ترجمة سورة الحديد

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الحديد باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Wanti samiifi dachii keessa jiru hundi Rabbiin qulqulleesseInni injifataa, Ogeessa.
Mootummaan samiifi dachii kan IsaatiInni ni jiraachisa; ni ajjeesasInni waan hunda irratti danda’aadha.
Inni duruma jira; kan boodaatis; mul’ataadha; dhokataas (argaa dha); Inni waan hunda beekaadha.
Inni Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee; ergasii ‘Arshii’ irratti (ol ta’iinsa isaafmalu) ol ta’eedhaWaan dachii keessa gadi seenuufi waan ishee irraa ba’u, waan samii irraa bu’uufi waan ishee keessa ol ba’us ni beekaInni eessallee yoo jiraattan isin waliin jiraRabbiin waan isin dalagdan hunda ni arga
Mootummaan samiifi dachii kan IsaatiDhimmi hunduu gara Rabbiitti deebifamti.
Halkan guyyaa keessa galcha; guyyaas halkan keessa galchaInni beekaa waan qoma keessa jiruuti.
Rabbiifi ergamaa Isaatti amanaa; waan Inni isa keessatti bakka bu’aa isin taasise irraas kennadhaaIsin irraa isaan amananii, arjooman, isaaniif mindaa guddaatu jira
Odoo ergamaan akka gooftaa keessanitti amantaniif isin waamuu, odoo waadaa keessan isin irraa fuudhee jiruu, yoo mu’uminoota taataniif, sila maaltu isinii jiraaf Rabbitti amanuu diddan?
Inni Isa gabricha Isaa irratti keeyyattoota ifa ba’aa ta’an dukkana irraa gara ifaatti isin baasuuf jecha buuseedhaAllaah’n isin mararfataa, rahmata godhaadha.
Karaa Rabbii keessatti kan hin arjoomne maal taataniiti? Dhaalli samiifi dachiis kan Allaah qofaIsin irraa namni injifannoo (Makkaa) dura arjoomeefi qabsaa’e (isaan sana booda arjoomaniifi qabsaa’an wajjiin) wal hin qixxaa’anIsaan sun warra sana booda arjoomaniifi qabsaa’an irra sadarkaa guddaa qabuHundaa Rabbiin (mindaa) gaarii waadaa galeefii jiraRabbiin iccitii waan isin dalagdanii beekaadha.
Namni Rabbiif liqii gaarii liqeessee, Inni (Rabbiin) dachaa isaaf taasisuun mindaan gaariin isaaf ta’u eenyu laata?
Guyyaa mu’uminoota dhiiraafi dubartootaa kan ifaan isaanii fuuldura isaanitiifi mirga isaanii irra adeemu argitu “gammachuun keessan har’a, ishee keessatti hafaa taatanii oyruu jala ishee laggeen yaatuudha; Sanatu milkii guddaadha” (isaaniin jedhama).
Guyyaa munaafiqoonni dhiirotaafi dubartootaa isaan amananiin “nu eegaa! Ifaa keessan irraa qabsiifannaa!” jedhan, “Gara booda keessaniitti deebi’aa! Ifaa achii barbaadaa” jedhamaGidduu isaaniitti jogola (dahoo) balbala qabu kan keessa isaa rahmanni, ala isaa immoo adabbiin jirutu taasifama.
(Munaafiqoonni) isaan (mu’uminoota) waamaniiti “Nuti isin waliin hin turree?” (jedhuun)“Eeyyeen! Garuu isin lubbuu keessan jalliftanii, badii keenya eegaa turtanii, amantiis shakkitanii, hanga ajajni Rabbii dhufutti hawwiin sobaa isin gowwoomsitee, gowwoomsaan (sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin isin gowwoomse.
Har’a isiniifi isaan kafaran irraas kafaltiin hin fuudhamuTeessoon keessan ibidda ta’aIsheen jaallalloo keessaniDeebiin waa fokkate!
Warra amananiif, yeroon qalbiin isaanii zikrii Rabbiitiifi dhugaa irraa waan bu’eef laaftu hin dhihaannee? Akka warra isaaniin dura kitaaba kennamanii, yeroon itti dheerattee, qalbiin isaanii goggogdee, baay’een isaanii shari’aa irraa bahanii tahuu dhabutti (hin dhihaannee?)
