ترجمة معاني سورة الغاشية باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
آية رقم 1
ﭽﭾﭿﮀ
ﮁ
Sila oduun haguugduu[] (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa?
آية رقم 2
ﮂﮃﮄ
ﮅ
Fuulli gariin guyyaa san xiqqaattuudha.
آية رقم 3
ﮆﮇ
ﮈ
Hojjattuu ifaajjuudha
آية رقم 4
ﮉﮊﮋ
ﮌ
Ibidda gubduu seenti.
آية رقم 5
ﮍﮎﮏﮐ
ﮑ
Burqituu danfituu irraa obaafamti.
آية رقم 6
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
ﮘ
Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru.
آية رقم 7
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
ﮟ
Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu.
آية رقم 8
ﮠﮡﮢ
ﮣ
Fuulli gariin guyyaa san qananiituudha.
آية رقم 9
ﮤﮥ
ﮦ
Dalagaa ishee jaalattuudha
آية رقم 10
ﮧﮨﮩ
ﮪ
Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti.
آية رقم 11
ﮫﮬﮭﮮ
ﮯ
Ishee keessatti waca hin dhaga'anu.
آية رقم 12
ﮰﮱﯓ
ﯔ
Ishee keessa burqituu yaatutu jirti.
آية رقم 13
ﯕﯖﯗ
ﯘ
Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti.
آية رقم 14
ﯙﯚ
ﯛ
Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti.
آية رقم 15
ﯜﯝ
ﯞ
Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira).
آية رقم 16
ﯟﯠ
ﯡ
Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti).
آية رقم 17
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
ﯨ
Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu?
آية رقم 18
ﯩﯪﯫﯬ
ﯭ
Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu)?
آية رقم 19
ﯮﯯﯰﯱ
ﯲ
Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu)?
آية رقم 20
ﯳﯴﯵﯶ
ﯷ
Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu)?
آية رقم 21
ﯸﯹﯺﯻ
ﯼ
Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa.
آية رقم 22
ﯽﯾﯿ
ﰀ
Isaan irratti dirqisiisaa hin taane.
آية رقم 23
ﭑﭒﭓﭔ
ﭕ
Garuu nama gara galee kafare,
آية رقم 24
ﭖﭗﭘﭙ
ﭚ
Rabbiin adabbii guddaa isa adaba
آية رقم 25
ﭛﭜﭝ
ﭞ
Deebiin isaanii garuma Keenya.
آية رقم 26
ﭟﭠﭡﭢ
ﭣ
Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira
تقدم القراءة