Hiikkaa Suura النساء الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
Yaa namootaa! Gooftaa keessan Isa lubbuu tokko (Aadam) irraa isin uumee, ishee irraa cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraas dhiirotaafi dubartoota baay’ee tamsaase sodaadhaaRabbii ittiin wal kadhattaniifi firummaas (muruu) sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin isin to’ataadha.
Verse 2
Yatiimotaafis qabeenya isaanii kennaaGaggaarii gadheedhaan hin jijjiiratinaaQabeenya isaaniis gara qabeenya keessaniitti (makuun) hin nyaatinaaDhugumatti inni badii guddaa ta'eera.
Verse 3
Yoo yatiimota (fuuchuu) keessatti wal hin qixxeessinuu sodaattan, dubartoota irraa isaan isinitti bareedan lama, sadi yookiin afur fuudhaaYoo wal hin qixxeessinuu sodaattan immoo tokkittii (fuudhaa); yookiin waan (gabrittii) harki keessan horatte (fuudhaa)Haqa dabsuu dhabuuf Kanatu irra dhihoodha.
Verse 4
Dubartootaaf mahriiwwan isaanii kenna jaalalaan ta'e kennaafiiYoo isaan jaalala lubbuu isaaniitiin isa irraa isiniif kennan, halaala gaarii haala ta'een isa nyaadhaa.
Verse 5
Qabeenya keessan kan Rabbiin dhaabbata (jireenyaa) isiniif taasise gowwootatti hin kenninaaIshee irraas soorata isaaniif kennaa; isaan uffisaas, jechoota beekamaas isaaniin jedhaa.
Yatiimota hanga isaan umrii gaa'ilaa ga’anitti qoradhaaYoo isaan irraa qajeeluma argitan, qabeenya isaanii gara isaaniitti deebisaa(Sodaa) guddachuu isaanii ariifatoo taatanii balleessuuf jecha ishee hin nyaatinaaNamni dureessa ta’e, (irraa) of haa qabuNamni hiyyeessa ta’e immoo beekamaadhaan haa nyaatuYeroo qabeenya isaanii gara isaaniitti deebiftan isaan irratti ragaa godhaaRagaadhaaf Rabbiinuu gahaadha.
Verse 7
Dhiirotaaf Waan haadhaa abbaafi firoonni dhiisan irraa qoodatu jiraDubartootaafis waan haadhaa abbaafi firoonni dhiisan irraa qoodatu jiraWaan isa irraa xiqqaateefi guddate irraas; Qooda murteeffamaa (Rabbiin isa qoodeera).
Verse 8
Yeroo firoonni, yatiimonniifi hiyyeeyyiin (bakka) qoodaa dhufan isa irraa isaaniif kennaa; jecha gaariis isaaniin jedhaa.
Verse 9
Warri odoo duuba isaaniitti ilmaan dadhaboo dhiisaanii (du'anii) isaan irratti sodaatanu, (yatiima miidhuu) haa sodaatanuRabbiin sodaatanii jecha haqaa haa jedhanu
Verse 10
Dhugumatti isaan qabeenya yatiimotaa miidhuudhaan nyaatan, wanti isaan garaa isaanii keessatti nyaatanu ibiddumaFuulduratti ibidda boba’aa seenu.
Rabbiin ilmaan keessan keessatti isiniif dhaamaDhiiraaf fakkaataa qooda durba lamaatu jiraYoo dubartii lamaafi sanaa ol ta’an, lama sadaffaa waan inni dhiiseetu isaaniif jiraYoo tokko qofa taate walakkaatu isheef jiraYoo isaaf (nama du’eef) ilmaan jiraate, abbaafi haadha isaatiif waan inni dhiise irraa tokko tokkoon isaaniitiif tokko jahaffaatu jiraYoo ilmi isaaf hin jiraatin, abbaafi haati isaa isa dhaalan, haadha isaatiif tokko sadaffaatu jiraYoo obboleeyyan isaaf jiraatan immoo haadha isaatiif tokko jahaffaatu jira(Kun hundinuu kan qoodamu) booda dhaamsa inni dhaammate yookiin dayniitiiyyiAbbootiin keessaniifi ilmaan keessan eenyuu isaaniitu bu'aa isiniif buusuutti dhihoodhaa hin beektanuMurtii Rabbi irraa ta'e (Rabbiin murteesseera)Rabbiin beekaa, ogeessa ta'e.
Yoo ilmoon isaaniif hin jiraatin walakkaa waan haati manaa keessanii dhiisaniitu isiniif jiraYoo ilmoon isaaniif jiraate immoo tokko arfaffaa waan isaan dhiisaniitu isiniif jira(Kun) booda dhaamsa isaan dhaammatanii yookiin dayniitiiyyiYoo ilmoon isiniif hin jiraatin tokko arfaffaa waan isin dhiiftaniitu isaaniifis jiraYoo ilmoon isiniif jiraate immoo tokko saddeetaffaa waan isin dhiiftaniitu isaaniif jira(Kun) booda dhaamsa isin dhaammatanii yookiin dayniitiiyyiHaala obboleessa yookiin obboleettii qabuun yoo dhiirri kan abbaa haadhaafi ilmaan hin qabne ta'ee dhaalamu argame yookiin dubartiinis tokko tokkoon isaaniitiif tokko jahaffaatu jiraYoo sanaa ol ta'an immoo isaan tokko sadaffaa keessatti hirmaattota(Kun) haala miidhamuun hin argaminiin booda dhaamsa dhaamamtee yookiin dayniitiiyyiDhaamsa Rabbi irraa ta’e (isiniif dhaame)Rabbiin beekaa, obsaadha.
Verse 13
Isheen kun daangawwan RabbiitiNamni Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajame jannattoota jala ishee laggeen yaatu keessatti hafoo ta'anii isaan seensisaKun milkii guddaadha.
Verse 14
Namni Rabbiifi ergamaa Isaa faallessee, daangaawwan Isaas dabre kan ishee keessatti hafu ta'ee (Rabbiin) ibidda isa seensisaIsaafis adabbii xiqqeessaa ta’etu jira.
Verse 15
Dubartoota keessan irraas isaan hojii fokkataa (qunnamtii seeraan alaa) raawwatan, namoota afur kan isin irraa ta’an isaan irratti ragaa baasaaYoo isaan ragaa ba’an hanga duuti isaanitti dhufutti yookiin (hanga) Rabbiin karaa (biraa) isaanii godhutti manneen keessatti isaan qabaa.
Verse 16
Isin irraa namoonni lamaan (dhiiraafi dubartii) sagaagalummaa hojjatan isaan lamaanuu akkaan rakkisaaYoo isaan tawbatanii hojii gaarii hojjatan, isaan (rakkisuu) irraa gara galaaDhugumatti, Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha.
Verse 17
Tawbaan qeebaltiin ishee Rabbi irra jiru warra wallaalumaan hamtuu hojjatanii ergasii dhihootti tawbataniifiWarra san Rabbiin tawbaa isaanii irraa qeebalaRabbiinis beekaa, ogeessa ta'eera.
