Hiikkaa Suura الجن الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
(Yaa Muhammad SAW!) Gareen jinnii irraa ta'an (Qur'aana) dhageeffatanii (akkana) jedhaniin wahyiin natti godhameera jedhi: “nuti dhugumatti, Qur'aana dinqisiisaa dhageenye
Verse 2
[Inni] gara karaa sirriitti qajeelcha; kanaafuu, isatti amanneerraGooftaa keenyattis waan tokkollee hin qindeessinu.
Verse 3
Inumaa kabajaan Gooftaa keenyaa dhugumatti guddateera; niitiis ta'ee ilmoo hin godhanne.
Verse 4
Gowwoonni keenya Rabbi irratti soba dubbatu turan.
Verse 5
Nuti immoo namoonniifi jinnoonni Rabbi irratti soba hin dubbatanu jechuu yaanne.
Verse 6
Ammas dhiironni nama irraa ta'an dhiirota jinnii irraa ta'anitti maganfatanii boona qofa isaaniif (jinnootaaf) dabalaa turan.
Verse 7
Akkuma isin yaaddan isaanis Rabbiin nama tokkollee (erga du'ee) hin kaasu jechuu yaadaa turan.
Verse 8
Nutis samiitti ga'uu (feeneti) kan isheen eegdota jajjaboofi qaanqeen (urjii furguuggamtuu) guutamte ishee argine.
Verse 9
Nuti ishee irraa teessuma (haasa'a) dhageeffachuuf teenyu qabna turreNamni amma dhageeffate immoo qaanqee (urjii) isa eeggatu isaaf arga.
Verse 10
Nuti nama dachii keessa jirutti hamtuun yaadamuu yookiin Gooftaan isaanii qajeeluma isaaniin fedhuu hin beeknu!
Verse 11
Nutis nurraa gaggaariin ni jiranAmmas nurraa kan sanaan ala ta'antu jiruNuti warra karaa adda addaati turre
Verse 12
Nuti dachii keessatti Rabbiin jalaa hin baanu; dheessuudhaanis Isa hin dadhabsiifnuu beeknee jirra.
Verse 13
Nuti yeroma Qajeelfama dhageenye isatti amanneNamni Gooftaa isaatti amane hir’achuu (mindaa) ta'ee dabaltii (adabaa) hin sodaatu.
Verse 14
Nuti, nurraa muslimoonni ni jiran; jallattoonnis nurraa ni jiru; Namni Islaamayes warri sun karaa qajeelaa barbaadanii jiru.
Verse 15
ﭝﭞﭟﭠﭡ
ﭢ
Jallattoonni immoo Jahannamiif qoraan ta'an.”
Verse 16
Odoo isaan karaa qajeelaa irra gadi dhaabbatanii, bishaan baay'ee (samii irraa) isaan obaafna turre.
Verse 17
Isa keessatti isaan qormaatuuf jecha (obaafna ture)Namni yaadannoo Gooftaa isaa (Qur'aana) irraa garagale, (Rabbiin) adabbii jabaa isa seensisa.
Verse 18
Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa.
Verse 19
Yeroo gabrichi Rabbii (Muhammad SAW!) Isa waammachuuf dhaabbatu (jinnoonni) isa irratti tuuta ta'utti dhihaatu.
Verse 20
(Yaa Muhammad SAW!) jedhi: "wanti ani gabbaru Gooftaa kiyya qofa; Isattiis waan tokkollee hin qindeessu."
Verse 21
Jedhi: "Ani dhugumatti, miidhaas ta'ee qajelluma isiniif (fiduu) hin danda'u."
Verse 22
Jedhi: "Ani (adabbii) Rabbii irraa wanti tokkollee ana hin baraarsuIsa malees hirkoo hin argadhu.
Verse 23
Rabbi irraa (wahyii)fi ergaawwan Isaa geessuu malee (hin danda'u)Namni Rabbiifi Ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda jahannam kan ishee keessatti hafutu isaaf jira.
Verse 24
Yeroo waan ittiin sodaachifaman argan namni tumsaadhaan akkaan dadhabaafi lakkoofsaan daran xiqqaa eenyuun akka ta'e beekuuf jiru.
Verse 25
“Wanti isin sodaachifamtan dhihoo ta'uu yookiin Rabbiin kiyya beellama yeroo (dheeraa) isaaf godhaa hin beeku” jedhiin.
Verse 26
(Rabbiin) Beekaa fagooti; fagoo Isaa irratti nama tokkollee hin mul'isu.
Verse 27
Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mul'isu)Inni fuuldura isaatiifi duuba isaatiin eegdota (malaykota) seensisa.
Verse 28
Haaluma waan isaan bira jiru hundatti marseefi waan hundaayyuu lakkoofsaan walitti qabee jiruun ‘ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti bakkaan ga'uu isaanii’ akka ifa baasuuf (eegdota kaa'e)
تقدم القراءة