ترجمة سورة الأنبياء

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الأنبياء باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Namootaaf, odoo isaan gara galanii daguu keessa jiranuu qormaanni isaanii isaaniif dhihaatee jira
Gorsi haaraan Rabbii isaanii irraa kan isaan taphachaatuma isa dhaggeeffatan ta’an malee isaanitti hin dhufu.
Onneen isaanii dagattuu taatee malee (hin dhaggeeffattu)Miidhaa hojjattoonnis iccitiin marii taasisanii “Sila kun namuma akka keessaniitii mitii? Sila isin odoo argitan falfalatti dhaqxuu?" (waliin jedhu).
(Muhammad-SAW) ni jedhe: “Gooftaan kiyya jecha samiifi dachii keessatti (dubbatamu hunda) ni beekaInnis dhaga’aa, beekaadha.
Dhugumatti, isaan ni jedhan: “(Qur’aanni) kun abjuu laaqamaadhaLakkii! Soba inni of irraa uumeeLakkii! Inni weellisaadha(Yoo dhugaa ta’e) raajii akka warri durii ittiin ergameen nutti haa dhufu.”
Gandi Nuti ishee balleessine tokkolleen hin amanne; sila isaan ni amanuu?
Si duras dhiirota wahyii gara isaanii goonu malee hin ergineYoo kan hin beekne taatan warra beekumsa qaban gaafadhaa
Nuti isaan (ergamoota Rabbii) qaamota nyaata hin nyaanne hin taasifnes; kan (addunyaa keessa) yeroo hunda jiraatanis hin taane
Sana booda waadicha isaaniif dhugaa goonee isaaniifi nama feenes ni baraarsinee; daanga dabartoota immoo ni balleessine.
Dhugumatti, Nuti kitaaba yaadannoon (gorsi) keessan isa keessa jiru gara keessanitti buufnee jirraSila hin xiinxaltanuu?
(Warra) gandaa miidhaa hojjattu taatee baay'ee balleessine; erga isheetii ummata biraa uumne
Yeroo adabbii keenya argan, yeroma san isaan ishee irraa gulufu.
Hin gulufinaa; akka gaafatamtaniif jecha gara waan isa keessatti qanansiifamtaniifi (gara) manneen keessanii deebi’aa
(Isaan) ni jedhan: “Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota turre.
Hanga haamamoo, dhaamoo isaan taasifnutti jechi (nuti miidhaa raawwattoota taane) jedhu watwaata isaanii ta’uu irraa hin deemne.
Nuti samii, dachiifi wantoota isaan lamaan gidduu jiran taphattoota taanee hin uumne.
Odoo tapha godhachuu feenee silaa of biraa isa taasifanna; kana hojjatoo hin taane.
Lakkii; dhugaa soba irratti darbina (ol taasifna)Sammuu isa dhoosee (isa balleessa); yoosuu inni (sobni) dhabamaadhaIsiniifis waan (Rabbi) irratti uumtaniif badiitu (mirkanaa’ee) jira.
Wantoonni samiifi dachii keessa jiran hundi kan IsaatiIsaan Isa (Allaah) bira jiranis (maleykonnis) Isa gabbaruu irraa hin boonan; hin hifatanis.
Halkaniifi guyyaa (Rabbiin) qulqulleessu; hin boqatanis.
Sila gabbaramtoota (gabbaran), kanneen (namoota) du’aa kaasan, dachii irraa godhatuu?
Odoo isaan lamaan (samiifi dachii) keessa Rabbiin malee gabbaramtoonni biraa jiraatanii lamaan isaaniituu ni badu tureRabbiin Gooftaa Arshii ta’e waan kaafiroonni (Isaan) jedhan irraa qulqullaa’e!
Inni waan dalagu irraa hin gaafatamu; isaan immoo ni gaafatamu.
Sila isaan Rabbiin ala gabbaramtoota taasifatuu? “Ragaa keessan fidadhaa” jedhiinKun gorsa namoota ana waliin jiraniifi gorsa namoota ana dura turaniitiGaruu irra hedduun isaanii dhugaa hin beekanuKanaafuu (isa) irraa garagalu.
(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafuu Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine
Isaanis “Rahmaan ilma godhate” jedhuInni qulqullaa’eeraLakkii isaan (maleykoonni) gabroota (Rabbii) kabajamoodha
Jechaan Isa hin dursanu; isaan ajaja Isaatiin hojjatu.
Inni waan isaaniin duraatiifi waan isaaniin duubaas ni beekaNama Inni jaalateef malee isaan hin manguddoomanuIsaanis (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa na’u
Isaan irraa nama “Isaan alatti anatu gabbaramaadha” jedhe, isa sana jahannam isaaf galata galchinaAkkasitti miidhaa hojjattoota galata galchina
Sila isaan kafaran akka samiifi dachiin walitti maxxantuu (qaama tokko) turanii, ergasii addaan isaan baafne hin beekanuu? Bishaan irraas lubbu qabeeyyii hunda ni uumneSila hin amananuu?
