Hiikkaa Suura الرحمن الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﭷ
ﭸ
Ar-Rahmaan.
Verse 2
ﭹﭺ
ﭻ
Qur’aana barsiise.
Verse 3
ﭼﭽ
ﭾ
Nama ni uume.
Verse 4
ﭿﮀ
ﮁ
Haasa’a isa barsiise.
Verse 5
ﮂﮃﮄ
ﮅ
Aduufi jiini qixa murtaa’een deemu.
Verse 6
ﮆﮇﮈ
ﮉ
Biqilaafi mukkeenis (Allaahf) sujuudu.
Verse 7
ﮊﮋﮌﮍ
ﮎ
Samii ol ishee fuudhe; madaalas ni kaaye.
Verse 8
ﮏﮐﮑﮒ
ﮓ
Akka isin madaala keessatti daangaa hin dabrineef jecha.
Verse 9
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
ﮚ
Madaala sirriitti qajeelchaa; madaala hin hir’isinaa.
Verse 10
ﮛﮜﮝ
ﮞ
Dachiis uumama hundaaf ishee kaaye.
Verse 11
ﮟﮠﮡﮢﮣ
ﮤ
Ishee keessatti fuduraaleefi mukkeen temiraa kan qolola (qola) habaaboo qabantu jira.
Verse 12
ﮥﮦﮧﮨ
ﮩ
Midhaan baalaafi urgaa qabantu jiru.
Verse 13
ﮪﮫﮬﮭ
ﮮ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 14
ﮯﮰﮱﯓﯔ
ﯕ
(Rabbiin) ilma namaa dhoqqee akka okkoteetti iyyu (suphee) irraa uume.
Verse 15
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
ﯜ
Sheyxaana immoo boba’aa ibiddaa kan aara hin qabne irraa uume.
Verse 16
ﯝﯞﯟﯠ
ﯡ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 17
ﯢﯣﯤﯥ
ﯦ
(Rabbiin) Gooftaa baha lamaaniifi Gooftaa dhiha lamaaniiti.
Verse 18
ﯧﯨﯩﯪ
ﯫ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 19
ﭑﭒﭓ
ﭔ
Galaanota lamaan kan wal qunnaman taasisee gadi lakkise.
Verse 20
ﭕﭖﭗﭘ
ﭙ
Gidduu isaanii dahootu jira; walitti hin makamanu.
Verse 21
ﭚﭛﭜﭝ
ﭞ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 22
ﭟﭠﭡﭢ
ﭣ
Isaan lamaan irraayyuu faayaafi burjaanaatu baha.
Verse 23
ﭤﭥﭦﭧ
ﭨ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 24
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮ
ﭯ
Dooniiwwan tolfaman kan akka gaarreenii galaana keessa yaa’an kan Isaati.
Verse 25
ﭰﭱﭲﭳ
ﭴ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 26
ﭵﭶﭷﭸ
ﭹ
Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama.
Verse 27
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
ﮀ
Fuula Gooftaa keetii, kan guddinaafi ulfinaatu hafa.
Verse 28
ﮁﮂﮃﮄ
ﮅ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 29
Wanti samiifi dachii keessa jiru hundi Isa kadhataGuyyaa hunda Inni hojiitti jira.
Verse 30
ﮒﮓﮔﮕ
ﮖ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 31
ﮗﮘﮙﮚ
ﮛ
Yaa ulfaattota lamaanii (jinniifi namaa) fuulduratti isiniif raawwanna.
Verse 32
ﮜﮝﮞﮟ
ﮠ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 33
Yaa garee jinniifi namaa! Yoo moggaawwan samiifi dachii qaxxaamuruu dandeessan, qaxxaamuraaDandeettiin malee hin qaxxaamurtan.
Verse 34
ﯔﯕﯖﯗ
ﯘ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 35
Isin lamaan irratti boba’aa Ibidda irraa ta’eefi sibiila baqetu ergamaErgasii of irraa dhorguu hin dandeessanu.
Verse 36
ﯢﯣﯤﯥ
ﯦ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 37
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
ﯭ
Yeroo samiin dhodhootee diimtuu akka dhadhaa taate.
