Surah Al-Balad in Oromoo
سورة البلد · Verses: 20 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
لَآ أُقۡسِمُ بِهَٰذَا ٱلۡبَلَدِ
Biyya (Makkaa) kanaanin kakadha. -
2
وَأَنتَ حِلُّۢ بِهَٰذَا ٱلۡبَلَدِ
Ati biyyi kun (lolaan banuun) siif eeyyamamaadha. -
3
وَوَالِدࣲ وَمَا وَلَدَ
Abbaafi waan inni dhaleenis (nan kakadha). -
4
لَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ فِي كَبَدٍ
Dhugumatti, Nuti nama cinqii[] keessatti uumne. -
5
أَيَحۡسَبُ أَن لَّن يَقۡدِرَ عَلَيۡهِ أَحَدࣱ
Sila inni tokkolleen[] isa irratti hin danda'uu yaadaa? -
6
يَقُولُ أَهۡلَكۡتُ مَالࣰا لُّبَدًا
“Qabeenya guddaan balleesse" jedha. -
7
أَيَحۡسَبُ أَن لَّمۡ يَرَهُۥٓ أَحَدٌ
Sila inni tokkolleen isa hin arguu yaadaa? -
8
أَلَمۡ نَجۡعَل لَّهُۥ عَيۡنَيۡنِ
Sila Nuti ija lama isaaf hin taasifnee? -
9
وَلِسَانࣰا وَشَفَتَيۡنِ
Arrabaafi hidhii lamas; -
10
وَهَدَيۡنَٰهُ ٱلنَّجۡدَيۡنِ
Karaa lama (gaariifi badaa) isaaf ibsine. -
11
فَلَا ٱقۡتَحَمَ ٱلۡعَقَبَةَ
Sila maaliif tulluu hin dabrine?[] -
12
وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا ٱلۡعَقَبَةُ
Tulluttiin maal akka taate maaltu si beeksise? -
13
فَكُّ رَقَبَةٍ
(Inni) Gabra bilisoomsuudha -
14
أَوۡ إِطۡعَٰمࣱ فِي يَوۡمࣲ ذِي مَسۡغَبَةࣲ
Yookiin guyyaa beelaa keessa nyaachisuudha. -
15
يَتِيمࣰا ذَا مَقۡرَبَةٍ
Yatiima fira ta’an; -
16
أَوۡ مِسۡكِينࣰا ذَا مَتۡرَبَةࣲ
Yookiin hiyyeessa harkaan lafa qabate (deege). -
17
ثُمَّ كَانَ مِنَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَتَوَاصَوۡاْ بِٱلصَّبۡرِ وَتَوَاصَوۡاْ بِٱلۡمَرۡحَمَةِ
Ergasii warra amananii, obsa waliif dhaamaniifi rahmata waliif dhaaman irraa maaliif hin taane? -
18
أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡمَيۡمَنَةِ
Isaan sun warra mirgaati. -
19
وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِنَا هُمۡ أَصۡحَٰبُ ٱلۡمَشۡـَٔمَةِ
Isaan keeyyattoota keenyatti kafaran immoo isaan warra bitaati. -
20
عَلَيۡهِمۡ نَارࣱ مُّؤۡصَدَةُۢ
Isaan irratti ibiddi cufamtuudha.[]