Hiikkaa Suura النحل الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
Ajajni Rabbii (Guyyaan Qiyaamaa) dhufee, kanaafuu isa hin ariifachiisinaa(Rabbiin) waan isaan Isatti qindeessan irraa qulqullaa’ee ol ta’eera
Verse 2
Maleeykota wahyiidhaan eeyyama Isaatiin gabroota Isaa irraa nama fedhe irratti buusa“(kaafiroota adabaan) akeekkachiisaaDubbiin, Gooftaan dhugaan gabbaramu Ana malee hin jiru; Anuma sodaadhaa” jechuun (malaykaa buusa).
Verse 3
Samiifi dachii dhugaadhaan uumeeraInni waan isaan (Isatti) qindeessan irraa ol ta’eera.
Verse 4
Bishaan xiqqoo irraa nama uumeYoma san inni (Aakiraa sobsiisuun) mormaa ifa bahaadha.
Verse 5
Beyladas isiniif ishee uumeIsaan keessatti isiniif ho’ifannaafi bu’aalee birootu jiraIshee irraas ni nyaattu.
Verse 6
Yeroo (gara mooraa) galchitaniifi yeroo bobbaaftan (gadi yaaftan) ishee keessa bareedumatu isiniif jira.
Verse 7
Ba’aa keessan ulfaataas gara biyya isin ifaajee (rakkina) lubbuutiin malee isa gahoo hin taaneetti baadhattiDhugumatti, Gooftaan keessan mararfataa, rahmata godhaadha
Verse 8
Farda, gaangewwaniifi harrootas akka yaabbattaniifi miidhaginaaf jecha (isiniif uume)Wantoota isin hin beeknes ni uuma
Verse 9
(Tola isaatiin) karaa qajeelaa ibsuun Rabbuma irra jiraIshee irraas jallaatu jira(Rabbiin) odoo fedhee hunda keessan isin qajeelcha ture.
Verse 10
Inni Isa samii irraa bishaan isiniif buuseIsiniif isa irraa dhugaatiitu jiraIsa irraas muka isin ishee keessatti (beyladoota) tikfattantu (marga.)
Verse 11
Isaan sanyii, Zeytuuna, muka Timiraa, Inabaafi fuduraalee hunda irraa isiniif magarsaDhugumatti, kana keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.
Verse 12
Halkan, guyyaa, aduufi ji’as isiniif laaffiseUrjiiwwanis ajaja Isaatiin laaffifamoodhaDhugumatti, kana keessa namoota hubannoo qabaniif mallattooleetu jira.
Verse 13
Bifti isaanii adda adda ta’ee wantoota dachii keessatti isiniif uumes (isiniif laaffise)Dhugumatti, kana keessa namoota gorfamaniif mallattootu jira
Verse 14
Inni Isa akka isa irraa foon haarawa nyaattaniifi faaya ishee uffattanis isa irraa baafattaniif jecha galaana isiniif laaffiseedhaDooniwwanis isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) argitaAkka tola isaa irraa barbaaddaniifi akka galateeffattaniif jecha (kana godhe)
Verse 15
Gaarreenis akka isiniin hin sochooneef dachii keessatti godheLaggeeniifi karaalees akka qajeeltaniif (godhe).
Verse 16
ﭝﭞﭟﭠﭡ
ﭢ
Mallattoolees (isiniif godhe)Urjiidhaanis isaan (karaa) qajeelu.
Verse 17
Sila Inni (waan hunda) uumu akka isa (waan tokkos) hin uumneetii? Sila isin hin gorfamtanuu?
Verse 18
Tola Rabbii yoo lakkooftan waliin gahuu hin dandeessanuDhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Verse 19
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
ﭾ
Rabbiin waan isin gadi qabattaniifi waan ol qabattanis ni beeka.
Verse 20
Warri isaan Rabbii gaditti gabbaranu homaa hin uumanuIsaanumtuu ni uumamu.
Verse 21
(Isaan) du’aawwan fayyaa hin taaneedhaYoom akka kaafamaniis hin beekanu.
Verse 22
Dhugumatti gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkichaIsaan Aakhiraatti hin amanne, onneen isaanii (tokkichummaa Rabbii) mormituudha; isaanis boontota
Verse 23
Rabbiin waan isaan dhoksaniifi waan isaan mul’isanis beekaa ta’uutti shakkiin hin jiruInni boontota hin jaallatu.
