cimaa ta'an yahuudotaafi mushrikoota ta’uu argitaDhugumatti, namoota jaalalaan isaan amananitti irra dhihoo ta’an warra "nuti kiristaanota" jedhan ta’aniitiin agartaKun waan isaan irraa qeesonniifi monokseewwan jiraniifi isaanis hin boonneefi.
آية رقم 83
)Kiristaanonni) yeroo waan gara ergamichaa buufame dhagayan, sababaa dhugaa beekaniif jecha kan ijji isaanii imimmaan dhangalaatu argitaNi jedhu: "(Yaa) Gooftaa keenya! Nuti amannee ragoota wajjin nu barreessi.
آية رقم 84
Sila maaltu nuuf jiraayyi Rabbiifi dhugaa irraa waan nutti bu’etti hin amanne? Gooftaan keenya ummata gaggaarii wajjin nu seensisuus ni hawwina" (jedhu).
آية رقم 85
Sababaa waan isaan jedhaniitiin Rabbiin jannatoota laggeen ishee jala yaatu, kan ishee keessatti hafan ta'anii isaan mindeesseKunis mindaa warra toltuu hojjatanuuti.
آية رقم 86
Isaan kafaranii keeyyattoota keenyas kijibsiisan, sunniin warra ibiddaati.
آية رقم 87
Yaa warra amantan! gaggaarii waan Rabbiin isiniif hayyamee haraama hin taasisinaaDaangaas hin dabrinaa; Dhugumatti, Rabbiin warra daangaa dabranu hin jaalatu.
آية رقم 88
Halaalaafi gaarii haala ta’aniin Waan Rabbiin isiniif kenne irraas nyaadhaaRabbii Isa isin itti amantan sodaadhaa.
آية رقم 89
Rabbiin kakuu keessan keessatti kan osoo itti hin yaadin kakattaniin isin hin qabuGaruu waan kakuuf murteeffattanii (kakattaniin) isin qabaWanti isa harcaasus hiyyeeyyii kudhan giddu gala waan maatii keessan nyaachiftan irraa nyaachisuu yookiin isaan uffisuu yookiin gabra wahii bilisoomsuudhaNamni hin argatin, guyyaa sadi soomuu qabaKun (karaa badii) kakuu keessanii yeroo kakattan ittiin harcaaftaniidhaKakuu keessan tiksaaAkka isin galateeffattaniif jecha Rabbiin akka kanatti keeyyattoota Isaa isiniif addeessa
آية رقم 90
Yaa warra amantan! akka milkooftaniif jecha dhugumatti farsoon (kamriin), qumaarri, taaghuunni, xiyyaan hixaa (carraa) ilaallachuun (raaggachuun) najasa dalagaa sheyxaanaa irraayyii isa irraa fagaadhaa.
آية رقم 91
Wanti sheyxaanni fedhu dhugaatii macheessaniifi qumaaraan gidduu keessanitti diinummaafi wal jibbaa buusuun Rabbiin yaadachuufi salaata irraa isin dhorguudhaSila isin hin dhorgamtanuu?
آية رقم 92
Rabbiif ajajamaaErgamaafis ajajamaa(Wantoota dhorgaman kanneen irraa) eeggadhaaYoo irraa gara galtan immoo dhugumatti ergamaa keenya irra karaa ifa ta’een (ergaa keenya) geessuu malee wanti biraa akka hin jirre beekaa.
آية رقم 93
Waan (dur) nyaatan keessatti isaan amananii gaggaariis hojjatan yeroo (Rabbiin) sodaatanii (Isatti) amananii gaggaariis hojjatan, ergasii (Rabbiin) sodaatanii (Isatti) amanan; ammas (Rabbiin) sodaataniifi (dalagaa) tolchan irra badiin hin jiruRabbiin toltuu hojjattoota ni jaalata.
آية رقم 94
Yaa warra amantan! Rabbiin nama ghaybiitti Isa sodaatu mul’isuuf jecha waan adamsoo irraa harki keessaniifi waraanni keessan argatteen isin mokkoraNamni kana booda daangaa dabre, isaaf adabbii laalessaatu jira.
