Hiikkaa Suura الزخرف الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﮀ
ﮁ
Haa Miim.
Verse 2
ﮂﮃ
ﮄ
Kitaaba addeessaa ta’eenin kakadha.
Verse 3
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
ﮋ
Akka isin hubattaniif Nuti Qur’aana Arabiffaa isa taasifne.
Verse 4
Inni haadha kitaabaa ol aanaa ogummaan guutamee Nu bira jiru keessatti argama.
Verse 5
Ummata daangaa dabritoota waan taataniif gorsa isin irraa dabsinaa?
Verse 6
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
ﮣ
Warra duraa keessattis nabiyyoota meeqaatama erginee jirra.
Verse 7
Nabiyyiin tokkollee isaanitti dhufee yoo itti qishinan (baacan) malee hin hafne.
Verse 8
Humnaan isaan irra cimoo warra ta’an balleessinee jirraFakkeenyi warra jalqabaa dabreera.
Verse 9
Odoo samiifi dachii eenyutu uume jettee isaan gaafattee “Isa injifataa beekaa ta’etu isaan uume” jedhu.
Verse 10
(Rabbiin) Isa dachii afaa isiniif godhee, ishee keessattis akka qajeeltaniif karaalee isiniif godhe.
Verse 11
Ammas (Rabbiin) Isa samii irraa bishaan madaalaan buusee, ergasii ittiin dachii duutuu jiraachifneAkkuma kana baafamtu.
Verse 12
Isa cimdii hunda uumee, dooniifi beyladoota irraas waan yaabbattan isiniif godhe.
Verse 13
Akka dugda isaanii irratti baatanii, ergasii ni’imaa Gooftaa keessanii yeroo ol baatan yaadattanii “Inni kana nuuf laaffise qulqullaa’e; nuti isa danda’oo hin turre” jettaniif.
Verse 14
ﮀﮁﮂﮃ
ﮄ
Nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.
Verse 15
Gabroota Isaa irraa qooda Isaaf taasisaniDhugumatti, namni kafraa ifa bahaadha.
Verse 16
Sila waan uumu irraa ilmaan dubaraa (ofiif) taasifatee, isin immoo ilmaan dhiiraatiin isin filee?
Verse 17
Yeroo tokkoon isaanii waan “Rahmaaniif” fakkeenya taasiseen gammachiifame, dallansuun guutameeti fuulli isaa gurraacha ta’a.
Verse 18
Nama faaya miidhaginaa keessatti guddifamu, kan falmii keessatti sirriitti ibsuus hin dandeenye (godhatee)?
Verse 19
Maleeykota isaan gabroota Rahmaan ta’an dubara taasisanYeroo isaan uumaman bira jiran moo? Ragaan isaanii fuuldura barreeffameeti gaafatamus.
Verse 20
“Odoo Rahmaan fedhee isaan hin gabbarru turre” jedhanIsaan ni kijibu malee sana irratti beekumsa homaatuu hin qaban.
Verse 21
Moo (Qur’aana) kana dura kitaaba isaan sirritti qabatan isaaniif kennine?
Verse 22
Lakkii! Isaan “nuti abboota keenya amantii wahii irratti argine, nutis faana isaanii irra qajeeloodha” jedhan.
Verse 23
Akkasumas (Yaa Muhammad!) siin dura magaalaa kam keessattuu sodaachisaa erginee, qanani’oon ishee “Nuti abbootii keenya amantii wahii irratti argine; nuti faanuma isaanii irra hordoftoota” jedhan malee hin hafne.
Verse 24
(Ergamichis) “odoo ani waan abbootii keessan irratti argitan irra qajeelaatiin isinitti dhufee jiruu (hordoftuu)?” jedhe(Mushrikoonnis) “nuti waan isin ittiin ergamtanitti kafaroodha” jedhan.
Verse 25
Kanaafuu isaan irraa haaloo ba’anneBooddeen sobsiiftotaa akkam akka ta’e ilaali.
Verse 26
Yeroo Ibraahiim abbaa isaatiifi ummata isaatiin jedhes [yaadadhu]:“Dhugumatti ani waan isin gabbartan irraa qulqulluudha.
Verse 27
ﮋﮌﮍﮎﮏ
ﮐ
Isa na uume maleeInni na qajeelcha.”
Verse 28
Akka isaan deebi’aniif jechattii isa booda haftuu ishee godhe.
Verse 29
Dhugumatti, isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga dhugaafi ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufuttin qanansiise.
Verse 30
Dhugaan isaanitti dhufnaan immoo “kuni falfala; nuti isatti kafaroodha” jedhan.
Verse 31
Ni jedhan: “Qur’aanni kun nama guddaa ganda lamaan irraa ta’etti maaliif buufamuu dhabe?”
