Hiikkaa Suura يونس الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
ﭗ
Alif Laam RaaSunniin keeyyattoota kitaabicha ogummaan guutameeti
Verse 2
Sila gara nama isaan irraa ta’ee “nama akeekkachiisi; warra amanes toltuun dabre Rabbii isaanii bira isaaniif jiraachuudhaan gammachiisi” jechuun wahyii godhuun keenya namootatti dinqii ta’eeraa? Kaafirtoonni: “Dhugumatti, inni kun falfalaa ifa bahaadha” jedhan
Verse 3
Dhugumatti, Gooftaan keessan Allaah Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedhaWaan hundaa garagaggalchaAraarsaan homaatuu hayyama Isaatiin booda malee hin jiruKun Rabbii Gooftaa keessan ta’eedhaKanaafuu Isa qofa gabbaraaSila isin hin gorfamtanuu?
Verse 4
Deebiin hunda keessanii gara IsaatiWaadaa Rabbiin (beellamee dha)Dhugaa gochuus (isa godhe)Dhugumatti, Isatu uumuu jalqabee, ergasiis isa deebisaIsaan amananii, toltuu dalaganiif haqaan mindaa isaaniif kennuuf (akkas godhe)Isaan kafaran waan kafaraniif jecha isaanif dhugaatii bishaan danfaa irraa ta’eefi adabbii laalessaatu jira.
Verse 5
Inni Isa aduu madda ifaa, baatiis ifa taasisee, akka lakkoofsa waggootaafi herregaa beektaniif jecha bakka isaaf (Ji’aaf) godheedhaRabbiin kana dhugaan malee hin uumne(Rabbiin) keeyyattoota namoota beekaniif addeessa.
Verse 6
Dhugumatti, bakka wal bu’uu halkaniifi guyyaa keessa, waan Rabbiin samiifi dachii keessatti uume keessaas namoota (Rabbiin) sodaataniif mallattooleetu jira
Verse 7
Dhugumatti, isaan qunnamtii keenya hin sodaanne, kan jireenya addunyaa qofa fedhanii, isheetti gammadaniifi isaan keeyyattoota keenya irraa dagatoo ta’an,
Verse 8
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
ﭧ
Isaan sun waan hojjachaa turaniif jecha teessoon isaanii ibidda
Verse 9
Dhugumatti, isaan amananii, gaggaarii hojjatan Gooftaan isaanii iimaana isaanitiin isaan qajeelchaJannatoota qananii keessa laggeen isaan jala yaati.
Verse 10
Kadhaan isaanii ishee keessatti (yeroo waan tokko fedhan)[] “yaa Allaah! Qulqulliini keeti” jechuudhaKabajaan isaaniis ishee keessatti “nagayaa” jechuudhaKadhaan isaanii kan boodaas[] “faaruun hundi kan Rabbii gooftaa aalamaati” jechuudha.
Verse 11
Odoo Rabbiin namaaf akka isaan gaarii (argachuuf) jerjerfatanitti hamtuu isaaniif jerjersee, silaa beellamni (adabbii) isaanii, isaaniif raawwatama tureIsaan wal ga’ii keenya hin sodaanne, jallina isaanii keessa dhama’oo taasifnee isaan dhiifna
Verse 12
Ilmi namaa yeroo rakkinni wahii isa tuqe, cinaacha isaa irrattis yookiin taa’eetis yookiin dhaabbateetis Nu kadhataYeroo Nuti rakkina isaa isa irraa fuune akka waan rakkina isa tuqeef Nu hin kadhatiniitti (kufrii isaa) itti fufaAkka kanatti daangaa dabartootaaf wanti isaan hojjachaa turan miidhagfame
Verse 13
Dhugumatti, dhaloota isin duraa irraa, yeroo isaan lubbuu isaanii miidhanii, ergamtoonni isaanii raajii dirree taa’uun isaanitti dhufanii hin amanin balleessinee jirraAkka kanatti ummata badii raawwattoota ta’aniif galata galchina.
