surah.translation .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Yeroo dachiin sochii ishee sosochoote,
Akkasumas, (yeroo) dachiin ba'aa ishee baafte,
Namni "sila isheen maal taate?" jedhe,
Guyyaa san (dachiin) oduu ishee ni odeessiti.
[Kunis] Waan Gooftaan kee isheetti beeksisa godheef.
Guyyaa san namoonni hojii isaanii agarsiifamuuf jecha garee gareen (bakka dhaabbii irraa) deebi’u.
Namni (hanga) madaala atomii toltuu dalage isuma arga.
Namni (hanga) madaala atomii hamtuu dalages isuma arga