ترجمة سورة البلد

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة البلد باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Biyya (Makkaa) kanaanin kakadha.
Ati biyyi kun (lolaan banuun) siif eeyyamamaadha.
Abbaafi waan inni dhaleenis (nan kakadha).
Dhugumatti, Nuti nama cinqii[] keessatti uumne.
Sila inni tokkolleen[] isa irratti hin danda'uu yaadaa?
“Qabeenya guddaan balleesse" jedha.
Sila inni tokkolleen isa hin arguu yaadaa?
Sila Nuti ija lama isaaf hin taasifnee?
Arrabaafi hidhii lamas;
Karaa lama (gaariifi badaa) isaaf ibsine.
Sila maaliif tulluu hin dabrine?[]
Tulluttiin maal akka taate maaltu si beeksise?
(Inni) Gabra bilisoomsuudha
Yookiin guyyaa beelaa keessa nyaachisuudha.
Yatiima fira ta’an;
Yookiin hiyyeessa harkaan lafa qabate (deege).
Ergasii warra amananii, obsa waliif dhaamaniifi rahmata waliif dhaaman irraa maaliif hin taane?
Isaan sun warra mirgaati.
Isaan keeyyattoota keenyatti kafaran immoo isaan warra bitaati.
Isaan irratti ibiddi cufamtuudha.[]
Icon