ترجمة سورة العلق

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة العلق باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi.
(Isa) nama dhiiga ititaa irraa uume.
Haala Gooftaan kee hunda irra arjaa ta’een qara'i.
Isa qalamaan (barreessuu) barsiise sani.
Nama, waan inni hin beekne barsiise.
Dhugumatti, namni daangaa dabra
Sababa duroomuu of arguutiin.
Deebiin garuma Gooftaa keetiiti.
Sila isa dhorgu san argitee?
Gabricha yeroo inni salaatu (kan dhorgu argitee)?
Yoo inni qajeeluma irra jiraate hoo mee naaf himi!
Yookiin immoo sodaa Rabbiitti yoo ajaje hoo?
Yoo inni (Abuu Jahal) kijibsiisee irraa gara gale hoo mee naaf himi?
Sila inni Rabbiin arguu hin beekuu?
Haa dhorgamu; yoo inni (Abuu Jahal) dhorgamuu baate, sammuu qabna.
Sammuu sobduu, dogoggortuu taate (qabna).
Garee isaa haa waammatu.
Nutis waardiyyaa keenya waammachuuf jirra.
Dhorgami! Isaan hin ajajaminSujuudis gara Rabbiittis dhihaadhu.
Icon