Hiikkaa Suura النبأ الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﭑﭒ
ﭓ
[Warri hin amanin] maal irraa wal gaafatuu?
Verse 2
ﭔﭕﭖ
ﭗ
Oduu guddaa irraa [wal gaafatu
Verse 3
ﭘﭙﭚﭛ
ﭜ
Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi].
Verse 4
ﭝﭞ
ﭟ
Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru
Verse 5
ﭠﭡﭢ
ﭣ
Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru.
Verse 6
ﭤﭥﭦﭧ
ﭨ
Sila Nuti dachii firaasha hin goonee?
Verse 7
ﭩﭪ
ﭫ
Gaarreenis shikaala [hin goonee]?
Verse 8
ﭬﭭ
ﭮ
Cimdiis goonee isin uumne.
Verse 9
ﭯﭰﭱ
ﭲ
Hirriba keessan boqonnaa goone.
Verse 10
ﭳﭴﭵ
ﭶ
Halkan uffata goone.
Verse 11
ﭷﭸﭹ
ﭺ
Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone.
Verse 12
ﭻﭼﭽﭾ
ﭿ
Gubbaa keessanittis [samii] jajjaboo torba ijaarre.
Verse 13
ﮀﮁﮂ
ﮃ
Ifaa boba'aas uumne.
Verse 14
ﮄﮅﮆﮇﮈ
ﮉ
Duumessa irraas bishaan dhangala'aa baay'ee buufne.
Verse 15
ﮊﮋﮌﮍ
ﮎ
Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne]
Verse 16
ﮏﮐ
ﮑ
Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes.
Verse 17
ﮒﮓﮔﮕﮖ
ﮗ
Dhugumatti, guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa ta'e.
Verse 18
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
ﮞ
[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha.
Verse 19
ﮟﮠﮡﮢ
ﮣ
[Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha.
Verse 20
ﮤﮥﮦﮧ
ﮨ
Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate.
Verse 21
ﮩﮪﮫﮬ
ﮭ
Dhugumatti jahannam waldaa taateetti
Verse 22
ﮮﮯ
ﮰ
Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti.
Verse 23
ﮱﯓﯔ
ﯕ
Yeroo dheeraaf ishee keessa turu.
Verse 24
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
ﯜ
Ishee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhamanu.
Verse 25
ﯝﯞﯟ
ﯠ
Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu]
Verse 26
ﯡﯢ
ﯣ
Mindaa wal madaalu [mindeeffaman].
Verse 27
ﯤﯥﯦﯧﯨ
ﯩ
Isaan qormaata hin sodaatanu turan.
Verse 28
ﯪﯫﯬ
ﯭ
Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan.
Verse 29
ﯮﯯﯰﯱ
ﯲ
Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne.
Verse 30
ﯳﯴﯵﯶﯷ
ﯸ
“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama].
Verse 31
ﭑﭒﭓ
ﭔ
Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira.
Verse 32
ﭕﭖ
ﭗ
Ashaakiltiifi inabatu [jira].
Verse 33
ﭘﭙ
ﭚ
Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa ta'antu [jiru].
Verse 34
ﭛﭜ
ﭝ
Geeba (xoofoo) guutamtuu.
Verse 35
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
ﭤ
Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhaga'anu.
Verse 36
ﭥﭦﭧﭨﭩ
ﭪ
Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman].
Verse 37
Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan ta'e [irraa mindeeffaman]Isaa wajjin dubbachuu hin danda'anu.
Verse 38
Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu.
Verse 39
Sun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaatiNamni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata.
Verse 40
Nuti adabbii dhihoo kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte arguufi kaafirris "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba" jedhu san isin sodaachifneerra.
تقدم القراءة