Yaa warra amantan! odoo hajjii irra jirtanuu bineensa bosonaa hin ajjeesinaaNamni isin irraa odoo beekuu ajjeese, adabbiin isaa waan isin irraa namni haqaa lama murteesse beeylada irraa fakkii waan ajjeesee haala wareega taateen kan ka’abaa geeffamtu yookiin hiyyeeyyii nyaachisuu yookiin fakkiidhuma kanaa soomuudha(Kunis) akka adabbii hojii isaa dhandhamuufiWaan (dhorgamuun dura) dabre Rabbiin irra isiniif dabreeraNama (gara badichaa) deebi’es Rabbiin haaloo irraa ba’ataRabbiin injifataa, abbaa haaloo ba’annaati.
آية رقم 96
Adamoon galaanaafi nyaanni isaa itti fayyadama keessaniifi daldaltootaatiif jecha isiniif eeyyamameeraWaan hidhannaa Hajjii keessa jirtanuun adamoon lafa irraa isin irratti haraama godhameRabbii isa gara Isaatti oofamtanu sodaadhaa.
آية رقم 97
Rabbiin Ka’abaa mana kabajamaa, ji’a kabajamaa, horii wareegaas, horii wareegaaf mallattoon morma irratti godhames namootaaf gadi dhaabbii (jireenya) taasiseeraKun akka Rabbiin wantoota samii keessa jiraniifi wantoota dachii keessa jiran hunda kan beekuufi ammas Rabbiin waan hunda beekaa ta’uu beektaniifi.
آية رقم 98
Beekaa! Dhugumatti Rabbiin (abbaa) adabbii cimaatiDhugumatti Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha
آية رقم 99
Ergamicha irra dhaqqabsiisuu malee homaa hin jiruRabbiinis waan isin mul’iftaniifi waan isin dhoksitan ni beeka.
آية رقم 100
Jedhi: "Odoma baay’inni wantoota fokkataa si dinqisiiseeyyuu fokkataaniifi gaariin wal hin qixxaatanu." Yaa warra sammuu qabdan akka milkooftaniif jecha Rabbiin sodaadhaa.
آية رقم 101
Yaa warra amantan! waan yoo ifa isiniif taasifamte isin rakkiftu irraa hin gaafatinaaYoo yeroo Qur’aanni bu’u ishee irraa gaafattan, ifa isiniif taasifamtiRabbiin ishee irra dabreeraRabbiin araaramaa, obsaadha.
آية رقم 102
Ummanni isiniin duraa dhugumatti ishee gaafatanii, ergasii sababaa isheetiin kafaranii jiru.
آية رقم 103
Rabbiin "Bahiiraah", "Saa’ibaa", "Wasiilaa"fi "Haam"[] karaa hin gooneGaruu warri kafaran Rabbirratti soba uumuIrra hedduun isaaniis hin xiixalanu.
آية رقم 104
Yeroo "gara waan Rabbiin buuseefi gara ergamichaa kottaa" isaaniin jedhame "wanti nuti abbootii keenya irratti argine nuuf ga’aadha" jedhuSila odoo abbootiin isaanii homaa kan hin beekneefi karaa hin qajeelle ta’aniis (isaanuma hordofuu)?
آية رقم 105
Yaa warra amantan! Lubbuu keessan qabaaYeroo isin qajeeltan namni jal’ate isin hin miidhuDeebiin keessan hundaatuu gara RabbiitiWaan isin dalagaa turtan hundaa isinitti hima.
آية رقم 106
Yaa warra amantan! Yeroo tokkoo keessanitti duuti dhufe ogga dhaamsaa, nama haqaa lama kan isin irraa ta’e yookiin yoo isin dachii keessa deemtanii rakkoon du’aa isin mudate nama lama kan isiniin alaa irraa jidduu keessanitti ragaan (isin irratti dirqama)Yoo shakkitan booda salaataatii isaan lamaan dhaabdanii "odoma fira dhihoo ta’eeyyuu isaan (ragaa keenyaan) maallaqa hin jijjiirrannu; ragaa Rabbiis hin dhoksinu; nuti yeroo sana warra dilaawaa irraayyi" jedhanii Rabbiin kakatu.
آية رقم 107
Yoo isaan lamaan badii haqa godhachuun beekame, fira warra (dhaala) haqa godhate irraa namni lama bakka isaan lamaanii dhaabatanii "ragaan keenya ragaa isaan lamaanii irra dhugaadha; nuti daangaas hin dabrine; yeroo san nuti miidhaa raawwattoota irraayyi" (jedhanii) Rabbiin kakatu.