Verse 18
Tawbaan warra hanga tokkoon isaaniitti duuti dhufutti badii hojjatanii "ani amma tawbadhe" jedhaniifi isaannan kaafiroota ta’anii du’aniifis (qeebalamtuu) hin taaneWarra san Nuti adabbii laalessaa isaaniif qopheessinee jirra.
Verse 19
Yaa warra amantan! dubartii dirqamaan dhaaluun isiniif hin eeyyamamuYoo hojii fokkataa raawwachuun isaanii ifatti beekame malee; garii waan (mahrii) isaaniif kennitanii fudhachuuf (heeruma) isaan hin dhorginaaAkkaataa gaariin isaan waliin jiraadhaaYoo isaan jibbitanis (obsaa); waan tokko isin jibbitanii Rabbiin isa keessa khayrii baay’eegodhuun ni kajeelama.
Verse 20
Haala tokkoo isaaniitiif qabeenya guddaa kennitanii jirtanuun yoo niitii tokko bakka ishee kan biraa jijjiirrachuu barbaaddan, isa irraa homaa hin fudhatinaaSila haala miidhaafi dilii ifaa ta’ee jiruun fudhattuu?
Verse 21
Sila bifa gariin keessan gara garii ga'ee jiruufi isaanis isin irraa waadaa jabaafi ulfaataa fudhatanii jiranuun akkamitti isa (mahrii isheef kennitan) fudhattu?
Verse 22
Dubartoota irraa isaan abbootiin keessan fuudhan hin fuudhinaaGaruu wanti dhugumatti dabre (isiniif dhiifamaa dha)Dhugumatti inni fokkataa, jibbamaafi karaan isaa hamaa ta'ee jira.
Haadholeen keessan, shamarran keessan, obboleettiwwan keessan, adaadowwan keessan, haboowwan (obboleettii haadhaa) keessan, shamarran obboleessaas, shamarran obboleettiis, haadholeen keessan kan isin hoosisanis, obboleettiiwwan keessan kanneen hoosisa irraa ta’anis, haadholee niitiiwwan keessaniis, shamarran isin guddiftanii gola keessan keessa jiran kan niitiiwwan keessan itti seentan irraa dhalatan (fuuchuun) isin irratti haraama godhamteetti; yoo isaan irra kan hin seenne taatan immoo badiin isin irra hin jiruNiitiiwwan ilmaan keessan kanneen dugda keessan irraa ta'anis, obboleettiiwwan lamaan walitti qabuunis (akkasuma haraama)Garuu kan duraan dabre (isiniif dhiifamaa dha)Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Dubartoota irraayis isaan (dhiiraan) tikfaman kan harki keessan dhuunfatte malee (dhorgamaa dha)Heera Rabbiin isin irratti murteesse (qabadhaa)Warra kanneeniin ala jiran of tiksaa sagaagalummaa irraa fagaataa taatanii qabeenya keessaniin barbaaduun isiniif eeyyamameeraIsaan irraa (warra qunnamtii saalaa waliin raawwachuun) ittiin qananiitan mahriiwwan isaanii haala dirqama ta'een isaanii kennaaWaan erga mahriin murtaa’ee booda ittiin wal jaalattan keessa badiin isin irra hin jiruDhugumatti Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.
Isin irraa namni (dubartoota) tikfamoo mu’umina ta’an fuuchuu qabeenyaan hin danda’in, shamarran mu’umina ta’an kan harki keessan dhuunfatte irraa (haa fuudhanu)Rabbiinis irra beekaa iimaana keessaniitiGariin keessan garii irraayyiEeyyama warra isaaniitiin isaan fuudhaaMahrii isaaniis haala gaarii ta’een isaaniif kennaaTikfamtuu ta'anii, sagaagalummaa kan hin raawwanneefi kan hiriyaa dhiiraa hin qabne ta'anii (fuudhaa)Yoo yeroo heeruman hojii fokkataa raawwatan, adabbii irraa walakkaa kan isaan walaba ta’an irra jiruutu isaan irra jiraKun isin irraa nama zinaa sodaateefi; obsuutu immoo isiniif caalaRabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Verse 26
Rabbiin (waan eeyyamamaafi dhorgamaa ta’an) isiniif ibsuu, karaa warra isin dura turanii isin qajeelchuufi tawbaa keessan qeebaluu fedhaRabbiin beekaa, ogeessasi.
Verse 27
Rabbiin tawbaa keessan qeebaluu fedhaWarri fedha lubbuu isaanii hordofan immoo isin jallina guddaa jallachuu fedhu.
Verse 28
Rabbiin isin irraa salphisuu fedhaIlmi namaa dadhabaa ta’ee uumame.
Verse 29
Yaa warra amantan! Yoo daldala jaalala keessan irraa ta'een malee qabeenya keessan gidduu keessanitti kijibaan hin nyaatinaaLubbuu keessanis hin ajjeesinaaDhugumatti Rabbiin isin mararfataadha.
Verse 30
Namni daangaa dabruufi miidhaaf kana dalage, fuulduratti ibidda isa seensifnaKunis Rabbirratti salphaadha.
Verse 31
Yoo badii gugurdoo irraa dhorgamtan irraa fagaattan, badii (xixiqqaa) keessan isin irraa haqnee, seensa kabajaa qabus isin seensifna.
Verse 32
Wantoota Rabbiin garii keessan garii irra ittiin caalchises hin hawwinaaDhiirotaafis qooda waan isaan hojjatan irraa ta’etu jiraDubartootaafis qooda waan isaan hojjatan irraa ta’etu jiraRabbiin tola Isaa irraa kadhaaDhugumatti Rabbiin waan hunda beekaadha.
Verse 33
Hunda isaaniitiifiis (dhiiraafi dubartiif) waan abbaa haatiniifi firoonni dhiisan irraa dhaala taasifnee jirraIsaan kakuun keessan (firummaan) hiites qooda isaanii isaaniif kennaaDhugumatti Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.
Dhiironni dhimma dubartootatiin dhaabbatoodha; (kunis) waan Rabbiin garii isaanii garii irra caalchiseefi qabeenya isaanii irraas waan kennaniifiDubartoonni gaggaariin (Rabbiifi dhirsa isaaniitiif) ajajamoodha; fagoottis waan Rabbiin isaan eegsise tiksitootaIsaan finciluu isaanii sodaattan immoo isaan gorsaa; (itti aansun) ciisa keessatti isaaniin oodaa; (dhuma irratti yoo sirraa'uu didan) isaan rukutaaYoo isaan isiniin ajajaman isaan irratti karaa hin barbaadinaaDhugumatti Rabbiin ol ta’aa, guddaadha.
