Hiikkaa Suura الشورى الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﭑ
ﭒ
Haa Miim.
Verse 2
ﭓ
ﭔ
Ayn Siin Qaaf.
Verse 3
Akka kanaan Rabbiin injifataa ogeessa ta’e gara keetiifi gara isaan siin duraa wahyii godha.
Verse 4
Wanti samiifi wanti dachii keessaa hundi kan IsaatiInni ol ta’aa, guddaadha.
Verse 5
Samiin (torban) wal gubbaa baqaquutti dhihaattiMaleeykonni faaruu Gooftaa isaaniitiin Isa qulqulleessuNama dachii keessa jiruufis araarama kadhatuDhaga’aa! Dhugumatti, Rabbiin Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha.
Verse 6
Warri Isaan alatti jaalallee godhatan, Rabbiin isaan to’ataAti isaan irratti itti gaafatamaa miti.
Verse 7
Akka (warra) haadhoo magaalaa (Makkaa)fi waarra moggaa ishee sodaachiftee, guyyaa wal ga’ii kan shakkii hin qabnes akka dinniintuuf Qur’aana Afaan Arabaa gara keetti beeksisa gooneGariin jannata seenu; gariin immoo ibidda keessa.
Verse 8
Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isaan taasisa; garuu nama fedhe rahmata Isaa keessa galchaMiidhaa raawwattoota jaalallees ta’ee tumsaan isaaniif hin jiru.
Verse 9
Moo Isaan ala jaalallee taasifatu? Rabbiin Isumatu jaalalleedhaIsumatu du’aas kaasaInni waan hunda irratti danda’aadha.
Verse 10
Wanti isin irratti wal dhabdan hunduu murtiin isaa garuma RabbiitiInni sun Allaahdha; Gooftaa kiyya; Isa irratti hirkadhe; garuma Isaattin deebi’as.
Verse 11
(Inni) uumaa samiifi dachiitiLubbuu keessan irraa qindiiwwan (haadholee manaa) isiniif godhe; beyladoota irraas cimdii (kormaafi dhalaa isiniif taasise)Bifa kanaan isin baay’isaFakkaataan Isaa (Allaah) hin jiruInni dhaga’aa, argaadha.
Verse 12
Furtuun samiifi dachii kan IsaatiNama fedheef kennaa bal’isa; (kan fedhe immoo itti) dhiphisaDhugumatti Inni waan hunda beekaadha.
Verse 13
Amantii irraa waan Nuuhiif dhaameefi isa gara kee wahyii goone, waan Ibraahiim, Muusaafi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe[Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa jechuudhaWanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabates gara Isaatti qajeelcha.
Verse 14
Erga beekumsi isaanitti dhufee booda sababaa jibbaa gidduu isaanii jiruuf malee adda hin babaaneOdoo jechi Gooftaa kee biraa hanga yeroo beekamaatti dabre jiraachuu baatee, silaa gidduu isaaniitti murtaa’a tureWarri isaan booda kitaaba dhaalchifaman isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.
Kanaafuu (tokkummaa) sanatti waamiAkkuma ajajamtetti (haqa irratti) gadi dhaabbadhuFedhii isaanii hin hordofin“Kitaaba irraa waan Rabbiin buusetti amaneera; gidduu keessanitti haqa murteessuus ajajameeraAllaahn Gooftaa keenyaafi Gooftaa keessaniNuuf hojii keenyatu jira; Isiniifis hojii keessantu jiraGidduu keenyaafi keessanitti mormiin hin jiruRabbiin (Guyyaa Qiyaamaa) gidduu keenya walitti qabaDeebiinis garuma Isaatti” jedhi.
Verse 16
Warri erga Isaaf (Rabbiif) owwaatamee booda, (diin) Rabbii keessatti falman ragaan isaanii Gooftaa isaanii biratti kuftuudhaDallansuun Rabbii isaan irra jira; adabbiin cimaanis isaaniif jira
Verse 17
Rabbiin Isa kitaabaafi madaala haqaan buuseedhaQiyaaman dhihoo ta’uun ni kajeelamaa maaltu si beeksise?!