Verse 24
Yeroo “Gooftaan keessan (Muhammad irratti) maal buuse” isaaniin jedhame, “(inni) afoola (ogbarruu) warra duriiti” jedhu.
Verse 25
Akka Guyyaa Qiyaamaa guutuu taatee badii isaaniitiifi badii warra beekumsa malee jallisanii irraa baadhatanuuf (kana jedhu)Dhagahaa! Wanti isaan baadhatan waa fokkate!
Verse 26
Dhugumatti, warri isaan dura turan tooftaa baasaniiru(adabbiin) Rabbii bu’uura irraan manneen isaaniitti dhufee (ishee diige)Ijoon (gubbaan manaa) gubbaa isaaniitiin isaan irratti kufeAdabnis karaa isaan hin beekneen isaanitti dhufe
Verse 27
Sana booda Guyyaa Qiyaamaa isaan salphisa“Hiriyoonni kiyya kan (dhimma) isaanii keessatti (mu’uminoota) faallessaa turtan eessa jiru?” jedhaIsaan beekumsa kennaman “dhugumatti har’a salphinaafi hamtuun kaafiroota irratti ta’eera” jedhu.
Verse 28
(Isaan) warra lubbuu isaanii miidhoo ta’anii maleeykonni isaan ajjeesaniidhaHamtuu tokkollee kan dalagnu hin turre jechuun ajajamoo ta’uu isaanii (sobaan) ibsu“Lakkisaa dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjachaa turtan beekaadha
Verse 29
Ishee keessatti kan haftan ta’aatii balbala Jahannam seenaa.” (isaaniin jedhama)Dhugumatti, teessoon boontotaa waa fokkate.
Verse 30
Isaan (Rabbiin) sodaataniin “Gooftaan keessan (Muhammad irratti) maal buuse?” jedhame“Gaarii (buuse)” jedhanWarra toltuu hojjataniif addunyaa kana keessatti (jiruu) gaariitu jiraManni Aakhiraa immoo irra caalaadhaGandi warra (Rabbiin) sodaatanii waa tole!
Verse 31
(Isheen) Jannata qubsumaa jala ishee laggeen kan yaatu taatee, Ishee keessa wanti isaan fedhan isaaniif ta’uun kan ishee seenaniidhaAkka kanatti Rabbiin sodaattota (Isaa) mindeessa
Verse 32
(Isaan) warra gaggaarii ta’anii maleykonni “nageenyi isin irratti haa jiraatu; waan hojjachaa turtaniinis jannata seenaa” jedhaa isaan ajjeefteedha
Verse 33
Sila (kaafiroonni) maleeykonni isaanitti dhufuu yookiin ajajni Gooftaa keetii isaanitti dhufuu malee (waan biraa) ni eeguu? Warri isaaniin duraas akkuma kana dalaganiiruRabbiin isaan hin miineGaruu isaan lubbuu isaanii kan miidhan turan.
Verse 34
(Adabni) hamtuuwwan isaan hojjatanii isaan argatteWanti isaan itti qishinaa turanis isaanitti marse.
Verse 35
Isaan (Rabbitti waan biraa) qindeessan ni jedhan: “odoo Rabbiin fedhee, nutis ta’ee abbootiin keenya Isaa gaditti waan biraa hin gabbarru turre(Ajaja) Isaatiin alas homaa haraama hin goonu turre.” Warri isaaniin duraas akkuma kana dalaganSila ergamtoota irra (ergaa) ifatti qaqqabsiisuu malee wanti biraa jiraa?
Verse 36
Dhugumatti, Nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirraIsaan irraa nama Rabbiin isa qajeelchetu jiraAmmas isaan irraa nama jallinni isa irratti mirkanaa’etu jiraDachii keessa deemaatii booddeen sobsiiftotaa akkam akka ta’e ilaalaa
Verse 37
Yoo qajeeluma isaanii irratti bololtes (qajeelchuu hin dandeessu)Dhugumatti Rabbiin namoota jallisu hin qajeelchu; tumsitoonnis isaaniif hin jiran.
Verse 38
Kakaa isaanii kan daangaa gahe “Rabbiin nama du’e hin kaasu” jechuun Rabbiin kakatanLakkisaa (isin kaasaa); Waadaa isa irratti dhugaa ta’e (Rabbiin seeneera)Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.