Verse 35
Yoo gidduu isaan lamaaniitti waldhabbii beektan araarsaa tokko warra isaa irraa, araarsaa tokko immoo warra ishee irraa ergaaYoo isaan lamaan araaramuu (walii galuu) fedhan, Rabbiin gidduu isaan lamaaniitti walii galtee uumaDhugumatti Rabbiin beekaa, keessa beekaadha
Verse 36
Rabbiin gabbaraa; Isatti homaa hin qindeessinaasAbbaa haadhaaf, firootaaf, yatiimotaaf, hiyyeeyyiif, ollaa firooma qabuuf, ollaa firooma hin qabneef, hiriyaa maddii keessan jiruufis, kara deemaafis, (gabroota) mirgi keessan dhuunfateefis tola (oolaa)Dhugumatti Rabbiin nama boonaa dhaaddataa ta’e hin jaalatu.
Verse 37
Isaannan donnoomanii, namootas donnummatti ajajaniifi waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenne dhoksan (hin jaalatu)Kaafirootaaf adabbii salphisaa qopheessinee jirra.
Verse 38
Isaannan qabeenya isaanii akka namoonni isaan arganuuf arjooman, kan Rabbiifi Guyyaa Aakhiraattis hin amanne (isaan hiriyoota sheyxaanati)Namni sheyxaanni hiriyaa isaaf ta’e, hiriyummaan isaa waa fokkate!
Verse 39
Sila odoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananiifi waan Rabbiin isaaniif kenne irraa kennatanii maaltu isaan irra jira? Rabbiinis isaan beekaadha.
Verse 40
Dhugumatti Rabbiin hanga madaala atomii tokkoo hin miidhuYoo isheen dalagaa gaarii taate dachaa ishee taasisa; mindaa guddaa Isa biraa ta’es (dabalaan) ni kenna.
Verse 41
Sila yeroo Nuti ummata hunda irraa ragaa fidneefi sillee warra kana irratti ragaa goonee si fidne (haalli isaanii) akkam ta’a?
Verse 42
Guyyaa san warri kafaraniifi ergamicha faallessan odoo dachiin isaan irratti wal qixxaattee jaalatuIsaanis haasawa tokko Rabbiin dhoksuu hin danda’an.
Yaa warra amantan! Haala machaahaa taataniin hanga waan dubbattanu beektanitti, karaa dabraaf malee yoo janaabaa taatanis hanga dhiqattanutti salaatatti hin dhihaatinaaYoo dhukkubsataa taatan, imala irra jiraattan, yookiin tokkoon keessan mana fincaaniitii (iddoo itti udaanuu) dhufe yookiin dubartootaan wal tuqxanii bishaan dhabdan biyyoo qulqulluu tayammumadhaa; fuula keessaniifi harka keessan haxaa’aaRabbiin irra dabraa araaramaadha.
Verse 44
Sila gara warra kitaaba irraa qoodni isaaniif kennamee hin ilaallee? (Isaan) jallina bitu; isin karaa jallachuus ni barbaadu.
Verse 45
Rabbiin diinota keessan irra beekaadhaEegumsaaf Rabbiin qofti ga’aa dha! Tumsaafis Rabbiin qofti ga’aadha
Verse 46
Isaan yahuudoman irraa (warra) jechoota iddoo isaanii (kan sirrii) irraa jijjiirantu jiraNi jedhus: “dhageenye; faallessinesDhagayamuun maletti dhaga'i." Arraba isaanii micciiruufi amantii arrabsuuf jecha 'raa’inaa' jedhuOdoo isaan “nuti dhageenye; toles jenne; atis dhagayi; nu mil’adhus (unzurnaa)” jedhanii, silaa santu isaaniif caalaafi irra sirrii tureGaruu Rabbiin sababaa kufrii isaanitiin isaan abaareKanaaf isaan xiqqoo malee hin amananu.
Verse 47
Yaa warra kitaaba fudhattan! odoo nuti fuula haqnee duuba ishee hin deebisin yookiin akka warra sanbataa abaarretti hin abaarin dura waan nuti buufne kan isa isin biraa dhugoomsutti amanaaAjajni Rabbii raawwatamaa ta’eera.
Verse 48
Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeeffamuu hin araaramuWaan sanaa gadii nama fedheef ni araaramaNamni Rabbitti qindeesse dhugumatti cubbuu guddaa uumeera.
Verse 49
Sila gara isaan lubbuu ofii qulqulleessanii hin ilaallee? Lakki; Rabbiin nama ofii fedhe (qofa) qulqulleessaHanga kirrii qola Timiraa tokkoyyuu hin miidhamanu.
Verse 50
Akkamitti akka isaan Rabbirratti kijiba odeessan ilaaliCubbuu ifa bahaa ta’uuf inninuu ga’aadha.
Verse 51
Sila gara warra kitaaba irraa qoodni isaaniif kennamee hin ilaallee? Isaan sihriifi xaaghuutatti amanuIsaan kafaraniinis ni jedhu: “Warra kanatu isaan amanan (Muslimoota) caalaa karaa qajeelaadha."
Verse 52
Isaan Warra isaan Rabbiin abaareNama Rabbiin abaare, gargaaraa isaaf hin argitu.
Verse 53
Sila mootummaa irraa qoodni isaaniif jira moo? Yeroo sana hanga tuqaa ija (killee) timiraa irra jiru namaaf hin kennanu ture.
Verse 54
Moo sila waan Rabbiin tola Isaa irraa namootaaf kenne irratti isaan waanyu? Dhugumatti Nuti maatii Ibraahiimiif kitaabaafi ogummaa kenninee jirraMootummaa guddaas isaaniif kenninee jirra.
Verse 55
Isaan irraas nama isatti (Muhammaditti) amanetu jiraIsaan irraas nama isa irraa garagaletu jiraGubaatii (isaaniitiif) jahannam ga’aadha.
Verse 56
Dhugumatti warra keeyyattoota keenyatti kafaran, Nuti ibidda isaan seensifnaDhawaata gogaan isaanii gubatuun, akka isaan adabbii dhandhamaniif jecha gogaa isheen alaa isaaniif jijjiirraDhugumatti Rabbiin injifataa' ogeessa ta'e.
Verse 57
Isaannan amananii gaggaarii hojjatan, Nuti jannata laggeen ishee jala yaatu isaan seensifnaIshee keessatti yeroo hunda hafoodhaAchi keessa isaaniif niitiiwwan qulqulleeffamtuutu jiruGaaddisa gaaddiddeessaas isaan seensifna.
Verse 58
Dhugumatti, Rabbiin amaanawwan gara abbootii isaanii geessuufi yeroo nama gidduutti murteessitanis haqaan murteessuu isin ajajaDhugumatti, wanti Rabbiin ittiin isin gorsu (barsiisu) akkam tolaadha! Rabbiin akkaan dhagayaa, akkaan argaa ta'e.
Verse 59
Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamichaafi warra isin irraa abbootii taaytaa ta’aniifis ajajamaaYoo waan tokko keessatti wal mormitan, gara Rabbiifi ergamaa (Isaa) deebisaa; yoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taatan (gara san deebisaa)Kun caalaafi hiikaafis bareedaadha.
