Hiikkaa Suura الشمس الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﭜﭝ
ﭞ
Aduufi ifa isheetiinin (kakadha).
Verse 2
ﭟﭠﭡ
ﭢ
Ji’aanis; yeroo inni ishee hordofe.
Verse 3
ﭣﭤﭥ
ﭦ
Guyyaanis yeroo inni ishee (aduu) mul’ise;
Verse 4
ﭧﭨﭩ
ﭪ
Halkaniinis yeroo inni ishee haguuge;
Verse 5
ﭫﭬﭭ
ﭮ
Samiifi kan ishee ijaareenis;
Verse 6
ﭯﭰﭱ
ﭲ
Dachiifi kan ishee diriirseenis;
Verse 7
ﭳﭴﭵ
ﭶ
Lubbuufi kan ishee uumeenis;
Verse 8
ﭷﭸﭹ
ﭺ
Kan jal’ina isheefi qajeeluma ishee ishee barsiise.
Verse 9
ﭻﭼﭽﭾ
ﭿ
Namni ishee qulqulleesse dhugumatti milkaa’e.
Verse 10
ﮀﮁﮂﮃ
ﮄ
Namni ishee xureesses dhugaatti hoonga’e.
Verse 11
ﮅﮆﮇ
ﮈ
Samuud daangaa dabruu isheetiin kijibsiifte.
Verse 12
ﮉﮊﮋ
ﮌ
Yeroo irra jallaan ishee ka’u (kijibsiifte).
Verse 13
Ergamaan Rabbiis isaaniin “gaala Rabbiitiifi dhugaatii ishee (eeggadhaa)” jedhe.
Verse 14
Isa kijibsiisanii ishee waraananSababa badii isaanii isaan balleessee wal qixxeesse.
Verse 15
ﮝﮞﮟ
ﮠ
Haaloo ishee hin sodaatu
تقدم القراءة