ترجمة معاني سورة الإنسان باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
آية رقم 1
Sila barri hangi ta'e nama irra kan inni waan yaadatamu hin ta'in hin dhufnee?
آية رقم 2
Dhugumatti Nuti nama, isa qormaatuuf jecha bishaan saalaa walitti makamaa ta'e irraa uumnee; Dhaga'aafi argaas isa goone
آية رقم 3
Nuti haala (inni) galateeffataa yookiin mormaa ta'een karaa isa qajeelchine.
آية رقم 4
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
ﰁ
Nuti kaafirootaaf sansalata, sakaallaawwaniifi ibidda boba'aa qopheessinee jirra.
آية رقم 5
Warri gaggaariin khamrii makaan ishee kaafuuriin ta'e irraa dhugu.
آية رقم 6
(Kun) burqaa gabroonni Rabbii ishee dhuganiidha(Karaa fedhanitti) dhangalaafachuu ishee dhangalaafatu
آية رقم 7
Qodhaa (nazrii) isaanii ni guutu; guyyaa hamtuun isaa babal'atus ni sodaatu
آية رقم 8
Nyaatas ofii jaallachuu wajjin hiyyeessa, yatiimaafi booji'amaas nyaachisu.
آية رقم 9
(Ni jedhu): "dhugumatti, wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi; isin irraa mindaas ta'ee galata wahii hin barbaannu.
آية رقم 10
Dhugumatti, nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa fuula guuraa hammaataa ta'e sodaanna.”
آية رقم 11
Rabbiinis hamtuu guyyaa gaafasii irraa isaan tikseeti (fuula isaaniis) ifaafi gammachuu qunnamsiise.
آية رقم 12
ﮅﮆﮇﮈﮉ
ﮊ
Sababa isaan obsaniifis jannataafi hariira galata isaaniif galche
آية رقم 13
Ishee keessatti sireewwan irratti hirkatanii, odoo ishee keessatti aduufi qorra hamaa hin argine (jiraatu)
آية رقم 14
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
ﮝ
Haala gaaddisni ishee isaan irratti gadi dhihoo, firiiwwan ishees isaaniif laaffifamuu laaffifamteen (jannata seenu).
آية رقم 15
Meeshota meeta irraa ta'aniifi kubbaayyawwan qaruuraa irraa ta'een isaan irra naanna'ama.
آية رقم 16
ﮧﮨﮩﮪﮫ
ﮬ
Qaruuraalee meeta irraa ta'een hanga isaan ga'u ishee (irraa) qoodu.
آية رقم 17
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
ﯔ
Ishee keessattis khamrii makaan ishee zinjibila ta'e obaafamu.
آية رقم 18
ﯕﯖﯗﯘ
ﯙ
Burqaa ishee (jannata) keessa jirtu Salsabiil jedhamtee kan waamamtu (irraa obaafamu).
آية رقم 19
Ijoollee ishee keessatti hafoo ta’antu isaan irra naanna'a; yeroo isaan argitu faaya bibittinneeffame sitti fakkaatu
آية رقم 20
Yeroo achi keessa ilaaltes qananiifi mootummaa guddaa argita.
آية رقم 21
Gubbaa isaanii irra uffata magariisa hariira qal'aafi hariira furdaatu jira; gumeelee meeta irraa ta'es ni faayamuGooftaan isaaniis dhugaatii qulqulleessaa isaan obaasa
آية رقم 22
"Dhugumatti, kun mindaa isiniif ta'eeraDalagaan keessanis galateeffatamaa dha" (isaaniin jedhama).
آية رقم 23
ﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
ﰋ
Dhugumatti, Nuti Qur'aana buusiinsa sirratti buusnee jirra
آية رقم 24
Murtii Gooftaa keetiitiifis obsi; isaan irraa nama dilaawaa yookiin kafaraa ta'eef hin ajajamin.
آية رقم 25
ﰖﰗﰘﰙﰚ
ﰛ
Ganamaafi galgalas maqaa Gooftaa keetii faarsi.
آية رقم 26
Halkan irraallee Isaaf salaati; halkan dheeraas Isaaf (salaata laylii) salaati
آية رقم 27
Dhugumatti, warri kun (addunyaa) arifattuu jaalatu; guyyaa ulfaataas fuulduratti dhiisu (dagatu).
آية رقم 28
Nuti isaan uumnee qaama isaaniis jabeessine; yeroo feenes (isaan balleessinee) fakkaatuma isaanii bakka buusinsa bakka buufna.
آية رقم 29
Dhugumatti, kuni gorsa; namni fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata.
آية رقم 30
Yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa hin feetanRabbiin beekaa ogeessa ta’eera.
آية رقم 31
Nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisaMiidhaa raawwattoota immoo isaaniif adabbii laalessaa qopheesse.
تقدم القراءة