Hiikkaa Suura النجم الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﭑﭒﭓ
ﭔ
Urjiin kakadhe; yeroo inni bu’u (seenu).
Verse 2
ﭕﭖﭗﭘﭙ
ﭚ
Hiriyaan keessan (Muhammad SAW) hin jallanne; hin dogoggorres.
Verse 3
ﭛﭜﭝﭞ
ﭟ
Fedha lubbuu irraas hin haasa’u
Verse 4
ﭠﭡﭢﭣﭤ
ﭥ
Inni (wanti inni dubbatu) wahyii buufamu qofa.
Verse 5
ﭦﭧﭨ
ﭩ
(Jibriil) kan humni isaa cimaatu isa barsiise.
Verse 6
ﭪﭫﭬ
ﭭ
Abbaa humnaa ta’ee (bifa Rabbiin irratti isa uumeen) ol ta’e.
Verse 7
ﭮﭯﭰ
ﭱ
Inni moggaa (samii) isa ol aanaa irratti (ol ta’e)
Verse 8
ﭲﭳﭴ
ﭵ
Ergasii dhihaatee gadis bu’e.
Verse 9
ﭶﭷﭸﭹﭺ
ﭻ
Hanga fageenya qabannaa gooboo lamaanii yookiin sana irra dhihoo ta’e.
Verse 10
ﭼﭽﭾﭿﮀ
ﮁ
Gara gabricha Isaatti (Rabbiitti) waan wahyii godhe wahyii godhe.
Verse 11
ﮂﮃﮄﮅﮆ
ﮇ
Onneen (Nabiyyii-SAW) waan arge keessatti homaa hin sobne.
Verse 12
ﮈﮉﮊﮋ
ﮌ
Sila ergasii waan inni (yeroo mi’iraajaa) arge irratti isa mormituu?
Verse 13
ﮍﮎﮏﮐ
ﮑ
Dhugumatti yeroo biraas isa argeera.
Verse 14
ﮒﮓﮔ
ﮕ
Qurquraa daangaa (samii torbaffaa) biratti arge.
Verse 15
ﮖﮗﮘ
ﮙ
Ishee bira jannata qubsumaatu jira
Verse 16
ﮚﮛﮜﮝﮞ
ﮟ
Yeroo wanti haguugu mukattii qurquraa haguugu (arge).
Verse 17
ﮠﮡﮢﮣﮤ
ﮥ
Ijji gamaa gamana hin jallanne, irras hin dabarre.
Verse 18
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
ﮬ
Dhugumatti, inni mallattoolee Gooftaa isaa gurguddoo irraa argeera.
Verse 19
ﮭﮮﮯ
ﮰ
Mee (taabota) Laatiifi Uzzaa (jedhaman) naaf himaa?
Verse 20
ﮱﯓﯔ
ﯕ
Manaatiin kan sadaffaa duubatti haftuu taates (naaf himaa)?
Verse 21
ﯖﯗﯘﯙ
ﯚ
Sila isiniif dhiirri ta'eeti dubartiin isaaf taatee?
Verse 22
ﯛﯜﯝﯞ
ﯟ
Isheen kun oggas qooda jalloodha.
Verse 23
Isheen maqoota isiniifi abbootiin keessan odoo Rabbiin ragaa isheef hin buusin moggaaftani malee homaa mitiSe’aafi waan lubbuun isaanii feetu qofa hordofuDhugumaan qajeelfamni Rabbii isaanii irraa isaanitti dhufee jira.
Verse 24
ﯼﯽﯾﯿ
ﰀ
Moo namaaf waanuma hawwetu jira?
Verse 25
ﰁﰂﰃ
ﰄ
Aakiraafi addunyaanis kan Rabbiiti.
Verse 26
Maleeykota irraa, warra erga Rabbiin nama fedhuuf hayyamee, jaallate malee manguddummaan isaanii homaa hin fayyadne baay’eetu samii keessa jiru.
Verse 27
Isaan Aakhiratti hin amanne moggaasa dubartootaa maleeykota moggaasu.
Verse 28
Isa irratti beekumsa homaatuu hin qabanShakkii malee homaa hin hordofanuShakkiin immoo dhugaa irraa homaa hin duroomsu.
Verse 29
Nama yaadannoo keenya irraa garagalee, jiruu addunyaa malee hin fedhin irraa garagali
Verse 30
Kun beekumsa irraa daangaa isaaniitiDhugumatti, Rabbiin kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beekaadhaInni nama qajeeles akkaan beekaadha.
