Hiikkaa Suura الملك الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
(Rabbiin) Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru tolli isaa baay'ateInni waan hunda irratti danda'aadha.
Verse 2
(Rabbiin) Isa eenyuu keessantu irra toltuu akka hojjatu isin qoruuf jecha du'aafi jireenya uumeedhaInnis injifataa, araaramaadha.
Verse 3
(Rabbiin) Isa samii torba wal jalaa gubbaan uumeedha; uumaa Rahmaan keessatti wal dhabbii irraa homaa hin argituMee agartuu kee (gara samii) deebisii dhoohaa irraa waan ta'e ni argitaa?
Verse 4
Ergasii yeroo baay'ee ija deddeebisi; ijji (kee) hoonga'aa dadhabaa ta'ee gara kee deebi'a.
Verse 5
Dhugumatti, samii addunyaa ibsaawwaniin (urjiiwwaniin) miidhagsineerraSheyxaanotaafis furguuggee ishee gooneIsaaniifis adabbii ibidda boba'aa qopheessineerra.
Verse 6
Isaan Gooftaa isaaniitti kafaraniifis adabbii jahannamtu jiraDeebi’ichis waa fokkate!
Verse 7
Yeroo ishee keessatti darbamanis haala isheen danfuutti jirtuun isheedhaaf (sagalee akka) halaaka harree dhaga'u.
Verse 8
Dallansuu irraa kan ka'e ciccituutti dhihaatti; dhawaata gareen wahii ishee keessatti darbamuun waardiyyaan ishee "sila akeekkachiisaan (nabiyyiin) isinitti hin dhufnee?" (jechuun) isaan gaafata.
Verse 9
"Eeyyeen; dhugumatti akeekkachiisaan nutti dhufeera; sobsiifneeti 'Rabbiin homaa hin buufne; isin jallina guddaa keessa jirtu' jenneen" jedhu
Verse 10
"Odoo kan dhageenyu yookiin kan xiinxallu taanee, silaa warra ibidda boba'aa keessaa hin taanu turre" jedhan
Verse 11
ﯷﯸﯹﯺﯻ
ﯼ
Dilii isaaniis ni amananWarra ibidda boba'aatiifis (rahmata Rabbii irraa) fagaachuun haa jiraatu!
Verse 12
Dhugumatti, warra Gooftaa isaanii fagootti sodaataniif araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.
Verse 13
Haasa'a keessan gadi qabaa yookiin immoo ol qabaa; Inni beekaa waan qoma keessaati.
Verse 14
Sila Inni (iccitii) uumee keessa argaafi beekaa ta'e, (iccitii isaanii) hin beekuu!
Verse 15
Inni Isa dachii laaffifamtuu isiniif godheedha; naannoo ishee keessa deemaatii soorata Isaa irraas nyaadhaaDeebiinis garuma Isaatti
Verse 16
Sila Inni samii olii, dachii isiniin kunnaan, achumaan isheen socho’uu of ni amantuu?
Verse 17
Yookiin immoo Inni samii olii bubbee cirracha qabu isin irratti erguu ni amantuu? Akeekkachiisni Kiyya akkam akka ta'e beekuuf jirtu.
Verse 18
Dhugumatti, warri isaaniin duraas sobsiisaniiru; (adabbiin) Ana diduu akkam tureree!
Verse 19
Sila gara simbirroota gubbaa isaaniitti koola (qoochoo) isaanii babal'isanii walitti dachaasanii hin ilaalanuu? Rahmaaniin malee homtuu isaan hin qabuDhugumatti, Inni waan hunda argaadha.
Verse 20
Sila inni Rahmaaniin alatti humna waraanaa keessan ta'ee isin tumsuu danda'u eenyuma? Kaafiroonni gowwummaa keessa malee hin jiranu.
Verse 21
Odoo Inni soorata Isaa qabee, inni isin sooru eenyuma? Dhugumatti, isaan diddaafi (haqa) irraa baqachuu itti fufaniiru.
Verse 22
Sila nama fuula isaa irratti gonbifamee deemu moo isa dhaabbatee karaa qajeelaa irra deemutu caalaa qajeelaa dha?
Verse 23
Jedhi: "Inni Isa isin uumee dhageettii, agartuufi onnee isiniif godheedha; hangi isin galatoomfattan waa xiqqaate!"
Verse 24
Jedhi: "Inni Isa dachii keessa isin facaaseedha; garuma Isaatti oofamtus."
Verse 25
"Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beellamni kun yoomi?" jedhu.
Verse 26
Jedhi: "Dhugumatti, beekumsi isaa Rabbiin bira qofa jiraAni immoo akeekkachiisaa ifa galaa qofa."
Verse 27
Yeroma dhihoo ta'ee isa (beellamicha) argan fuulli warra kafaranii fokkatte"Inni kun isa waammataa turtanii dha" jedhame
Verse 28
"Mee naaf himaa! yoo Rabbiin anaafi nama ana wajjin jiru balleesse yookiin rahmata nuuf godhe, namni kaafiroota adabbii laalessaa irraa baraaru eenyu?" jedhi.
Verse 29
"Inni RahmaaniIsatti amanne; Isa irrattis hirkanneNamni jallina ifa ta'e keessa jiru eenyu akka ta'e beekuuf jirtu" jedhiin.
Verse 30
Jedhi: "Mee naaf himaa! odoo bishaan keessan dachii keessa gadi lixaa ta'ee namni bishaan yaa'u isiniif fidu eenyu?"
تقدم القراءة