ترجمة سورة الطلاق

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الطلاق باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoota hiiktan, 'Iddaa' isaaniitiin isaan hiikaa'Iddaass' lakkaa'aaRabbii Gooftaa keessan ta'es sodaadhaaYoo gocha fokkataa ifa ta'een dhufan malee manneen isaanii irraa isaan hin baasinaa; isaanis hin ba'inSun daangaawwan RabbiitiNamni daangaawwan Rabbii tare, dhugumatti inni lubbuu ofii miidheeraYoo tasa Rabbiin san booda dhimma haara'a (walitti deebi'uu gidduu keessanitti) uume hin beektu.
Yeroo beellama isaanii ga'an haala gaariin isaan qabadhaa yookiin haala gaariin isaaniin adda ba'aaIsin irraas warra haqaa (nama) lama ragaa godhaa(Warri ragaa baatanus) Rabbiif jedhaatii ragaa sirreessaaNamni Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amanu ta'e kanaan gorfamaNamni Rabbiin sodaatu (Rabbis) karaa bahiinsaa isaaf godha
Bakka inni hin yaadin irraayis isa sooraNama Rabbi irratti hirkatuuf Inni isaaf ga'aadhaDhugumatti, Rabbiin ajaja isaa bakkaan ga'aadhaDhugumatti Rabbiin waan hundaafuu hanga sirraawaa taasiseera.
Dubartoota keessan irraa isaan xurii laguu (haydii) irraa abdii kutan yoo shakkitaniif iddaan isaanii ji'a sadi qofaIsaan haydii arguu hin jalqabinis (akkasuma)Warri ulfa ta'an immoo baallamni isaanii ulfa isaanii da'uudhaNama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) dhimma isaa irraa laafina isaaf godha
Kun ajaja Rabbii kan gara keessanitti isa buuseedhaNama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) badii isaa isa irraa harcaasee mindaas isaaf guddisa
Dandeettii keessan irraa bakka qubattanu isaan qubsiisaaIsaan irratti dhiphisuuf jechas isaan hin rakkisinaaYoo warra ulfaa ta'aniif hanga ulfa isaanii da'anitti isaan qallabaaYoo isiniif hoosisan immoo mindaa isaanii isaaniif kennaaJidduu keessanitti haala gaariin mari'adhaaYoo wal rakkiftaniif kan biraa isaaf haa hoosisu.
Abbaan dandeettii qabu dandeettii isaa irraa haa qallabuNamni sooranni isaa isa irratti dhiphifame, waan Rabbiin isaaf kenne irraa haa qallabuRabbiin lubbuu kamiyyuu waan isheedhaaf kenne malee hin dirqisiisuRabbiin dhiphina booda bal'ina godhuuf jira
Magaalota irraa heddutu ajaja Rabbii isheefi ergamtoota isaa faallessitee qormaata cimaa ishee qormaannee adabbii fokkataas ishee adabne
Sababa kanaan adabbii dalagaa ishee dhamdhamteBooddeen dubbii ishees hongoo ta'e.
Rabbiin adabbii cimaa isaaniif qopheesseYaa warri sammuu qabdan, warri amantan Rabbiin sodaadhaaDhugumatti Rabbiin gara keessanitti gorsa buuseera
Warra amananii gaggaarii hojjatan dukkanoota keessaa gara ifaatti baasuuf jecha ergamaa keeyyattoota Rabbii ibsituu taate isin irratti dubbisu (ergine)Nama Rabbitti amanee gaariis dalage jannatoota jala ishee laggeen yaatu keessatti yeroo hundaaf hafoo taasisee isa seensisaDhugaatti Rabbiin isaaf soorata bareeche
Rabbiin Isa samii torbaniifi dachii irraayis fakkiidhuma isaanii uumeedhaAjajni jidduu isaaniitti bu'a(Wanti inni kana uumeefis) akka isin Rabbiin waan hunda irratti danda'aafi Rabbiin beekumsaan wantoota cufa marsuu isaa beektanuufi
Icon