Hiikkaa Suura الواقعة الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﮃﮄﮅ
ﮆ
Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) argamte,
Verse 2
ﮇﮈﮉ
ﮊ
Argama isheetiif kijibni hin jirtu.
Verse 3
ﮋﮌ
ﮍ
Gadi qabduu, ol fuutuudha.
Verse 4
ﮎﮏﮐﮑ
ﮒ
Yeroo dachiin raafama cimaa raafamte,
Verse 5
ﮓﮔﮕ
ﮖ
(Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte,
Verse 6
ﮗﮘﮙ
ﮚ
Dhukkee facaafamtuus taate,
Verse 7
ﮛﮜﮝ
ﮞ
(Yeroo) Isinis garee sadi taatan,
Verse 8
ﮟﮠﮡﮢﮣ
ﮤ
(Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha)!
Verse 9
ﮥﮦﮧﮨﮩ
ﮪ
(Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha)!
Verse 10
ﮫﮬ
ﮭ
(Gareen sadaffaa) Isaan gara toltuutti dursitoota dursoodha.
Verse 11
ﮮﮯ
ﮰ
Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota.
Verse 12
ﮱﯓﯔ
ﯕ
Jannata qananii keessatti ta’u.
Verse 13
ﯖﯗﯘ
ﯙ
Warra duraa irraa baay’eedha.
Verse 14
ﯚﯛﯜ
ﯝ
Warra boodaa irraa immoo xiqqoodha.
Verse 15
ﯞﯟﯠ
ﯡ
Sireewwan dhawamte irratti ta’u.
Verse 16
ﯢﯣﯤ
ﯥ
Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti hirkatu.
Verse 17
ﭑﭒﭓﭔ
ﭕ
Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a
Verse 18
ﭖﭗﭘﭙﭚ
ﭛ
Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een.
Verse 19
ﭜﭝﭞﭟﭠ
ﭡ
Isii irraa hin bowwaafatan; hin machaa’anis.
Verse 20
ﭢﭣﭤ
ﭥ
Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u).
Verse 21
ﭦﭧﭨﭩ
ﭪ
Foon allaattii irraas waan isaan fedhaniin
Verse 22
ﭫﭬ
ﭭ
Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira.)
Verse 23
ﭮﭯﭰ
ﭱ
Akka faaya eegamaa kan fafakkaatan.
Verse 24
ﭲﭳﭴﭵ
ﭶ
Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone).
Verse 25
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
ﭽ
Isii (jannata) keessatti wacaafi wal arrabsuus hin dhaga’an.
Verse 26
ﭾﭿﮀﮁ
ﮂ
“Nagayaa nagayaa waliin jechuu malee” (hin dhaga’an).
Verse 27
ﮃﮄﮅﮆﮇ
ﮈ
Warri mirgaa; warra mirgaa waa’een isaanii akkam tola!
Verse 28
ﮉﮊﮋ
ﮌ
(Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu.
Verse 29
ﮍﮎ
ﮏ
Muuza firiidhaan guutame (keessa jiraatu).
Verse 30
ﮐﮑ
ﮒ
Gaaddisa diriirfamaa (keessa).
Verse 31
ﮓﮔ
ﮕ
Bishaan dhangala’u (keessa).
Verse 32
ﮖﮗ
ﮘ
Fuduraalee baay’ee (keessa).
Verse 33
ﮙﮚﮛﮜ
ﮝ
Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa).
Verse 34
ﮞﮟ
ﮠ
Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu.)
Verse 35
ﮡﮢﮣ
ﮤ
Dhugumatti, Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne.
Verse 36
ﮥﮦ
ﮧ
Dubroota isaan goone.
Verse 37
ﮨﮩ
ﮪ
Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone).
Verse 38
ﮫﮬ
ﮭ
Warra mirgaatiif (qophaa’an).
Verse 39
ﮮﮯﮰ
ﮱ
Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi.
Verse 40
ﯓﯔﯕ
ﯖ
Warra boodaa irraahis baay’eedha.
Verse 41
ﯗﯘﯙﯚﯛ
ﯜ
Warri bitaa; warri bitaa akkam (fokkatu)!
Verse 42
ﯝﯞﯟ
ﯠ
Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu.
Verse 43
ﯡﯢﯣ
ﯤ
Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa.
Verse 44
ﯥﯦﯧﯨ
ﯩ
(Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in.
Verse 45
ﯪﯫﯬﯭﯮ
ﯯ
Dhugumatti, isaan sana dura qanansiifamoo turan.
Verse 46
ﯰﯱﯲﯳﯴ
ﯵ
Dilii guddaa itti fufu turan.
Verse 47
“Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, dhugumatti nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan
Verse 48
ﰀﰁ
ﰂ
“Abbootiin keenya kan jalqabaas moo?” (jechuu turan).
