Hiikkaa Suura الأنعام الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
Faaruun hundi kan Rabbii isa samiifi dachii uumee, dukkanaafi ifa argamsiiseetiErgasii isaan kafaran Rabbii isaaniitti qindeessu.
Verse 2
Inni isa dhoqqee irraa isin uumee ergasii beellama (du'aa) murteesseedhaBeellamni beekamaan (Qiyaamaan) immoo Isa bira jiraErgasii isin ni shakkitu.
Verse 3
Inni samii keessattiifi dachii keessattis gabbaramaadhaIccitii keessaniifi ifa bahaa keessanis ni beekaWaan isin hojjattanis ni beeka.
Verse 4
Keeyyanni keeyyattoota Gooftaa isaanii irraa ta'e isaanitti dhufee yoo kan isaan ishee irraa gara galan ta'e malee hin hafu.
Verse 5
Dhugumatti, isaan yeroma dhugaan isaanitti dhufu sobsiisaniiruOduun waan (adabbii) isaan itti qoosaa turanii fuulduratti isaanitti dhufa.
Verse 6
Sila isaaniin dura jaarraa (ummata) irraa kan dachii keessatti hanga isiniif hin mijeessin isaaniif mijeessine heddu balleessuu keenya hin ilaalanuu? Bokkaas wal hordofaa ta'ee isaan irratti buufneLaggeenis jala isaanii akka yaatu gooneBadii isaaniitiin isaan balleessinee booda isaaniitii jaarraa biraa uumne.
Verse 7
Odoo kitaaba waraqaa irratti barreeffame sirratti buufnee silaa harka isaanitiin isa tuqanii warri kafaran "kun sihrii ifa ta’e malee homaa miti" jedhu.
Verse 8
Ni jedhu: "Maaliif Maleykaan isa irratti hin buufamin?" Odoo Maleykaa buufnee silaa dhimmichi ni murteeffama; Ergasii yeroon isaaniif hin kennamu ture.
Verse 9
Odoma maleykaa isa gooneeyyuu dhugumatti silaa dhiira isa taasifneeti waan isaan walitti fakkeessan isaan irratti wal fakkeesina turre.
Verse 10
Dhugumatti, ergamoota si dura turanittis qoosamee tureIsaan irraa warra qoosanitti wanti isaan itti qoosaa turan isaanitti marse.
Verse 11
Jedhi: "dachii keessa deemaa; ergasii booddeen warra dhugaa kijibsiisee akkam akka ta’e ilaalaa."
Verse 12
"Wantoonni samiifi dachii keessa jiran hundi kan eenyuuti?" jedhi“Kan Rabbiiti” jedhiLubbuu Isaa irratti rahmata barreessee jiraDhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa mamiin isa keessa hin jirreef walitti isin qabaIsaan lubbuu isaanii hoongessan, hin amananu.
Verse 13
Wanti halkaniifi guyyaa keessa callises kan RabbiitiInni dhagayaa, beekaadhas.
Verse 14
"Sila Rabbii uumaa samiifi dachii, inni kan nyaachisu hin nyaanne ta'een alan gabbaramaa tolfadhaa?" jedhi"Ani jalqaba nama Rabbiif bulee ta'uuttin ajajameMushrikoota irraas hin ta'in (jedhameera)" jedhi
Verse 15
"Ani yoon Gooftaa kiyya faallesseef adabbii guyyaa guddaan sodaadha" jedhi.
Verse 16
Namni guyyaa san isa (adabicha) irraa deebifame, dhugumatti (Rabbiin) isa mararfateeraKun milkii guddaadha.
Verse 17
Yoo Rabbiin miidhaan si tuqe, Isa malee deemsisaan isaaf hin jiruYoo toltuudhaan isin tuqes, Inni waan hunda irratti danda’aadha.
Verse 18
Inni gabroota Isaa irratti mo’ataadhaInni ogeessa, keessa beekaadhas.
"Sila ragaadhaaf waan hunda irra maaltu guddaadha?" jedhi"RabbumaGidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragaadhaQur’aanni kunis akkan ittiin isiniifi nama inni bira ga’u dinniinuuf gara kiyyatti beeksifameSila isin dhugumatti Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jira jettanii ragaa baatuu?" jedhiin"Ani ragaa (akkasii) hin ba’u" jedhi"Dhugumatti, Inni dhugaan gabbaramaa tokkichaAnis waan isin gabbartan irraa qulqulluudha" jedhi.
Verse 20
Warri kitaaba isaaniif kennine akka ilmaan isaanii beekanitti isa beekuWarri lubbuu isaanii hoongessan, isaan hin amananu.
Verse 21
Nama Rabbirratti kijiba uume yookiin keeyyattoota Isaa kijibsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaayanu.
Verse 22
Guyyaa hunda isaanii walitti qabnee, ergasii isaan qindeessaniin "sila warri isin Rabbii wajjin gabbaramoodha jettanii mormaa turtan eessa jiru?" jennuun san [yaadadhu].
Verse 23
Ergasii deebiin isaanii "Rabbii keenyaan kakannee! nuti mushrikoota hin taane" jechuu malee hin jiru.
Verse 24
Akka itti isaan lubbuu isaanii kijibsiisaniifi wanti isaan uumanii odeessaa turan akka itti isaan irraa bade mee ilaali!
Verse 25
Isaan irraas nama gara kee dhageeffatutu jiraAkka isaan isa hin hubanne onnee isaanii irratti haguuggaa, gurra isaanii irratti immoo duudina taasifnee jirraOdoma mallattoowwan hundaa arganiiyyuu, isheetti hin amananuWarri kafare yeroo kan sitti falman ta'anii sibira dhufan, (Qur’aanni) kun ogbarruu warra durii malee waan biraatii miti" jedhu.