Verse 39
(Sababni du’a irraa isaan kaasuuf) akka waan isaan isa keessatti wal dhaban isaaniif ibsuufi akka warri kafaran dhugumatti kijiboota ta’uu isaanii beekaniifi.
Verse 40
Wanta kamillee (ta’uu) isaa yoo feene, jechi keenya isaan ‘ta’i’ (jechuu) qofaAchumaan ta’a
Verse 41
Isaan erga miidhamanii booda (karaa) Rabbii keessatti godaanan, dhugumatti addunyaa keessatti (qubannaa) gaarii ta’e isaan qubsiifnaOdoo kan beekan ta’anii mindaa Aakhiraatu irra guddaadha.
Verse 42
ﰄﰅﰆﰇﰈ
ﰉ
(Isaan) warra obsanii, Gooftaa isaanii (qofa) irratti hirkataniidha.
Verse 43
Nuti si dura dhiirota wahyii gara isaaniitti goone malee (waan biraa) hin ergineYoo kan hin beekne taatan, abbootii beekumsaa gaafadhaa.
Verse 44
Mallattoolee ifa ta’aniifi kitaabotaan (isaan ergine)Akka namootaaf waan gara isaaniitti buufame ibsituufi isaanis xiinxalaniif Qur’aana gara keetti buufne.
Verse 45
Sila isaan tooftaa badaa baasan ‘Rabbiin dachii isaaniin gadi kutuu yookiin iddoo isaan hin beekne irraa adabbiin isaanitti dhufuu’ hin sodaatanuu?
Verse 46
Yookiin deddeebi’uu isaanii keessatti (Rabbiin) isaan qabuu (hin sodaatanuu)? Isaanis dadhabsiisoo hin taane.
Verse 47
Yookiin sodaa (isaanii) irratti (Rabbiin) isaan qabuu (hin sodaatanuu)? Dhugumatti Gooftaan keessan mararfataa, rahmata godhaadha.
Verse 48
Sila wantoota irraa gara waan Rabbiin uumee, kan gaaddisni isaanii xiqqaatoo ta’anii Rabbiif sujuuduudhaan gara mirgaafi bitaatti daban hin ilaalanii?
Verse 49
Lubbu qabeeyyii irraa Wanti samii keessa jiraniifi Wanti dachii keessa jiran, maleeykonnis Rabbiif sujuuda godhuIsaanis hin boonanu.
Verse 50
Gubbaa isaanii irratti Gooftaa isaanii sodaatu; waan itti ajajamaniis ni dalagu.
Verse 51
Rabbiinis “gabbaramoota lama hin godhatinaaDhugumatti, Inni Gooftaa tokko qofaAnuma qofa sodaadhaa” jedhe.
Verse 52
Wantoonni samiifi dachii keessa jiran hundi kan IsaatiAmantiinis walitti fufaa ta’ee kan IsaatiSila waan Rabbiin ala jiru sodaattuu?
Verse 53
Ni’imaa irraa wanti isin bira jirus Rabbuma irraayyiErgasii yeroo miidhaan isin tuqe, garuma Isaatti waywaattu.
Verse 54
Ergasii yeroo Inni miidhaa san isin irraa kaasu, yeroma san gareen isin irraa ta’e Gooftaa isaaniitti (wanta biraa) qindeessu.
Verse 55
Waan Nuti isaaniif kenninetti kafaruuf (Isatti qindeessu)Qanani’aa; fuula dura (waan isin mudatu ) ni beektuu
Verse 56
Waan Nuti isaaniif kennine irraa waan hin beekneef qooda taasisuRabbitti kakadhee! waan (sobaan) odeessaa turtan irraa ni gaafatamtu
Verse 57
(Maleykaa irraa) Rabbiif shamarran taasisuQulqullina isaa (qulqullaa’e)Isaaniif immoo waan fedhan (dhiirota) taasisu
Verse 58
Tokkoon isaanii yeroo dubaraan gammachiifame, innis gaddaan kan guutame ta’ee fuulli isaa gurraacha ta’a.
Verse 59
Fokkina waan ittiin gammachiifamee irraas “Sila salphina irratti ishee qabata moo? biyyee keessatti ishee awwaala?” (jechuun kan dhama’e ta’ee) namoota irraa dhokataDhagahaa! Wanti isaan murteessan waa fokkate!