Verse 18
Isaan isheetti hin amanin ishee jarjarfatuIsaan amanan (garuu) ishee irraa sodaatu; haqa ta’uu ishees ni beekuDhagayaa! Isaan Qiyaamaa keessatti falmanu jallina fagoo keessa jiru.
Verse 19
Rabbiin gabroota Isaatiif akkaan rahmata godhaNama fedhes ni sooraInni jabaa injifataadha.
Verse 20
Nama mindaa Aakhiraa fedha ta’e mindaa isaa keessatti isaaf daballaNama mindaa addunyaa fedha ta’es ishee irraa isaaf kenninaAakhiraatti immoo qoodni isaaf hin jiru.
Verse 21
Sila shariikota amantii irraa waan Rabbiin isa hin hayyamin karaa isaaniif godhantu jiraa? Odoo jechi murtiin (Guyyaa Qiyaamaati jedhu) jiraachuu baatee gidduu isaaniitti ni murteeffama tureMiidhaa hojjattoonni, isaaniif adabbii laalessaatu jira
Verse 22
Miidhaa raawwattoota waan hojjatan irraa odoma isaanitti bu’uu taa’uu kan sodaatan ta’uu argitaIsaan amananii, toltuu hojjatan immoo caffeewwan jannataa keessa jiraatu; isaaniif Gooftaa isaanii bira waan fedhantu jiraKun isumatu tola guddaadha
Verse 23
Kun isa Rabbiin gabroota Isaa isaan amananii, toltuu hojjatan ittiin gammachiisuudha“Isa (Qur’aana) irratti jaalala firummaa malee mindaa isin hin gaafadhuNama toltuu hojjate ishee (toltuu) keessatti gaarii isaaf daballaRabbiin araaramaa, galateeffataadha
Verse 24
Rabbi irratti soba uume jedhuu? Rabbiin immoo yoo fedhe onnee kee irratti cufeeti dhara haqee haqa jecha Isaatiin mirkaneessaInni waan qoma keessa jiru beekaadha.
Verse 25
Inni Isa gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalu; Kan hamtuus irra dabruufi waan isin dalagdan beekuudha.
Verse 26
Isaan amananii toltuu dalaganiif ni owwaataToltuu Isaa irraas isaaniif dabalaKaafiroonni isaaniif adabbii cimaatu jira
Verse 27
Rabbiin gabroota Isaatiif kennaa odoo bal’isee, silaa dachii keessatti daangaa dabru turanGaruu waan fedhe qixa sirrii ta’een buusaInni gabroota Isaa keessa beekaa, argaadha.
Verse 28
Inni Isa erga abdii kutatanii, bokkaa buusuufi rahmata Isaa babal’isuudhaInni gargaaraa, faarfamaadha
Verse 29
Samii torban, dechiifi lubbu qabeeyyii isaan lamaan keessa facaase uumuun mallattoolee Isaa irraayyiInni yeroo fedhetti walitti isaan qabuu irrattis danda’aadha.
Verse 30
Hamtuu irraa wanti isin tuqe waanuma harki keessan hojjatteefi; baay’ees dhiifama godha.
Verse 31
Isinis dachii keessatti Rabbi duraa bahoo mitiRabbiin ala jaalalleefi tumsaanis isiniif hin jiru.
Verse 32
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
ﭗ
Dooniiwwan akka tabbaa kan galaana keessa yaa’anis mallattoolee Isaa irraayi;
Verse 33
Yoo fedhe qilleensa cal’isiiseeti dugda isaa irra tattaa’oo ta’u turanKana keessa warra akkaan obsanii, galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira.
Verse 34
Yookiin waan isaan hojjataniin isaan balleessa; baay’ees dhiifama godha
Verse 35
Isaan keeyyattoota keenya keessatti falman bakka itti daban dhabuu isaanii akka beekaniif (isaan balleesse).