Verse 26
Isaan isa (Muhammadiin) irraa dhorgu; Isa irraas fagaatanLubbuu isaanii malee homaa hin balleessan; garuu hin beekanu
Verse 27
Yeroo isaan ibidda irra dhaabamanii "yaa hawwii keenya! odoo (addunyaatti) deebifamnee aayatoota Rabbii keenyaas kijibsiisuu dhiifnee mu'umina irraas taanee" jedhan argitee (waan rifachiisaa argita ture)
Verse 28
Dhugumatti wanti isaan kana dura dhoksaa turan isaaniif mul’ateOdoo deebifamaniis waan irraa dhorgamanitti deebi’uIsaan kijibdoota.
Verse 29
"Isheen jireenya addunyaati malee kan biraa miti, nutis (du’a booda) hin kaafamnu" jedhan.
Verse 30
Yeroo isaan Gooftaa isaanii fuulduratti dhaabaman odoo argitee (waan rifachiisaa argita ture)"Sila inni kun dhugaa mitii?" jedhe"Eeyyeen; Gooftaa keenyaan kakannee! dhugaa dha" jedhan"Waan kafaraa turtaniif (amma) adabicha dhandhamaa!" jedhe.
Verse 31
Isaan wal qunnamtii Rabbii kijibsiisan dhugumatti hoonga’aniiruYeroo Qiyaamattiin tasa isaanitti dhufte badii isaanii dugda isaanii irratti baataa "Waan ishee (addunyaa) keessatti hanqifneef yaa gaabbii keenya!" jedhanDhagayaa! Ba’aan isaanii waa fokkate!
Verse 32
Jireenyi addunyaa taphaafi qoosaa malee waan biraa mitiDhugumatti warra (Rabbiin) sodaataniif ganda Aakhiraatu caalaSila isin hin xiinxaltanuu?
Verse 33
Dhugumatti wanti isaan jedhan si gaddisiisuu ni beeknaIsaan (onnee isaatiin) si hin kijibsiisanuGaruu miidhaa raawwattoonni keeyyattoota Rabbii kijibsiisu
Verse 34
Dhugumatti, ergamoonni si duraas kijibsiifamaniiruWaan kijibsiifaman irrattis ni obsanHanga tumsi keenya isaaniif dhufuttis ni rakkifamanJechoota Rabbiitiif jijjiiraan hin jiruDhugumatti, oduu ergamootaa irraa (hangi tokko) sitti dhufeera.
Verse 35
Yoo (sirraa) garagaluun isaanii sitti ulfaate, mallattoon isaanitti dhufuuf yoo qaawwa dachii keessa barbaaduu yookiin kortoo samii keessaa dandeesse (raawwadhu)Rabbiin odoo fedhee, (hunda isaanii) qajeeluma irratti walitti isaan qabaWallaalaa irraas hin ta’in.
Verse 36
Kan owwaatu warruma dhaga’u qofaDu'aawwan immoo Rabbiin isaan kaasaErgasii gara Isaatti deebifamu.
Verse 37
"Maaliif mallattoon Gooftaa isaa irraa isa irratti hin buufamne?" jedhu"Dhugumatti, Rabbiin mallattoo buusuu irratti danda’aa dha" jedhiGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu
Verse 38
Deddeemtuu dachii keessaas ta'ee simbirroon koola isaa lamaaniin bararus uumamuma akka keessanii malee hin taaneKitaaba keessatti Nuti homaa hin dhiifneErgasii gara Gooftaa isaanii oofamu.
Verse 39
Isaan keeyyattoota keenya kijibsiisan duudaafi arraba qabamaa dukkana keessa jiraniidhaRabbiin nama fedhe isa jallisa; nama fedhe immoo karaa qajeelaa irra isa godha.
Verse 40
Jedhi: "Sila yoo adabbiin Rabbii isinitti dhufe yookiin Qiyaamaan isinitti dhufte, yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waan Rabbiin alaa ni kadhattuu? mee naaf himaa!"
Verse 41
Dhugumatti Isa qofa kadhattu, yoo fedhe waan isin gara isaatti kadhattan san isin irraa kaasaWaan qindeessitanis ni irraanfattu.
Verse 42
Dhugumatti, gara ummattoota siin duraatti erginee jirraAkka isaan (Rabbitti) watwaataniif hiyyummaafi dhukkubaan isaan qabnee jirra.
Verse 43
Maaliif yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufe (Rabbitti) hin watwaatinGaruu onneen isaanii ni gogdeSheyxaannis waan isaan dalagaa turan isaaniif miidhagse.
Verse 44
Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, balbala waan hundaa isaanitti banne; yeroo isaan waan kennamaniin gammadan odoo hin beekne (adabaan) isaan qabneIsaan yoosuu abdii murattoota.
Verse 45
Booddeen ummata isaan miidhaa hojjatanii ni murameFaaruun kan Rabbii Gooftaa aalamaati.
Verse 46
Jedhi: “Mee naaf himaa! Yoo Rabbiin dhageettiifi argaa keessan fudhatee, onnee keessan irrattis cufe, gabbaramaan Rabbiin alaa isa isiniif fidu eenyu?” Akkamitti keeyyattoota akka ibsinuufi ergasii akkamitti akka isaan gara galan ilaali.
Verse 47
Jedhi: "Mee naaf himaa! Yoo adabbiin Rabbii tasa yookiin ifatti isinitti dhufe, sila ummata miidhaa hojjattoota malee ni balleeffama?"
Verse 48
Nuti ergamoota gammachiisoofi dinniinoo taasifnee malee hin erginuWarri amananiifi toltuu hojjatan sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.
Verse 49
Isaan keeyyattoota keenya kijibsiisan, waan isaan fincilaa turaniif adabbiin isaan tuqa.
Verse 50
Jedhi: "Kuusaaleen Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhu; fagoos hin beeku; ani Maleykaa dhas isiniin hin jedhuWaan gara kiyya buufame malee hin hordofuSila jaamaafi argaan wal qixxaataa? Sila hin xiinxaltanii?" (jedhi).