Verse 14
Ergasii isaan booda akkam akka dalagdan ilaaluuf jecha dachii keessatti bakka bu’oota isin taasifne
Verse 15
Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifamanis, isaan qunnamtii keenya hin sodaanne “Qur’aana kana hin ta’iniin nutti kottu; yookiin isa jijjiiri” jedhu“Ani of biraa isa jijjiiruun naaf hin ta’uWaan gara kiyyatti wahyii godhamu malee hin hordofuDhugumatti, ani yoon ajaja Gooftaa kiyyaa dide, adabbii guyyaa guddaan sodaadha” jedhi.
Verse 16
“Odoo Rabbiin fedhee, silaa ani isa isin irratti hin dubbisuInnis (Rabbis) isa isin hin beeksisuDhugumatti, ani isa duras yeroo dheeraa isin keessa jiraadheeraSila isin sammuu hin qabdanii?” jedhiin.
Verse 17
Nama Rabbi irratti kijiba uume yookiin kan keeyyattoota Isaa sobsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Dhugumatti, badii raawwattoonni hin milkaa’anu
Verse 18
Rabbiin ala waan isaan hin miineefi hin fayyadne gabbaranii “Isaan kun Rabbiin biratti manguddoota keenya” jedhu“Sila isin waan Inni samiifi dachii keessatti hin beekne Rabbitti himtuu? Inni (Rabbiin) waan isaan Isa waliin gabbaran irraa qulqullaa’e; olis ta’ee jira” jedhi.
Verse 19
Ilmi namaa ummata tokko malee hin turreBooda irra wal dhabanOdoo jechi Gooftaa kee irraa ta’e dursee dabruu baatee, silaa waan isaan irratti wal dhaban keessatti gidduu isaaniitti ni murteeffama ture.
Verse 20
“Mallattoon Gooftaa isaa irraa maaliif isa irratti hin buufamin?” jedhu“Wanti fagoo hundi RabbumaafiIsinis eegaa; Anis isin wajjin warra eegan irraayi” jedhiin.
Verse 21
Yeroo namoota erga rakkoon isaan tuqee booda rahmata isaan dhandhamsiifne, yeroma san keeyyattoota keenya keessatti tooftaa baasuun isaaniif ta’aadha“Rabbitu tooftaatti isaan irra akkaan jarjaraadha” jedhiDhugumatti, ergamtoonni keenya (maleykonni) tooftaa isin baaftan ni barreessu.
Verse 22
Inni Isa dachiifi bishaan keessas isin deemsisuYeroo dooniwwan keessatti taatanii qilleensa gaarii keessa isaaniin deemanii, isheetti gammadan, qilleensi bubbisaan isaanitti dhufa; danbaliiniis bakka hunda irraa isaanitti dhufa; marfamnees yaadu“Yoo Ati (balaa) kana irraa nagaa nu baafte, nuti dhugumatti, warra (si) galateeffatan irraa taana” (jechaa) ibaadaa Isaaf qulqulleessanii Rabbiin qofa kadhatu.
Verse 23
Yeroma Inni nagaa isaan baase, isaan yoosuu haqaan ala dachii keessatti daangaa dabruYaa namootaa! Daangaa dabriinsi keessan isinuma irrattiQananii jireenya addunyaa (xiqqoo qananiitu)Sana booda deebiin keessan gara keenyattii, Nuti waan isin dalagaa turtan isinitti himna.
Dhugumatti, fakkeenyi jireenya addunyaa, akka bishaan Nuti samii irraa isa buufnee, ergasii biqiltuuwwan dachii kan waan ilmi namaatiifi horiin nyaatan irraa ta’an isaan wal makamanii, yeroo dachiin faaya ishee qabattee, miidhagdee, abbootiin isheetis ishee irratti danda’oo ta’uu yaadan, adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isheetti dhufee, akka waan kaleessa achitti hin ta’iniitti (hin jirreetti) haamamaa ishee gooneetiAkka kanatti mallattoolee ummata xiinxalaniif adda baafna.
Verse 25
Rabbiin gara mana nagayaatti waamaNama fedhes gara karaa qajeelaati qajeelcha.
