Surah Al-'Alaq in Oromoo
سورة العلق · Verses: 19 · Meccan
Translation: Oromoo translation (الترجمة الأورومية)
-
1
ٱقۡرَأۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلَّذِي خَلَقَ
Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi. -
2
خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِنۡ عَلَقٍ
(Isa) nama dhiiga ititaa irraa uume. -
3
ٱقۡرَأۡ وَرَبُّكَ ٱلۡأَكۡرَمُ
Haala Gooftaan kee hunda irra arjaa ta’een qara'i. -
4
ٱلَّذِي عَلَّمَ بِٱلۡقَلَمِ
Isa qalamaan (barreessuu) barsiise sani. -
5
عَلَّمَ ٱلۡإِنسَٰنَ مَا لَمۡ يَعۡلَمۡ
Nama, waan inni hin beekne barsiise. -
6
كَلَّآ إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لَيَطۡغَىٰٓ
Dhugumatti, namni daangaa dabra -
7
أَن رَّءَاهُ ٱسۡتَغۡنَىٰٓ
Sababa duroomuu of arguutiin. -
8
إِنَّ إِلَىٰ رَبِّكَ ٱلرُّجۡعَىٰٓ
Deebiin garuma Gooftaa keetiiti. -
9
أَرَءَيۡتَ ٱلَّذِي يَنۡهَىٰ
Sila isa dhorgu san argitee? -
10
عَبۡدًا إِذَا صَلَّىٰٓ
Gabricha yeroo inni salaatu (kan dhorgu argitee)? -
11
أَرَءَيۡتَ إِن كَانَ عَلَى ٱلۡهُدَىٰٓ
Yoo inni qajeeluma irra jiraate hoo mee naaf himi! -
12
أَوۡ أَمَرَ بِٱلتَّقۡوَىٰٓ
Yookiin immoo sodaa Rabbiitti yoo ajaje hoo? -
13
أَرَءَيۡتَ إِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰٓ
Yoo inni (Abuu Jahal) kijibsiisee irraa gara gale hoo mee naaf himi? -
14
أَلَمۡ يَعۡلَم بِأَنَّ ٱللَّهَ يَرَىٰ
Sila inni Rabbiin arguu hin beekuu? -
15
كَلَّا لَئِن لَّمۡ يَنتَهِ لَنَسۡفَعَۢا بِٱلنَّاصِيَةِ
Haa dhorgamu; yoo inni (Abuu Jahal) dhorgamuu baate, sammuu qabna. -
16
نَاصِيَةࣲ كَٰذِبَةٍ خَاطِئَةࣲ
Sammuu sobduu, dogoggortuu taate (qabna). -
17
فَلۡيَدۡعُ نَادِيَهُۥ
Garee isaa haa waammatu. -
18
سَنَدۡعُ ٱلزَّبَانِيَةَ
Nutis waardiyyaa keenya waammachuuf jirra. -
19
كَلَّا لَا تُطِعۡهُ وَٱسۡجُدۡۤ وَٱقۡتَرِب۩
Dhorgami! Isaan hin ajajaminSujuudis gara Rabbiittis dhihaadhu.