Verse 51
Isaan isa (Rabbiin) malee jaalalleefi manguddoo kan hin qabne ta'anii gara Gooftaa isaaniitti walitti qabamuu sodaatan akka isaan (Rabbiin) sodaataniif isaan (Qur’aanaan) dinniini.
Verse 52
Warra fuula Isaa barbaaduuf ganamaafi galgala Gooftaa isaanii kadhatan hin ari’inIsaan ariitee miidhaa raawwattoota irraa akka taatuuf qormaata isaanii irraa waa tokko sirra hin jiru; qormaata kee irraas waa tokko isaan irra hin jiru
Verse 53
Akkasuma "isaan kana Rabbiin nu gidduudhaa tola itti oolee?" akka isaan jedhaniif garii isaanii gariin mokkoreSila Rabbiin galateeffattoota akkaan beekaa hin taanee?
Verse 54
Yeroo warri keeyyattoota keenyatti amanan sitti dhufan "Nageenyi isin irra haa jiraatuGooftaan keessan lubbuu Isaa irratti rahmata barreesseera: ‘namni isin irraa wallaalumaan hamtuu hojjatee ergasii isa booda gara Rabbii deebi’ee toltuu hojjate, dhugumatti Inni (isaaf) araaramaa, (isaaf) rahmata godhaa dha" (jedhi).
Verse 55
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
ﮅ
Akkasumas akka (dhugaan mirkanaa'uu fi) karaan yakkamtootaas ifa ta’uuf jecha keeyyattoota addeessina
Verse 56
"Ani warra isin Rabbiin ala gabbartan gabbaruu irraa dhorgameera" jedhi"Ani fedha lubbuu keessanii hin hordofu, yoos dhugumatti ani jalladhe; warra qajeelan irraahii miti" jedhi.
Verse 57
Jedhi: "Ani ragaa ifa ta’e kan Gooftaa kiyya irraa dhufe irran jiraIsin isa kijibsiiftaniWanti isin arifachiifattan ana bira hin jiruMurtiin Rabbiif malee hin taaneInni dhugaa murteessaInni irra caalaa warra murteessaniiti."
Verse 58
Jedhi: "Odoo wanti isin arifachiifattan ana bira jiraatee, silaa dhimmichi gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ni murtaa’a tureRabbiin miidhaa hojjattoota akkaan beekaadha."
Verse 59
Furtuuwwan fagoo (ghaybii) Isa bira jiraIsa malee homtuu ishee hin beekuInni waan dachii keessa jiruufi waan bahra keessa jirus ni beekaBaala irraas tokkollee inni beeku malee hin kufuFiriin dukkana dachii keessaa, jiidhaafi gogaanis kitaaba ifa ta’e keessa jiraatu malee hin hafu.
Verse 60
Inni Isa halkan isin ajjeesuudha; Waan isin guyyaa carraaqxanis ni beekaErgasii akka beellamni murtaa'aan dhumuuf isa (guyyaa) keessa isin kaasaErgasiis deebiin keessan gara IsaatiErgasiis waan isin hojjachaa turtan isinitti hima.
Verse 61
Inni gabroota Isaa gubbaa ta'ee, hundaa injifataadhaIsin irrattis tiksitoota ergaYeroo duuti tokkoon keessanitti dhufe ergamoonni keenya isaan kan (ajaja) hin hanqifne ta'anii isa ajjeesu
Verse 62
Ergasiis gara Gooftaa isaanii dhugaa ta'e, gara Rabbii deebifamuDhagayaa! murtiin kan Isaa qofaInnis irra arifataa qorattootaati.
Verse 63
Jedhi: "Sila dukkana dachiifi bahraa irraa kan isin mul'iftaniifi iccitiin isa waammattan taatanii ‘yoo kana irraa nu baraarseef, nuti galateeffattoota irraa taana’ (jettanu) eenyutu isin baraarsa?"
Verse 64
Jedhi: "Rabbumatu isheefi rakkoo hunda irraa isin baraarsaErgasii isin ni qindeessitu."
Verse 65
Jedhi: "Inni adabbii gubbaa keessan irraa yookiin miila keessan jalaa isin irratti erguu, yookiin garee haala taataniin isin walitti makee garii keessan lola garii dhandhamsiisuu irratti danda’aadha." Akka isaan hubataniif jecha akkamitti keeyyattoota akka ibsinu ilaali.
Verse 66
Odoo inni dhugaa ta'ee jiruu ummanni kee isa kijibsiisan"Ani isin irratti tiksaa miti" jedhiin.
Verse 67
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
ﯶ
Oduu hundaaf yeroo itti mirkanaa’utu jiraFuula dura beektu.
Verse 68
Yeroo warra keeyyattoota keenya keessa seenan (itti qoosan) argite, hanga isaan dubbii sanaan alaa keessa seenanitti isaan irraa garagaliYoo sheyxaanni si dagachiises, yaadannoo booda ummata miidhaa raawwattoota wajjin hin taa’in.
Verse 69
Warra (Rabbiin) sodaatan irra dilii isaanii irraa homaayyuu hin jiruGaruu akka isaan eeggataniif jecha gorsatu (isaaniif jira).
Warra amantii isaanii taphaafi qoosaa godhatanii jireenyi addunyaa isaan gowwoomsite isaan dhiisiAkka lubbuun waan hojjatteen hin banne isaan (Qur’aanaan) gorsiRabbii gaditti jaalalleefi manguddoonni isaaniif hin taaneLubbuun hundi odoo kafaltii hunda kafalteeyyuu ishee irraa hin fuudhamuIsaan sun warra waan hojjataniin balleeffamaniIsaaniif waan kafaraa turaniif jecha dhugaatii bishaan danfaa irraa ta’eefi adabbii laalessaa ta’etu jira.