Verse 26
Isaan toltuu hojjataniif (mindaa) gaariifi dabalataatu jiraGurraachinniifi salphinni homaatuu fuula isaanii hin haguuguIsaan sun warra jannataatiIsaan ishee keessatti hafoodha
Verse 27
Isaan hamtuu hojjatanis mindaan hamtuu fakkaatuma isheetiin ta’aSalphinnis isaan haguugdiRabbi irraa wanti isaan tiksus isaaniif hin jiruFuulli isaanii akka waan kutaa halkan dukkaneessaa ta’e irraa ta’een hagoogamanii fakkaattiIsaan sun warra ibiddaatiIsaan ishee keessatti hafoodha.
Verse 28
Guyyaa isaan hunda walitti qabnus, (dubbadhu)Ergasii isaan Nutti qindeessaniin ni jenna: “Isiniifi warri isin Nu waliin gabbaraa turtanis iddoo jirtan dhaabadhaa!” Sana booda gidduu isaanii addaan baafnaWarri isaan Nu waliin gabbaraa turaniis: “Isin nu gabbaraa hin turre” jedhu
Verse 29
“Gidduu keenyaafi gidduu keessanitti ragaa ta’uuf Rabbumatu ga’aadhaDhugumatti, nuti isin nu gabbaruu irraa dagatoo taanee turre.”
Verse 30
Achitti lubbuun hundi waan dabarsite ni beekkattiGara Rabbii Gooftaa isaanii kan dhugaa deebifamuSobni isaan uummachaa turan isaan irraa bada.
Verse 31
“Eenyutu samiifi dachii irraa isin soora? Yookiin dhageettiifi argaa eenyutu dhuunfata? Ammas eenyutu jiraataa du’aa irraa, du’aas jiraataa irraa baasa? Eenyutu waan hunda gara gaggalchas?” jedhi‘Rabbuma’ jechuuf jiruu“Sila Rabbiin hin sodaattanii?” jedhiin.
Verse 32
Sun Allaah, Gooftaa keessan, kan dhugaatiDhugaa booda jallina malee maaltu jira? Akkamumatti irraa gara galfamtu?
Verse 33
Akka kanatti jechi Gooftaa keetii, warra fincilan irratti amanuu dhabuun mirkanoofte.
Verse 34
“Sila warra isin Rabbii wajjiin gabbartan irraa warri uumama jalqabee, ergasii deebisu jiraa?” jedhi“Rabbiin uumama jalqabeeti, ergasiis deebisaAkkamumatti gara galfamtu?” jedhi.
Verse 35
“Sila warra isin Rabbii wajjin gabbartan irraa warri gara haqaatti qajeelchu jiraa?” jedhi“Rabbiin gara haqaatti qajeelchaSila Isa gara haqaatti qajeelchutu hordofamuu mirga godhatamoo isa yoo qajeelfame malee, qajeeluu hin dandeenyee dha? Sila isin maaltu isinii jiraaf akkuma feetan murteessitu?” jedhi.
Verse 36
Irra hedduun isaaniis shakkii malee hin hordofanDhugumatti, shakkiin dhugaa irraa homaa hin duroomsuDhugumatti, Rabbiin beekaa waan isaan hojjataniiti.
Verse 37
Qur’aanni kun Rabbii gaditti sobaan kan uumamu hin taaneGaruu dhugoomsaa (kitaabota) isa dura turaniitiifi addeessaa (seeraati)Gooftaa aalama hundaa irraa ta’uu isaa mamiin tokkos isa keessa hin jiru.
Verse 38
Moo sila isaan “isatu (Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhu? “Oggas suuraa tokko kan isa fakkaattu fidaaYoo kan dhugaa dubbattan taatan, Rabbii gaditti nama dandeessan (gargaarsaaf) waamadhaa” jedhi.
Verse 39
Garuu isaan waan beekumsa isaatiin hin marsiniifi waan hiikkaan isaa amma dura itti hin dhufiniyyi kijibsiisuWarri isaan duraas akkuma kanatti kijibsiisanBooddeen miidhaa raawwattootaa akkam akka ta’e ilaali.
Verse 40
Isaan irraas namoota isatti amanantu jiraIsaan irraas namoota isatti hin amannetu jiraGooftaan keetis badii hojjattoota akkaan beekaadha.
