Hiikkaa Suura التغابن الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
Wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa hundi Rabbiin qulqulleessaMootummaan kan Isaa ti; faarunis kan IsaatiInni waan hunda irratti danda'aadha.
Verse 2
Inni Isa isin uumeIsin irraa Kaafirris ni jira; isin irraa Mu'uminnis ni jiraRabbiin waan isin dalagdan argaadha.
Verse 3
Samiifi dachii dhugaan uumeIsinis bocee boca keessan gaaromseDeebiinis garuma isaati
Verse 4
Wantoota samiifi dachii keessa jiru hunda ni beeka; akkasumas waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ni beekaRabbiin waan qoma keessaa beekaadha
Verse 5
Sila oduun warra duraan kafaranii adabbii kufrii isaanii dhandhamanii isinitti hin dhufnee! Isaaniifis ibidda laalessaatu jira.
Verse 6
Kunis sababa ergamooleen isaanii ragaa iftuudhaan isaanitti dhufnaan "sila namatu nu qajeelchaa?" jedhanii kafaranii irraayis garagalaniifiRabbiinis of ga'eRabbiin dureessa faarfamaadha
Verse 7
Isaan kafaran (erga duunee) hin kaafamnu jechuu dubbatan"Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Dhugumatti, isin ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himamaSunis Rabbirratti laafaa dha" jedhiin.
Verse 8
Rabbiifi Ergamaa Isaatti, akkasumas ifa isa Nuti buufnetti amanaaRabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.
Verse 9
Guyyaa wal gahichaatiif guyyaa (Rabbiin) walitti isin qabu san [yaadadhaa]Sun guyyaa wal gowwoomsuutiNamni Rabbitti amanee toltuu dalage (Rabbiin) dilii isaa isarraa harcaasee Jannata jala ishee laggeen yaatu keessa abaditti hafoo ta'anii isa seensisaSun milkii guddaadha.
Verse 10
Isaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan, ishee keessatti hafoo ta'anii isaan warra ibiddaati(Isheen) deebii ta'uun waa fokkatte!
Verse 11
Hamtuu irraa wanti tokkollee eeyyama Rabbiitiin ala nama hin tuquNama Rabbitti amanes qalbii isaa ni qajeelchaRabbiin waan hunda beekaadha.
Verse 12
Rabbiif ajajamaa; Ergamichaafis ajajamaaYoo gara galtanis wanti Ergamaa Keenya irra jiru (ergaa itti kenname) dhaqqabsiisuu qofa.
Verse 13
Rabbiin, dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiruMu'uminoonnis Rabbi irratti qofa haa hirkatanu
Verse 14
Yaa warra amantan! Dhugumatti, niitolii keessaniifi ilmaan keessan irraa warra isiniif diinaatu jira; kanaafuu, isaan eeggadhaaYoo dhiifama gootanii irra dabartaniifii araaramtan (sanatu isiniif caala)Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha
Verse 15
Dhugumatti, qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan mokkoroodhaRabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira.
Verse 16
Hanga dandeessaniin Rabbiin sodaadhaa; dhagayaa; (Isaafis) ajajamaa; arjoomaas; sanatu lubbuu keessaniif caalaa ta'aNamni don'ummaa lubbuu isaa (irraa) tikfame, isaan isaanumatu milkaa'oodha.
Verse 17
Yoo liqii gaarii Rabbiif liqeessitan, dachaa isiniif godha; isiniif araaramasRabbiin galateeffataa obsaadha.
Verse 18
ﯨﯩﯪﯫﯬ
ﯭ
(Rabbiin) beekaa fagoofi dhihoo injifataa, ogeessa
تقدم القراءة