Verse 60
Isaan Aakhiraatti hin amanneef amala gadheetu jiraRabbiif immoo sifaata ol ta’aatu jiraInni injifataa, ogeessa.
Verse 61
Odoo Rabbiin namoota miidhaa isaaniitiin qabee, silaa dugda ishee (dachii) irratti lubbuu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu tureGaruu hanga beellama murtaa’eetti isaan tursiisaYeroo beellamni isaanii ga’e, sa’aatii tokkollee hin tursiifamanu; duras hin bu’anu.
Verse 62
Waan ofii jibbanis Rabbiif taasisu“Toltuun (Jannanni) numaafi” (jechuun) Arrabni isaaniis kijiba dubbattiIbiddi isaaniif ta’ee isaan (gara ishee) jalqaba oofamuutti shakkiin hin jiru.
Verse 63
Rabbitti kakadhee! Dhugumatti, Nuti gara ummatoota si duraa (ergamtoota) erginee jirraSheyxaannis dalagaa isaanii isaaniif miidhagsee jiraInni (sheyxaanni) har’a jaalallee (gargaaraa) isaaniitiIsaaniifis adabbii laalessaa ta’etu jira.
Verse 64
Mu’uminootaaf qajeelumaafi rahmata ta’ee akka waan isaan isa keessatti wal dhaban isaaniif addeessituuf malee (waa biraatiif) Nuti kitaaba sirratti hin buufne.
Verse 65
Rabbiin samii irraa bishaan buusee dachiis erga isheen duute booda ittiin jiraachiseDhugumatti kana keessa ummata dhaga’aniif mallattootu jira.
Verse 66
Dhugumatti beellada keessas xiinxalatu isiniif jiraWaan garaa isaanii keessa jiru irraa cumaafi dhiiga gidduu aannan qulqulluu dhugdootaaf gadi liqimfamaa ta’e isin obaafna.
Verse 67
Fuduraalee mukkeen Tamiriitiifi Inabaa irraas dhugaatii macheessuufi soorata gaggaarii godhattuDhugumatti kana keessa namoota hubannoo qabaniif mallattootu jira.
Verse 68
Gooftaan keetis “gaarreen, mukaafi waan isaan ijaaran irraas mana godha dhu” (jechuun) gara kanniisaatti beeksisa godhe.
Verse 69
“Ergasii fuduraa hunda irraa nyaadhuu laafaa haala ta’een karaalee Gooftaa keetii seeni.” Garaa ishee irraa dhugaatii bifti isaa gara gara ta’e, kan isa keessa namaaf dawaan jirutu bahaDhugumatti kana keessa namoota xiinxalaniif mallatootu jira.
Verse 70
Rabbiin isin uumeErgasii isin ajjeesaBeekumsa booda akka homaa hin beekneef, Isin irraas nama gara umrii gadi aanaa (dullumaa) deebifamutu jiraDhugumatti, Rabbiin beekaa, danda’aadha.
Verse 71
Rabbiin soorata keessatti garii keessan garii irra caalchiseeraIsaan caalchifaman qabeenya isaanii gara waan (gabroota) harki isaanii dhuunfattee deebisanii isaanis isa keessati kan wal qixxaatanu hin taaneSila tola Rabbii mormuu?
Verse 72
Rabbiin lubbuu keessan irraas haadhotii manaa isiniif godheHaadhotii manaa keessan irraas ilmaaniifi ilmaan ilmaaniis isiniif godheWantoota gaggaarii irraas isin sooreSila isaan sobatti amananii tola Rabbiitti kafaruu?
Verse 73
Rabbiin ala wantoota samiifi dachii irraas soorata isaaniif hin kennineefi (waan tokko) kan hin dandeenye gabbaru.
Verse 74
Rabbiif fakkeenya hin godhinaaDhugumatti, Rabbiin ni beeka; isin hin beektanu
Verse 75
Rabbiin gabricha horatamaa, kan homaa irratti dandeettii hin qabneefi nama Nuti of biraa soorata gaarii isaaf kenninee, inni isa irraa dhoksaafi ifattis kan arjoomu (isaafi wantoota isaan alaatiif) fakkeenya taasiseeraSila isaan wal qixa ta’uu? Faaruun hundi kan RabbiitiDhugumatti irra hedduun isaanii hin beekanu.
