ترجمة سورة النّور

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة النّور باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

)Isheen kun) suuraa Nuti ishee buufnee, dirqama ishee taasifnee, akka gorfamtanuuf jecha ishee keessattis keeyyattoota ifa ta’an buufneedha.
Dubartii (gaa’ilaan dura) sagaagaltuufi dhiira (odoo hin fuudhin) sagaagalus tokko tokkoon isaanii rukuttaa dhibba isaan rukutaaYoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taataniif, amantii (adaba yookiin haddii) Rabbii keessatti isaan lamaaniif garaa laafuun isin hin qabatinadabbii isaan lamaaniis gareen mu’uminoota irraa ta’e itti haa hirmaatu.
Dhiirri sagaagalaan sagaagaltuu yookiin dubartii mushrika taate malee hin fuudhuDubartiin sagaagaltuunis dhiira sagaagalaa yookiin dhiira mushrika ta’e malee namni biraa ishee hin fuudhuSun mu’uminoota irratti dhorgamee jira
Isaan dubartoota kabajaa ofii eegan sagaagalummaan maqaa isaanii xureessanis, ergasii ragaa afur fiduu hin dandeenye, rukuttaa saddeettama isaan rukutaaRagummaa isaaniis gonkumaa irraa hin fuudhinaaIsaan sun isaanumatu finciltoota.
Isaan sana booda tawbatanii, tolchan malee(Isaan sanaaf) dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Isaan odoo lubbuu isaanii malee ragaan isaaniif hin jirre niitiwwan isaanii sagaagalummaan maqaa xureessanis, kakuun tokkoo isaanii ‘inni dhugaa dubbattoota irraayi’ jechuun yeroo afur Rabbiin kakachuudha.
)Ragaan) shaneessituunis yoo inni namoota sobaan maqaa ishee xureessan irraa ta’e, ‘abaarsi Rabbii isa irra haa jiraatu’ jechuun kakachuudha.
“Inni sobdoota irraayyi” jettee yeroo afur Rabbiin kakachuutu adabbii (addunyaa) ishee irraa deebisa.
)Ragaan) shanessituus ‘yoo inni (dhiirsi ishee) namoota dhugaa jedhan irraa ta’e abaarsi Rabbii ishee irra haa jiraatu’ jechuudha
Odoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, (silaa Rabbiin isin adabbii ture)Dhugumatti, Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, ogeessa
Dhugumatti, isaan (Aa’ishaa iratti) soba fidan garee isin irraa ta’aniidhaIsa isiniif hamtuu hin se'inaaInumaa inni isiniif caalaadhaNama isaan irraa ta’e hundaafuu, hamtuu irraa wantuma inni carraaqqatetu isaaf jiraIsa isaan irraa (soba) guddaa baadhate immoo adabbii guddaa ta'etu isaaf jira.
Maaliif yeroo isa (soba kana) dhageessan, mu’uminoonni dhiiraas ta’ee kan dubaraa, ofii isaaniitiif toltuu yaadanii “Kun soba ifa bahaadha” jechuu dhaban?
Maaliif isa irratti ragaalee afur fiduu dhiisan? Eega ragootaan hin dhufin, isaan sun Allaah biratti sobdoonni isaanuma.
Odoo tolaafi rahmanni Allaah addunyaa kanaafi Aakhiraa isin irra jiraachuu baatee, silaa waan isin waa’ee isaa odeessitaniif adabbii guddaatu isin tuqa ture.
Yeroo isin arraba keessaniin olola isaa ooftanii, afaan keessaniinis waan sirritti hin beekne jettanii, odoo inni Rabbiin biratti guddaa ta’ee jiruu isin waan laafaa isa seetan san (adabni guddaan isin tuqa ture).
Sila yeroo isa (soba kana) dhageessan “waa’ee kanaa dubbachuun nuuf hin malu(Yaa Rabbi!) Ati qulqulloofte! Kun soba guddaadha” maaliif hin jenne?
Yoo mu'imintoota taataniif akka isin (gocha) kana fakkaatutti gonkumaa hin deebine Rabbiin isin gorsa.
