Hiikkaa Suura السجدة الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﭑ
ﭒ
Alif Laam Miim.
Verse 2
Buufamni kitaabichaa Rabbii aalamaa irraa ta'uun shakkiin isa keessa hinjiru.
Verse 3
Sila “(Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhuu? Akkasii mitiDhugumatti, inni dhugaa Rabbii kee irraa ta’ee, ummata siin duratti dinniinaan itti hin dhufin akka dinniintuuf jecha (siif buufame)
Verse 4
Allaahn isa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiran hunda guyyoota jaha keessatti uumee sana booda Arshii irratti (ol ta’iinsa isaan malu) ol ta’eedhaIsaa gaditti gargaaraafi araarsaan tokkollee isiniif hin jiruSila hin gorfamtanuu?
Verse 5
Inni wantoota hunda samii irraa gara dachiitti gara gaggalcha (qindeessa)Sana booda guyyaa dheerinni isaa waan isin lakkooftan irraa waggaa kuma ta’e keessatti gara isaa ol koru.
Verse 6
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
ﮣ
Inni sana hojjate beekaa fagoofi waan mul’atuu, kan injifataa, rahmata godhaa ta’eeti.
Verse 7
(Inni) isa waan uume hunda miidhagseefi uumama namaa dhoqqee irraa jalqabeedha.
Verse 8
Sana booda sanyii isaa dhiiga ititaa bishaan laafaa irraa ta’e irraa godhe
Verse 9
Sana booda isa walqixxeessee ruuhii [uumaa] isaa irraa ta’e isa keessatti afuufeDhageettii, argaafi Onnees isiniif taasiseXiqquma galateeffattu
Verse 10
“Sila yeroo (duunee) dachii keessa fagaanne nuti uumama haaraa keessatti taanaa?” jedhanDhugumatti, isaan qunnamtii Rabbii isaaniitti kafaroodha.
Verse 11
“Maleykaa du’aa isa isin irratti ramadametu isin ajjeesaSana booda gara gooftaa keessanii deebifamtu” jedhiin.
Verse 12
Yeroo yakkamtoonni Rabbii isaanii biratti mataa isaanii gadi buusanii “yaa Gooftaa keenya! Arginee, dhageenyee, nuti dhugoomsoodhaa, hojii gaarii hojjannaa (addunyaatti) nu deebisi” jedhan san odoo argitee [dubbii cimaa argita turte].
Verse 13
Odoo feenee lubbuu hundaa qajeeluma ishee isheedhaaf kennina turreGaruu jecha “jinnootaafi namoota walitti qabaman irraa jahannam nan guuta” jedhutu Ana irraa haqa ta’ee jira.
Verse 14
“Waan qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattaniif (adabbii) dhandhamaaNutis (adabbii keessatti) isin dhiifna; waan dalagaa turtaniifis adabbii yeroo hundaa dhandhamaa” (jedhamu).
Verse 15
Keeyyattoota keenyatti warra yeroo isheedhaan gorfaman kan hin boonne ta’anii sujuuda bu’anii, Rabbii isaanii faarsan malee kan amanu hin jiru
Verse 16
Cinaachi isaaniis ciisicha irraa ni fagaattiSodaataafi kajeelaa Goftaa isaanii ni kadhatuWaan isaaniif kennine irraas ni sadaqatu
Verse 17
Mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha, gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu.
Verse 18
Sila namni mu’umina ta’e akka nama fincilaatii? Wal hin qixxaa’an.
Verse 19
Warri amananii gaggaarii hojjatan waan isaan hojjataa turaniif jecha, qophii ta’ee jannata qobsumaatu isaaniif jira
Verse 20
Isaan fincilan immoo teessoon isaanii ibiddaDhawaatuma ishee irraa ba’uu fedhaniin ishee keessatti deebifamu“Adaba ibiddaa kan isa sobsiisaa turtan dhandhamaa” isaaniin jedhama
Verse 21
Dhugumatti, Nuti akka isaan (gara iimaanaatti) debi’aniif jecha adabbii guddaa dura, adabbii xiqqaa (kan addunyaa) isaan dhamdhamsiifna
Verse 22
Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin gorfamee sana booda ishee irraa duubatti deebi’e caalaa namni miidhaa dalage hin jiruDhugumatti, Nuti yakkamtoota irraa haaloo bahatoodha
Verse 23
Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerraIsaan wal qunnamuu irraa shakkii keessa hin ta’inIlmaan Israa’iiliifis qajeeluma isa taasifne
Verse 24
Yeroma isaan obsaniifi keeyyattoota keenya dhugoomsan, isaan irraa imaamota ajaja keenyaan qajeelchan taasifne.
Verse 25
Dhugumatti, Gooftaan kee isumatu Guyyaa Qiyaamaa wantoota isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti gidduu isaaniitti murteessa.
Verse 26
Sila akka Nuti isaaniin duratti dhaloota baay’ee irraa balleessine gandoota isaanii keessa kan deeman ta’anii ifa isaaniif hin taanee? Dhugumatti, sana keessa mallattooleetu jiraSila hin dhagahanuu?
Verse 27
Sila akka nuti bishaan gara dachii gogaa oofnee biqiloota horiin isaaniitiifi ofii isaaniitii irraa nyaatan ittiin biqilchinu hin ilaallee? Sila hin arganuu?
Verse 28
“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif murtiin kun yoom ta’a?” jedhu
Verse 29
Guyyaa murtii san warra kafaran iimaanni isaanii isaan hin fayyaduYeroonis isaaniif hin kennamu.
Verse 30
ﯯﯰﯱﯲﯳ
ﯴ
Isaan irraa gara gali[Adabbii isaanitti bu’u] eegiDhugumatti, isaanis (baduu kee) eegoodha
تقدم القراءة