Verse 41
Yoo si kijibsiisaniis “Anaaf dalagaa kiyyatu jira; isiniifis dalagaa keessantu jiraIsin waan ani dalagu irraa qulqullaa’oodha; anis waan isin dalagdan irraa qulqulluudha” jedhi.
Verse 42
Isaan irraas namoota gara kee dhageeffatantu jiraSila ati namoota gurri duude, odoo isaan sammuu hin qabne dhageessiftaa?
Verse 43
Isaan irraas namoota gara kee ilaalantu jiraSila ati jaamaa, odoo isaan hin argine isaan qajeelchitaa?
Verse 44
Dhugumatti, Rabbiin namoota homaa hin miidhuGaruu namoonni ofiif of miidhu.
Verse 45
Haala akka waan yeroo guyyaa irraa taate tokko malee hin turin itti fakkaatuun, odoo gidduu isaaniitti wal beekanuu guyyaa (Rabbiin) walitti isaan qabu [yaadadhu]Dhugumatti, warri qunnamtii Rabbii sobsiisan hoonga’aniiru; qajeeloos hin taane.
Verse 46
Garii waan waadaa isaaniif gallee yoo sitti argisiifne (toleera); yookiin yoo si ajjeefnes deebiin isaanii garuma keenya ta’aErgasii Rabbiin waan isaan dalagan irratti ragaadha.
Verse 47
Ummata hundaafis ergamaan (ergamee) jiraYeroo ergamaan isaanii dhufe odoo hin miidhamne jidduu isaaniitti haqaan murteeffama.
Verse 48
“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif waadaan kun yoom ta’a?” jedhu.
Verse 49
“Waan Rabbiin fedhe malee ani lubbuu kiyyaaf miidhaas ta’ee bu’aas fiduu hin danda’uUmmata hundaaf beellamatu jiraYeroo beellamni isaanii dhufe, sa’aatii tokkos booda hin aanan; duras hin dabran.”
Verse 50
“Mee naaf himaa! yoo adabbiin Isaa halkan yookiin guyyaa isinitti dhufe, badii raawwattoonni isa irraa maal jarjarfatu?” jedhi
Verse 51
“Sila ogga inni argamee booda isatti amantuu? Sila odoo duraan jarjarfataa turtanii amma amantuu?” (jedhamaan).
Verse 52
Ergasii isaan miidhaa hojjataniin ni jedhama: “Adaba yeroo hundaa dhandhamaa! Sila waan hojjataa turtaniin malee ni mindeeffamtuu?”
Verse 53
“Sila inni (Guyyaan Qiyaamaa) dhugaa dhaa?” (jechuun) si odeeffatu“Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Inni dhugaadhaIsinis (isa jalaa) miliquu hin dandeessan” jedhi.
Verse 54
Odoo lubbuu miidhaa raawwatte hundaaf wanti dachii keessa jiru (hundi) ta’eefii isaan of baaftiYeroo adabicha arganis sheenaa ni mul’ifatuGidduu isaaniittis odoo hin miidhamne haqaan murteeffama.
Verse 55
Dhagayaa! Dhugumatti, wanti samiifi dachii keessa jiru kan RabbiitiDhagayaa! Dhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadhaGaruu irra baay’een namootaa hin beekan
Verse 56
ﭻﭼﭽﭾﭿ
ﮀ
Inni ni jiraachisa; ni ajjeesas; gara Isaatittis deebifamtu.
Verse 57
Yaa namootaa! Dhugumatti, gorsi Gooftaa keessan irraa taate, qorichi waan qoma keessaas, qajeelfamaafi rahmanni mu’uminootaaf taate isinitti dhufte
Verse 58
“Tola Rabbiitiifi rahmata Isaatiin (dhufte)Waan isaan walitti qaban irra isatu caalaa, isa sanitti haa gammadanu” jedhi.
Verse 59
“Soorata irraa waan Rabbiin isiniif buuse, isin ergasii isa irraa dhorgamaafi hayyamamaa taasiftan san mee naaf himaa?” jedhi“Sila Rabbitu isiniif hayyamemoo, Rabbi irratti kijiba uumtanii odeessitu?” jedhi.