Dachii keessatti akka isheen isaaniin hin sochoone gaarreen lafa qabataa taasifneerraIshee keessattis daandiwwan gugurdaa akka ittiin qajeelaniif isaaniif taasifneerra.
Samiis jaarmaya (kan gubbaa) eegamaa isa taasifnee jirraGaruu isaan mallattoolee ishee irraa garagalu
Inni Isa halkaniifi guyyaa, aduufi baatii uumeedha; hunduu orbitii (isaanii) keessa daaku (deemu)
(Yaa Muhammad!) Si duras ilma namaatiif jireenya waaru (yeroo hundaa) hin taasifneSila yoo ati duute, isaan ni waaruu?
Lubbuun hundi du’a dhandhamtuudhaIsin qormaatuuf hamtuufi gaariin isin mokkorraGaruma keenyatti deebifamtu.
Isaan kafaran yeroo si argan odoo Rahmaaniin dubbachuutti kafaranii jiranuu “sila kun isa gabbaramtoota keessan (hamtuun) maqaa dhahu sani mitii?” (jechuun) qishnaa qofa si taasifatu
Namni hunduu jarjara irraa uumameAni mallattoolee kiyya isinittin agarsiisaa Ana hin jerjersiifatinaa.
“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waadaan kun yoom (raawwatama)?” jedhu
Isaan kafaran odoo yeroo ibidda fuula isaanii irraafi dugda isaanii irraa qabuu hin dandeenyeefi tumsas hin arganne san beekanii (hin jerjerfatanu ture).
Dhugumaatti, isheen (Qiyaaman) tasuma isaanitti dhuftee, isaan dhamaaftiIshee (of irraa) deebisuu hin danda’anu; yeroonis isaaniif hin kennamu.
Dhugumatti, si duras ergamtootatti qishnamee (baacamee) isaan irraa warri baacan wanti isaan itti qishnaa turan isaan marse.
Jedhi: “Eenyutu halkaniifi guyyaa (adabbii) Rahmaan irraa isin eega?” Dhugumatti, isaan yaadannoo Rabbii isaanii irraa garagaloodha.
Moo isaan gabbaramtoota Nu irraa isaan tiksan qabu? Lubbuu isaaniituu tumsuu hin danda’anuIsaanis Nu irraa tikfamuu hin danda’an.
Dhugumatti, Nuti isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga yeroon isaan irratti dheeratutti qanansiifneSila Nuti dachii moggaa ishee irraa suuta suutaan hirdhisaa akka deemnu hin arganuu? Moo isaantu injifatoodhaa?
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Kan ani isin sodaachisuun wahyii qofaaniNamoonni gurri isaanii (haqa irraa) duude yeroo dinniinni isaaniif godhamu hin dhagayanu.”
Rabbiin kakadhee! gosti adabbii Gooftaa kee irraa ta’e yoo isaan tuqe ni jedhu: “Yaa badii keenya! Dhugumatti nuti miidhaa raawwattoota taaneerra.”
Nuti Guyyaa Qiyaamatiif madaala haqaa lafa keenyaLubbuun takkas homaa hin miidhamtuYoo waan ulfina hanga firii (ija) raafuu qabu ta’es Nuti ishee ni fidnaQormaataafis Nuti ga’oodha
Dhugumatti, Nuti Muusaafi Haaruuniif (kitaaba) adda baasaa, ifnanaafi yaadannoo warra Rabbiin sodaataniif ta’e kenninee jirra.
(Isaan) warra Gooftaa isaanii fageenyatti sodaataniifi isaan Qiyaamaa irraa sodaataniidha.
Kun (Qur’aanni) gorsa barakeeffamaa Nuti buufneedhaSila isin isa mormituu?
Dhugumatti, Nuti kana duras qajeelfama Ibraahiimiif kenninee jirraNuti isa beekoo taanee jirra
Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “Siidaawwan isin (Ibaadaaf) ishee irra teessan kun maali?” jedhe (kennineef)
[Isaan] ni jedhan: “Abbootii keenya kan ishee gabbaran agarre.”
[Inni] ni jedhe: “Dhugumatti, isiniifi abbootiin keessanis jallina ifa bahaa keessa jirtan.”
[Isaan] ni jedhaniin: “Sila dhugaan nutti dhufte moo ati warra taphatan irraayi?”
Ni jedhe: “Baraa, Rabbiin keessan Gooftaa samiifi dachii, kan isaan uume saniAnis kana irratti warra ragaa ba’an irraa tokko.”