Verse 71
Jedhi: "Sila nuti Rabbii gaditti waan nu hin fayyanneefi nu hin miine gabbarraa? Erga Rabbiin nu qajeelchee booda akka isa dhama'aa ta'ee sheyxaanni dachii keessa isa fuudhee, kan isaaf hiriyoonni 'gara keenya kottu' (jechuun) gara qajeelumaa isa waaman jiranu (kan isaan hin hordofnee san) of duuba deebinaa?" Dhugumatti, qajeelfamni Rabbii isatu qajeelfama (sirrii)tiNutis Gooftaa aalamatiif akka bullu ajajamnee jirra" jedhi.
Verse 72
Salaata dhaabuufi Isa sodaachuutti (ajajamne)Innis Isa gara Isaatti walitti qabamtaniidha.
Verse 73
Inni Isa samiifi dachii dhugaan uumeGuyyaa ‘ta’i’ jennaan achumaan ta’u san [yaadadhu]Jechi Isaa dhugaadhaGuyyaa xurumbaan afuufamu mootummaan kan IsaatiInni beekaa fagoo (gheybii)fi dhihootiInni ogeessa, keessa beekaadha.
Verse 74
Yeroo Ibraahiim abbaa isaa Azaariin "sila ati taabota gabbaramoota godhattaa? Dhugumatti, ani siifi ummata kee jallina ifaa keessattiin argaara" jedhes [yaadadhu].
Verse 75
Akka (beekee) mirkaneeffattoota irraas ta’uuf jecha, akka kanatti Ibraahiimiin mootummaa samiifi dachii agarsiifne.
Verse 76
Yeroo halkan isa irratti dukkanaa’es, urjii argeetiin "kun Gooftaa kiyya" jedheYeroo inni seenus "ani seentota hin jaaladhu" jedhe.
Verse 77
Yeroma ji’as ba’aa ta'ee argu "kuni Gooftaa kiyya" jedheYeroo inni seenus "odoo Gooftaan kiyya na qajeelchuu baatee silaa ani ummata jallattoota irraan ta’a" jedhe.
Verse 78
Yeroma aduu kan baate taatee argu "kun Gooftaa kiyya; kanatu irra guddaa dha" jedheYeroo isheen seentu "yaa ummata kiyya! ani waan isin qindeessitan irraa qulqulluu dha" jedhe.
Verse 79
Dhugumatti, ani fuula kiyya qajeelaa haalan ta’een gara Isa samiifi dachii uumee deebiseen jira; Ani mushrikoota irraas miti.
Verse 80
Ummanni isaas isaan falme[Inni] ni jedhe: "Sila dhugumatti odoo Inni na qajeelchee jiruu isin (waa’ee) Rabbii keessatti na falmituu? Waan isin Isatti qindeessitanis hin sodaadhuYoo Gooftaan kiyya fedhe malee (homtuu narra hin ga’u)Gooftaan kiyya beekumsa Isaatiin waan hunda waliin ga’eeraSila hin gorfamtanuu?
Verse 81
Odoo isin waan Inni ragaa isaa isin irratti hin buusin kan gabbartan hin sodaanne taatanuu, ani akkamittin waan isin qindeessitan sodaadha? Yoo kan beektan taataniif garee lamaan keessaa isa kamtu tasgabbii mirga godhata?" (jedhi).
Verse 82
Isaannan amananii, iimaana isaanii shirkiidhaan hin makin isaaniif tasgabbiitu jiraIsaanis qajeelfamoodha.
Verse 83
Isheen kun ragaa keenyaIbraahiimiif ummata isaa irratti kenninee jirraNama feenes sadarkaawwan keessatti ol fuunaDhugumatti, Gooftaan kee ogeessa, beekaadha.
Verse 84
Isihaaqiifi Ya’aquubiin isaaf kennineHundaahuu ni qajeelchineSana duras Nuuhiin qajeelchinee jirraSanyii isaa irraas Daawuud, Sulaymaan, Ayyuub, Yuusuf, Muusaafi Haaruunin (qajeelchinee jirra)Akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
Verse 85
Zakariyyaa, Yahyaa, Iisaafi Ilyaasiinis (ni qajeelchine)Hundinuu gaggaarii irraayyi.
Verse 86
Ismaa’il, Yasa’i, Yuunusiifi Luuxiinis (qajeelchine)Hundaayyuu aalama irra caalchifne.
Verse 87
Abbootii isaanii, ilmaan isaaniifi obboleeyyan isaanii irraas (qajeelchine)Isaan fillee, gara karaa qajeelaa isaan qajeelchinee jirra.
Verse 88
Kun qajeelloo RabbiitiGabroota isaa irraa nama fedhe isaan qajeelchaOdoo isaan qindeessanii silaa wanti isaan dalagaa turan isaan jalaa bada.
Verse 89
Isaan warra nuti kitaaba, ogummaafi nabiyyummaa isaaniif kennineedhaYoo isaan kun (warri Makkaa) isheetti kafaran, dhugumatti Nuti namoota isheetti hin kafarre isheef qopheessineerra.
Verse 90
Isaan warra Rabbiin qajeelcheedhaQajeelfama isaanii hordofi"Ani isa irratti mindaa isin hin gaafadhuInni aalamaaf yaadannoo malee homaa miti" jedhi.
Yeroo "Rabbiin nama irratti homaa hin buufne" jedhan guddina Isaaf malu Rabbiin hin guddifne"Ifaafi namootaaf qajeelfama haala ta'een kan isin waraqaalee heddu isa gootan kitaaba Muusaan ittiin dhufe eenyutu buuse? (Kan feetan) ishee mul'iftuHeddu immoo ni dhoksituWaan isiniifi abbootiin keessan hin beekne beeksifamtanii jirtan" jedhi"(Kan isa buuse) Rabbuma" jedhiErgasii haala isaan dhara isaanii keessa taphataniin isaan dhiisi.
