سورة التوبة

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura التوبة الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

(Isheen kun) Qulqullina Rabbiifi ergmaa Isaa irraa taate kan gara warra mushrikoota irraa (lola dhiisuuf) waadaa walii galtaniitti (qaqqabduudha)
Yeroo ji’oonni kabajamoon[] dabran, mushrikoota bakka argitanitti ajjeesaa; isaan booji’aas; isaan marsaas; karaa hunda irras isaaniif taa’aaYoo tawbatanii, salaata gadi dhaabanii, zakaas kennan karaa isaaniif gadi dhiisaaDhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
____________________
[1] Ji’oonni kabajamoon ji’oota afran guyyaa labsii irraa kaasee jiru, kan mushrikootaaf isaan keessa nagaan socho’uun eeyyamamee dha.
Odoo isin irratti injifannoo argatanii, firummaafi waadaas isin keessatti kan hin eegganne ta’anii, akkamitti (waadaan isaaniif ta’a)? Afaan isaaniitiin isin jaallachiisu; Onneen isaanii immoo ni diddiIrra hedduun isaaniis finciltoota
Gooftaan isaanii rahmataafi jaalala Isa irraa ta’eefi jannata ishee keessa qananiin yeroo hundaa isaaniif jirtuun isaan gammachiisa.
Yeroo hunda ishee keessa kan jiraatan ta’anii (isaan gammachiisa); Dhugumatti, Rabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira
“Yoo abbootin keessan, ilmaan keessan, obboleeyyan keessan, niitiwwan keessan, firoonni keessan, qabeenyi isin horattan, daldalli isin hir’achuu ishee sodaattaniifi manneen isin jaallattan Rabbi, ergamaa Isaatiifi karaa Isaa keessatti qabsaa’uu irra gara keessanitti jaalatamaa ta’e, hanga Rabbiin murtii Isaatiin dhufutti eegaa” jedhiRabbiinis ummata finciltoota hin qajeelchu.
Kabajaa ji’a tokkoo gara ji’a birootti siqsuun kufrii irratti (kufrii) dabaluudhaWarri kafaran isaan jallifamuWaggaa tokko (keessa) hayyamamaa isa godhu; waggaa biraa immoo dhorgamaa isa godhuAkka lakkoofsa wanta Rabbiin dhorgamaa godhee qunnamaniif jecha waan Rabbiin dhorgamaa godhe hayyamamaa godhuFokkataan hojii isaaniis isaaniif miidhagfameRabbiinis ummata kafaran hin qajeelchu.
Yoo isin isaaf tumsuu baattaniis, dhugumatti yeroo warri kafaran lammaffaa nama lamaa ta’ee isa (Makkaa) baasan, yeroo isaan lamaanuu goda keessa ta’an, yeroo inni saahiba isaatiin “dhugumatti Rabbiin nu waliin jiraa; hin gaddin” jedhu san Rabbiin isaaf tumseeraRabbiin tasgabbii Isa irraa ta’e isa irratti buuse; waraana isin ishee hin arginiinis isa jabeesseJecha warra kafaranii gad aantuu taasiseJechi Rabbii isheedhumatu ol aantuudhaRabbiin injifataa, ogeessa.
Salphoo taatanii yookiin ulfaatoo[] taataniis duulaaf bahaa; Qabeenyaafi lubbuu keessaniinis karaa Rabbii keessatti lolaaYoo kan beektan taatan kanatu isiniif caalaadha.
____________________
[1]Salphoofi ulfaatoo jechuun: Haala hunda keessattuu dargaggeessas taatanii jaarsa, qabaataas taatanii dhabaa, dadhabaas taatanii danda’aa, dhukkubsataas taatanii fayyaa jechuudha. Kuni yeroo jalqabaatiif ture; booda garuu keeyyata “warra hin dandeenye irra badiin hin jiru” jedhuun shaarameera.
Odoo (lolaaf) bahuu fedhanii silaa qophii isaaf qophaa’u turanGaruu Rabbiin bahuu isaanii jibbee duubatti isaan hanbise; “warra taa’uu[] wajjiin taa’aa” jedhame.
____________________
[1] Warra taa’u jechuun ijoollee, dubartootaafi dhukkubsataa wajjiin jechuu dha.
Odoma isinii waliin ba’aniiyyuu badii malee homaa isiniif hin dabalanuRakkoo kan isinitti barbaadan ta’anii, jeequmsaan gidduu keessan fiigu turanIsin keessas namoota isaaniif dhaggeeffatantu jiruRabbiin miidhaa hojjattoota ni beeka.
Odoo iddoo itti baqatan yookiin goda wahii yookiin iddoo seenan (qaawwa wahii) argatanii silaa kan fiigan ta’anii gara isaatti deebi’u turan.
Odoo isaan waan Rabbiifi ergamaan Isaa isaaniif kenne jaalatanii “Rabbiin nuuf ga’aadhaRabbiin fuula dura tola Isaa irraa nuuf kennaErgamaan Isaas (akkasuma)Dhugumatti, nuti gara Rabbii kajeeloodha” jedhanii (silaa isaaniif caalaa ture).
