Surah Ash-Shams in Oromoo
سورة الشمس · Verses: 15 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
وَٱلشَّمۡسِ وَضُحَىٰهَا
Aduufi ifa isheetiinin (kakadha). -
2
وَٱلۡقَمَرِ إِذَا تَلَىٰهَا
Ji’aanis; yeroo inni ishee hordofe. -
3
وَٱلنَّهَارِ إِذَا جَلَّىٰهَا
Guyyaanis yeroo inni ishee (aduu) mul’ise; -
4
وَٱلَّيۡلِ إِذَا يَغۡشَىٰهَا
Halkaniinis yeroo inni ishee haguuge; -
5
وَٱلسَّمَآءِ وَمَا بَنَىٰهَا
Samiifi kan ishee ijaareenis; -
6
وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا طَحَىٰهَا
Dachiifi kan ishee diriirseenis; -
7
وَنَفۡسࣲ وَمَا سَوَّىٰهَا
Lubbuufi kan ishee uumeenis; -
8
فَأَلۡهَمَهَا فُجُورَهَا وَتَقۡوَىٰهَا
Kan jal’ina isheefi qajeeluma ishee ishee barsiise. -
9
قَدۡ أَفۡلَحَ مَن زَكَّىٰهَا
Namni ishee qulqulleesse dhugumatti milkaa’e. -
10
وَقَدۡ خَابَ مَن دَسَّىٰهَا
Namni ishee xureesses dhugaatti hoonga’e. -
11
كَذَّبَتۡ ثَمُودُ بِطَغۡوَىٰهَآ
Samuud daangaa dabruu isheetiin kijibsiifte. -
12
إِذِ ٱنۢبَعَثَ أَشۡقَىٰهَا
Yeroo irra jallaan ishee ka’u (kijibsiifte). -
13
فَقَالَ لَهُمۡ رَسُولُ ٱللَّهِ نَاقَةَ ٱللَّهِ وَسُقۡيَٰهَا
Ergamaan Rabbiis isaaniin “gaala Rabbiitiifi dhugaatii ishee (eeggadhaa)” jedhe. -
14
فَكَذَّبُوهُ فَعَقَرُوهَا فَدَمۡدَمَ عَلَيۡهِمۡ رَبُّهُم بِذَنۢبِهِمۡ فَسَوَّىٰهَا
Isa kijibsiisanii ishee waraananSababa badii isaanii isaan balleessee wal qixxeesse. -
15
وَلَا يَخَافُ عُقۡبَٰهَا
Haaloo ishee hin sodaatu