Verse 60
Sila gara warra waan gara keetti buufameefi waan si dura buufametti amanne jedhanii hin ilaallee? Odoo isatti kafaruu ajajamanii jiranuu gara xaaghuutaatti murteeffachuu barbaaduSheyxaannis jallina fagoo ta’e isaan jallisuu fedha.
Verse 61
Yeroo “gara waan Rabbiin buuseefi gara Ergamaa kottaa” isaaniin jedhame, kan munaafiqoonni gara galiinsa sirraa gara galan argita.
Verse 62
Yeroo balaan guddaan sababaa waan harki isaanii durfatteen isaan tuqee, ergasii Rabbitti kakataa “nuti toltuufi wal ta’iinsa malee waan biraa hin feene” (jedhaa) sitti dhufan akkam ta’u laata?
Verse 63
Isaan warra waan onnee isaanii keessa jiru Rabbiin beekuudhaIsaan irraayis gara galiIsaanis gorsiJecha gahaa lubbuu isaanii keessa seenus isaaniin jedhi.
Verse 64
Nuti ergamaa irraa akka eeyyama Rabbiitiin ajajni isaa fudhatamuuf malee hin ergineOdoo isaan (munaafiqoonni) yeroo lubbuu isaanii miidhan, sitti dhufanii Rabbiin araara kadhataniifi Ergamaanis araara isaaniif kadhatee, silaa dhugumatti akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta’eetin Rabbiin argatu turan.
Verse 65
Lakki; Rabbii keetiinin kakadhaa! hanga waan gidduu isaaniitti irratti wal dhaban keessatti si murteessisanii ergasii waan ati murteessite irratti odoo lubbuu isaanii keessatti diddaa homaatuu hin mul’isiniifi fudhannaa (garaa guutuu ta’een) fudhatanitti isaan hin amananu.
Verse 66
Odoo Nuti isaan irratti “Lubbuu keessan ajjeesaa yookiin manneen keessan irraa ba’aa” (jennee) katabnee silaa warra muraasa isaan irraa ta’an malee (baay’een isaanii) isa hin dalaganuOdoo isaan waan itti ajajaman kana dalaganii silaa sanatu isaaniif caalaadhaAkkaan (amantii isaanii) raggaasisas ture
Verse 67
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
ﭴ
Silaa yeroo san dhugumatti nu biraa mindaa guddaa isaaniif kennina turre.
Verse 68
ﭵﭶﭷ
ﭸ
Silaa dhugumatti karaa sirrii ta’es isaan qajeelchina turre.
Verse 69
Namni Rabbiifi Ergamaadhaaf ajajames isaan sun nabiyyoota, dhugoomsitoota, shahiidotaafi warren gaggaarii irraa warra Rabbiin qanansiise waliin ta’uWarra kanaan hiriyoomuun waa tole!
Verse 70
Tolli kun Rabbi irraayyiBeekumsaanis Rabbiin qofti ga’aadha.
Verse 71
Yaa warra amantan! Of eeggannoo keessan qabadhaaGareenis duulaa yookiin dimshaashanis duulaa.
Verse 72
Dhugumatti, isin irraas nama (duula irraa) duubatti jedhutu jiraKanaaf yoo balaan wahii isin tuqe “Dhugumatti, Rabbiin yeroo akka ani isaan waliin (duula irratti) argamu hin taasisin qananii (Isaa) narratti dhangalaasee jira" jedha.
Verse 73
Yoo tolli Rabbirraa ta'e wahii isin tuqe immoo silaa dhugumatti inni akka waan gidduu keessaniifi gidduu isaa jaalalli wahii hin turinii “yaa hawwii kiyya! Odoo isaan waliin ta’ee, silaa milkii guddaa milkaaya ture” jedha.
Verse 74
(Mu’uminoonni) isaan jireenya addunyaa isa Aakhiraatti gurguratan karaa Rabbii keessatti haa lolanNamni karaa Rabbii keessatti lolee ergasii ajjeefame yookiin injifate, Nuti mindaa guddaa isaaf kennina.
Verse 75
Sila maaltu isiniif jiraatee karaa Rabbii keessatti, warra dadhaboo dhiirota, dubartoota, ijoollee irraa ta’an, isaan “Gooftaa keenya! Magaalattii jiraattonni ishee miidhaa raawwattoota ta'an kana irraa nu baasi; gargaaraa Si biraa ta’es nuuf taasisi; tumsaa Si biraa ta’es nuuf taasisi” jedhaniif jettanii hin lolle?
Verse 76
Warri amanan karaa Rabbii keessatti loluIsaan kafaran immoo karaa xaaghuutaa keessatti loluGargaaraa sheyxaanatiin lolaaDhugumatti tooftaan sheyxaanaa dadhabaa ta'e.
Sila gara isaan harka keessan (lola irraa) qabadhaa; salaatas gadi dhaabaa; zakaas kennaa jedhamanii hin ilaallee? Yeroma lolli dirqama isaan irratti ta’u yoma san gareen isaan irraa ta’e sodaa akka Rabbiin sodaatanii yookiin sodaa san caalu namoota sodaatan“Yaa Gooftaa keenya! Maaliif lola dirqama nurratti taasifte? Odoo yeroo gabaabaa nu tursiiftee (maal qaba)?” jedhan“Qananiin addunyaa xiqqaadha; Aakhiraan nama (Rabbiin) sodaatuuf caalaadhaHanga qajjiisaa (qola killee) Timiraa hin miidhamtan" jedhi.
Verse 78
“Eessallee yoo taatan duuti isin argataOdoo gamoowwan ciccimoo keessa taatanillee (isin irraa hin hafu)Yoo toltuun wahii isaan tuqu immoo “kun Rabbiin biraayi” jedhuYoo hamtuun wahii isaan tuqu immoo “(yaa Muhammad!) kun si biraayi" jedhu“Hunduu Rabbiin biraayyi" jedhiUmmanni kun maaltu isaaniif jiraayyi dubbii homaayyuu hubachuutti hin dhihaanne?
Verse 79
Toltuu irraa wanti si tuqe kamillee RabbirraayyiHamtuu irraa wanti si tuqe kamillee lubbuu kee irraayiNamootaaf ergamaa taasifneetiin si ergineRagummaaf Rabbiin qofti ga’adha.
Verse 80
Namni ergamichaan ajajame dhugaatti Rabbiin ajajameeraNama gara gale immoo isaan irratti eegaa taasifnee si hin ergine
Verse 81
(Yaanni keenya siif) ajajamuudha” jedhuYeroo si biraa bahan, gareen isaan irraa ta’e tokko faallaa waan ati jettee bulfataRabbiin waan isaan bulfatan ni barreessaIsaan irraa gara gali; Rabbi irrattis irkadhuIrkoo ta’uu irratti Rabbiin ga’aadha.
Verse 82
Sila isaan Qur’aana hin xiinxalanuu? Odoo waan Rabbiin alaa biraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee argu turan.