Allaah’n keeyyattoota Isaa isiniif ibsaRabbiinis beekaa, ogeessa.
Dhugumatti, isaan gochi fokkataan isaan amanan keessatti tamsa’uu jaallatan, isaaniif addunyaafi Aakhiraa keessatti adabbii laalessaa ta’etu (isaaniif) jiraRabbumatu beeka; isin hin beektanu
Odoo tolaafi rahmanni Allaah isin irra jiraachuu baatee, ammaas odoo Rabbiin mararfataa rahmata godhaa ta’uu baatee, (silaa isin adabbii ture).
Yaa warra amantan! Tarkaanfiiwwan shayxaanaa hin hordofinaaNamni tarkaanfiilee shayxaanaa hordofe, inni (sheyxaanni) gocha fokkataafi gocha jibbamaa ta’anitti ajajaOdoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, silaa tokkoon keessanis gonkumaa badii irraa hin qulqullooftanu tureGaruu Rabbiin nama fedhe ni qulqulleessaRabbiin dhaga’aa, beekaadha
Isin irraa namoonni tolaafi qabeenyaan badhaadhan firoota isaanii, hiyyeeyyiifi namoota karaa Rabbii keessatti godaananiif kennuu diduu irratti hin kakatinDhiifama haa godhanu; namaafis irra haa dabranuSila Rabbiin isiniif araaramuu hin jaallattanuu? Allaahnis araaramaa, rahmata godhaadha.
Dhugumatti, isaan dubartoota tikfamoo, sagaagalummaa irraa dagatoofi mu’uminoota ta’an maqaa xureessan, addunyaafi Aakhiraattis abaaramaniiruIsaaniif adabbii guddaatu jira
Guyyaa Arrabni isaanii, harki isaaniitiifi miilli isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’an (adabamu).
Guyyaa san Rabbiin mindaa (hojii) isaanii kan dhugaa guutee isaaniif kennaIsaanis Rabbiin dhugaa, ifa baasaa ta’uu ni beeku.
Dubartoonni badoon dhiirota badoofi, dhiironni badoonis dubartoota badoof ta’uDubartoonni gaariin dhiirota gaariifi, dhiironni gaggaariinis dubartoota gaariifiIsaan sun waan isaan jedhan irraa qulqulleeffamoodhaIsaaniif araaramaafi kennaa gaarii ta’etu (Jannatatu) jira.
Yaa warra amantan! Mana keessan hin ta’in hanga hayyamsiifattaniifi abbootii isaanii nagaa gaafattanitti hin seeninaaAkka gorfamtaniif jecha santu isiniif caala.
Yoo ishee keessatti nama tokkos arguu baattan, hanga isiniif hayyamamutti ishee hin seeninaaYoo deebi’aa isiniin jedhames deebi’aaSantu isiniif irra qulqulluudhaRabbiinis waan isin dalagdan hunda beekaadha.
Mana namni keessa hin jiraanne kan ishee keessa meeshaan keessan jiru (hayyama malee) yoo seentan badiin isin irra hin jiruRabbiin waan isin mul’iftaniifi waan isin dhoksitanis ni beeka.
Mu’uminootaan “(ija keessan gadi qabadhaa)” jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaama saalaa isaaniis ni tikfatuSantu isaaniif irra qulqulluudhaDhugumatti, Rabbiin keessa beekaa waan isaan dalaganiiti.
Dubartoota mu’uminootaatiinis “(ija keessan gadi qabadhaa”) jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaama saalaa isaaniis ni tikfatu“Faaya isaaniis isa isaan irraa ofiin mul’ate malee hin mul’isinaa; haguuggaa isaanii qoma isaaniitti haa uffisanu; miidhagina qaama isaanii dhiirsa isaanii, yookiin abbootii isaanii, yookiin abbootii dhiirsa isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin ilmaan dhiirsa isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleettiiwwan isaanii, yookiin dubartoota isaanii (mu’uminoota ta’an), yookiin gabroota too’annaa isaanii jala jiran, yookiin tajaajiltoota dhiira irraa ta’an kan fedhii hin qabne ta’aniifi yookiin ijoollee qaama saala dubartootaa irratti hin mul’atinitti (hin beekinitti) malee miidhagina isaanii hin mul’isinMiidhagina isaanii irraa wanti isaan dhoksan akka beekamuuf jecha miila isaaniitiin dachii hin dhiitinYaa mu’uminootaa! Akka milkooftaniif jecha hundi keessanuu gara Rabbiitti tawbaa deebi’aa.” jedhiin.