Verse 60
Sila isaan Rabbi irratti kijiba odeessan Guyyaa Qiyaamaa maal yaadu? Dhugumatti, Rabbiin namoota irratti abbaa tola (guddaa)tiGaruu irra hedduun isaanii hin galateeffatanu.
(Yaa Muhammad!) Hojii kamillee keessatti hin taatu, Qur’aana irraas isa hin dubbiftu, dalagaa irraa waan tokkos hin hojjattan, yeroo isin isatti seentan Nuti isin irratti ragaa taanu malee hin hafuWanti hanga atomii dachii keessattis ta’ee, samii keessattis Rabbii kee irraa hin fagaatuWanti san irra xiqqaas ta’ee, guuddaan kitaaba addeessaa ta’e keessatti jiraatu malee hin hafu
Verse 62
Dhagayaa! Dhugumatti, jaalalleen Rabbii sodaan isaan irra hin jiraatu; isaan hin gaddanis.
Verse 63
ﭜﭝﭞﭟ
ﭠ
Isaan warra amananii, (Rabbiin) sodaachaa turaniidha.
Verse 64
Isaaniif jireenya addunyaa keessattis ta’ee kan Aakhiraa keessatti gammachuutu jiraJechoota Rabbii jijjiiraan hin jiruSun isumatu milkii guddaadha
Verse 65
Jechi isaanii si hin gaddisiisinDhugumatti, jabeenyi hunduu kan RabbiitiInni dhaga’aa, beekaadha.
Verse 66
Dhagayaa! Dhugumatti, wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru kan RabbiitiIsaan Rabbiin ala wantoota biraa gabbaranis, dhugaatti wantoota Rabbiin ala gabbaran hin hordofanuWanti isaan hordofan mamii qofa; isaan kijiba qofa uumanii odeessu.
Verse 67
Inni (Rabbiin) Isa halkan akka isa keessa boqattan, guyyaa immoo kan ibsu isiniif taasiseedhaDhugumatti, kana keessa namoota dhagayaniif mallattooleetu jira.
Verse 68
“Rabbiin ilma godhate” jedhuInni (kana) irraa qulqullaa’ee jiraInni durreessaWanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru kan IsaatiKanatti ragaa homaatuu hin qabdanSila waan hin beekne Rabbi irratti jettuu?
Verse 69
“Dhugumatti, isaan Rabbi irratti kijiba uumanu hin milkaa’anu” jedhi.
Verse 70
(Kun) qananii addunyaa keessatti taateedhaErgasii deebiin isaanii gara keenyatti qofa ta’aErgasii waan isaan kafaraa turaniif adabbii cimaa isaan dhandhamsiifna.
Verse 71
Oduu Nuuh isaan irratti dubbisiYeroo inni ummata isaatiin “yaa ummata kiyya! Yoo (isin waliin) turuun kiyyaafi keeyyattoota Rabbiitiin (isin) yaadachiisuun kiyya isinitti guddate, ani Rabbi irratti hirkadhee, tooftaa keessaniifi isaan Rabbii waliin gabbartani walitti qabadhaa; ergasii dharti keessan isin irraa dhokataa hin ta’in; ergasii yeroo naaf hin kenninaatii narratti raawwadhaa”jedhe.
Verse 72
“Yoo gara galtan, mindaa homaatuu isin hin gaafadhuMindaan kiyya Rabbi irratti malee hin taaneAni Muslimtoota irraa ta’uuttiin ajajame.”
Verse 73
Isaan isa kijibsiisani; ergasii Nuti isaafi namoota isaa waliin doonii keessa jiranis ni baraarsineBakka bu’oo isaan gooneeti warra keeyyattoota keenya sobsiisan bishaaniin dhidhimsineBooddeen dinniinamtootaa akkam akka ta’e ilaali.
Verse 74
Ergasii isa booda ergamtoota gara ummata isaanii ni erginee, mallattoowwan ifa ta’aniin isaanitti dhufanIsaan waan san dura kijibsiisan sanatti kan amanan hin taaneAkka kanatti onnee daangaa dabritootaa irratti cufna.