Beekaa! Dhugumatti, Rabbiin dachii erga isheen duutee booda jiraachisaDhugumatti, akka isin hubattaniif jecha keeyyattoota (keenya) isiniif addeessinee jirra.
Dhiiroliin sadaqaa kennatan, dubartoonni sadaqaa kennatte, kanneen liqaa gaarii Rabbiif liqeessan, (mindaan isaanii) dachaa isaaniif ta’aMindaan gaarii ta’ees isaaniif jira
Isaan Rabbiifi ergamoota Isaatti amanani, isaantu warra dhugaan amananiidhaWareegamtoonni Gooftaa isaanii biratti mindaa isaanitiifi ibsaa isaaniitu isaaniif jiraIsaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan immoo isaan sun warra ibiddaati.
Jireenyi addunyaa tapha, gammachuu yeroo gabaabaa, miidhagina, dhaaddannoo gidduu keessaniitiifi qabeenyaafi ilmaan baay’ifatuu qofa akka ta’e beekaaAkka fakkeenya bokkaa, margi isaa qotee bulaa dinqisiisee, kan ergasii gogee daalachaa’aa ta’uu argitee, ergasii caccabaa ta’eetiAakhiratti adabbii cimaa, araaramaafi jaalala Rabbi irraa ta’etu jiraJireenyi addunyaa meeshaa daguuti malee waan biraatii miti.
Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’eefi jannata bal’inni ishee akka bal’ina samiifi dachii ta’eetti wal dorgomaaIsaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti amananiif qophoofteKun tola Rabbii kan Inni nama fedheef kennuudhaRabbiin abbaa tola guddaati.
Rakkoo irraa wanti dachiifi lubbuu keessan keessatti isin tuqe kamillee, odoo ishee hin uumin dura kitaaba keessatti galmeessinu malee hin hafuDhugumatti, kun Rabbi irratti laafaadha.
Akka waan isin jalaa dabre irratti hin yaaddofneefi waan (Rabbiin) isiniif kennettis (garmalee) hin gammadneefi (kana godhe)Rabbiin nama boonaa, dhaaddataa hunda hin jaallatu.
Isaan warra doynoomanii, namallee doynummatti ajajaniidhaNamni (amantii irraa) garagales Rabbiin dureessa faarfamaadha.
Dhugumatti, ergamtoota keenya ragaawwan ifa ta’aniin erginee, kitaabaafi madaalas akka namoonni haqaan dhaabbataniif jecha isaan waliin buufnee jirraSibiilas kan isa keessa humna cimaafi namootaaf bu’aawwan jiru goonee buufneerraRabbiin nama Isaafi ergamtoota Isaa fagootti (ghaybiitti) tumsanu mul’isuuf (kana godhe)Dhugumatti, Rabbiin jabaa, injifataadha.
Dhugumatti, Nuuhiifi Ibraahiimiin erginee jirraSanyii isaan lamaanii keessatti nabiyyummaafi kitaaba goonee jirraIsaan irraa namoota qajeelantu jira; baay’een isaan irraa ta’an immoo finciltoota
Ergasii faana isaanii irra ergamtoota keenya hordofsiifneIisaa ilma Maryamis hordofsiifnee, Injiiliin isaaf kenninee jirraOnnee isaan isa (Iisaa) hordofanii keessattis namaaf rifatuufi gara laafummaa gooneMoloksummaas ni eegalanJaalala Rabbii barbaaduuf (eegalan) malee Nuti isaan irratti hin barreessine(Garuu ) dhugaa eeggachuu ishee hin eegganneIsaan irraa warra amananiif mindaa kenninaBaay’een isaanii immoo finciltoota.
Yaa warra (Muusaafi Iisaatti) amantan! Rabbiin sodaadhaaErgamaa Isaattis (Muhammadittis SAW) amanaa! (Rabbiin) rahmata Isaa irraa dachaa isiniif kenna; ifaa ittiin deemtanis isiniif taasisa; isiniifis ni araaramaRabbiin araaramaa, mararfataadha.
Abbootiin kitaabaa (Yahuudonniifi Kiristaanonni) qananii Rabbii irratti homaa murteessuu akka hin dandeenye, qananiin harka Rabbii akka jiruufi Inni nama fedheef akka kennu haa beekanuuf (kana ibse)Rabbiin abbaa tola guddaati.
Icon