Verse 83
Yeroo tasgabbii yookiin sodaa irraa dhimmi wahii isaaniitti dhufe, (namoota keessatti) isa facaasuOdoo gara Ergamaatiifi gara nama isaan irraa abbootii dhimmaa (taaytaa) ta’anii isa deebisanii, silaa isaan irraa warri sirriitti qoratan (xiinxalan) isa beeku turanOdoo ni’imaan Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, silaa isin muraasa (keessan) malee sheyxaana hordoftu turtan.
Verse 84
Karaa Rabbii keessattis loli; lubbuu kee malee hin dirqisiifamtuMu’uminootas kakaasiTasa Rabbiin rakkoo warra kafaranii (sirraa) qabuun ni kajeelamaGama lolaatiin Rabbitu irra cimaadha; jiilchaanis irra cimaadha.
Verse 85
Namni araarama gaarii araarse, ishee irraa qoodni (mindaan) isaaf ta’aNamni araarama gadhee araarses, ishee irraa qoodni (hamaan) isaaf ta’aRabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Verse 86
Yeroo kabajaa wahiitiin kabajamtan, ishee irra gaariidhaan kabajaa; yookiin isuma deebisaaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti qorataadha
Verse 87
Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiruDhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa keessa walitti isin qaba; isa keessa mamiin hin jiruEenyutu Rabbiin caalaa haasa’a keessatti irra dhugaa dubbata?
Verse 88
Sila odoo Rabbiin sababaa waan isaan hojjataniitiin duuba isaan deebisee jiruu maaltu isiniif jiraannaan dhimma munaafiqootaa keessatti garee lamatti qoodamtan? Sila isin nama Rabbiin jallise qajeelchuu barbaadduu? nama Rabbiin jallise karaa (ittiin qajeelu) isaaf hin argitu
Verse 89
Odoo isin akkuma isaan kafaran kafartanii isaan waliin wal qixa taatanii jaalatuHanga karaa Rabbii keessatti godaananitti isaan irraa jaalallee hin qabatinaaYoo isaan gara galan, isaan qabaatii bakka argitanitti isaan ajjeesaaIsaan irraas jaalalleefi gargaaraa hin godhatinaa.
Verse 90
Warra gidduu keessaniifi gidduu isaaniitti walii galteen (nagaa) jiru wajjin hidhaa qaban yookiin kanneen qomni isaanii isiniin loluu irraa dhiphattee isinitti dhufan maleeRabbiin odoo fedhee isaan isin irratti ol taasisee isiniin lolu turanYoo isaan isin irraa fagaatanii isin hin loliniifi nagaa isiniif kennan Rabbiin (akka loltan) isaan irratti karaa isiniif hin goone.
Verse 91
Warra biraas kan tasgabbii isin irraafi tasgabbii ummata isaanii irraa barbaadan fuuldura ni argituDhawaata gara shirkiitti deebifamaniin ishee keessa cuuphamuYoo isaan isin irraa hin fagaatin, nagaa gara keessan hin dhaqqabsiisiniifi harka isaanii hin qabin, isaan qabaatii bakka argitanitti isaan ajjeesaaWarra kana, Nuti isaan irratti (lola akka deemsiftan) ragaa ifa ta’e isiniif kenninee jirra.
Yoo dogoggoraan ta’e malee Mu’umina ajjeesuun Mu’uminaaf hin ta'uNamni mu’umina dogoggoraan ajjeese, yoo isaan (maatiin nama ajjeefamee) dhiifama godhaniif malee gabra mu’uminaa bilisoomsuufi 'diyaa' (gumaa dhiigaa) gara maatii isaa (nama du’ee) kennamutu (baasuun isarra jira)Yoo inni (namni ajjeefame) haala mu’umina ta’een ummata diinota keessan irraa ta’ee gabra mu’uminaa bilisoomsuutu irra jiraYoo inni ummata gidduu keessaniifi gidduu isaanii walii galteen (nagaa) jiru irraa ta’e, gumaa dhiigaa gara maatii isaa kennamuufi gabra mu’uminaa bilisoomsuutu (isarra jira)Namni (waan gabra ittiin bilisoomsu) hin argatin ji’a lama walitti aansee soomuutu (irra jira)Tawbaa Rabbi irraa ta'e (haa toobatu)Rabbiinis beekaa, ogeessa ta'eera.
Verse 93
Namni odoo beekuu mu’umina ajjeese, mindaan isaa, achi keessatti hafaa ta'ee, jahannamiRabbiinis isa irratti dallanee isas abaaree jiraadabbii guddaas isaaf qopheesse.
Verse 94
Yaa warra amantan! Yeroo karaa keessa deemtan (dubbii) adda baafadhaaBoojuun baay’een Rabbi bira jirtii meeshaa addunyaa barbaaduuf nama salaamtaa isiniin jedheen “ati Mu’uminaa miti" hin jedhinaaDuraan isinis akkasuma turtanii Rabbiin isin irratti tola oolee dubbii adda baafadhaaRabbiin waan isin hojjattan beekaa ta'eera.
Verse 95
Mu’uminoota irraa warri (jihaada irraa) taa’an, warra miidhama qaban malee, warra qabeenyaafi lubbuu isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniin wal qixa hin ta’anuRabbiin warra qabeenyaafi lubbuu isaaniitiin qabsaa’an isaan taa’an irra sadarkaa caalchisee jiraRabbiin hundaafuu jannata waadaa seeneefii jiraRabbiin warra qabsaa’an isaan taa’an irra mindaa guddaan caalchisee jira.
Verse 96
Sadarkaawwan Isa irraa ta’an, araaramaafi rahmataan (isaan caalchise)Raabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.
Verse 97
Warri haala lubbuu isaanii miidhoo ta'aniin malaykaan isaan ajjeefte (malaykonni) “maaluma keessa turtan?” jedhan“Dachii keessatti hacuucamoo turre” jedhu“Sila dachiin Rabbii akka ishee keessa godaantaniif bal’aa hin taanee?” jedhanJarri sun qubsumni isaanii jahannamiDeebiin waa hammaatte!
Verse 98
Isaan dadhaboo dhiiraa, dubartootaafi ijoollee irraa ta’an kan karoora baafachuu hin dandeenyeefi karaa hin qajeelle malee.
Verse 99
Warra kana Rabbiin irra isaaniif dabruun dhugaadhaRabbiin akkaan irra dabraa, akkaan araaramaa ta'eera.
Verse 100
Namni karaa Rabbii keessatti godaane, dachii keessatti iddoo godaansaa hedduufi bal'ina argataNamni mana isaa irraa gara Rabbiitiifi ergamaa Isaa godaanuuf ba’ee ergasii duuti isa dhaqqabe, dhugumatti mindaan isaa Rabbiratti isaa mirkanaa’eRabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.
Verse 101
Yeroo dachii keessa deemtanis, yoo warri kafaran isin rakkisuu sodaattan, salaata irraa gabaabsuu keessaniin badiin homaatuu isin irra hin jiruDhugumatti, kaafiroonni isiniif diinota ifaa ta'aniiru.
