سورة محمد

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura محمد الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

Yeroo warra kafare qunnamtan morma dhawaaYeroo isaan baay’ee ajjeeftan, hidhaa jabeessaaSana booda isaan irratti tola oolaa yookiin waa irraa fudhaa, hanga lolli qara (ho’a) ishee dhiiftutti (kana godhaa)Dubbiin kanaRabbiin odoo fedhee isaan irraa haaloo bahataGaruu (isaaniin loluutti wanni isin ajajeef) garii keessan gariin mokkoruuf jechaWarra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman hojii isaanii hin balleessu
Verse 5
Fuulduratti isaan ni qajeelcha; haala isaaniis ni tolcha.
Warri kafaran badiin isaaniif ta’aadha(Rabbiin) dalagaa (hojii) isaaniis ni balleessa.
Fakkeenyi jannata warra Rabbiin sodaataniif waadaa galamee (akka kana): ishee keessa laggeen bishaan hin xiraahin irraa ta’e, laggeen aannan dhandhamni isaa hin jijjiiramin irraa ta’e, laggeen daadhii namoota dhuganiif mi’aayaa ta’e irraa ta’eefi laggeen damma qulqulleeffame (nadhii) irraa ta’etu jiraAmmas isaaniif ishee (jannata) keessa fuduraalee hundaafi araarama Gooftaa isaanii irraa ta’etu jira(Sila isaan kun) akka namoota ibidda keessa yeroo hunda jiraataniifi bishaan danfaa obaafamanii, inni marrimaan isaanii cicciruutii?
Isaan karaa qajeelaa hordofan, (Rabbiin) qajeeluma isaaniif dabalee, sodaa isaanii isaaniif kenne.
Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre beeki; dilii keetiifis araarama (Rabbii) kadhu; mu’uminoota dhiiraafi dubartootaatiifis (kadhu)Rabbiin sochii keessaniifi iddoo isin qubattanis ni beeka.
Yeroo maleeykonni fuula isaaniitiifi dugda isaanii rukutuun isaan ajjeesan akkam tahuu taa’an?
Hanga qabsaa’otaafi obsitoota isin irraa adda baafnee, oduu keessanis hanga mul’ifnutti isin mokkorra.
Hin dadhabinaa; haala isinumti gubbaa aantanii jirtanuun gara araaramaatti hin waaminaaRabbiin isin waliin jira; (mindaa) dalagaa keessaniis hin hir’isu.
Yoo ishee isin gaafatee (gaafii) isinitti bay’ise isin ni dhorgattu turtan; Innis (Rabbiinis) iccitii keessan ni baasa.
تقدم القراءة