Verse 36
(Qabeenya) irraa wanti isin kennamtan kamiyyuu meeshaa jireenya addunyaatiWaan Rabbiin bira jiruutu isaan amananii, Gooftaa isaanii irratti hirkataniif caalaafi hafaadha.
Verse 37
Isaan warra dilii gurguddaafi gochaalee fokkatoos irraa fagaatanii, yeroo dallananis dhiifama godhaniidha.
Verse 38
Isaan warra Gooftaa isaaniitiif owwaatanii, salaataas sirnaan sagadanii, kan dhimmi isaanii jidduu isaaniitti wal marii ta’ee, waan nuti isaaniif kennine irraas arjoomaniidha.
Verse 39
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
ﮫ
Isaan warra yeroo miidhaan isaan qunname (haqaan) haaloo bahataniidha.
Verse 40
Galanni hamtuu hamtuma akka isheetiNamni dhiifama godhee, (hariiroos) tolche galanni isaa Rabbi irra jiraInni (Allaahn) miidhaa hojjattoota hin jaallatu.
Verse 41
Namni erga miidhamee booda haaloo bahates, isaan sun diliin isaan irra hin jiru
Verse 42
Komiin kan jiru isaan namoota miidhanii, haqaan ala dachii keessatti daangaa dabran irrattiIsaan sun adabbii laalessaatu isaaniif jira.
Verse 43
Namni obsee irra dabre, dhugumatti sun dhimmoota gurguddoo irraayi.
Verse 44
Nama Rabbiin jallise, Isa booda qajeelchaan isaaf hin jiruMiidhaa raawwattoota, yeroo adabbii argan gaabbanii kan “karaan (gara dachii) ittiin deebi’amu jiraa?” jedhan argita.
Verse 45
Salphina irraa sodaan guutamanii ija laafaan ilaalaa ishee (jahannam) irra kan fidaman isaan argitaIsaan amanan immoo “hoonga’oonni isaan Guyyaa Qiyaamaa lubbuu isaaniitiifi maatii isaanii hoonga’aniidha” jedhuDhagayaa! Miidhaa hojjattoonni adabbii yeroo hundaa keessa jiraatu.
Verse 46
Gargaartonni kamiyyuu kan Rabbiin ala isaaniif tumsan isaaniif hin jiruNama Rabbiin isa jallise karaan (ittiin qajeelu) isaaf hin jiru.
Verse 47
Guyyaan namni isa deebisuu danda’u hin jirre sun Rabbi irraa odoo isinitti hin dhufin dura Rabbii keessaniif owwaadhaaGuyyaa san hirkoon homaatuu isiniif hin jiruMormiinis isiniif hin jiru.
Verse 48
Yoo (dhugaa irraa) garagalanis, tiksaa goonee isaan irratti si hin ergineKan sirra jiru (ergaa) geessuu qofaNuti yeroo nama rahmata Nu biraa ta’e dhandhamsiifne, isheetti gammadaYoo hamtuun waan harki isaanii hojjatteef isaan tuqxe, dhugumatti, namni kufrii baay’isa.
Verse 49
Mootummaan samiifi dachii kan RabbiitiWaan fedhe uumaNama fedheef dubara kenna; nama fedheef immoo dhiira kenna.
Verse 50
Yookiin dhiiraafi dubara makaa kennaNama fedhe immoo maseena godhaInni beekaa, danda’aadha.
Verse 51
Namaaf Rabbiin isa dubbisuun, wahyiin yookiin dahoo duubaan, yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin waan fedhe itti buusuun malee hin taaneInni ol aanaa, ogeessa.
Verse 52
Akkasumas Qur’aana ruuhii keenya irraa ta’e gara keetti wahyii gooneKitaabaafi iimaanni maal akka ta’an kan beektu hin turreGaruu ifaa gabroota keenya irraa nama feene ittiin qajeelchinu isa gooneAtis gara karaa qajeelaatti ni qajeelchita.
Verse 53
Karaa Rabbii wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’ee (ni qajeelchita)Dhagayaa! Dhimmi hundi garuma Rabbiitti deebi’a.
تقدم القراءة