سورة الشعراء

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura الشعراء الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

Verse 2
Kun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti
(Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama
Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiruOduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira
“Gara ummata Fir’awn [dhaqi]Sila Rabbiin hin sodaatanii? [jedhiin].”
[Rabbiinis] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu)Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaaDhugumatti, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.”
“Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan [ergamne jedhaa]
[Fir’awnis] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree?
Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) sanas hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe].
[Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe.
[Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe.
[Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe.
[Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe.
Harka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate.
[Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe
[Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisiMagaalota keessattis walitti qabdoota ergi;
Verse 37
Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.”
Namootaanis ni jedhame: “Isin sila walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa);
Verse 46
Falfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan
[Fir’awnis] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin eeyyamin isatti amantanii? Dhugumatti, inni hayyuu keessan kan sihrii isin barsiiseedhaFuuldurattis [waan ta’u] beekuuf jirtuDhugumatti, ani Harka keessaniifi Luka keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummuraDhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”
Gara Muusaattis “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) dhugumatti isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun wahyii goone.
Verse 58
Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas.
Verse 60
Bariifatoo ta’anii isaan hordofan.
Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti dhugumatti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan.
[Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jiraInni [furmaatatti] na qajeelcha.”
Verse 66
Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsine.
Dhugumatti, isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalama hundaa malee (inni jaalalloo kooti).
Verse 90
[Guyyaa] Jannannis warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte;
Verse 91
[Guyyaa] Ibiddi jahannamis jallattootaaf muldhifamte;
[Ummanni isaas] “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan.
[Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.”
Verse 117
[Nuuhis] ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni koo na sobsiisaniiru.
Ati gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessiAnaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraarsi.”
Verse 120
Ergasii booda [bilisa isaan baasuutii] warra hafan ni dhidhimsine.
Verse 128
Sila isin kan [nama tarutti] qishintanu taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu?
Verse 129
Kuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu?
Verse 130
Yeroo [namoota adabbiif] qabdanis gara jabeeyyii taatanii qabdan.
Verse 134
Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis [isin qananiise].
Verse 141
Samuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte.
Verse 148
Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu?)
Verse 153
[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.
[Saalihis] ni jedhe: “Isheen kun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira.
Verse 157
Ishee waraananii yeroma san sheena’oota ta’an
Verse 165
Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu?
[Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.”
Verse 168
[Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi.
Verse 169
Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.”
Verse 170
Isaafi maatii isaas walumaa galatti ni baraarsine.
Verse 171
Jaartii tokko kan warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee
Verse 185
[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.
Verse 192
Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati
Verse 194
Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha onnee kee irratti [buuse].
Verse 196
Dhugumatti, inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira.
Verse 198
Odoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee,
Verse 200
Akka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onnee badi raawwattootaa keessa seensifne
Verse 203
[Akka amannuuf] “yeroon nuuf kennamuu danda’aa?” jedhu
Verse 204
Sila adabbii keenya ariifachiifatuu?
Verse 206
Sana booda wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan isaanitti dhufee,
Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa?
Verse 217
[Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu.
Verse 219

[Isa] sochiiwwan ati warra sagadan keessatti gootu [argu irratti hirkadhu]

Verse 223
Wanta dhagahanis [waa himtuu irratti] gadi buusuIrra baay’een isaanii immo kijibdoota
Verse 226
Dhugumatti isaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu]?
Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baay’inaan Rabbiin faarsan, erga miidhamanii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee[Isaan hin komatanu]Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru.
تقدم القراءة