Verse 31
Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jirus kan RabbiitiIsaan hamtuu dalagan waan isaan dalaganiin isaaniif mindeessuufi isaan toltuu hojjatanis ishee caaltuu taate isaan mindeessuuf (uume).
Verse 32
Isaan sun warra dogoggora xixiqqoo malee dilii gugurdoofi sagaagalummaa irraa fagaataniidhaDhugumatti, Gooftaan kee araaramni Isaa bal’aadhaInni yeroo dachii irraa isin uumeefi yeroo isin garaa haadha keessanii keessatti ulfa taatanii jirtan akkaan isin beekaLubbuu keessan hin qulqulleessinaaInni nama (Isa) sodaatu akkaan beekaadha.
Verse 33
ﯢﯣﯤ
ﯥ
Mee isa gara gale naaf himi?
Verse 34
ﯦﯧﯨ
ﯩ
Kan xiqqoo kennee, ergasii dhoorgate.
Verse 35
ﯪﯫﯬﯭﯮ
ﯯ
Sila beekumsi fagoo isa bira jiraannaan inni (isa) beekee?
Verse 36
Moo wanta barreeffamoota Muusaa keessa jirutu itti hin himaminii?
Verse 37
ﯸﯹﯺ
ﯻ
Kan Ibraahiim isa (ajaja Rabbii) guutees
Verse 38
ﯼﯽﯾﯿﰀ
ﰁ
(Isheen sun) lubbuun dilii baadhattu ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuudha.
Verse 39
ﰂﰃﰄﰅﰆﰇ
ﰈ
Namaafis waan hojjate malee hintaaneedha.
Verse 40
ﰉﰊﰋﰌ
ﰍ
Hojiin isaas of duratti mul’achuuf jiraadha
Verse 41
ﰎﰏﰐﰑ
ﰒ
Achii booda mindaa guutuutu isaaf kennamaadha.
Verse 42
ﰓﰔﰕﰖ
ﰗ
Xumurri (waan hundaas) gara Rabbiitti ta’uudha.
Verse 43
ﰘﰙﰚﰛ
ﰜ
Inni Isumatu kofalchiise; boochises.
Verse 44
ﰝﰞﰟﰠ
ﰡ
Inni Isumatu ajjeese; jiraachises.
Verse 45
ﭑﭒﭓﭔﭕ
ﭖ
Inni cimdii lama, kormaafi dhalaa, uume.
Verse 46
ﭗﭘﭙﭚ
ﭛ
Bishaan hormaataa irraa (uume), yeroo buufamtu
Verse 47
ﭜﭝﭞﭟ
ﭠ
Uumuun boodaas Rabbuma irra jira.
Verse 48
ﭡﭢﭣﭤ
ﭥ
Inni Isa duroomseefi hiyyoomseedha.
Verse 49
ﭦﭧﭨﭩ
ﭪ
Inni Isumatu Gooftaa Shi’iraati
Verse 50
ﭫﭬﭭﭮ
ﭯ
Isumatu Aadii duraa balleesse.
Verse 51
ﭰﭱﭲ
ﭳ
(Ummata) Samuudis hin hambifne.
Verse 52
Ummata Nuuhis sana dura (balleesse)Isaan isaanumatu akkaan miidhaa raawwattootaafi daangaa darbitoota turan.
Verse 53
ﭿﮀ
ﮁ
Ganda gombifamtuus gadi kuffise.
Verse 54
ﮂﮃﮄ
ﮅ
Wanti haguuge ishee haguuge.
Verse 55
ﮆﮇﮈﮉ
ﮊ
Ni’imaa Rabbii keetii irraa kamiin shakkita?
Verse 56
ﮋﮌﮍﮎﮏ
ﮐ
Kun (Muhammad SAW) sodaachisaa sodaachistoota durii irraa ta’eedha.
Verse 57
ﮑﮒ
ﮓ
Dhihaattuun (Qiyaamaa) dhihaatteetti.
Verse 58
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
ﮚ
Rabbiin ala isheef mul’iftuun hin jirtu.
Verse 59
ﮛﮜﮝﮞ
ﮟ
Sila haasa’a kana (Qur’aana) irraa dinqisiifattanii?
Verse 60
ﮠﮡﮢ
ﮣ
Ni kolfituu! Hin boochanuu?
Verse 61
ﮤﮥ
ﮦ
Haala sirbitanuun (irraa garagaltuu)?
Verse 62
ﮧﮨﮩﮪ
ﮫ
Allaah’f sujuudaa; (Isuma qofa) gabbaraa
تقدم القراءة