Isin irraas konfoleysa (dhiiraas ta’ee dubaratii hin fuudhin) fuusisaaGabroota keessan kan dhiiraatiifi dubartootaa irraas ta’an isaan gaggaarii (fuusisaa)Yoo hiyyeeyyii ta’anis Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsaRabbiin dureessa, beekaadha.
Isaan waan fuudhaaf isaan barbaachisu hin argatin hanga Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsutti, kabajaa ofii haa eeggatanGabroota too’annaa keessan jala jiran gidduus yoo isaan keessatti toltuu beektan, isaan barreeffama (beellamaan bilisoomuu) barbaadaniif, barreessaaQabeenya Rabbii kan Inni isiniif kenne irraas isaaniif kennaaShamarran gabrootaa keessan yoo isaan kabajaa ofii eeguu fedhan isin bu’aa jireenya addunyaatiif jecha, sagaagalummaa irratti isaan hin dirqinaaNamni isaan dirqe, dhugumatti Rabbiin erga isaan dirquutii (isaanif) araaramaa, rahmata godhaadha.
Dhugumatti, Nuti keeyyattoota ifa ta’aniifi fakkeenya warra isin dura dabranii irraas, akka warra Rabbiin sodaataniifis gorsa ta’aniif jecha gara keessanitti buufnee jirra.
Rabbiin ifaa samiifi dachiitiFakkeenyi ifa Isaa akka foddaa ibsaan ishee keessa jiruutiIbsaan sun immoo birillee keessa jiraBirillichis akka urjii calaqqisaa muka barakeeffamtuu, zeytuunaa irraa taate, kan kallattii bahaas ta’ee, dhihattiis hin ta’in, kan zeytiin ishee odoo ibiddi isa tuquu baattellee ifuutti dhihaatu kan fakkaattuudha(Kana jechuun) ifaa ifaa irraati ta’ee dha! Rabbiin nama fedhe gara ifaa Isaatti qajeelchaAmmas Rabbiin namootaaf fakkeenyota taasisaRabbiin waan hunda beekaadha.
Manneen (masjiidoota) kabajamuufi maqaan Allaah ishee keessatti dubbatamuutti (faarfamuutti) Rabbiin ajaje keessatti, ishee keessatti ganamaafi galgalas Isa qulqulleessu.
Dhiironni daldalas ta’ee gurgurtaan yaadannoo Rabbii irraa, salaata dhaabuufi zakaa kennuu irraa isaan hin dagnetu guyyaa isa keessa onneefi ijji gara gaggaltu kan sodaatan ta’anii (ishee keessatti Rabbiin qulqulleessu).
Akka Rabbiin irra gaarii waan isaan dalaganii isaaniif galata galchee, tola Isaa irraas isaaniif dabaluuf (Isa sodaatu)Rabbiin nama fedhe herrega malee soora.
Warri kafaran dalagaaleen isaanii akka siribii dirree keessa jirtuu, kan dheebotaan bishaan isa se’uutiYeroo isa bira ga’e homaa ta’uu isaa dhabe; Allaah of biratti argee (Rabbiin) galata isaa guutee isaaf galcheetiRabbiin saffisaa herregaati.
Yookiin akka dukkana galaana gadi fagoo ta’e keessa jiru, kan danbaliin gubbaa isaa danbaliin (biraa) jiru kan isa gubbaa duumessi jiru haguuguuti(Isheen kun) dukkana gariin ishee garii gubbaa jirtuudha; yeroo harka isaa baase argutti hin dhihaatuNamni Allaahn ifaa isaaf hin taasisin, ifaan homaatuu isaaf hin jiru.