Verse 38
ﯮﯯﯰﯱ
ﯲ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 39
Ilmi namaas ta’ee jinniin guyyaa san dilii isaa irraa hin gaafatamu.
Verse 40
ﯼﯽﯾﯿ
ﰀ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 41
ﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
ﰇ
Yakkamtoonni mallattoo isaaniitiin beekamuSammuufi miila ni qabamu
Verse 42
ﭑﭒﭓﭔ
ﭕ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 43
ﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
ﭜ
“Kun jahannam ishee yakkamtoonni sobsiisaa turaniidha” (jedhama).
Verse 44
ﭝﭞﭟﭠﭡ
ﭢ
Gidduu isheetiifi gidduu bishaan akkaan danfaa ta’ee naanna’u.
Verse 45
ﭣﭤﭥﭦ
ﭧ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 46
ﭨﭩﭪﭫﭬ
ﭭ
Nama fuulduree Gooftaa isaa dhaabbachuu sodaateef jannata lamatu jira.
Verse 47
ﭮﭯﭰﭱ
ﭲ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 48
ﭳﭴ
ﭵ
Kan dameewwan dhedheeroo qaban
Verse 49
ﭶﭷﭸﭹ
ﭺ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 50
ﭻﭼﭽ
ﭾ
Isaan lamaan keessa madda yaa’an lamatu jira.
Verse 51
ﭿﮀﮁﮂ
ﮃ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 52
ﮄﮅﮆﮇﮈ
ﮉ
Isaan lamaan keessa fuduraalee hunda irraa cimdiitu jira.
Verse 53
ﮊﮋﮌﮍ
ﮎ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 54
Afata hariira furdaan guutame irratti hirkatanii taa’uFuduraaleen jannata lamaanii dhihoodha.
Verse 55
ﮚﮛﮜﮝ
ﮞ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 56
Isaan keessa (dubartoota bareeda) ija isaanii dhirsa isaanii irratti gabaabsan, kan san dura namniifi jinniin hin tuqintu jira.
Verse 57
ﮩﮪﮫﮬ
ﮭ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 58
ﮮﮯﮰ
ﮱ
Faayaafi burjaana fakkaatu.
Verse 59
ﯓﯔﯕﯖ
ﯗ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 60
ﯘﯙﯚﯛﯜ
ﯝ
Sila mindaan toltuu toltuu malee ni jiraa?
Verse 61
ﯞﯟﯠﯡ
ﯢ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 62
ﯣﯤﯥ
ﯦ
Isaan lamaan malees jannata lamaatu jira.
Verse 63
ﯧﯨﯩﯪ
ﯫ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 64
ﯬ
ﯭ
Magariisa gurraacha’aadha
Verse 65
ﯮﯯﯰﯱ
ﯲ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 66
ﯳﯴﯵ
ﯶ
Isaan lamaan keessa burqituuwwan dhangala’an lamatu jiru.
Verse 67
ﯷﯸﯹﯺ
ﯻ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 68
ﯼﯽﯾﯿ
ﰀ
Isaan lamaan keessa fuduraalee, timiraafi rummaanatu jira.
Verse 69
ﰁﰂﰃﰄ
ﰅ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 70
ﭑﭒﭓ
ﭔ
Isaan keessa gaggaarii, babbareedoo ta’antu jira.
Verse 71
ﭕﭖﭗﭘ
ﭙ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 72
ﭚﭛﭜﭝ
ﭞ
Dubartoota manneen keessatti (dhirsa irratti) gabaabfamantu jiru.
Verse 73
ﭟﭠﭡﭢ
ﭣ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 74
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩ
ﭪ
Isaan dura namaafi jinniinis hin tuqne
Verse 75
ﭫﭬﭭﭮ
ﭯ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 76
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
ﭶ
Afata magariisaafi boraatiiwwan babbareedoo irra hirkatanii taa’u.
Verse 77
ﭷﭸﭹﭺ
ﭻ
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
Verse 78
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
ﮂ
Maqaan Gooftaa keetii, abbaa guddinnaafi ulfinaa guddate
تقدم القراءة