Surah Al-Lail in Oromoo
سورة الليل · Verses: 21 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
وَٱلَّيۡلِ إِذَا يَغۡشَىٰ
Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) haguuge. -
2
وَٱلنَّهَارِ إِذَا تَجَلَّىٰ
Guyyaanis yeroo inni mul'ate; -
3
وَمَا خَلَقَ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰٓ
Isa kormaafi dhalaa uumeenis; -
4
إِنَّ سَعۡيَكُمۡ لَشَتَّىٰ
Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda (wal dhaba). -
5
فَأَمَّا مَنۡ أَعۡطَىٰ وَٱتَّقَىٰ
Namni kennatee Rabbiin sodaate, -
6
وَصَدَّقَ بِٱلۡحُسۡنَىٰ
Islaamummaas dhugoomse, -
7
فَسَنُيَسِّرُهُۥ لِلۡيُسۡرَىٰ
(Karaa) laaftuuf isa laaffisuuf jirra. -
8
وَأَمَّا مَنۢ بَخِلَ وَٱسۡتَغۡنَىٰ
Nama don’oomee of ga’e, -
9
وَكَذَّبَ بِٱلۡحُسۡنَىٰ
Islaamummaa sobsiise immoo, -
10
فَسَنُيَسِّرُهُۥ لِلۡعُسۡرَىٰ
(Karaa) jabduuf isa laaffisuuf jirra. -
11
وَمَا يُغۡنِي عَنۡهُ مَالُهُۥٓ إِذَا تَرَدَّىٰٓ
Yeroo inni (ibiddatti) kufu qabeenyi isaa isa hin fayyadu. -
12
إِنَّ عَلَيۡنَا لَلۡهُدَىٰ
Dhugumatti, karaa qajeelaa ifa galchuun (mul'isuun) Nurra jira. -
13
وَإِنَّ لَنَا لَلۡأٓخِرَةَ وَٱلۡأُولَىٰ
Dhugumatti, Aakhiraafi addunyaan keenya. -
14
فَأَنذَرۡتُكُمۡ نَارࣰا تَلَظَّىٰ
Ibidda qabsiifamaa ta'e isin sodaachise. -
15
لَا يَصۡلَىٰهَآ إِلَّا ٱلۡأَشۡقَى
Hoonga’aa malee ishee hin seenu. -
16
ٱلَّذِي كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ
Kan sobsiisee gara gale (malee). -
17
وَسَيُجَنَّبُهَا ٱلۡأَتۡقَى
Namni Rabbiin sodaatu immoo ishee irraa fageeffamuuf jira. -
18
ٱلَّذِي يُؤۡتِي مَالَهُۥ يَتَزَكَّىٰ
Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu -
19
وَمَا لِأَحَدٍ عِندَهُۥ مِن نِّعۡمَةࣲ تُجۡزَىٰٓ
Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamu hin jirreen (kan kennatu). -
20
إِلَّا ٱبۡتِغَآءَ وَجۡهِ رَبِّهِ ٱلۡأَعۡلَىٰ
Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta'e barbaachaaf malee (hin kennu). -
21
وَلَسَوۡفَ يَرۡضَىٰ
Dhugumatti, inni fuulduratti jaalachuuf jira