ترجمة سورة الغاشية

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الغاشية باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Sila oduun haguugduu[] (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa?
Fuulli gariin guyyaa san xiqqaattuudha.
Hojjattuu ifaajjuudha
Ibidda gubduu seenti.
Burqituu danfituu irraa obaafamti.
Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru.
Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu.
Fuulli gariin guyyaa san qananiituudha.
Dalagaa ishee jaalattuudha
Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti.
Ishee keessatti waca hin dhaga'anu.
Ishee keessa burqituu yaatutu jirti.
Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti.
Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti.
Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira).
Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti).
Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu?
Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu)?
Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu)?
Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu)?
Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa.
Isaan irratti dirqisiisaa hin taane.
Garuu nama gara galee kafare,
Rabbiin adabbii guddaa isa adaba
Deebiin isaanii garuma Keenya.
Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira
Icon