سورة الممتحنة

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura الممتحنة الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

Yaa warra amantan! Diina kiyyaafi diina keessan jaalallee hin godhatinaaOdoo isaan dhugaa irraa waan isinitti dhufetti kafaranii, sababa isin Rabbii Gooftaa keessan ta'etti amantaniif qofa Ergamichaafi isinis baasanii jiranuu isin gara isaaniitti jaalala dhaqqabsiiftuYoo karaa Kiyya keessatti qabsaa'uufi jaalala Kiyya barbaacha kan baatan taataniif (jaalalloo hin godhatinaa)Odoo ani waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan beekuu gara isaaniitti iccitiin jaalala dhaqqabsiiftuIsin irraa namni kana hojjate dhugumatti karaa qajeelaa irraa jallateera.
Dhugumatti, Ibraahimiifi warra isa wajjiin turan keessatti hidhannoon gaariin isiniif ta'eeraYeroo (isaan) ummata isaaniitiin "nuti isiniifi waan isin Rabbiin alatti gabbartan irraa qulqulluudha; isinitti kafarre; hanga Rabbii tokkichatti amantanutti gidduu keenyaafi gidduu keessanitti diinummaafi jibbansi abadii ifa ba'eera" jedhan (hidhannoon gaariin isiniif jira)Garuu jechi Ibraahiim abbaa isaatiin "araaraman siif kadhaa (adabbii) Rabbii irraa immoo waan tokko siif hin fayyadu" jedhe qoftii odoo hafuu"Gooftaa keenya! Sirratti hirkanne; gara Keettis deebine; deebiinis garuma kee qofa" (jedhan san hordofaa)
Yaa warra amantan! Yeroo dubartoonni mu’uminaa godaantuu ta'anii isinitti dhufan (amantiif godaanuu isaanii baruuf) isaan qoradhaaIimaana isaanii Rabbitu akkaan beekaYoo mu’uminoota ta'uu isaanii bartan gara warra kafaraniitti isaan hin deebisnaaIsaan (dubartoonni) isaaniif eeyyamamoo miti; isaanis (dhiironni) isaaniif eeyyamamoo mitiIsaaniifis (dhirsota isaanii kan kaafiraatiifis) waan isaan baasan kennaaYeroo mahrii isaanii isaaniif kennitan isaan fuuchuun diliin isin irra hin jiruWaadaa fuudhaa kan niitiwwan keessan kaafiraa hin qabatinaa (nikaan diigameera)Isinis waan isaan (niitolii keessan kan kufrii irra jiran) irratti baaftan gaafadhaa; isaanis (dhirsotiin kaafiraa kan niitolii isaanii amanan) waan baasan haa gaafatanKun murtii Rabbiiti(Isatu) gidduu keessanitti murteessaRabbiin beekaa ogeessa.
Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoonni mu’uminaa Rabbitti homaa qindeessuu dhiisuu, hatuu dhiisuu, Zinaa godhuu dhabuu, ijoollee isaaniis ajjeesuu dhiisuu, cubbuu harka isaaniitiifi miila isaanii gidduutti uumanii odeessuu dhabuufi akka waan gaarii keessatti ajaja kee hin faallessine waadaa sii galuuf gara kee dhufan, waadaa isaan irraa fuudhiRabbiinis araarama isaaniif kadhuDhugumatti, Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha.
تقدم القراءة