Verse 92
Kunis kitaaba barakaa qabu kan (kitaabota) isa duraa dhugoomsu, (jiraattota) haadha magaalotaa (Makkaa)fi namoota naannoo ishee jiran akka ittiin dinniinuuf Nuti buufneedhaWarri Aakhiratti amanan kan salaata isaanii irratti tikfatan ta'anii isatti ni amanu.
Nama Rabbi irratti kijiba odeesse yookiin odoo wahyiin homaatuu isatti hin beeksifamin "wahyiin gara kiyyatti bu’eera" jedheefi nama "anis fakkaataa waan Rabbiin buuseetiin buusa" jedhe caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Odoo yeroo miidhaa hojjattoonni haguuggaa du’aa keessa ta’anii malaykonnis harka isaanii diriirsanii "lubbuu keessan baasaa; har'a isin waan Rabbi irratti dhugaan alaa jedhaa turtaniifi keeyyattoota Isaa irraa boonaa turtaniif, adabbii salphisaa galata galfamtu" (jedhanu) argitee (dubbii rifachiisaa argita ture).
Verse 94
Dhugumatti isin kophaa taatanii akkuma yeroo jalqabaa isin uumnetti Wantoota Nuti isiniif kennine hunda dugda duuba keessanitti dhiiftanii gara keenya dhuftaniittuNuti manguddoota (taabota) keessan kan isin “kun warra Rabbiin waliin gabbarru” jedhaa turtan isin wajjiin hin arginu(Hariiroon) gidduu keessanii dhugumatti citeeraWanti isin mormaa turtanis isin jalaa badeera.
Verse 95
Rabbiin baqaqsaa fireetiifi ija tamriiti(Inni) du’aa irraa fayyaa baasaFayyaa irraas du’aa baasaadhaKun Rabbii keessaniIsin akkamumatti gara galturee?
Verse 96
)Inni) baqaqsaa bariitiHalkan (yeroo) boqonnaa, aduufi ji’as lakkoofsa (yeroo ittiin beekuuf) godheKun qideessuu (Rabbii) injifataa, beekaati.
Verse 97
Inni (Rabbiin) Isa akka dukkana dachiifi bahraa keessa isaaniin qajeeltaniif urjiiwwan isiniif godhe saniDhugumatti, Nuti keeyyattoota ummata beekaniif addeessinee jirra.
Verse 98
Inni (Rabbiin) Isa lubbuu tokko irraa isin uumeedhaBakka ragga'iinsaa (gad-aamessaa)fi bakka qubsumaa (dugdatu isiniif jira)Dhugumatti, Nuti namoota hubataniif keeyyattoota addeessineerra.
Inni Isa samii irraa bishaan buuseIsaanis biqilaa waan hundaa baafnee, isa irraahis magariisa baafneIsa irraa firii wal koraa, muka Timiraa irraa, daraaraa ishee irraa yudoo dhihoo taate, ashaakiltii inaba irraa ta'e, zaytuuna, rummaana wal fakkaataafi wal fakkaataa hin taane baafnaMee gara oomisha isaa yeroo inni fireesseefi (gara) bilchina isaas ilaalaaDhugumatti, kana keessa ummata amananiif mallattoowwantu jira.
Verse 100
Odoo inni isaanis uumee jiruu jinnoota Rabbiif shariika taasisan; isaan beekumsaan maleetti ilmaan dhiiraafi dhalaa Isaaf (Rabbiif) uumanInni wantoota isaan kijibaan Isatti maxxansan irraa qulqulluufi ol ta’aadha.
Verse 101
Jalqabaa uumama samiifi dachiitiWaan hundaa uumee, Niitii kan hin qabne ta'ee akkamitti ilmoon isaaf ta’a? Inni waan hunda beekaadha.
Verse 102
Kan akkana hojjate kun Rabbii keessaniIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru(Inni) uumaa waan hundaatii, Isa (qofa) gabbaraaInnis waan hunda tiksaadha.
Verse 103
)Addunyaatti) agartuun Isa hin agartuInni immoo agartuu hunda ni argaInni mararfataa, beekaadha.
Verse 104
Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa ragaawwan ifa ta’an isinitti dhufeeraNamni (ragaawwan kanniin) arge lubbuma isaatiif (itti fayyadama)Namni jaames isheedhuma irratti (miidhaa geessisa)Aniis isin irratti tiksaa miti.
Verse 105
Akkasumas (akka isaan xiinxalaniifi kitaaba durii) qu'ate jedhaniifi ummata beekaniif immoo ibsuuf keeyyattoota addeessina
Verse 106
Waan Gooftaa kee irraa sitti beeksifame hordofiIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; mushrikoota irraas garagali.
Verse 107
Odoo Rabbiin fedhee, silaa (isatti) hin qindeessanu tureIsaan irrattis tiksaa si hin gooneAti isaan irrattis moosifamaa miti.
Verse 108
Beekumsa maleetti jibbaadhaan Rabbiin arrabsuu warra isaan Rabbii gaditti gabbaran hin arrabsinaaAkka kanatti ummata hundaaf dalagaa isaanii miidhagsineErgasii deebiin isaanii gara Gooftaa isaaniiti; waan isaan dalagaa turanis isaanitti hima.
Verse 109
"Odoo mallattoon wahii isaanitti dhufee, silaa isatti amanna" jedhanii kakuu isaanii cimaa Rabbitti kakatani"Mallattoowwan Rabbuma biraayi" jedhiYeroo isheen (raajiwwan) dhufte isaan hin amananuu maaltu isin beeksise? (Rabbitu beeka malee isin hin beektanu).
Verse 110
Akkuma isaan yeroo jalqabaa isatti hin amanin onnee isaaniitiifi agartuu isaanii gara gaggalchinaKan dhama'an ta'anii jallina isaanii keessatti isaan dhiifna
Verse 111
Odoo Nuti malaykota gara isaaniitti buufnee, du’aawwanis isaaniin haasa'anii, waan hundayyuu isaan duratti walitti qabnellee, isaan yoo Rabbiin fedhe malee kan amananii mitiGaruu irra hedduun isaanii ni wallaalu.