Dhugumatti odoo isaan gaafattee “Nuti haasawatti kan seennuufi kan taphannu qofa turre” jedhu“Sila Rabbitti, keeyyattoota Isaatiifi ergamaa Isaatti qishnaa gootuu? jedhiin.
(Isin) akkuma warra isin dura dabraniiti; Isaan humnaan isin irra jajjaboo, qabeenyaafi ilmaaniinis isin irra baay’ee turanIsaan qooda isaaniitiin ni qanani’an, akkuma isaan isin dura (dabran) qooda isaanitti qanani’an isiniis qooda keessanitti qananiitanAkkuma isaan (tapha) keessa seenan isinis (tapha) keessa seentanWarri sun Addunyaafi Aakhiraattis dalagaaleen isaanii baddee jirtiWarri sun isaanumatu hoonga’oodha.
Homaa hin jenne jedhanii Rabbiin kakatuDhugumatti isaan jecha kufrii jedhaniiru; Erga Islaamummaa isaaniitiis kafaraniiru; Waan itti hin geenyes yaadaniiru; Rabbiifi ergamaan isaa tola Isa irraa ta’een isaan duroomsuu malee waan biraa hin jibbineYoo tawbatan caalaa isaaniif ta’a; yoo (irraa) garagalan immoo Rabbiin Addunyaafi Aakhiraattis adabbii laalessaan isaan adabaDachii keessattis jaalalleefi tumsaan isaaniif hin jiru.
Isaan irraas namoota “Yoo (Rabbiin) tola Isaa irraa nuuf kenne, silaa dhugumatti ni arjoomna; Gaggaarii irraas ni taana turre” (jechuun) Rabbiif waadaa seenantu jiru.
Tikfattoota baadiyyaa irraa gariin warra naannoo keessan jiruu munaafiqootaWarra Madiinaa irraas (namoota) munaafiqummaa irratti ragga’an, kan ati isaan hin beeknetu jiruNuti isaan ni beeknaFuula dura yeroo lama[] isaan adabnaErgasii isaan gara adabbii guddaa deebifamu.
____________________
[1]Adabbiin lama: tokkoffaan komii addunyaati. Inni lammaffaa immoo adabbii qabriiti.
Sila isaan ‘Rabbiin Isatu gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalaafi sadaqaas fudha’ jechuu hin beeknee? Ammas dhugumatti ‘Rabbiin isatu tawbaa qeebalaafi rahmata godhaa dha’ jechuus (hin beeknee?).
“Hojjadhaa; Rabbiin, ergamaan Isaatiifi mu’uminoonnis fuula dura dalagaa keessan ni arguGara beekaa wantoota hin mul’anneefi wantoota mul’ataniis fuula dura ni deebituWaan isin dalagaa turtanis isinitti odeessa” jedhi.
Dhugumatti, Rabbiin mu’uminoota irraa jannanni isaaniif ta’uudhaan lubbuufi qabeenya isaanii biteeraKaraa Rabbii keessatti lolu; ni ajjeesu; ni ajjeefamusKun Tawraat, Injiiliifi Qur’aana keessatti waadaa Isa irratti mirkanaa’eedhaNamni Rabbi irra waadaa isaa guutu eenyu? Kanaafuu gurgurtaa keessan isa gurgurttaniin gammadaaSunis isatu milkii guddaadha.
(Isaan) warra tawbaa deebi’an, gabbartoota, faarsitoota, soomtota, warra rukuu’a godhan, warra sujuuda godhan, warra toltuutti ajajan, warra hamtuu irraa dhorganiifi warra daangaa Rabbiis eeganiidhaMu’uminootas (jannataan) gammachiisi.
Warra Madiinaatiifi tikfattoota baadiyyaa irraa warra moggaa isaaniitti argamaniif ergamaa Rabbii irraa duubatti hafuufi lubbuu isaaniis lubbuu isaa irra jaalachuun isaaniif hin malu tureSunis sababa hojiin gaariin ittiin isaaniif barreeffamu malee karaa Rabbii keessatti dheebuun, dadhabbiifi beellis kan isaan hin mudanne ta’ee akkasumas iddoo ejjannaa kaafiroota dallansiisu tokkoos hin ejjanneefi diina irraas (ajjeesuufi booji’uun) qaqqabiinsa tokkos kan hin qaqqabne (waan) ta’eefiDhugumatti, Rabbiin mindaa toltuu raawwattootaa hin balleessu.
Mu’uminoonni (nabiyyii wajjin yoo ta’e malee) dimshaashatti duuluun isaaniin hin maluSila maaliif garee hunda irraa muraasni tokko hin lolle? (Warri biroo immoo) akka amantii keessatti hubannoo godhatanii yeroo gara maatii isaaniitti deebi’an, akka isaan dinniinaniif (gorsaniif) jecha (maaliif hin hafne).
Dhugumatti, ergamaan isin irraa ta’e, kan rakkinni keessan isa irratti jabaatu, kan isiniif (akka amantanuuf) bololu, mu’uminootaaf immoo mararfataa, rahmata godhaa ta’e isinitti dhufeera.
تقدم القراءة