Yeroo isaan keessa jiraattee salaata isaaniin dhaabde, gareen isaan irraa ta’e tokko si waliin haa dhaabbatanu; meeshaa isaaniis haa qabatanuYeroo sujuudanii ka'an, duuba keessan irraan haa ta'anuGareen biraa isaan hin salaatin dhufanii sii waliin haa salaatanuOf eeggannoo isaaniifi meeshaa isaaniis haa qabatanuWarri kafaran odoo isin meeshaa keessaniifi galaa keessan irraa dagattanii dabiinsa tokkicha isin irratti dabanii jaalatuYoo rakkoon bokkaa irraa ta'e isin mudate yookiin dhukkubsataa taatan meeshaa keessan lafa kaayachuun badiin isin irra hin jiruOf eeggannoo keessan immoo qabadhaaDhugumatti, Rabbiin kaafirootaaf adabbii salphisaa qopheessee jira.
Verse 103
Yeroo salaata raawwattan, dhaabbataa, taa'aafi cinaacha keessan irra haala taataniin Rabbiin faarsaaYeroo tasgabbooftan salaata dhaabaaDhugumatti, salaanni mu’uminoota irratti dirqama yeroon isaa murtaa’e ta’eera.
Verse 104
Ummata (diinaa) barbaacha keessatti hin laafinaa; Yoo kan laalattan taatan isaanis akkuma isin laalattanitti laalatuRabbi irraas waan isaan hin kajeelle kajeeltuRabbiinis beekaa, ogeessa ta'eera.
Verse 105
Dhugumatti, akka waan Rabbiin sitti agarsiiseen gidduu namootaatti murteessituuf jecha kitaabicha haqaan gara keetti buufnee jirraGantootaaf falmaa hin ta'in.
Verse 106
Rabbiin araarama kadhuDhugumatti Rabbiin akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta'eera.
Verse 107
Isaan lubbuu isaanii ganan irraas hin falminDhugumatti Rabbiin nama akkaan ganaa dilaawaa ta’e hin jaalatu.
Verse 108
Nama irraa ni dhokatu; haala inni yeroo isaan jecha irraa waan inni hin jaalanne bulfatan isaanii wajjin jiruun Rabbi irraa hin dhokatanuRabbiin waan isaan dalagan (beekumsa Isaatiin) marsaa ta'eera.
Verse 109
Dhaga'aa! Isin warri kun jireenya addunyaa keessatti isaan irraa falmitanii, Guyyaa Qiyaamaa immoo eenyutu isaan irraa falma? Yookiin eenyutu isaan irratti tiksaa ta'a?
Verse 110
Namni hamtuu hojjatee yookiin lubbuu isaa miidhee ergasii Rabbiin araarama kadhate, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’uu arga
Verse 111
Namni badii oomishes, kan inni isa oomishu lubbuma isaa irrattiRabbiin beekaa, ogeessa ta'eera.
Verse 112
Namni dogoggora yookiin badii oomishee ergasii nama qulqulluu irratti isa dabre, inni dhugumatti cubbuufi badii ifa ta’e baateera.
Verse 113
Odoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa sirra jiraachuu baatee, silaa gareen isaan irraa taate tokko si jallisuuf yaaddeettiLubbuu isaanii malees homaa sin jallisanuHomaa si hin miidhanusRabbiin Qur’aanaafi hadiisa sirratti buuse; waan ati hin beeknes si barsiise, Tolli Rabbiin sirratti oolu guddaa ta’eera.
Verse 114
Nama sadaqaatti yookiin gaggaarii yookiin gidduu namaatti araarama uumuutti ajaje malee irra hedduu iccitii isaanii keessa toltuun hin jiruNama jaalala Rabbii barbaaduuf kana hojjate, fuulduratti mindaa guddaa isaaf kennina.
Verse 115
Namni erga karaan sirriin ifa isaaf ta’ee booda ergamicha faallesseefi karaa mu’uminootaatiin ala hordofe, waan inni moo'e (jallina) irratti isa moosifna; jahannamiinis isa seensifnaDeebittiin waa fokkatee!
Verse 116
Dhugumatti Rabbiin Isatti qindeeffamuu hin araaramuWaan sanaa gadii nama fedheef ni araaramaNamni Rabbitti qindeesse dhugumatti jallina fagoo ta’e jallateera.
Verse 117
Isaa gaditti dhaltuuwwan malee homaa hin gabbaranu; shayxaana darbamaa malees homaa hin gabbaranu.
Verse 118
Rabbiin isa abaareeraInnis ni jedhe: “Ani gabroota kee irraa qooda murtaa’e nan qabadha.
Verse 119
Isaanis nan jallisa; isaan nan hawwisiisas; isaanis nan ajajaa gurra beeyladaa ni tarsaasu; isaanis nan ajajaa uumama Rabbii ni jijjiiru." Namni Rabbiin ala sheyxaana jaalallee godhate, inni dhugumatti hoongoo ifa ta’e hoonga’eera.
Verse 120
Isaaniif waadaa seena; isaanis ni hawwisiisaShayxaanni gowwoomsaa malee isaaniif waadaa hin galu.
Verse 121
Warri sun qubsumni isaanii jahannami; ishee irraa gara itti dabanis hin argatanu.
Verse 122
Isaannan amananii, gaggaarii hojjatan, fuulduratti jannata laggeen ishee jala yaatu isaan seensifnaYeroo hunda achi keessatti hafuRabbiin waadaa seenee dhugaa isa godheNamni dubbiidhaan Rabbirra dhugaa eenyu? (Hin jiru).
Verse 123
Hawwii keessaniifi hawwii abbootii kitaabaatiin hin taane; namni hamtuu hojjate isaan mindeeffama; Rabbii gaditti jaalalleefi gargaaraas isaaf hin argu.
Verse 124
Dhiiraafi dhalaa irraa namni mu’umina ta’ee hojii gaggaarii hojjate, isaan sun jannata seenu; hanga tuqaa temiraas hin miidhamanu.
Verse 125
Amantii keessattis nama haala bareechaa ta'een fuula isaa Rabbiif bulchee tolcheefi amantii Ibraahiim qajeelaa haala ta'een hordofe caalaa namni tolche eenyu? Rabbiin Ibraahiimiin jaalallee godhateera.
Verse 126
Wantoonni samiifi wantoonni dachii keessa jiran (hundi) kan RabbiitiRabbiin waan hundatti (beekumsaan) marsaa ta'e.
Verse 127
Waa'ee dubartootaa keessatti si gaafatu"Waa'ee isaanii keessatti Rabbiin isiniif ibsaWanti kitaaba keessattis waa'ee dubartoota yatiimaa kan isin waan isaaniif barreeffame isaaniif hin kenninefi isaan fuuchuu jibbitaniifi dadhabdoota ijoollee irraa ta'aniifi yatiimotaafis haqaan dhaabbachuu isin irratti dubbifamutu (isinitti hima)” jedhiToltuu irraa waan isin hojjattan kamillee dhugumatti Rabbiin isa beekaa ta’eera.