“Allaah’n kakadhee! Ani erga isin dugda gara galtanii deemtan booda dhugumatti, tooftaan ittiin taabota keessan (mancaasun) qopheeffadha” (of keessatti jedhe).
Akka isaan gara isaa (taabota guddichaa) deebi'aniif jecha guddaa isaaniif ta’e tokko qofa (dhiisee) caccabaa isaan godhe.
(Isaan) ni jedhan: “Namni gabbaramtoota keenyatti kana hojjate dhugumatti, inni miidhaa raawwattoota irraayi.”
“Dargaggeessa Ibraahiim isaan jedhamu tokko kan maqaa isaanii (hamtuun) dubbatu dhageenyeerra” jedhan.
Ni jedhan: “Akka isaan ragaa irratti bahaniif jecha ija namootaa dura fidaa.”
“Sila situ gabbaramtoota keenya irratti (yakka) kana raawwatee Yaa Ibraahiim?” jedhan.
(Ibraahiimis) “Lakkii, guddaa isaaniitu kana hojjateYoo kan dubbatan ta’aniif isaan gaafadhaa” jedhe.
Gara lubbuu isaanii deebi’anii “isin isinumatu miidhaa raawwattoota” jedhan
Sana booda mataa isaanii lafatti gadi deebisanii “ati dhugumatti, isaan kun hin dubbatanuu beektee jirta (maaliif kana jetta?)” jedhan.
(Ibraahiim) ni jedhe: “Sila Rabbiin ala waan homaa isin hin fayyadneefi isin hin miine gabbartuu?
Isiniifi wantoota isin Allaah’n ala gabbartaniinis ‘uffi’ (jedheera)! Sila hin xiinxaltanuu?”
Ni jedhan: “Yoo kan hojjattan taataniif isa gubaa; gabbaramtoota keessanis gargaaraa.”
Nutis “Yaa ibiddaa! Ibraahiim irratti qabbanaafi nagaa ta’i" jenne
Isaanis hamtuu itti yaadanNuti isaanuma irra hoonga’oo goone.
Isaafi Luuxiin gara dachii ishee keessa aalama hundaaf barakaa gooneetti bilisa baafne.
Isihaaqiin isaaf kenninee, Ya’aquubis dabalataan (isaaf kennine)Hundaayyuu gaggaarii goone.
Imaamota ajaja keenyaan qajeelchan isaan taasifnee jirraWantoota gaggaarii hojjachuu, salaata dhaabuufi zakaa baafachuus gara isaanitti wahyii gooneWarra Numa (qofa) gabbaran turan
Luuxiinis murtii haqaafi beekumsa (amantii) isaaf kenninee jirra(Ummata) ganda badii fokkatoo ta’an hojjatan san irraas isa baraarsinee jirraDhugumatti, isaan ummata badoo, finciltoota turan.
Rahmata keenya keessas isa seensifneDhugumatti, inni warra gaggaarii irraayi.
Nuuhiinis ‘yeroo inni sana dura (Nutti) lallabee isaaf owwaannee, isaafi maatii isaas cinqaa guddaa irraa baraarsine’ [yaadadhu]
Namoota keeyyattoota keenya sobsiisan irraas nagaya isa baafneDhugumatti, isaan warra hamtuu turanKanaaf hunda isaanii bishaaniin dhidhimsine.
Daawuudiifi Suleeymaaniinis ‘yeroo isaan lamaan lafa qonnaa (oyruu) re’oonni ummataa (halkan) dheedan keessatti murtii kennan” [yaadadhu]Nutis murtii isaanii ni beekna turre.
Ishee (murtittii) Suleeymaaniin hubachiifneHundaafuu beekumsa murtii haqaafi beekumsa (amantiis) kennineerraGaarreeniifi allaattiinis Daawuudii waliin akka Ana qulqulleessan laaffifneNutis hojjatoo taane
Uffata sibiilaa kan yeroo wal loltan waraana irraa isin ittisan hojjachuus isa barsiifnee jirraSila isin (Nu) hin galatoomfattanuu?
Suleeymaanifis qilleensa bubbisaa, kan ajaja isaatiin gara dachii ishee keessatti barakaa goonee yaatu (laaffifnee jirra)Nutis waan hunda beekoo taaneerra.
Sheyxaanota irraas isaan (faaya baasuuf garba keessa) isaaf lixaniifi sana malees hojii biraa hojjatantu jiraNutis tiksoo isaanii taaneerra.
Ayyuubiinis ‘yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “ani dhugumatti, rakkoon na tuqeera; Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti” (jedhu yaadadhu)
Isaaf owwaannee cinqaa irraa waan isarra jiru irraa furreRahmata Nu biraa ta'eefi warra Rabbiin gabbaran yaadachisuuf jecha maatii isaatiifi fakkaataa isaaniis isaanii wajjin isaaf kennine
Ismaa’iil, Idriisiifi Zalkifliis (yaadadhu); hunduu obsitoota irraayi.
