ترجمة سورة عبس

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة عبس باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Fuula guuree gara gale
Sababa jaamaan isatti dhufeef.
Maaltu si beeksise? Qulqullaa’uun isaa ni kajeelama
Yookiin gorfameeti gorsi isa fayyaddi.
Nama duroome immoo,
Ati [akka amananuuf jecha] gara isaa gara galta.
Haala qulqullaa'uu dhiisuun isaa homaa sirra hin jirreen.
Nama fiigaa sitti dhufe immoo,
Kan Rabbiin sodaatu ta’ee,
Ati isa irraa dagatta.
Dhorgami! Isheen gorsa.
Nama fedhetu isa (Qur'aana) yaadata.
Galmeewwan kabajamtuu keessa jira.
Ol fuudhamtuu, qulqulleeffamtuu (keessa jira).
Harka barressitootaa (maleykotaa) jira.
Kabajamoo, ajajamtoota (harka jira).
Namni abaarame! Sila maaltu isa kafarsiise?
(Rabbiin) waan akkamii irraa isa uume? (hin xiinxaluu?)
Bishaan saalaa irraa isa uumeeti, ergasii isa sirreesse.
Ergasii karaa (inni ittiin dhalatu) isaaf laaffise.
Ergasii isa ajjeeseti isa awwaalchise.
Ergasii yeroo fedhe isa kaasa.
Dhugumatti, (namni) waan Rabbiin isa ajaje ammallee hin raawwanne.
Namni gara nyaata isaa haa ilaalu.
Nuti bishaan buusiinsa baay’inaan buufne.
Ergasii dachii dhodhoosiinsa dhodhoofne.
 Achumaan Ishee keessatti firii magarsine.
Inabaafi margas,
Zeytunaafi muka timiraas,
Ashaakiltiilee muka baay’atanis,
Fuduraafi kaloo [akka nuti uumne haa ilaalu].
Isiniifi beylada keessanis qanansiisuuf.
Yeroo gurra duuchituun (Qiyaamaan)dhufte,
Guyyaa namni obboleessa isaa irraa dheessu,
Haadha isaatiifi abbaa isaa irraas,
Niitii isaatiifi ijoollee isaa irraas (baqatu san dhufti).
Nama Isaan irraa ta’e hundaaf guyyaa sana dhimma isa duroomsutu jira.
Fuulli gariin guyyaa san ni ifti.
Kolfituu, gammadduudha.
Fuulli gariin immoo guyyaa san dhukkeetu (quttootu) irra jira.
Gurraachinni ishee haguuga.
Isaan sun warra Rabbitti kafaranii, balleessa hojjataniidha.
Icon