Verse 76
Rabbiin namoota lama (mu’uminootaafi kaafirootaaf) fakkeenya taasiseera: tokkoon isaan lamaanii arraba hidhamaadha; homaa irrattis dandeettii hin qabu; inni maatii isaa irratti ba’aadha; bakkuma inni isa erge hunda irraayyuu waan gaariin hin dhufuSila inniifi namni inni karaa qajeelaa irra jiraatee haqatti ajaju, wal qixa ta’aa?
Verse 77
Iccitiin fagoo samiifi dachii (hunduu) kan RabbiitiWaa’een Qiyaamaas akka libsuu ijaa malee hin taane; yookiin inni isa irra dhihoodhaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Verse 78
Rabbiin kan homaa hin beekne taatanii garaa haadha keessanii irraa isin baaseAkka galateeffattanuuf dhageettii, argaafi onnees isiniif godhe.
Verse 79
Sila gara allaattii hawaa samii keessa (kufuu irraa) Rabbiin malee wanti biraa kan ishee hin qabne taatee (bararuuf) laaffifamtuu taatee hin ilaallee? Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira
Verse 80
Rabbiin manneen keessan irraa iddoo teessumaa isiniif godheGogaa beyladaa irraas manneen guyyaa imala deemtaniifi guyyaa mana jireenya keessaniis salphifattan isiniif taasiseeraAkkasumas suufa hoolaa, rifeensa gaalaafi rifeensa re’ee irraas hanga yerootiif meeshaafi faa’idaalee (isiniif godheera).
Verse 81
Rabbiin wantoota uume irraa gaaddisawwan isiniif godheGaarreen irraas iddoo dhokannaa (isinii godhe)Uffatawwan ho’aa (fi qorra) isin irraa dhorgitus isiniif godhe; uffatawwan balaa waraanaa irraa isin tiksitusAkka isin (isaaf) ajajamtaniif akka kanatti (Rabbiin) tola Isaa isin irratti guuta
Verse 82
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
ﮌ
Yoo (haqa irraa) garagalaniif, dhugumatti wanti sirra jiru (ergaa) qaqqabsiisuu ifa ta’e qofa.
Verse 83
Tola Rabbii ni beekuErgasii ishee mormuIra hedduun isaaniis kaafiroota
Verse 84
Guyyaa ummata hunda irraa ragaa kaafnus [yaadadhaa]Sana booda isaan kafaraniif (akka haasa’an) hayyamni hin kennamu(Komii dhiifama qabus) hin komatamanu.
Verse 85
Isaan miidhaa dalagan yeroo adabbii argan, isaan irraa hin salphifamu; Yeroonis isaaniif hin kennamu.
Verse 86
Isaan (Rabbitti waan biraa) qindeessan yeroo qindoolee isaanii argan “Gooftaa keenya! Isaan kun qidoolee keenya warra nuti siin ala kadhachaa turreedha” jedhu(Gabbaramtoonnis) “dhugumatti isin kijiboodha” (jedhuun) jecha gara isaanii darbatu.
Verse 87
Isaan guyyaa san ajajamoo ta’uu gara Rabbiitti dhiyeessuWanti isaan sobaan uumaa turanis isaan irraa bade.
Verse 88
Isaan kafaranii karaa Rabbii irraas (namoota) deebisan, waan isaan balleessaa turaniif jecha, adabbii irratti adabbii isaaniif daballa.
Verse 89
Guyyaa Nuti ummata hunda keessatti lubbuma isaanii irraa ragaa isaan irratti baafnuufi sis (yaa Muhammad SAW!) isaan kana irratti ragaa goonee si fidnu [yaadadhu]Waan hunda addeessuuf jecha, Muslimootaaf qajeeluma, rahmataafi gammachuu goonee Kitaaba (Qur’aana) sirratti buufne
Verse 90
Dhugumatti, Rabbiin haqatti, toltuu hojjachuufi firootaaf (gargaarsa) kennuutti ajajaWantoota fokkatoo, waan jibbamaadhaafi miidhaa irraas ni dhorgaAkka gorfamtaniif jechas isin gorsa
Verse 91
Yeroo waadaa seentan waadaa Rabbii guutaaKakuus dhugumatti Rabbiin kan ragaa of irratti gootan taatanii eega ishee jabeessitanii booda hin diiginaaDhugumatti Rabbiin waan isin hojjattan ni beekaa.