Verse 128
Yoo dubartiin tokko dhirsa ishee irraa fagaachuu yookiin irraa gara galiinsa sodaatte, gidduu isaaniitti walii galtee uumuun badiin isaan irra hin jiruWalii galteen gaariidhaLubbuun don’ummaa kennamteYoo tolchitanii (badii irraa) eeggattan, dhugumatti Rabbiin waan isin hojjattan (hunda) keessa beekaadha.
Verse 129
Odoma bololtaniillee gidduu dubartootaa wal qixxeessuu hin dandeessanu; (Gara ishee tokkoo) dabiinsa hunda dabdanii (ishee kaan) akka rarraafamtuutti hin dhiisinaaYoo tolchitanii (Rabbiin) sodaattan, dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.
Verse 130
Yoo isaan adda ba’an, Rabbiin hundaayyuu tola Isaa irraa ni duroomsaRabbiin (kenni isaa) bal'aa, ogeessa ta'eera.
Verse 131
Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa kan RabbiitiDhugumatti warra isin dura kitaaba kennamaniifi isiniifis Rabbiin sodaadhaa jechuu dhaamnee jirraYoo kafartanis Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa kan RabbiitiRabbiin dureessa, faarfamaa ta’eera.
Verse 132
Wantoonni samiifi dachii keessaa hundi kan RabbiitiHirkoodhaaf Rabbumatu ga’aadha.
Verse 133
Yaa namootaa! (Rabbiin) yoo fedhe isin deemsisee warra biraa fidaRabbiin kana irratti danda’aa ta'eera.
Verse 134
Namni mindaa addunyaa kan fedhu ta'e, mindaan addunyaafi Aakhiraa Rabbiin bira qofa jiraRabbiin dhaga’aa, argaa ta’eera.
Verse 135
Yaa warra amantan! odoma lubbuu keessan yookiin abbaa haadha keessaniifi firoota keessan irrattis ta’eeyyuu haqaan dhaabbataa Rabbiif ragaa bahaa ta’aaYoo dureessa yookiin hiyyeessa ta’anis Rabbitu irra isaanitti aanaHaqa irraa dabuuf fedha lubbuu keessanii hin hordofinaaYoo (ragaa) dabsitan yookiin (ragaa bahuu irraa) gara galtan, dhugumatti Rabbiin waan isin dalagdan hunda beekaa ta'eera.
Verse 136
Yaa warra amantan! Rabbitti, ergamaa Isaatti, kitaaba ergamaa Isaa irratti buufamettiifi kitaaba Inni sana dura buusetti amanaaNamni Rabbitti, maleeykota Isaatti, kitaabota Isaatti, ergamtoota Isaattiifi Guyyaa Aakhiraatti kafare, inni dhugumatti jallina fagoo jallateera.
Verse 137
Dhugumatti isaan amananii ergasii kafaran, ergasii amananii ergasii kafaran, ergasiis kufrii daddabalatan, Rabbiin kan isaaniif araaramuufi karaa isaan qajeelchu hin taane.
Verse 138
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
ﯕ
Adabni laalessaan isaaniif jira jechuudhaan munaafiqoota gammachiisi.
Verse 139
)Isaan) warra mu’uminootaa gaditti kaafiroota jaalallee godhataniidhaSila jabeenya isaan bira barbaaduu? Dhugumatti, jabeenyi hundi kan Rabbiiti.
Verse 140
Dhugumatti, kitaaba keessatti “yeroo keeyyattoota Rabbii kan isaanitti kafaramuufi isaanitti qoofamu dhageessan, hanga isaan haasa’a biraa keessa seenanitti isaan waliin hin taa’inaa” jechuun (Rabbiin) isin irratti buuseeraYoos isinis fakkaattota isaaniitiDhugumatti, Rabbiin munaafiqootaafi kaafiroota jahannam keessatti walitti qabaadha.
Verse 141
)Isaan) warra hamtuu isinitti eeganuudhaYoo injifannoon Rabbi irraa isiniif ta’e “nuti isinii wajjiin hin turree?” jedhuYoo carraan kaafirootaf ta’e immoo “sila nuti isin irratti akkaan hin hoggannee? Mu’uminoota isin irraa hin dhorginee?” jedhuRabbiin Guyyaa Qiyaamaa gidduu keessanitti ni murteessaRabbiin kaafirootaaf mu’uminoota irratti karaa hin godhu.
Verse 142
Dhugumatti munaafiqoonni Rabbiin ganuInnis (mindaa dalagaa isaaniitiif) ganaa isaaniitiYeroo gara salaataa ka'anis, taatiyaahaa, nama argisiifataa dhaabbatuXiqqoo malee Rabbiin hin faarsanu.
Verse 143
Gidduu kanatti dhama'oo ta'anii gara isaan kanaas miti; gara isaan sanaas mitiNama Rabbiin jallise, karaa (qajeelumaa) isaaf hin argitu.
Verse 144
Yaa warra amantan! Mu’uminootaa gaditti kaafiroota jaalallee hin taasifatinaaSila isin irratti Rabbiif ragaa ifa ta’e taasisuu feetuu?
Verse 145
Dhugumatti, munaafiqoonni ibidda irraa sadarkaa gadii keessa ta'uTumsaas isaaniif hin argitu.
Verse 146
Isaan tawbatanii, tolchanii, Rabbiin qabataniifi amantii isaanii Rabbiif qulqulleessan maleeWarri kun mu’uminoota waliin ta’uRabbiinis mu’uminootaaf mindaa guddaa ni kenna
Verse 147
Yoo isin (Isa) galateeffattanii (Isatti) amantan Rabbiin adabbii keessan irraa maal godha? Rabbiin galateeffataa, beekaa ta’eera.
Verse 148
Yoo nama miidhame ta’e malee Rabbiin jecha irraa hamaa ifa baasuu hin jaalatuRabbiinis dhagayaa, beekaa ta'eera.
Verse 149
Yoo toltuu ifa gootan yookiin isa dhoksitan yookiin hamtuu irraa dhiifama gootan, dhugumatti Rabbiin akkaan dhiifama godhaa, danda’aa ta'eera.
Verse 150
Dhugumatti, isaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti kafaran, kan gidduu Rabbiitiifi ergamtoota Isaa adda baasuu fedhan, “garii Isaatti ni amanna; garii Isaatti ni kafarra” jedhanii, gidduu sanitti karaa godhachuu fedhan,
Verse 151
Isaan warra dhugaan kafaraniidhaNutis kaafirootaaf adabbii xiqqeessaa qopheessinee jirra.
Verse 152
Isaan Rabbiifi ergamtoota Isaattis amanan, gidduu tokkoon isaan irraa ta'ees adda hin baasin, isaan san (Rabbiin) mindaa isaanii isaaniif kennaRabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.