Verse 112
Akka kanatti nabiyyii hundaafuu diina shayxaana namaafi jinnii irraa ta’an, kan gowwoomsuuf jecha gariin isaanii gara gariitti, jecha miidhagaa beeksisan godheeraOdoo Gooftaan kee fedhee silaa hin raawwatanu tureIsaaniifi kijiba isaan uumanis dhiisi.
Verse 113
Akka onneen warra Aakhiratti hin amaninii gara isaa daban, akka isas jaalataniifi (adaba irraa) waan raawwachaa jiranis akka raawwataniif.
Verse 114
"Odoo innni kitaaba addeeffamaa gara keessanitti buusee jiruun Rabbiin alatti murteessaa barbaaddadhaa?" (jedhi).Warri kitaaba isaaniif kennines, akka inni dhugaan Gooftaa kee irraa buufame ni beekuWarra maman irraas hin ta’in
Verse 115
Jechi Gooftaa keetii dhugaafi haqa haala ta'een xumurameeraJechoota Isaatiif jijjiiraan hin jiruInni dhagayaa, beekaadha.
Verse 116
Yoo irra hedduu namoota dachii keessaatiin ajajamte, karaa Rabbii irraa si jallisuIsaan shakkii malee homaa hin hordofanIsaan kijiboo malee homaa hin taane.
Verse 117
Dhugumatti, Gooftaan kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallatu irra beeka; warra qajeelanis Isumatu beeka.
Verse 118
Yoo keeyyattoota Isaatti kan amantan taataniif, waan maqaan Rabbii irratti dubbatame irraa qofa nyaadhaa.
Verse 119
Sila maaltu isiniif jiraayyi waan maqaan Rabbii irratti dubbatame nyaachuu dhiiftan? Wanti gara isaatti rakkifamtan odoo hafuu dhugumatti, Inni wantoota isin irratti dhorgamaa godhe isiniif addeesseeraDhugumatti, (namoonni) baay’een beekumsaan malee fedha lubbuu isaaniitiin jallatuDhugumatti, Gooftaan kee Isaatu irra beekaa warra daangaa d
____________________
abraniiti.
____________________
abraniiti.
Verse 120
Badii ifa bahaafi dhokataa isaas dhiisaaDhugumatti, isaannan cubbuu hojjatan waan kijiba uumaniif fuuldura galata galfamu.
Verse 121
Waan maqaan Rabbii isarratti hin dubbatamin hin nyaatinaaDhugumatti, inni fincilaDhugumatti, shayxaanonni akka isiniin falmanuuf gara jaalallee isaanii hasaasuIsinis yoo isaaniif ajajamtan dhugumatti isin mushrikoota.
Verse 122
Sila namni du’aa turee ergasii isa jiraachifnee ifa isaaf goone, akka fakkii nama dukkana keessa jiru, kan ishee irraa hin baanee ta'aa? Akka kanatti kaafirootaaf wanti isaan dalagaa turan miidhagfame.
Verse 123
Akkasumas magaalota hunda keessatti gugurdoo jallattoota ishee akka ishee keessatti dhara karoorsaniif gooneHin beekanu malee, lubbuu isaanii irratti malee dhara hin karoorsanu.
Verse 124
Yeroo mallattoon wahii isaanitti dhuftes "hanga fakkaataan waan ergamoonni Rabbii kennamanii nuuf kennamutti hin amannu" jedhuRabbiin ergaa Isaa eessa akka kaayu akkaan beekaWarra badii hojjatan waan isaan dhara karoorsaa turaniif Rabbiin biratti xiqqeenyaafi adabbii cimaa ta’etu (isaan) tuqa.
Verse 125
Namni Rabbiin isa qajeelchuu fedhe, qoma Isaa Islaamaaf bal’isaNama isa jallisuu fedhe immoo qoma isaa akkaan dhiphaa, akka nama samii keessa ol ba’uu taasisaAkka kanatti Rabbiin adabbii warra hin amanne irratti godha.
Verse 126
Kun qajeelaa haala ta’een karaa Gooftaa keetiitiUmmata gorfamaniif mallattoo dhugaadhaan adda baafneerra.
Verse 127
Isaaniif Gooftaa isaanii bira ganda nagayaatu jiraInnis waan isaan dalagaa turaniif jecha gargaaraa isaaniiti.
Verse 128
Guyyaa hunda isaanii walitti qabee "Yaa garee jinnootaa! Namoota daneeffattanii jirtu" (jedhuun yaadadhu)Jaalalleen isaanii kan namoota irraa ta’anis "Gooftaa keenya! gariin keenya gariitti fayyadamne; beellama keenya Ati nuuf beellamtes geenyee jirra" jedhu"Hangi Rabbiin fedhe qofti odoo hafuu, Ibiddi keessatti hafoo taatanii qubannaa keessani" jedhaDhugumatti Gooftaan kee ogeessa, beekaadha.
Verse 129
Waan isaan hojjataa turaniif jecha, akka kanatti garii miidhaa hojjattoota garii irratti moosifna.
Verse 130
"Yaa garee jinniifi namaa! Sila ergam-oonni isin irraa ta’an kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’aniifi qunnamtii guyyaa keessanii kana kan isin dinniinanu isinitti hin dhufnee?" (jedhamu)"Nuti lubbuu keenya irratti ragaa baanee jirra" jedhanJireenyi addunyaas isaan gowwoomsiteDhugumatti, isaan kaafiroota akka turan lubbuu isaanii irratti ragaa ba’an.
Verse 131
Kun waan Gooftaan kee ganda tokko haala warri ishee dagataa ta'een, badii (isheetiif jecha) kan balleessu hin ta'iniifi.
Verse 132
Hundaafuu waan hojjattan irraa sadarkaaleetu jiraGooftaan keetis waan isaan dalagan irraa dagataa miti.