Sila dhugumatti Allaah wanti samiifi dachii keessa jiraniifi allaattiinis koola (qoochoo) isaanii diriirsanii akka Isa qulqulleessan (faarsan) hin arginee? Hunduu dhugumatti, Isaaf sagaduufi Isa qulqulleessuus beekaniiruRabbiin waan isaan dalagan beekaadha.
Mootummaan samiifi dachii kan AllaahtiDeebiinis garuma Allaahti
Sila Allaahn duumessa oofee, ergasii gidduu isaa walitti qabee, ergasii tuulamaa isa taasisuu hin arginee? Sana booda bokkaa gidduu isaatii kan ba’u argitaAkkasumas samii irraa gaara ishee keessatti ta’e kan cabbii irraa ta’e irraa (cabbii) buuseeti, nama fedheen tuqee, nama fedhe irraas isa deebisaIfti hangaasuu isaa ija balleessutti dhihaata.
Rabbiin halkaniifi guyyaa gara gaggalchaDhugumatti, kana keessa namoota hubannoo qabaniif gorsatu jira.
Allaahn wantoota lubbuu qaban hunda bishaan irraa uumeIsaan irraa warra garaa isaaniitiin deeman (looyan)tu jiraIsaan irraas warra miila lamaan deemantu jiraIsaan irraas warra (miila) afuriin deemantu jiraRabbiinis waan fedhe uumaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Nuti dhugumatti keeyyattoota ifa ta’an buufnee jirraRabbiinis nama fedhe gara karaa sirrii qajeelcha.
)Munaafiqoonni) “Allaahfi ergamaatti amanne; ajajamnes” jedhaniiti, ergasii gareen isaan irraa ta’e sana booda garagalaIsaan sun, mu’uminoota miti.
Yeroo akka gidduu isaaniitti murteessuuf gara Allaahfi ergamaa Isaatti waamamanis, gareen isaan irraa ta’e yoosuu garagaloodha.
Yoo dhugaan isaaniif jiraate immoo ariifatoo ta’anii gara isaa (ergamaa) dhufu.
Sila onnee isaanii keessa dhukkubni jiramoo, Rabbiifi ergamaa Isaatu dabaan (haqa malee) isaan irratti murteessaa sodaatu? Lakkii; isaan isaanumatu miidha raawwattoota.
Jechi Mu’uminootaa yeroo akka gidduu isaaniitti murteessuuf gara Rabbiifi ergamaa isaatti waamaman “dhageenye; ajajamnes” jechuu qofaIsaan sun milkaa’oon isaanuma.
Namni Allaahfi ergamaa Isaa tole jedhee, Allaaha sodaatee, Isas sodaate, isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.
Yoo (duulaaf) bahuutti isaan ajajje, dhugumatti, akka ba’an kakuu isaanii cimaa Rabbiin kakatu“Hin kakatinaa, ajajamuu beekamaatu (isiniif caalaa dha)” jedhiinDhugumatti, Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaadha
Jedhi: “Rabbiif ajajamaa; akkasuma ergamaafis ajajamaaYoo duubatti deebitan, kan isa irra jiru dirqama isa irra kaa’ame qofaIsin irras waanuma baachifamtan qofatu jiraYoo isaaf ajajamtan ni qajeeltuErgamaa irra kan jiru (itti kenname) ifaan ifatti geessuu qofa.
Rabbiin isin irraa warra amananii, gaggaarii hojjatan akkuma warra isaan duraa (dachii irratti) bakka buusee ture, dachii irratti bakka isaan buusuuf jira‘Amantii isaaniif jaalate isaaniif mijeessee, erga sodaa isaaniitii nagayatti isaaniif jijjiiraa’ waadaa galeeraOdoo humaa natti hin qindeessin Ana qofa gabbaru (waadaa gale)Sana booda warri kafare, isaanumatu finciltoota
Akka rahmanni isiniif godhamuuf jecha, salaata (sirnaan) sagadaa; zakaas kennaa; ergamaafis ajajamaa.