Verse 153
Abbootiin kitaabaa samii irraa kitaaba isaan irratti buusuu si gaafatuMuusaas waan kana irra guddaa gaafataniiru“Rabbiin ifatti nu agarsiisi” jedhaniSababaa miidhaa isaaniitiin gaggabbiin (duuti) isaan qabdeSana booda erga mallattoowwan isaanitti dhufanii jibicha (gabbaramaa) godhatanSanas irra isaaniif dabrineMuusaaf ragaa ifa ta’e kennine.
Verse 154
Waadaa isaan galchuuf gaara isaan irratti ol kaafnee “sujuuda godhaa balbalicha seenaa” isaaniin jenne“Sanbata keessattis daangaa hin tarinaa" isaaniin jenneWaadaa ulfaataas isaan irraa fuune.
Verse 155
Sababa isaan waadaa isaanii diiguutiin, keeyyattoota Rabbiitti kafaruutiin, nabiyyootas karaan ala ajjeesuu isaaniitiifi “onneen keenya haguugamtee jirti” jechuu isaaniitiin (isaan abaarre)Dhugumatti Rabbiin sababaa kufrii isaaniitiif ishee (onnee isaanii) irratti haguuge; muraasa malee hin amananu.
Verse 156
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮ
ﭯ
Sababaa kufrii isaaniitiifi Maryam irratti kijiba guddaa odeessuu isaanitiif (isaan abaarre).
Verse 157
Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre)Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnesDhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiruYaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qabanQabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.
Verse 158
Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudheRabbiin injifataa, ogeessa ta'e.
Verse 159
Abbootiin kitaabaa kamillee odoo hin du'in dura isatti amanu malee hin hafuGuyyaa Qiyaamaas isaan irratti ragaa ta’a.
Verse 160
Sababaa miidhaa warra yahuudomaniifi sababaa isaan (namoota) baay’ee karaa Rabbii irraa deebisaniif gaggaarii halaala isaaniif ta’ee ture haraama isaan irratti taasifne.
Verse 161
Dhalas odoo dhugumaan irraa dhorgamanii jiranuu fudhachuu isaaniitiin, horii namaas karaa malee waan nyaataniif (isaan abaarre)Kaafiroota isaan irraa ta'aniif adabbii laalessaa qopheessineerra.
Verse 162
Garuu isaan irraa warri beekumsa gadi fagoo qabaniifi mu’uminoonni waan gara keetti bu’eefi waan si dura bu’etti ni amanu; warra salaata dhaabanin (faarsa)Warri zakaa kennaniifi, Rabbiifi Guyyaa Aakhiraattis amanan, isaan sana mindaa guddaa isaaniif kennina.
Verse 163
Dhugumatti, Nuti akkuma gara Nuuhiifi nabiyyoota isa booda turaniitti beeksisa goone, gara keetti beeksisa goonee jirra; Gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquub, ilmaan Ya’aquub, Iisaa, Ayyuub, Yuunus, Haaruuniifi Suleymaanittis beeksisa goonee jirraDaawuudiifis ‘Zabuur’ kennineerra.
Verse 164
Ergamtoota san dura seenaa isaanii siif himneefi kan seenaa isaanii siif hin himiniis (erginee jirra)Rabbiin haasofsiisuudhuma Muusaa haasofsiise.
Verse 165
Akka Ergamtoota booda Rabbi irratti namaaf ragaan hin argamneef Gammachiisoofi dinniinoo taasifnee ergamtoota (ergine.) Rabbiinis injifataa, ogeessa.
Verse 166
Garuu Rabbiin waan gara keetti buuse irratti ragaa ba’aBeekumsa Isaatiin isa buuseMalaa’ikoonnis ragaa ba’uRagaadhaaf Rabbiin qofti ga’aadha.
Verse 167
Dhugumatti, warra kafaraniifi karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan, dhugumatti isaan jallina fagoo ta’e jallataniiru.
Verse 168
Dhugumatti, isaan kafaraniifi miidhaa hojjatan, Rabbiin kan isaaniif araaramuufi karaa isaan qajeelchu hin taane.
Verse 169
Garuu ishee keessatti yeroo hunda hafoo ta'anii karaa jahannam (isaan qajeelcha)Kun Rabbi irratti laafaa ta’eera.
Verse 170
Yaa namootaa! Dhugumatti, ergamaan dhugaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufeeraa; isatti amanaa caalaa isiniif (ta'aa)Yoo kafartanis, wantoonni samiifi dachii keessaa kan RabbiitiRabbiinis beekaa, ogeessa ta’eera.
Yaa abbootii kitaabaa! amantii keessan keessatti daangaa hin dabrinaa; Rabbi irrattis dhugaa malee hin haasa’inaaIlmi Maryam, Masiih, Iisaan ergamaa Rabbiiti; jecha Isaa (ta'i jedhu) kan Inni gara Maryam darbeedhaRuuhii (uumaa) isaa irraa ta'eedhaRabbiifi ergamtoota Isaattis amanaa“Rabbiin sadihi” hin jedhinasIsarraa dhorgamaa; isiniif caalaa (ta'aa)Rabbiin dhugaan gabbaramaa tokkicha qofaInni ilmi Isaaf ta’uu irraa qulqullaa’eWantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa kan IsaatiHirkoodhaafis Rabbiin qofti ga’aadha.
Verse 172
Masiih Rabbiif gabricha ta’uu irraa hin nuffu; Malaa’ikoonni dhihoonis (hin nuffanu)Namni Isa gabbaruu irraa nuffeefi boone, Inni hunda isaanii gara Isaatti walitti isaan qaba.
Verse 173
Isaannan amananiifi gaggaarii hojjatan, mindaa isaanii isaaniif guutaTola Isaa irraas isaaniif dabalaIsaannan nuffaniifi boonan adabbii laalessaa isaan adabaIsaaniifis Rabbii gaditti jaalallees ta’ee tumsaa hin argatanu.
Verse 174
Yaa namootaa! Dhugumatti ragaan Gooftaa keessan irraa ta'e isinitti dhufeeraIfa mul’ataa taasifnees gara keessanitti buufnee jirra.
Verse 175
Isaannan Rabbitti amananii, Isa qabatan immoo, fuulduratti rahmata Isa irraa ta’eefi tola keessa isaan seensisaGara isaatti karaa qajeelaa isaan qajeelcha.
Si gaafatuJedhi: “Rabbiin waa'ee ‘kalaalah’ (nama jalaafi gubbaan kan isa dhaalu hin qabne) keessatti isiniif ibsaYoo namni ilma hin qabne tokko obboleettii odoo qabuu du’e isheedhaaf walakkaa waan inni dhiisetu jiraInnis yoo isheen ilma hin qabaatin ishee dhaalaYoo isaan (obboleettiiwwan) lama ta’an, isaaniif dhaala inni dhiise irraa lama sadaffaatu jiraYoo obbolaan dhiirotaafi dubartoota ta'an immoo dhiiraaf fakkii qooda dubartii lamaatu jiraRabbiin akka isin hin jallanneef isiniif ibsaRabbiin waan hunda beekaadha."
تقدم القراءة