Verse 133
Gooftaan kees dureessa, abbaa rahmataatiAkkuma isin sanyii ummata biraa irraa argamsiise, yoo fedhe, isin adeemsiseetiin (dhabamsiisetiin) isin booda waan fedhe bakka buusa.
Verse 134
Dhugumatti, wanti waadaa isiniif galame dhufaadhaIsinis kan (adabbii irraa) maqsitanii miti.
Verse 135
"Yaa ummata kiyya! Akkaataa adeemsa keessanii irratti dalagaa; Anis dalagaadhaNamni manni booddee isaaf ta’u eenyuun akka ta’e fuulduratti ni beektuDhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaa’anu" jedhi.
Verse 136
Oyruufi beyladaa inni uumerraa qooda Rabbiif godhaniiti yaaduma isaaniitiin "kun kan Rabbiiti, kun immoo kan gooftolee keenyaati" jedhanWanti gabbaramtoota isaaniitiif ta’e gara Rabbiitti hin ga’u; wanni Rabbiif ta’e immoo gara gabbaramtoota isaaniitti ni ga’aWanti isaan murteessan waa fokkate!
Verse 137
Akka kanatti shariikonni isaanii hedduu mushrikoota irraa ta'aniif isaan balleessuufi amantii isaanii isaan irratti walitti makuuf jecha ajjeechaa ilmaan isaanii miidhagseefOdoo Rabbiin fedhee hin raawwatanu tureKijiba isaanii wajjin isaan dhiisi
Verse 138
Yaada isaaniitiin "kun horiifi oyruu dhorgamtuudha; Nama nuti feene malee ishee hin nyaatu(kun) horii dugdi ishee (yaabbii irraa) dhorgamteedha; (kun immoo) horii maqaa Rabbii irratti hin dubbannee dha" jedhanRabbi irratti kijiba uumuuf (kana hojjatan)Rabbiin waan isaan kijibaa turaniin fuulduratti isaan mindeessa.
Verse 139
Ni jedhan: "Wanti garaa horii kanneen keessaa dhiirota keenya qofaaf hayyamamtuudha; dubartoota keenya irratti immoo dhorgamoodhaYoo du’aa ta’eef, isaan hunduu isa keessatti shariika." Ibsa isaaniitiin (kijiba Rabbi irra kaa'aniin) isaan mindeessaDhugumatti Inni ogeessa, beekaadha
Verse 140
Warri wallaalaan beekumsaan ala ilmaan isaanii ajjeesanii, Rabbiin irratti kijiba maxxansuun waan Rabbiin isaaniif kenne haraama taasisan, dhugumatti hoonga’aniiruIsaan jallataniiru; qajeeloo hin taane.
Verse 141
Rabbiin isa ashaakiltii sireen godhamuufiifi sireen hin godhamneef uumeedhaMuka timiraa, sanyii dhandhamni wal dhabaa ta'e, Zaytuunaafi Rummaana wal fakkaataniifi wal hin fakkaannes (kan uumee dha)Firee isaa irraa yeroo inni fireesse nyaadhaa; guyyaa haamama isaas haqa isaa (zakaa) kennaa(Kennaan) daangaa hin dabrinaaDhugumatti, Inni warra daangaa dabran hin jaalatu.
Verse 142
Horii irraas isaan fe’isaaf oolaniifi fe’isaaf hin oolle (uume)Waan Rabbiin isiniif kenne irraa nyaadhaa; tarkaanfiilee shayxaanaas hin hordofinaaDhugumatti, inni isiniif diina ifa bahaadha.
Verse 143
Qindiiwwan saddeeti (uumne): hoolaa irraa lama (kormaafi dhalaa), Re’ee irraas lama (kormaafi dhalaa)"Sila (Rabbiin) korma lamaan haraam godhe moo dhaltuu lamaani? Moo waan gadaamessi dhaltuu lamaanii of keessaa qabdu? Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beekumsaan naaf himaa" jedhiin.
Verse 144
Gaala irraas lama, Loon irraas lama (kormaafi dhalaa uume)"Sila (Rabbiin) korma lamaan dhorge moo dhaltuu lamaani? Moo waan gadaamessi dhaltuu walitti qabatte? Moo yeroo Rabbiin kanatti isin ajaju hirmaataa turtani? Nama beekumsa malee namoota jallisuuf jecha Rabbiin irratti kijiba odeesse caalaa namni miidhaa hojjate hin jiruDhugumatti, Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu."
Verse 145
Jedhi: "Ani waan gara kiyyatti wahyii godhame keessatti yoo du’aa (baktii) yookiin dhiiga dhangala’aa yookiin foon Booyyee, inni najisa, yookiin fincila waan Rabbiin alaatiif gorra’ame malee nama isa nyaatu irratti dhorgamaa hin argu." Namni halaalaa jiruu haraamatti darbuufi nyaata keessatti daangaa dabruun maletti rakkifame dhugumatti, Gooftaan kee araaramaa, rahmata godhaadha.
Verse 146
Warra yahuudoman irratti abbaa qeensaa hunda haraama taasifnee jirraSa'aa, busaa'ee (re’eefi hoolaa) irraas cooma isaan lamaanii, waan dugdi isaaniitiifi marrimaan isaanii baatte yookiin waan lafeetti makame malee (isa biraa) isaan irratti haraama taasifnee jirraKana daangaa dabruu isaaniitiif isaan mindeessineNuti dhugaa dubbatoodha.
Verse 147
Yoo isaan si kijibsiisan "Gooftaan keessan abbaa rahmata bal’aatiadabbiin Isaas ummata yakkamaa irraa hin deebifamu" jedhiin.
Verse 148
Isaannan qindeessan fuulduratti ni jedhu "odoo Rabbiin fedhee, silaa nutis ta’ee abbootiin keenya hin qindeessinu turreWanta tokkos haraama hin taasifnu turreAkkasuma warri isaan dura turan hanga adabbii keenya dhandhamanitti kijibsiisan"Sila beekumsa irraa inni isin nuuf baasuu (fiduu) dandeessan isin bira ni jiraa? Shakkii malee homaa hordofaa hin jirtanuIsinis kijiboo malee hin taane" jedhi.
