Hiikkaa Suura المزّمّل الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﭑﭒ
ﭓ
Yaa mammarataa!
Verse 2
ﭔﭕﭖﭗ
ﭘ
Xiqqo malee halkan guutuu dhaabbadhu
Verse 3
ﭙﭚﭛﭜﭝ
ﭞ
Walakkaa isaa (dhaabbadhu) yookiin xiqqoo isa irraa hir’isi.
Verse 4
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
ﭥ
Yookiin isa irratti dabaliQur'aanas suutaan dubbisi.
Verse 5
ﭦﭧﭨﭩﭪ
ﭫ
Nuti jecha ulfaataa sirratti buusuuf jirra.
Verse 6
Dhugumatti, ka'umsi halkanii (arrabaafi qalbii) wal simachiisuutti akkaan jabaafi dubbisuufis qajeelaadha.
Verse 7
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
ﭻ
Guyyaa keessa (dhimma jireenyaatiif) sochii dheeraatu siif jira.
Verse 8
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
ﮂ
Maqaa Gooftaa keetiis faarsi; gara isaattis citiinsa citi.
Verse 9
(Inni) Gooftaa bahaafi dhihaatiIsa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; hirkoo isa taasifadhu.
Verse 10
Waan isaan jedhan irratti obsi; fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu.
Verse 11
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
ﮛ
Anaafi sobsiiftota warra qananii walitti Na dhiisi; beellama xiqqoos isaaniif qabi
Verse 12
ﮜﮝﮞﮟ
ﮠ
Dhugumatti, Nu bira sakaallaa ulfaataafi ibiddatu jira
Verse 13
ﮡﮢﮣﮤﮥ
ﮦ
Akkasumas nyaata nama hudhuufi adabbii laalessaa ta'etu (jira)
Verse 14
Guyyaa dachiifi gaarreen hurgufamaniifi gaarreen tuulaa cirracha yaa'uu ta'u keessa (sakkaalamu)
Verse 15
Nuti akkuma gara Fir'awn Ergamaa erginee turre gara keessanittis Ergamaa ragaa isin irratti ba'u erginee jirra.
Verse 16
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
ﯣ
Fir'awnnis Ergamicha faallessee (didee) qabaa cimaa isa qabne
Verse 17
Yoo kafartaniif, (adabbii) Guyyaa ijoollee arrii taasisuu akkamitti eeggattu?
Verse 18
Samiin isaan (guyyaa sanaan) dhodhootuudhaBaallamni Isaa raawwatamaa ta'e.
Verse 19
Dhugumatti, isheen kun gorsaNama fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata
Verse 20
(Yaa Muhammad SAW!) Dhugumatti akka atiifi warri sii wajjin ta'an irraa gareen wahii, lama sadaffaa halkanii, walakkaa isaatiifi tokko sadaffaa isaatii gadis dhaabbattan Gooftaan kee ni beekaRabbiin halkaniifi guyyaa ni shallagaAkka isin isa safartanii waliin hin geenye beekee tawbaa keessan isin irraa qeebaleQur'aana irraas (salaata keessatti) waan isiniif laafe qara'aaIsin irraa dhukkubsataan akka jiraatu, warri biraa immoo tola Rabbii barbaacha dachii keessa akka deeman, warri biraas karaa Rabbii keessatti akka lolan beekeeti (isin irrraa salphise)Kanaafuu, isa (Qur'aana) irraa waan isiniif laafe qara'aatii salaata dhaabaa; zakaas kennaaLiqii bareedaas Rabbiif liqeessaaToltuu irraa waan lubbuu keessaniif dabarfattan Rabbiin biratti inni caalaafi kan mindaa guddaa qabu ta'eeti isa argituRabbiin araarama kadhaa; dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
تقدم القراءة