Rahmata keenya keessas isaan seensifneDhugumatti, isaan warra gaggaarii irraayi.
Zannuuniinis (Yuunusiinis yaadadhu); yeroo inni dallanaa deemee, Nuti hamtuu isa irratti dhiphisuu dhabuu yaadeDukkana keessaa “Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiruAti qulqulloofteDhugumatti, ani miidhaa hojjataa irraa ta’een jira” (jechuun) lallabe
Isaaf owwaanne; cinqaa irraas isa baraarsineAkka kanatti mu’uminoota nagaa baafna
Zakariyyaas (yaadadhu); yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “Gooftaa kiyya! Kophaa (ilma malee) ana hin dhiisin; Ati irra caalaa dhaaltotaati” (jedhe).
Kanaafuu isaaf owwaannee Yahyaas isaaf kennineNiitii isaas (akka deessu) isaaf tolchineDhugumatti, isaan (nabiyy-oonni) toltuu keessatti kan daddafan ta'anii kajeellaafi sodaan (guutamanii) kan Nu kadhataniifi Nu sodaatan ta'an.
Ishee qaama saalaa ishee tikfattes (Maryamiinis yaadadhu)Ruuhii (uumama) keenya irraa ta’e ishee keessatti afuufneIsheefi ilma ishees aalama hundaaf mallattoo taasifne.
Dhugumatti, isheen kun amantii keessan amantii tokkittiidhaAnis Gooftaa keessanii Ana (qofa) gabbaraa.
Amantii isaanii keessatti adda qoodamanHunduu gara keenya deebi’oodha
Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, hojii isaa hoonga’uun hin jiruNuti isaaf galmeessaadha
Ganda ishee balleessine irratti (duniyatti deebi'uun) dhorgaadha; isaan hin deebi'an.
Hanga yeroo (hidhaan) Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj banamee isaanis tabba hunda irraan dhangala’anuutti (hin deebi'anu).
Waadaan dhugaas dhihaatee jiraYeroo san ijji warra kafaree akkuma banamtetti haftuudha“Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre(Yoom kana qofa) inumaa miidhaa raawwattoota irraa taane" jedhu
Dhugumatti, isiniifi wantoonni isin Rabbiin ala gabbartanis qoraan (ibidda) jahannami; isin ishee (Jahannam) seenoodha
Isaan (taabotoonni) kunniin odoo gabbaramtoota ta’anii silaa ishee hin seenan tureHundi isaaniis ishee keessatti waaru (hafu).
Isaaniif ishee keessatti halaaka (iyyaansa) harreetu jira; akkasumas isaan ishee keessatti hin dhaga’an.
Dhugumatti, warra Nu irraa milkiin isaaniif dabarte, isaan sun ishee irraa fageeffamoodha
Sagalee ishee hin dhaga’anuIsaanis waan lubbuun isaanii jaallattu keessatti hafoodha.
(Guyyaa Qiyaamaa) naasuun guddaan isaan hin gaddisiisuMaleykonnis isaan qunnamuun “Kun guyyaa keessan kan waadaa isiniif galamaa tureedha” (jedhuun)
Guyyaa samii akka barreessan xalayaa (galmee) marutti marru san [yaadadhu]Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna(Kun) waadaa Nu irra jiruudhaDhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra.
Dhugumatti, Nuti erga ‘Lawhal Mahfuuz’ keessatti barreessinee booda kitaabota keessatti “dachii gabroota kiyya gaggaariitu dhaalaa” barreessineerra.
Dhugumatti, (Qur’aana) kana keessa ergaa ga'aa ta’etu namoota (Rabbiin) gabbaraniif jira.
Aalama hundaaf rahmata taasifnee malee (waan biraatiif) si hin ergine.
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Ani wanti gara kiyyatti wahyii godhamu ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha’ (kan jedhuu dha)Sila isin Muslimoota hin taatanuu ree?”
Yoo gara galan “Ani ifaan ifatti isin beeksiseAni wanti waadaa isiniif galame dhihoo moo, fagoo ta’aa isaa hin beeku” jedhi.
Dhugumatti, Inni jecha ol fuudhamaa ni beekaWaan isin dhoksitanis ni beeka.
Ani inni (an isinitti himu kun) mokkoroo isiniif ta’uufi qananii yeroo gabaabaa (isiniif) ta’aa hin beeku.
(Muhammad) ni jedhe: “(Yaa) Rabbi! (Anaafi warra ana sobsiisan giddutti) dhugaan murtii godhiGooftaan keenyas Rahmaani, waan isin jettan irrattis gargaarsifatamaadha
Icon