Verse 92
Ummanni tokko ummata biraa irra sababa baay’achuutiin kakuu keessan gidduu keessanitti (wal ganuuf) seensa godhattanii akka ishee jibrii ishee erga footee jabeessitee booda diiginsa diigdee hin ta’inaaRabbiin kanaan isin qormaatuuf (kana godhe)Guyyaa Qiyaamaas waan isa keessatti wal dhabaa turtan dhugumatti isiniif addeessa
Verse 93
Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isin taasisa tureGaruu nama fedhe ni jallisa; nama fedhes ni qajeelchaWaan dalagaa turtan irraas dhugumatti ni gaafatamtu.
Verse 94
Faanti erga lafa qabattee booda akka hin mucucaanneefi sababaa karaa Rabbii irraa (namoota) deebiftaniif hamtuu akka hin dhandhamneef kakuu keessan gidduu keessanitti (wal ganuuf) seensa hin godhatinaa(Oggas) isiniif adabbii guddaatu jira
Verse 95
Waadaa Rabbiis maallaqa xiqqaatti hin gurguratinaaYoo kan beektan taatan dhugumatti, wanti Rabbiin bira jiru, isatu isiniif caalaadha.
Verse 96
Wanti isin biraa ni dhumaWanti Rabbiin biraa immoo hafaadhaIsaan obsaniif mindaa isaanii irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina.
Verse 97
Dhiiras ta’ee dubartii irraa nama mu’umina ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna; mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina.
Verse 98
Yeroo Qur’aana qaraatu sheyxaana darbatamaa irraa Rabbitti maganfadhu.
Verse 99
Dhugumatti, inni warra amananii Gooftaa isaanii irratti hirkatan irratti aangoon isaaf hin jiru
Verse 100
Aangoon isaa warruma jaalalloo isa godhataniifi warra Isatti qindeessoo ta’an (qofa) irratti
Verse 101
Yeroo keeyyata tokko bakka keeyyata biraa jijjiirre, Rabbiin waan buusu akkan beekaadha; “Ati (yaa Muhammad!) soba of biraa uumaa malee kan biraa miti” jedhuDhugumatti irra baay’een isaanii hin beekanu
Verse 102
“Akka warra amanan (haqa irra) gadi dhaabuuf, Muslimootaaf qajeelumaafi gammachuu ta’ee, ruuhiin qulqulluun (Jibriil) Gooftaa kee irraa isa buuse” jedhi.
Verse 103
Nuti dhugumatti “kan (Qur’aana) isa barsiisu nama malee waan biraa miti” jechuu isaanii ni beeknaQooqni inni isaan gara isaatti jallisanii ‘Ajamii’dha(Qur’aanni) kun immoo qooqa Arabiffaa ifa bahaadha.
Verse 104
Dhugumatti isaan keeyyattoota Rabbiitti hin amanne, Rabbiin isaan hin qajeelchu; isaaniifis adabbii laalessaatu jira
Verse 105
Dhugumatti kan kijiba uumu isaan keeyyattoota Rabbiitti hin amanne qofaWarri sun isaanumatu kijibdoota
Verse 106
Nama odoo qalbiin isaa Iimaana irratti ragga’ee jiruu (kufriitti) dirqisiifame malee, namni eega amanuu isaatii kafare (Adaba laalessaatu isaaf jira)Garuu namni qoma isaa kufriif bal’ise dallansuu Rabbi irraa ta’etu isaan irra jira; Isaaniifis adabbii guddaatu jira
Verse 107
Kun waan isaan jireenya addunyaa Aakhiraa caalaa jaalataniifi Rabbiinis ummata kaafirootaa waan hin jaallanneefi
Verse 108
Isaan warra Rabbiin onnee isaanii, dhageettii isaaniifi agartuu isaanii irratti cufeedhaIsaan sun isaanumatu dagattoota
Verse 109
Dhugumatti isaan Aakhiraatti isaanumatu hoonga’oo ta’uutti shakkiin hin jiru
Verse 110
Ergasii Gooftaan kee isaan erga rakkifamanii booda godaananii, ergasii qabsaa’anii, obsaniif (araaramaa, rahmata godhaa dha); dhugumatti Gooftaan kee booda isheetii (rakkifamuutii) araaramaa, rahmata godhaadha.