Verse 32
Sila Rahmata Gooftaa keetii isaantu qoodaa? Nutu jiruu addunyaa keessatti waan ittiin jiraatan gidduu isaaniitti qoodeAkka gariin isaanii garii tajaajilaa godhatuuf jecha garii isaanii garii irra sadarkaan ol fuuneRahmata Gooftaa keetiitu waan isaan walitti qaban irra caala
Verse 33
Odoo namni (gara addunyaa jallachuun) ummata tokko ta’uu baatee, silaa namoota Rahmaanitti kafaraniif ijoo manneen isaaniitiifi sadarkaawwan ittiin ol ba’an meeta irraa taasifna turre.
Verse 34
ﭑﭒﭓﭔﭕ
ﭖ
Manneen isaaniitiifis hulaaleefi sireewwan irratti hirkatanis (meeta irraa isaaniif goona turre).
Verse 35
Faayaas (ni goonaaf)Kun hunduu qananii jiruu addunyaa qofaAakhiraan Gooftaa kee biratti warra Rabbiin sodaataniifi.
Verse 36
Nama gorsa (Qur’aana) Rahmaan irraa gara gale, sheeyxaana isaaf ramadna; inni isaaf hiriyaadha.
Verse 37
Isaanis karaa (Rabbii) irraa isaan dhorgu; isaan immoo karaa qajeelaa irra waan jiran of se’u.
Verse 38
Yeroo Nutti dhufe “yaa gaabbii kiyya! Odoo gidduu kiyyaafi gidduu kee fageenyi baha lamaanii (bahaafi dhihaa) jiraatee” jedhaHiriyichi waa fokkate!
Verse 39
Har’a ibidda keessatti waliin jiraachuun keessan waan lubbuu keessan miitaniif homaa isin hin fayyadu.
Verse 40
Sila ati duudaa dhageessiftaa yookiin jaamaafi nama jallina ifa ta’e keessa jiru ni qajeelchitaa?
Verse 41
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
ﮢ
(Yaa Muhammad!) yoo si deemsifnellee, Nuti isaan irraa haaloo ba’achuuf jirra.
Verse 42
Yookiin isa waadaa isaaniif galle yoo sitti agarsiifnes, Nuti isaan irratti danda’oodha.
Verse 43
Isa gara keetti wahyii godhame san qabadhuAti karaa qajeelaa irra jirta.
Verse 44
Inni (Qur’aanni) siifi ummata keetiifis gorsaFuula dura ni gaafatamtu.
Verse 45
Ergamtoota keenya irraa nama si dura ergine “Sila Rahmaan malee gooftolii gabbaraman taasifnee jirraa?”gaafadhu
Verse 46
Dhugumatti, Muusaa raajiiwwan keenyaan gara Fir’awniifi qoondaaltota isaatti erginee, “ani ergamaa Gooftaa aalama hundaati” jedhe.
Verse 47
Yeroo raajiiwwan keenyaan isaanitti dhufu, isaan yeroo san isheetti kolfu.
Verse 48
Raajii irraa ishee obboleettii ishee irra caaltu malee isaan hin agarsiifnuAkka isaan (gara keenya) deebi’aniif adabaanis isaan qabne.
Verse 49
“Ati yaa kan sihrii hojjattu! Gooftaa kee waan waadaa siif galeen nuuf kadhuDhugumatti, nuti ni qajeella” jedhan.
Verse 50
Yeroma adabbii isaan irraa deebifnu isaan waadaa diigan.
Verse 51
Fir’awnis ummata isaa keessatti lallabee, “yaa ummata kiyya! sila mootummaan Misraa anaaf hin turree? Laggeen kunis ana jala hin yaa’anii? Sila hin agartanuu?” jedhe.
Verse 52
“Isa laafaa (tuffatamaa), dubbii adda baasuu hin dandeenye kana irra anatu caala
Verse 53
Yoo akkas ta’e maaliif gumeewwan warqee (dahaba) irraa hojjataman isa irratti hin buufamne? Yookiin maleykonni isa wajjin ta’anii maaliif hin dhufne?” (jedhe).
Verse 54
Akkanaan ummata isaa kakaasee ajaja isaa fudhatanDhugumatti, isaan ummata fincilaa turan.
Verse 55
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
ﮮ
Yeroo isaan Nu dallansiisan, haaloo isaanitti baanee, hunda isaaniituu dhidhimsine.
Verse 56
ﮯﮰﮱﯓ
ﯔ
Dhaloota isaan boodaatiif hangafaafi fakkeenya isaan taasifne.
Verse 57
Yeroo ilmi Maryam (Iisaan) fakkeenya godhamu ummanni kee isa irraa kolfu (gammadu).
Verse 58
“Gooftolee keenya moo isatu caala?” jedhanWaan kana falmiif malee siif hin godhanuDhugumatti, isaan ummata mormitoota.
Verse 59
Dhugumatti, Inni (Iisaan) gabricha Nuti isa irratti tola oollee, Ilmaan Israa’iliif fakkeenya isa taasifne malee waan biraa miti.