آية رقم 108
Ragaan bifa sirriin dhufuufi eega kakuu isaaniitii kakuun deebifamuu sodaachuuf kanatu irra dhihoodhaRabbiin sodaadhaatii (ajaja isaas) dhaga'aaRabbiin finciltoota hin qajeelchu.
آية رقم 109
Guyyaa Rabbiin ergamoota (Isaa) walitti qabee "deebii maaliitu isiniif deebi’e" jedhu [yaadadhu][Isaan] "nuti beekumsa hin qabnu; Ati situ akkaan beekaa fagooti" jedhan.
“Yaa Iisaa ilma Maryam! haala ati daa’imummaafi ga’eessummaan nama dubbiftuun yeroo Ani ruuhii qulqulluudhaan si jabeesse, ni’imaa Ani siifi haadha kee irratti oole yaadadhu" yeroo Rabbiin jedhe (dubbadhu)Ammas (yeroo) Ani kitaaba, ogummaa, Tawraatiifi Injiiliin si barsiisuufi yeroo heyyama kiyyaan dhoqqee irraa waan akka allaattii uumtee afuura keessatti afuuftee heyyama kiyyaan allaattii ta’u; yeroo heyyama kiyyaan jaamaafi shoolii (barasa) fayyiftu, yeroo heyyama kiyyaan du’aa kaaftu, yeroo ati ragaa ifa ba’aan isaanitti dhufnaan isaan irraa warri kafaran “kuni sihrii ifa galaadha” jedhan, yeroo (si ajjeesuu barbaadnaan) banii Israa’iil sirraa deebise" [yaadadhu].
آية رقم 111
Yeroo ani gara hawaariyyootaa "Anaafi ergamaa kiyyatti amanaa" jechuu beeksisee isaanis "Nuti amanne; akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’i" jedhan [yaadadhu].
آية رقم 112
Yeroo hawaariyyoonni "Yaa Iisaa Ilma Maryam! Sila Gooftaan kee maaddii (qorii) samii irraa nuuf buusuu danda’aa?" jedhanu [yaadadhu](Iisaanis) "Yoo mu’uminoota taataniif Rabbiin sodaadhaa" jedhe.
آية رقم 113
)Isaanis) "Nuti ishee irraa nyaachuu, onneen keenya tasgabbaa’uu, akka wanti ati jettu dhugaa ta’e mirkaneeffachuufi nutis san irratti warra ragaa ba’an irraa ta’uu feena" jedhan.
آية رقم 114
Iisaa Ilma Maryam ni jedhe: "Yaa Allaah! Gooftaa keenya! akka dhaloota keenya kan jalqabaafi boodaatiif ayyaana (guyyaa gammachuu)fi mallattoo sirraa (buute) taatuuf samii irraa maaddii nurratti buusinu soorisAti caalaa warra rizqii kennuuti."
آية رقم 115
Rabbiin ni jedhe: "Ani ishee isinirratti nan buusaIsin irraa namni san booda kafare, Ani adabbii aalama irraa eenyuunillee hin adabnen isa adaba."
آية رقم 116
Yeroo Rabbiin "Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha kiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?" jedhu [yaadadhu][Inni] ni jedhe: "Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta'uYoo ani isa jedheera ta'eef, ati dhugumatti isa barteettaWaan lubbuu kiyya keessaa ni beektaAni waan nafsii kee keessaa hin beekuDhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti.
آية رقم 117
Waan ati itti na ajajje ‘Rabbiin, Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan gabbaraa’ jechuu malee waan biraa isaaniin hin janneHangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan tureErga ol nafuutee booda ati isaan irratti tiksaa turteAti waan hunda irratti ragaadha.
آية رقم 118
Yoo isaan adabdes, isaan gabrootuma keetiYoo isaaniif araaramtes, ati simatu injifataa, ogeessa."
آية رقم 119
Rabbiin ni jedhe: "Kun guyyaa warra dhugaa dubbatan dhugaan isaanii fayyaduudhaIsaaniif ishee keessatti yeroo hunda hafaa ta'anii jannatoota jala ishee laggeen yaatutu jiraRabbiin isaan irraa jaalateeraIsaanis Isarraa jaalataniiruKun milkii guddaadha."
آية رقم 120
Mootummaan samii, dachiifi wantoota isaan keessaa kan RabbiitiInnis waan hunda irratti danda’aadha.
تقدم القراءة