Isaan kafaran dachii keessatti waan miliqan hin se’inTeessoon isaaniis ibidda ta’aDeebichi waa fokkate!
Yaa warra amantan! Isaan (gabroonni) mirgi keessan dhuunfatteefi isin irraa isaan umrii saalfii (gaa’ilaa) hin ga’in yeroo sadi hayyama isin haa gaafatanu: salaata fajrii dura, yeroo walakkaa guyyaa ho’aaf uffata keessan baafattaniifi salaata ishaa’ii boodaYeroo sadi kan isin qullaa baataniidhaIsaan kanaan ala gariin keessan garii irra yoo naanna’an, isin irras ta’ee isaan irra diliin hin jiraatuAkka kanatti Rabbiin keeyyattoota (Isaa) isiniif addeessaAllaahn beekaa, ogeessa.
Ijoolleen isin irraa ta’an yeroo umrii gaa’ilaa ga’an, akkuma warri isaaniin duraa hayyamsiifataa turanitti haa hayyamsiifatanuAkka kanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa isiniif ibsaRabbiin beekaa, ogeessa
Dubartoonni manguddooman kan heeruma hin kajeelle odoo miidhagina isaanii hin saaxilin uffata isaanii (kan gubbaa) lafa kaa’uu keessatti badiin isaan irra hin jiruGaruu tikfamuutu isaaniif irra caalaAllaahn dhaga’aa, beekaadha.
)Namaa wajjin nyaachuu keessatti) Jaamaa irra rakkinni hin jiruNaafa (hokkolaa) irrattis rakkinni hin jiruDhukkubsataa irraas rakkinni hin jiruIsin irrattiis mana keessan irraa, yookiin manneen abbootii keessanii irraa, yookiin manneen haadholii keessanii irraa, yookiin manneen obboleeyyan keessan dhiiraa irraa, yookiin manneen obboleettiwwan keessanii irraa, yookiin manneen wasiila (abbeeraawwan) keessanii irraa, yookiin manneen adaadota keessanii irraas, yookiin manneen eessumman keessanii irraas yookiin manneen haboowwan (aaddee) keessanii irraa, yookiin waan furtuun isaa harka keessan jiru irraa, yookiin (mana) hiriyyaa keessanii irraa nyaachuu keessatti rakkinni isin irra hin jiruWalii wajjinis ta’ee adda addaan nyaachuu keessatti badiin isin irra hin jiraatuYeroo manneen seentan of irratti nagaa buusaaKabajaa Rabbi biraa taate, barakeeffamtuu, qulqulluu taate (of irratti buusaa)Akka kanatti akka xiinxaltaniif Rabbiin keeyyattoota (Isaa) isiniif ibsa.
Mu’uminoonni dhugaa, isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, yeroo isaa wajjin dhimma walitti qabaa ta’e irratti ta’an, hanga isa hayyamsiifatanitti achii hin deemneedhaDhugumatti, isaan si hayyamsiifatan, isaan sun warra Rabbiifi ergamaa Isaatti amananiidhaKanaafuu yeroo garii dhimma isaanitiif si hayyamsiifatan, isaan irraa nama feetef hayyami; Rabbi irraas araarama isaaniif kadhuDhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Waamicha ergamaa (Rabbii) gidduu keessanitti akka gariin keessan garii waamu hin taasisinaaDhugumatti, Rabbiin isaan isin irraa dhokatanii luqqa’an (ba’an) ni beekaKanaafuu isaan ajaja isaa (nabiyyii) faallessan rakkoon wahii isaan tuquu, yookiin adabbiin laalessaan isaan tuquu of irraa haa eeganu.
Dhagayaa! Dhugumatti, wanti samiifi dachii keessa jiran kan RabbiitiDhugumatti, Inni waan isin irra jirtan ni beekaGuyyaa gara Isaa deebi’anis waan isaan dalagan itti odeessaRabbiin waan hunda beekaadha.
Icon