Hiikkaa Suura المدّثر الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﮪﮫ
ﮬ
Yaa mammarataa!
Verse 2
ﮭﮮ
ﮯ
Ka'ii akeekkachiisi.
Verse 3
ﮰﮱ
ﯓ
Gooftaa keetis guddisi
Verse 4
ﯔﯕ
ﯖ
Uffata keetis qulqulleessi
Verse 5
ﯗﯘ
ﯙ
Taabotaanis oodi.
Verse 6
ﯚﯛﯜ
ﯝ
Baay'ifannaa barbaachaaf hin arjoomin.
Verse 7
ﯞﯟ
ﯠ
Gooftaa keetiif obsi.
Verse 8
ﯡﯢﯣﯤ
ﯥ
Yeroo xurumbaa keessa afuufame;
Verse 9
ﯦﯧﯨﯩ
ﯪ
Sun, guyyaan gaafasii guyyaa rakkisaadha
Verse 10
ﯫﯬﯭﯮ
ﯯ
Kaafiroota irratti (guyyaa) laafaa miti
Verse 11
ﯰﯱﯲﯳ
ﯴ
Nama ani kophaa isa uumee wajjin (walitti) Na dhiisi;
Verse 12
ﯵﯶﯷﯸ
ﯹ
Kan Ani qabeenya bal'aas isaaf godhe;
Verse 13
ﯺﯻ
ﯼ
Ilmaan dhiiraa kan isa biratti argamanis;
Verse 14
ﯽﯾﯿ
ﰀ
Bal'isuus kan Ani isaaf bal'ise;
Verse 15
ﰁﰂﰃﰄ
ﰅ
Ergasii akka Ani isaaf dabalus kan kajeelu;
Verse 16
ﰆﰇﰈﰉﰊﰋ
ﰌ
Haa dhorgamu! Inni keeyyattoota Keenya mormaa ture.
Verse 17
ﰍﰎ
ﰏ
Dhugumatti, rakkoo guddaattin isa dirqa.
Verse 18
ﰐﰑﰒ
ﰓ
Inni ni xiinxale; ni tilmaames.
Verse 19
ﭑﭒﭓ
ﭔ
Abaarame! Akkamumatti tilmaame?
Verse 20
ﭕﭖﭗﭘ
ﭙ
Ergasiis abaarame! Akkamumatti tilmaame?
Verse 21
ﭚﭛ
ﭜ
Ergasii ni ilaale
Verse 22
ﭝﭞﭟ
ﭠ
Ergasii fuula guure; akkaan jijjiirame
Verse 23
ﭡﭢﭣ
ﭤ
Ergasii gara gale; ni boone
Verse 24
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
ﭫ
Ni jedhes: "(Qur'aanni) kun falfala (nama biraa) irraa waraabame qofa.
Verse 25
ﭬﭭﭮﭯﭰ
ﭱ
Kun jecha namaa malee hin taane."
Verse 26
ﭲﭳ
ﭴ
Saqar isa seensisuufin jira
Verse 27
ﭵﭶﭷﭸ
ﭹ
Saqar maal akka ta'e maaltu si barsiise?
Verse 28
ﭺﭻﭼﭽ
ﭾ
(Foon) hin hambiftu (lafees) hin dhiiftu
Verse 29
ﭿﮀ
ﮁ
Gogaas gubduudha
Verse 30
ﮂﮃﮄ
ﮅ
Ishee irra (waardiyyaa) kudha sagaltu jira.
Eegdota Ibiddaas malaykota malee kan biraa hin gooneLakkoofsa isaaniis isaan kafaraniif qormaata, warri kitaaba kennaman akka mirkaneeffatan, warri amanan iimaana akka dabalatanuuf, warri kitaaba kennamaniifi mu'uminoonnis akka hin shakkinee,fi akka warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi kaafiroonni ‘Rabbiin (lakkoofsa) kanaan fakkeenya maalii fedhe’ jedhaniif malee kana hin gooneAkka kanatti Rabbiin nama fedhe jallisee nama fedhe immoo qajeelcha(Baay'ina) waraana Gooftaa keetiis Isa malee homtuu hin beekuIsheenis namaaf gorsa malee waan biraatii miti.
Verse 32
ﯥﯦ
ﯧ
Haa dhorgamu! Ji'attin kakadha!
Verse 33
ﯨﯩﯪ
ﯫ
Halkaniinis; yeroo inni deeme.
Verse 34
ﯬﯭﯮ
ﯯ
Bariidhaanis yeroo inni ife.
Verse 35
ﯰﯱﯲ
ﯳ
Dhugumatti, isheen (saqar) tokkoo (rakkoolee) gurgurddooti.
Verse 36
ﯴﯵ
ﯶ
Namaaf akeekkachiiftuudha.
Verse 37
Nama isin irraa (hojii gaariidhaan) fuulduratti deemuu, yookiin duubatti hafuu fedheef (akeekkachiistuu dha).
Verse 38
ﯿﰀﰁﰂﰃ
ﰄ
Lubbuun hundi waan hojjatteen qabamtuudha
Verse 39
ﰅﰆﰇ
ﰈ
Warra mirgaa malee.
Verse 40
ﰉﰊﰋ
ﰌ
(Isaan) jannata keessatti wal gaggaafatu.
Verse 41
ﰍﰎ
ﰏ
Yakkamtoota irraa (wal gaafatu).
Verse 42
ﰐﰑﰒﰓ
ﰔ
"Maaltu Saqariin keessa isin seensise?" (isaanin jedhu)
Verse 43
ﰕﰖﰗﰘﰙ
ﰚ
Ni jedhan: "nuti warra salaatan irraa hin turre.
Verse 44
ﰛﰜﰝﰞ
ﰟ
Hiyyeeyyii kan nyaachifnus hin turre;
Verse 45
ﰠﰡﰢﰣ
ﰤ
Warra (hamtuu) keessa seenuu wajjin seenaa turre;
Verse 46
ﰥﰦﰧﰨ
ﰩ
Guyyaa mindaas kan sobsiifnu turre;
Verse 47
ﰪﰫﰬ
ﰭ
Hanga (duuti) mirkanaayaan nutti dhufutti (haala kana irra turre)" (jedhu)
Verse 48
ﭑﭒﭓﭔ
ﭕ
Jaarsummaan (araarri) warra araarsanii isaan hin fayyadu.
Verse 49
ﭖﭗﭘﭙﭚ
ﭛ
Maaltu isaaniif jiraayi gorsa (Qur'aanaa) irraa gara galoo ta'u?
Verse 50
ﭜﭝﭞ
ﭟ
(Yeroo akeekkachiisa Rabbii irraa dheessan) akka harree diidoo dammaqanii (gugatanii) fakkaatu
Verse 51
ﭠﭡﭢ
ﭣ
Leenca irraa kan baqatan.
Verse 52
Inumaa namni isaan irraa ta'e hundi kitaabota banamoo kennamuu fedha.
Verse 53
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
ﭴ
Dhugumatti, (hin kennamanu) isaan Aakhirumaayyuu hin sodaatanu
Verse 54
ﭵﭶﭷ
ﭸ
Dhugumatti, inni (Qur'aanni) gorsa
Verse 55
ﭹﭺﭻ
ﭼ
Nama fedheetu isaan gorfama.
Verse 56
Yoo Rabbiin fedhe malee hin gorfamanuInni (Rabbiin) kan sodaatamuu haqa godhatuufi Abbaa Araaramaati.
تقدم القراءة