Verse 60
Odoo feenee maleeykota isin irraa bakka bu’an dachii keessa goona turre.
Verse 61
Inni Qiyaamaaf mallattoo dhaa, ishee hin shakkinaa; ana hordofaaKanatu karaa qajeelaadha.
Verse 62
Sheyxaanni (dhugaa hordofuu irraa) akka isin hin dhorgineInni isiniif diina ifa ba’aadha.
Verse 63
Iisaan yeroo ragaalee ifa ta’aniin dhufe, ni jedhe: “Dhugumatti, ani beekumsaanin isinitti dhufe; ammaas akkan garii waan isin keessatti wal dhabdanii isiniif ibsuufin (dhufe.) Rabbiin sodaa dhaa; anaafis ajajamaa.
Verse 64
Allaahn Isumatu Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessaniIsa (qofa) gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha.
Verse 65
Gareewwan gidduu isaaniitti (dhimma kana irratti) wal dhabaniiruIsaan miidhaa dalaganiif adabbii guyyaa laalessaatu jira.
Verse 66
Sila Qiyaamaan daguudhaan odoo isaan hin beekin isaanitti dhufuu malee maal eegu?
Verse 67
Jaalalleewwan guyyaa san isaan Rabbiin sodaatan malee, gariin isaanii gariif diina.
Verse 68
Yaa gabroota kiyya! Har’a sodaan isin irra hin jiru; isin hin gadditanus.
Verse 69
ﮭﮮﮯﮰﮱ
ﯓ
Isaan keeyyattoota keenyatti amananii, Muslimoota ta’an;
Verse 70
ﯔﯕﯖﯗﯘ
ﯙ
Isiniifi haadholiin manaa keessanis gammadaa jannata seenaa” (isaaniin jedhama).
Verse 71
Qoriiwwan warqee irraa ta’aniifi kubbaayyaan isaan irra naanna’amaIshee keessas waan lubbuun feetuufi ijji itti gammaddutu jiraIsin ishee (jannata) keessatti hafoodha” (jedhamaani).
Verse 72
Jannata ishee dhalchifamtan kana waan hojjachaa turtaniini.
Verse 73
ﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
ﯺ
Isiniif ishee keessa fuduraalee baay’ee isaan irraa nyaattantu jira.
Verse 74
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
ﭗ
Yakkamtoonni adabbii jahannam keessatti hafu.
Verse 75
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
ﭞ
(Adabichi) Isaan irraa hin salphifamu; isaanis ishee keessatti abdii muratoodha.
Verse 76
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
ﭥ
Nuti isaan hin miine; garuu isaan (ofumaaf) miidhaa hojjattoota ta’an.
Verse 77
(Waardiyaa ibiddaatiin) “yaa Maalik! Gooftaan kee akka du’a nutti murteessu (nuuf gaafadhuu)” lallabu(Maalikis) “isin ishee keessa turoodha” jedhe.
Verse 78
hugumatti, Nuti haqaan isinitti dhufnee turreGaruu irra baay’een keessan haqa jibbitoota turtan.
Verse 79
ﭸﭹﭺﭻﭼ
ﭽ
Tooftaa baasanii turani, nutis tooftaa itti baafne.
Verse 80
Nuti iccitii isaaniitiifi maqoo isaanii hin dhageenyuu yaadanii? Lakkisaa! (ni dhageenya); ergamtoonni keenyas isaan biraa barreessaa jiru.
Verse 81
(Yaa Muhammad!) jedhi: “odoo Rahmaaniif ilmi jiraatee, silaa anatu jalqaba warra (isa) gabbaraniiti.”
Verse 82
Rabbiin samiifi dachii kan Gooftaa arshii ta’e waan isaan ittiin (Isa) wassafan (ibsan) irraa qulqullaa’eera.
Verse 83
Hanga guyyaa isaanii, isa waadaa galaman qunnamanitti (dhara keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi.
Verse 84
Inni Isa samii keessatti gabbaramaa, dachii keessattis gabbaramaatiInni ogeessa, beekaadha.
Verse 85
Inni mootummaan samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu kan Isaa ta’e, kan beekumsi Qiyaamaas Isa bira jiru, kan gara Isaatti deebifamtan sun toltuun isaa baay’ate.
Verse 86
Warri Rabbii gaditti waammatan, namoota dhugaa beekanii ragaa bahaniif malee, manguddummaa seenuu hin danda’anu.
Verse 87
Eenyu akka isaan uume odoo isaan gaafattee “Allaahdha” jedhuAkkamumatti irraa garagalfamuree?
Verse 88
Jechi inni (nabi Muhammad SAW!) “yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan kun ummata hin amanne” jedhe (sunis Allaah bira jira).
Verse 89
(Yaa Muhammad!) isaan irraa gara galii “nagaan (isin irra haa jiraatu)” jedhiin; (waan isaan mudatu) fuula dura beekuuf jiru.
تقدم القراءة