Hiikkaa Suura الحشر الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesseInnis Injifataa Ogeessa.
Inni Isa abbootii kitaabaa irraa isaan kafaran godaansa jalqabaatiif gandoota isaanii irraa baaseedhaBahuu isaanii isin hin yaadne turtanIsaanis da'annoowwan isaanii Rabbi irraa nu dhowwa jechuu yaadaniRabbiinis bakka isaan hin yaadin irraan isaanitti dhufee, onnee isaanii keessatti sodaa darbeManneen isaanii harka isaaniifi harka mu’uminootaatiin onsanYaa warra sammuu qabdan mee xiinxalaa!!
Verse 3
Odoo Rabbiin (Madiinaa keessaa) godaansa isaan irratti barreessuu baatee, silaa addunyaa keessatti isaan adabbii tureIsaaniifis Aakhiraa keessatti adabbii ibiddaatu jira.
Verse 4
Kun sababa isaan (ajaja) Rabbiifi ergamaa Isaa didaniifiNama (ajaja) Rabbii dide (Rabbiin isa adaba)Dhugumatti, Rabbiin adabbiin isaa cimaadha.
Verse 5
Muka timiraa irraa wanti isin murtan yookiin akkuma hundee ishee irra dhaabattetti dhiiftan eeyyama Rabbiitiini(wanti Rabbiin kana godheef) finciltoota salphisuufi.
Verse 6
Waan Rabbiin isaan (qabeenya isaanii) irraa ergamaa Isaa irratti deebise isin isa irratti fardaafi gaalas hin gulufsiifneGaruu Rabbiin ergamtoota Isaa abbaa fedhe irratti moosisaRabbiinis waan hunda irratti danda'aadha.
Wanti Rabbiin (qabeenya) warra magaalaa irraa ergamaa Isaa irratti deebise akka jidduu dureeyyii isin irraa ta'aniitti kan naanna'u hin taaneef jecha Rabbi, ergamaa, fira dhihoo (ergamaa), yatiimotaa, hiyyeeyyiifi nama imala irra jiruuf (haqa godhame)Waan Ergamichi (Kiyya) isiniif kennes qabadhaaWaan inni irraa isin dhowwes dhowwamaaRabbiinis sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha.
Verse 8
Hiyyeeyyii godaantotaa warra tola Rabbiifi jaalala isaa barbaacha, akkasumas Rabbiifi ergamaa Isaa tumsuuf jecha manaafi qabeenya isaanii irraa baafamaniifis (ni kennama)Isaan sun isaanumatu warra dhugaati.
Verse 9
Warri isaaniin dura biyyattii qubsuma godhataniifi Iimaana qabatan, namoota gara isaanii godaanan ni jaallatuWaan (Muhaajirootaaf) kenname irrattis qoma isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin arganuOdoma rakkoo cimaa qabaataniillee lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) filatuNamoonni doynummaa lubbuu isaanii tiksanis, isaan warra milkaa’oodha.
Verse 10
Warri booda isaaniitii dhufanis "Yaa Gooftaa keenya! Nuufi obboleeyyan keenya warra iimaanaan nu dursaniif araarami; akkasumas, onnee Keenya keessa jibbaa warra amananiif hin taasisinGooftaa keenya! Ati mararfataa rahmata oolaadha" jedhu.
Verse 11
Sila gara warra munaafiqa ta'anii hin ilaallee? Obboleeyyan isaanii kan warra kitaabaa irraa ta'anii kafaraniin "Yoo isin baafamtaniif isinii wajjiin baana; waa'ee keessan keessattis yoomuu, eenyuuniyyuu hin ajajamnu; yoo isin lolamtanis dhugaatti isin gargaarra" jedhuRabbiinis akka isaan kijibdoota ta'an ragaa ba'a.
Verse 12
Odoo isaan baafamaniis isaanii wajjiin hin ba'anu; odoo isaan lolamaniiyyuu isaan hin tumsanu; odoma isaan tumsaniiyyuu dugda duuba gara galu (ni dheessu); ergasiihis hin tumsamanu.
Verse 13
Dhugumatti, isintu gama sodaatamuutiin onnee isaanii keessatti Rabbi irra cimaadhaKun waan isaan ummata hin hubanne ta'aniifi.
Verse 14
Yoo magaalota da'annaan marfamte keessa ta'an yookiin dallaa duubaan ta'e malee waliin ta'anii isin hin waraananuDiinummaan isaanii gidduu isaaniitti cimaadhaHaala onneen isaanii adda qoqqoodamee jiruun tokkummaa qaban isaan seetaKun waan isaan namoota hin xiinxalle ta'aniifi.
Verse 15
(Fakkeenyi isaanii) akka warra isaaniin dura yeroo dhihootti adabbii dalagaa isaanii dhandhamaniitiIsaaniifis adabbii laalessaatu jira.
Verse 16
Akka fakkii sheyxaanaa ilma namaatiin "(Rabbitti) kafari" jedhee erga inni kafaree booda immoo "ani sirraa qulqulluudha; ani Rabbii Gooftaa aalamaan sodaadha" jedheeti.
Verse 17
Xumurri isaan lamaaniituu keessatti hafoo ta'anii ibidda keessa ta'uudhaKun immoo mindaa miidhaa raawwattootaati.
Verse 18
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaaLubbuun kamuu waan boruuf dabarfatte haa ilaaltuAmmas Rabbiin sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.
Verse 19
Akka warra Rabbiin dagannaan lubbuu isaanii isaan dagachiisee hin ta'inaaIsaan isaanumatu finciltoota.
Verse 20
Warri ibiddaafi warri Jannataa wal hin qixxaatanuWarri Jannataa isaanumatu milkaa'oodha.
Verse 21
Odoo Qur'aana kana gaara irratti buufnee, silaa sodaa Rabbii irraa ka'ee kan inni xinnaatee dhodhooyu argita tureFakkeenyota kana akka isaan xiinxalaniif jecha namootaaf taasifna.
Verse 22
Inni Allaahn Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre(Inni) Beekaa fagoofi dhihootiInni akkaan rahmataa godhaa akkaan mararfataadha.
Verse 23
Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa, injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadhaWaan isaan qindeessan hunda irraa Rabbiin qulqullaa'e.
Verse 24
Inni Rabbii Uumaa (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, bocaa ta'eedhaIsaaf maqoolee gaggaarii ta'antu jiraWantoonni samiifi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu)Inni Injifataa ogeessa.
تقدم القراءة