Verse 149
"Ragaan guutuun kan RabbiitiInni odoo fedhee, silaa hunda keessan ni qajeelcha ture" jedhi.
Verse 150
Jedhi: "Mee ragoota keessan kan akka Rabbiin waan kana haraama taasise ragaa ba’an fidadhaaYoo isaan ragaa ba’an, ati isaan waliin ragaa hin ba’inFedha lubbuu warra keeyyattoota keenya kijibsiisanii, warra Aakhiraatti hin amanneefi isaan (qaamota biraa) Gooftaa isaanii wajjin wal qixxeessan hin hordofin."
Jedhi: "Kottaa! Waan Gooftaan keessan isin irratti haraama godhen isin irratti qara’a: Isatti waa qindeessuu dhiisuu, abbaafi haadhatti tola ooluu, ilmaan keessan beelaaf jecha hin ajjeesinaa, Nutu isiniifi isaanis soora; wantoota fokkatoo ta’an kan mul’ates ta’ee waan dhokate itti hin dhihaatinaa; lubbuu Rabbiin (ajjeesuu) haraama godhes haqaan maleetti hin ajjeesinaaIsa san akka xiinxaltaniif ishee isiniif dhaame.
Verse 152
Qabeenya yatiimaas yoo toltuudhaan ta’e malee hanga inni umrii cimina isaa ga’utti itti hin dhihaatinaa; safaraafi madaalas haqaan guutaaNuti lubbuu tokkos waan isheen dandeessutti malee hin dirqisiifnuOdoma fira dhihoo ta’ellee yeroo jecha (ragaa) kennitanis, haqa dalagaaWaadaa Rabbiis guutaaKana akka isin yaadattaniif isinii dhaama.”
Verse 153
Dhugumatti, kun karaa kiyya Isa qajeelaa dhaa, isa hordofaaKaraa Rabbii irraa isin baasanii karaa heddu hin hordofinaaKana akka isin sodaattaniif isa isiniif dhaama.
Verse 154
Isaan toltuu hojjatan irratti (ni’imaa keenya) guutuuf, waan hunda addeessuuf, qajeelfamaafi rahmata gochuuf, akka isaan qunnamtii Gooftaa isaanii waliin godhanitti amananiif muusaaf kitaaba kennine.
Verse 155
Kun kitaaba Nuti buufne kan barakeeffameedhaKanaafuu isa hordofaaAkka rahmanni isiniif godhamu (Rabbiin) sodaadhaa.
Verse 156
Akka isin (Arabni amantii hin qabne) "kitaabichi kan buufame garee lamaan nu duraatiifi, nutis qo’annoo isaanii irraa homaa hin beeknu" hin jenneefi.
Verse 157
Yookiin akka isin "nuti odoo kitaabni nurratti buufamee dhugumatti silaa isaan (yahuudotaafi kiristaanota) caalaa karaa qajeelaa qabanna turre" hin janneefiDhugumatti, ragaan ifa ta’e (Qur’aanni), qajeelfamaafi rahmanni Gooftaa keessan irraa isiniif dhufeeraNama keeyyattoota Rabbii kijibsiiseefi ishee irraa gara gale caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Nuti warra keeyyattoota keenya irraa gara galan sababaa isaan gara galaa turaniif adabbii hamaa isaan mindeessina.
Verse 158
Sila malaykonni isaanitti dhufuu, yookiin Gooftaan kee dhufuu, yookiin gariin mallattoolee Gooftaa keetii dhufuu malee homaa ni eegaaruuGuyyaa gariin mallattoo Gooftaa keetii dhufu lubbuu san dura hin amanin, yookiin iimaana ishee keessatti toltuu hin hojjatin tokko iimaanni ishee homaa ishee hin fayyadu"Isin eegaa; Nuti eegoo dha" jedhiin.
Verse 159
Dhugumatti, warri amantii isaanii qoqqoodaniifi garee garee ta'an, ati waan tokko keessattillee isaan irraayii mitiDhimmi isaanii gara Rabbiiti, ergasii Inni waan isaan dalagaa turan (hunda) isaanitti hima.
Verse 160
Namni toltuun dhufe, isaaf (toltuu) fakkaattuu ishee kudhantu jiraNamni hamtuun dhufe, inni fakkaattuu ishee malee hin mindeeffamuIsaanis hin miidhamanu.
Verse 161
"Dhugumatti, ani Gooftaan kiyya gara karaa qajeelaa, amantii sirrii kan karaa Ibraahiim, ‘haniifa’ (Rabbii tokkicha gabbaruu) ta’etti na qajeelchee jiraInni mushrikoota irraa hin turre" jedhi.
Verse 162
Jedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi.
Verse 163
Shariikni isaaf hin jiru; isuma kanattin ajajame; ani jalqaba Muslimootati."
Verse 164
Jedhi: "Sila ani Rabbiin ala odoo Inni Gooftaa waan hundaa ta’ee jiru Gooftaa biraa barbaadaa? Lubbuun hundi isheedhuma irratti malee (badii) hin hojjattu(Lubbuun) ba’aa (badii) baadhattu tokko ba’aa kan biraa hin baadhattuErgasii deebiin keessan gara Gooftaa keessaniitiWantoota isin isa keessattis wal dhabaa turtan (hunda) isinitti hima."
Verse 165
Rabbiin Isa dachii keessatti bakka bu’oo isin godhe; waan isinii kenne keessatti isin qormaatuuf jecha, sadarkaa keessatti garii keessan garii irra ol fuudheDhugumatti, Gooftaan kee adabbiin isaa saffisaadha; ammas dhugumatti Inni araaramaa, rahmata godhaadha.
تقدم القراءة