Verse 49
ﰃﰄﰅﰆ
ﰇ
“(Yaa Muhammad!) dhugumatti, isaan jalqabaas ta’ee isaan boodaas (ni kaafamu)” jedhiin
Verse 50
ﰈﰉﰊﰋﰌ
ﰍ
Beellama guyyaa beekamaa keessatti walitti qabamuuf jiru.
Verse 51
ﭑﭒﭓﭔﭕ
ﭖ
Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa!
Verse 52
ﭗﭘﭙﭚﭛ
ﭜ
Muka Zaqquum irraa nyaatoodha.
Verse 53
ﭝﭞﭟ
ﭠ
Ishee irraas garaa keessan guuttatoodha.
Verse 54
ﭡﭢﭣﭤ
ﭥ
Isa irrattis bishaan danfaa dhugoodha.
Verse 55
ﭦﭧﭨ
ﭩ
Dhugaatii akka gaala dheebottee dhugdu.
Verse 56
ﭪﭫﭬﭭ
ﭮ
Kun simannaa isaanii kan guyyaa murtiiti.
Verse 57
ﭯﭰﭱﭲ
ﭳ
Nuti isin uumnee; maaliif hin dhugoomsine?
Verse 58
ﭴﭵﭶ
ﭷ
Waan (maniyyii) dhangalaaftan san mee naaf himaa?
Verse 59
ﭸﭹﭺﭻﭼ
ﭽ
Sila isintu isa uumamoo? Nutu uumoo dha?
Verse 60
Nutu du’a gidduu keessanitti murteesseNuti dadhabsiifamoo miti.
Verse 61
Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti).
Verse 62
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
ﮖ
Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne?
Verse 63
ﮗﮘﮙ
ﮚ
Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa!
Verse 64
ﮛﮜﮝﮞﮟ
ﮠ
Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoo dha?
Verse 65
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
ﮧ
Odoo feenee caccabaa gooneeti kan dinqisiifattan taatan.
Verse 66
ﮨﮩ
ﮪ
“Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu).
Verse 67
ﮫﮬﮭ
ﮮ
“Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu).
Verse 68
ﮯﮰﮱﯓ
ﯔ
Mee waa’ee bishaan dhugdanii san Naaf himaa?
Verse 69
Sila duumessa irraa isintu isa buusee? Moo Nutu (isa) buusoo dha?
Verse 70
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
ﯣ
Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifnaSila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne?
Verse 71
ﯤﯥﯦﯧ
ﯨ
Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa?
Verse 72
ﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
ﯯ
Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoo dha?
Verse 73
ﯰﯱﯲﯳﯴ
ﯵ
Nuti ibidda kana gorsaafi qananii imaltoonni itti fayyadaman ishee goone.
Verse 74
ﯶﯷﯸﯹ
ﯺ
Maqaa Gooftaa kee Isa guddaa faarsi.
Verse 75
ﯻﯼﯽﯾﯿ
ﰀ
Seensa urjiiwwaniitiniin kakadha
Verse 76
ﰁﰂﰃﰄﰅ
ﰆ
Inni dhugumatti, odoo kan beektan ta’ee kakuu guddaadha.
Verse 77
ﭑﭒﭓ
ﭔ
Dhugumatti, inni Qur’aana kabajamaadha.
Verse 78
ﭕﭖﭗ
ﭘ
Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira.
Verse 79
ﭙﭚﭛﭜ
ﭝ
Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu.
Verse 80
ﭞﭟﭠﭡ
ﭢ
Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.
Verse 81
ﭣﭤﭥﭦ
ﭧ
Sila haasa’a kanaa kan isin laaffiftan?
Verse 82
ﭨﭩﭪﭫ
ﭬ
(Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii?
Verse 83
ﭭﭮﭯﭰ
ﭱ
Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)?
Verse 84
ﭲﭳﭴ
ﭵ
Odoo yeroo san isin ilaaltanuu,
Verse 85
Isin hin argitan malee Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra.
Verse 86
ﭾﭿﮀﮁﮂ
ﮃ
Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa).
Verse 87
ﮄﮅﮆﮇ
ﮈ
Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu?
Verse 88
ﮉﮊﮋﮌﮍ
ﮎ
Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e,
Verse 89
ﮏﮐﮑﮒ
ﮓ
(Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira.
Verse 90
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
ﮚ
Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo,
Verse 91
ﮛﮜﮝﮞﮟ
ﮠ
Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama)
Verse 92
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
ﮧ
Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo,
Verse 93
ﮨﮩﮪ
ﮫ
Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira.
Verse 94
ﮬﮭ
ﮮ
Jahiim seenuutu isaaf jira.
Verse 95
ﮯﮰﮱﯓﯔ
ﯕ
Dhugumatti, inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha.
Verse 96
ﯖﯗﯘﯙ
ﯚ
Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi).
تقدم القراءة