سورة الرحمن

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة الرحمن باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

آية رقم 8
Akka isin madaala keessatti daangaa hin dabrineef jecha.
آية رقم 11
Ishee keessatti fuduraaleefi mukkeen temiraa kan qolola (qola) habaaboo qabantu jira.
آية رقم 14
(Rabbiin) ilma namaa dhoqqee akka okkoteetti iyyu (suphee) irraa uume.
آية رقم 17
(Rabbiin) Gooftaa baha lamaaniifi Gooftaa dhiha lamaaniiti.
آية رقم 19
Galaanota lamaan kan wal qunnaman taasisee gadi lakkise.
آية رقم 20
Gidduu isaanii dahootu jira; walitti hin makamanu.
آية رقم 24
Dooniiwwan tolfaman kan akka gaarreenii galaana keessa yaa’an kan Isaati.
آية رقم 26
Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama.
آية رقم 31
  Yaa ulfaattota lamaanii (jinniifi namaa) fuulduratti isiniif raawwanna.
آية رقم 35
Isin lamaan irratti boba’aa Ibidda irraa ta’eefi sibiila baqetu ergamaErgasii of irraa dhorguu hin dandeessanu.
آية رقم 44
Gidduu isheetiifi gidduu bishaan akkaan danfaa ta’ee naanna’u.
آية رقم 46
Nama fuulduree Gooftaa isaa dhaabbachuu sodaateef jannata lamatu jira.
آية رقم 48
Kan dameewwan dhedheeroo qaban
آية رقم 50
Isaan lamaan keessa madda yaa’an lamatu jira.
Isaan keessa (dubartoota bareeda) ija isaanii dhirsa isaanii irratti gabaabsan, kan san dura namniifi jinniin hin tuqintu jira.
آية رقم 62
Isaan lamaan malees jannata lamaatu jira.
آية رقم 64
Magariisa gurraacha’aadha
آية رقم 66
Isaan lamaan keessa burqituuwwan dhangala’an lamatu jiru.
آية رقم 68
Isaan lamaan keessa fuduraalee, timiraafi rummaanatu jira.
آية رقم 70
Isaan keessa gaggaarii, babbareedoo ta’antu jira.
آية رقم 72
Dubartoota manneen keessatti (dhirsa irratti) gabaabfamantu jiru.
تقدم القراءة