Surah Al-A'la in Oromoo
سورة الأعلى · Verses: 19 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
سَبِّحِ ٱسۡمَ رَبِّكَ ٱلۡأَعۡلَى
Maqaa Gooftaa kee olaanaa ta'ee qulqulleessi. -
2
ٱلَّذِي خَلَقَ فَسَوَّىٰ
Isa (waan hunda) uumee guute. -
3
وَٱلَّذِي قَدَّرَ فَهَدَىٰ
Isa murteessee qajeelche. -
4
وَٱلَّذِيٓ أَخۡرَجَ ٱلۡمَرۡعَىٰ
Isa marga baase, -
5
فَجَعَلَهُۥ غُثَآءً أَحۡوَىٰ
Goggogaa gurraacha isa taasise. -
6
سَنُقۡرِئُكَ فَلَا تَنسَىٰٓ
Si qaraasisuuf jirraa hin dagattu -
7
إِلَّا مَا شَآءَ ٱللَّهُۚ إِنَّهُۥ يَعۡلَمُ ٱلۡجَهۡرَ وَمَا يَخۡفَىٰ
Waan Rabbiin fedhe maleeInni mul’ataafi dhokataas ni beeka. -
8
وَنُيَسِّرُكَ لِلۡيُسۡرَىٰ
Nuti karaa laaftuu taateef si laaffifna -
9
فَذَكِّرۡ إِن نَّفَعَتِ ٱلذِّكۡرَىٰ
Yoo yaadachiisni kan fayyadu ta’e yaadachiisi. -
10
سَيَذَّكَّرُ مَن يَخۡشَىٰ
Namni Rabbiin sodaatu gorfamuuf jira. -
11
وَيَتَجَنَّبُهَا ٱلۡأَشۡقَى
Hoonga'aan ishee irraa fagaata. -
12
ٱلَّذِي يَصۡلَى ٱلنَّارَ ٱلۡكُبۡرَىٰ
Inni ibidda guddoo seenu. -
13
ثُمَّ لَا يَمُوتُ فِيهَا وَلَا يَحۡيَىٰ
Ergasii ishee keessatti hin du'u; hin jiraatus. -
14
قَدۡ أَفۡلَحَ مَن تَزَكَّىٰ
Dhugumatti, namni of qulqulleeffate milkaa’e. -
15
وَذَكَرَ ٱسۡمَ رَبِّهِۦ فَصَلَّىٰ
Maqaa Gooftaa isaa dubbatee kan salaate. -
16
بَلۡ تُؤۡثِرُونَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا
Inumaa isin jiruu addunyaa filattu. -
17
وَٱلۡأٓخِرَةُ خَيۡرࣱ وَأَبۡقَىٰٓ
Odoo Aakhiraan caaltuufi haftuu taatee jirtuu [addunyaa filattu]. -
18
إِنَّ هَٰذَا لَفِي ٱلصُّحُفِ ٱلۡأُولَىٰ
Dhugumatti, kun barreeffamoota duraanii keessa jira. -
19
صُحُفِ إِبۡرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ
Barreeffamoota Ibraahiimifi Muusaa [keessa jira]