Verse 75
Ergasii isaan booda Muusaafi Haaruuniin gara Fir’awniifi qondaalota isaa keeyyattoota keenyaan erginee jirraIsaan boonaniiti, badii raawwattoota irraas ta’an.
Verse 76
Yeroo dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu “dhugumatti, kun falfala ifa ba’aadha” jedhan.
Verse 77
Muusaanis ni jedhe “sila dhugaan isinitti dhufnaan (kana) jettuu? Sila inni kun falfalaa? Falfaltoonni hin milkaa’an.”
Verse 78
Isaan ni jedhan: “Sila ati waan abbootii keenya isa irratti argine irraa nu garagalchitee ol aantummaanis dachii keessatti akka isin lamaaniif taatuuf nutti dhuftee? Nuti isin lamaaniif hin amannu.
Verse 79
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
ﭗ
Fir’awnis ni jedhe: “Cufa falfalaa beekaatiin natti koottaa.”
Verse 80
Yeroo falfaltoonni dhufan, Muusaan isaaniin ni jedhe: “Waan darbuu feetan darbaa.”
Verse 81
Yeroo isaan darban Muusaan ni jedhe: “Wanti isin isaan dhuftan falfalaa, dhugumatti, Rabbiin isa balleessuuf jiraDhugumatti, Rabbiin dalagaa badii hojjattootaa hin tolchu.
Verse 82
Odoo badii raawwattoonni jibbanuu, Rabbiin dhugaa jechoota Isaatiin mirkaneessa.”
Verse 83
Fir’awniifi qondaaltonni isaa isaan jallisuu sodaachuu irraa kan ka'e, dhaloota ummata Muusaa irraa ta’e malee Muusaaf hin amanneDhugumatti, Fir’awn dachii keessatti of tuulaadhaAmmas inni daanga dabritoota irraayi.
Verse 84
Muusaanis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Yoo kan Rabbitti amantan taatan, Isuma irratti hirkadhaa; yoo Muslimoota taatan.”
Verse 85
Isaanis ni jedhan: “Nuti Rabbi irratti hirkannee jirraYaa Gooftaa keenya! Ummata miidhaa raawwattootaaf sababaa jallinnaa nu hin taasisin
Verse 86
ﮮﮯﮰﮱﯓ
ﯔ
Namoota kaafirootaa jalaas Rahmata keetiin nagaa nu baasi.”
Verse 87
Muusaafi obboleessa isaattis: “Isin lachanuu ummata keessaniif Misratti manneen qopheessaa; manneen keessanis iddoo ibaadaa taasisaa; salaatas dhaabaa; mu’uminootas gammachiisi” jechuu wahyii goone.
Verse 88
Muusaanis ni jedhe: “Gooftaa keenya! Ati dhugumatti Fir’awniifi qondaalota isaatiif jireenya addunyaa keessatti, (yaa) Gooftaa keenya! Karaa kee irraa akka (namoota) jallisaniif jecha miidhaginaafi qabeenya kennitee jirtaGooftaa keenya! Qabeenya isaanii mancaasi; onnee isaanii irrattis jabeesiIsaan hanga adabbii laalessaa arganitti hin amanan.”
Verse 89
(Rabbiin) ni jedhe: “Dhugumatti, kadhaan keessan lamaanii fudhatama argattee jirtiKaraa qajeelaa irratti gadi dhaabbadhaa; karaa warra hin beeknees hin hordofinaa.”
Verse 90
Ilmaan Israa’iil galaana ceesifneeti, Fir’awniifi waraanni isaas jibbaafi diinummaaf isaan hordofan; yeroo bishaaniin nyaatamuun isa dhaqqabu “dhugumatti, Isa Ilmaan Israa’iil itti amanan malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiruu amaneeraAnis Muslimtoota irraayi” jedhe.
Verse 91
Sila odoo duraan diddee, balleessitoota irraa taatee jirtuu amma (amantaa)!