Verse 111
Guyyaa lubbuun hundi kan ofirraa mormitu taatee dhuftuufi Isaan kan hin miidhamne ta’anii lubbuun hundi waan dalagdeen mindeeffamtu [yaadadhu]
Verse 112
Rabbiin magaalattii nagaa tasgabbooftuu turte, kan sooranni ishee iddoo hunda irraa baay’inaan isheetti dhufu, kan tola Rabbiitti kafartee Rabbiin waan isaan hojjachaa turaniin uffata beelaafi sodaa ishee dhandhamsiise (nama tola isaatti kafareef) fakkeenya taasise
Verse 113
Dhugumatti ergamaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufee, isas sobsiisani; odoo isaan miidhaa hojjatoota ta’anii jiranuu adabbiin isaan qabate
Verse 114
Hayyamamaa, gaarii haala ta’een waan Rabbiin isiniif kenne irraa nyaadhaaYoo kan Isa (qofa) gabbartan taataniif tola Rabbii galateeffadhaa.
Verse 115
Wanti (Rabbiin) isin irratti haraama (dhorgamaa) godhe baktii, dhiiga, foon booyyeetiifi waan wantoota (gabbaramtoota) Rabbiin alaatiif sagaleen irratti olfuudhameedhaNamni odoo halaalli mijaa’uu haraamatti darbuufi nyaata isaa keessatti daangaa darbuun maleetti rakkifame (badiin isarra hin jiru)Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
Verse 116
Rabbirratti kijiba uumuuf jettanii waan arrabni keessan kijiba dubbatuun “kun hayyamamaadha; kun immoo dhorgamaadha” hin jedhinaaDhugumatti isaan Rabbirratti soba odeessan hin milkaa’anu
Verse 117
ﯤﯥﯦﯧﯨ
ﯩ
(Isaaniif) qananii xiqqootu jira(Aakhiraatti immoo) isaaniif adabbii laalessaatu jira.
Verse 118
Isaan yahuudota ta’an irrattis waan kana dura siif himne dhorgaa taasifnee jirraNuti waa isaan hin miinee, garuu isaan lubbuu isaanii kan miidhan turan
Verse 119
San booda Gooftaan kee isaan wallaalumaan hamtuu dalaganii sana booda tawbatanii (hojii isaanii) tolchan, dhugumatti Gooftaan kee ishee booda araaramaa, rahmata godhaadha.
Verse 120
Dhugumatti Ibraahiim ogganaa Rabbiif ajajamaa, qajeelaa tureMushrikoota irraa hin taane
Verse 121
Tolawwan Isaatiif galatoomfataa ture(Rabbiin) isa filatee gara karaa sirriis isa qajeelche.
Verse 122
Addunyaa keessattis toltuu isaaf kenninee jirraDhugumatti inni Aakhiraa keessattis gaggaarii irraayyi.
Verse 123
Ergasii “karaa Ibraahiim qajeelaa ta’e hordofaa” (jechuun) beeksisa gara keetti gooneInni (Ibraahiim) mushrikoota irraa hin taane.
Verse 124
Sanbatni (dhorgaa) kan godhame warruma isa keessatti wal dhaban qofa irrattiDhugumatti Gooftaan keetis guyyaa qiyaamaa waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaanitti murtii kenna.
Verse 125
Gara karaa Gooftaa keetii ogummaafi gorsa bareedaan waamiIshee (falmii) irra gaarii taateen isaan falmiDhugumatti Gooftaan kee nama karaa Isaa irraa jallate ni beekaaInni qajeeltotas beekaadha
Verse 126
Yoo haaloo bahattan fakkaatuma waan miidhamtaniitiin bahadhaaYoo obsitan immoo obsitootaaf isatu caalaadha.
Verse 127
Obsi; obsuun kee (si dandeessisuu) Rabbiitiin malee hin taaneIsaan irrattis hin gaddinTooftaa isaan baasan irraa dhiphina keessatti hin ta’in.
Verse 128
Dhugumatti, Rabbiin warra Isa sodaataniifi warra toltuu hojjattan wajjin jira.
تقدم القراءة