Verse 92
Har’a qaama keetiin (reeffa kee) akka ati namoota si boodaatiif mallattoo taatuuf si baafnaDhugumatti, hedduun namoota irraa ta’an mallattoolee keenya irraa dagatoodha.
Verse 93
Nuti dhugumatti, Ilmaan Israa’iil iddoo kabajamaa (Shaamiifi Misraan keessa) isaan qubachiifnee jirraWantoota gaggaarii irraas soorata isaanif kenninee jirraHanga beekumsi isaanitti dhufutti wal hin dhabneDhugumatti, Gooftaan kee guyyaa Qiyaamaa waan isaan keessatti wal dhabaa turan keessatti gidduu isaaniitti ni murteessa.
Verse 94
Yoo waan Nuti gara keetti buufne irraa shakkii keessa jiraatte, isaan si dura kitaaba dubbisaa turan gaafadhuDhugumatti, haqni Gooftaa kee irraa sitti dhufee jiraa, shakkitoota irraa hin ta’in.
Verse 95
Isaan keeyyattoota Rabbii kijibsiisan irraas hin ta’in; hoongoftoota irraa taataa.
Verse 96
Dhugumatti, warri jechi Gooftaa keetii isaan irratti mirkanoofte hin amanan.
Verse 97
Odoo mallattoon hundi isaanitti dhufanillee hanga adabbii laalessaa arganitti (hin amanan).
Verse 98
Sila magaalaan (erga adabbii Rabbii argitee) amantee ergasii iimaanni ishee ishee fayyade ummata Yuunus malee maaliif hin jiraatini? (Hin jiru jechuu dha)Isaan amannaan jireenya addunyaa keessatti adabbii salphisaa ta’e isaan irraa fuunee, hanga yeroo murtaa’eettis isaan qanansiifne.
Verse 99
Gooftaan kee odoo fedhee namni dachii keessa jiru hundi ni amana tureSila ati hanga isaan mu’uminoota ta’anitti namoota dirqisiiftaa?
Verse 100
Lubbuu kamiifuu hayyama Rabbiitiin ala amanuun hin taaneIsaan sammuu hin qabne irrattiis adabbii taasisa.
Verse 101
“Mee wantoota samiifi dachii keessa jiran (hunda) ilaalaa” jedhiMallattooleefi akeekkachiiftonnis namoota hin amanne irraa homaa hin deebisanu.
Verse 102
Sila fakkaataa guyyoota warra isaan dura dabranii malee maal eegu? “Egaa, anis isin waliin eegdota irraayi” jedhi
Verse 103
Ergasii ergamtoota keenyaafi isaan amananis nagaa baafna! Akka kanatti mu’uminoota nagaa baasuun Nu irratti haqa.
Verse 104
“Yaa namootaa! Yoo amantii kiyya irraa shakkii keessa taatan, isaan isin Rabbii gaditti gabbartan san hin gabbaru; garuu Rabbii isa isin ajjeesun gabbaraAni mu’uminoota irraa ta’uuttin ajajame” jedhi.
Verse 105
“Fuula kee qajeelaa taasisii guutumatti amantiitti gara galchi; mushrikoota irraas hin ta’in” (jechuuttiin ajajame).
Verse 106
Rabbii gaditti waan si hin fayyadneefi si hin miine hin gabbarinYoo (akkas) hojjatte, dhugumatti ati yoos miidhaa hojjattoota irraa taata.”
Verse 107
Yoo Rabbiin rakkinaan si tuqes, Isa malee wanti isa fuudhu hin jiru; yoo toltuun si fedhees, tola Isaa wanti deebisu hin jiruIsaan (tola saniin) gabroota Isaa irraa nama fedhe tuqaInnis araaramaa, rahmata godhaadha
Verse 108
“Yaa namootaa! Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa dhugaan isinitti dhufee jiraKanaafuu namni qajeele, kan inni qajeelu lubbuma ofiitiifiNamni jallates, kan inni jallatu isuma irrattiAnis isin irratti bakka bu’aa miti” jedhi.
Verse 109
Waan gara keetti wahyii godhames hordofiHanga Rabbiin murtii kennuttis obsiInnis irra caalaa murteessitootaati.
تقدم القراءة