سورة الحج

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura الحج الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

Isa (sheyxaana) irratti ‘inni nama isa jaalallee godhate kamillee ni jallisa; gara ibidda qabsiifamaas isa qajeelcha’ jechuun barreeffamee jira.
Yaa namootaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan, dhugumatti Nuti biyyee irraa isin uumnee; ergasii copha bishaan saalaa irraa, dhiiga ititaa irraa, ergasii foon alalfatamu kan uumaa guuttateefi hin guuttatin irraa isin uumne; (humnaafi dandeettii keenya) isiniif ibsuuf (kana goone)Nuti waan (abbaa) feene hanga yeroo murtaa’eetti gadaamessa keessa teessifnee, ergasii daa’imman goonee isin baafnaErgasii akka umrii jabinaa keessan irra geessaniif (isin jiraachifna)Isin irraas nama (umrii ijoollummaatiin) du’utu jiraErga duraan waa beekee akka homaa hin beekneef, isin irraas nama gara umrii gadi aanaa deebi'utu jiraDachiis gogduu taatee agarta; yeroo Nuti bishaan (bokkaa) ishee irratti buufne ni sochooti; ni iitoftis, akaakuu marga bareedaa irraas ni magarsiti(Ashaakiltii) bifa hundaa irraas ni biqilchiti.
“Kun waan harki kee lamaan hojjataniif” (isaan jedhama)Dhugumatti, Allaahnis gabroota (Isaa) kan miidhu hin taane.
Yeroo Ibraahiimitti iddoo manaa (Ka'abaa) mul’ifnee “homaa Natti hin qindeessin; Mana Kiyyas namoota naannawaniif, isaan (salaataaf) dhaabbataniif, isaan rukuu’a godhaniifi sujuuda bu’aniif qulqulleessi” (jennes dubbadhu.)
Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan; qodhaawwan isaaniis haa guutanMana turaa (Ka’abaan) haa naanna’anii.
Isiniif isaan (beyladoota wareegaa) keessa hanga beellama murtaa’eetti bu’aawwantu jiraSana booda iddoon isaanii gara Mana turaa (daangaa harama Makkaa)ti.
Isaan warra manneen isaanii irraa haqaan ala waan “Rabbiin keenya Allaahdha” jedhaniif qofa baafamaniidhaOdoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, silaa iddoon moloksee, bataskaanoleen kiristaanootaa, iddoon ibaadaa Yahuudotaafi masjiidonni maqaan Rabbii hedduu keessatti faarfamu ni diigamu turanDhugumatti, Rabbiin nama (amantii) Isaa tumsu, tumsuuf jiraDhugumatti, Rabbiin irra jabaa, injifataadha
Magaalota irraa meeqaatama odoo isheen miidhaa hojjattuu taatee jirtuu ishee balleessine! Isheen gubbaa ishee irratti kukkuftuudhaEela onteefi Gamoowwan dhedheeraa (meeqa duwwaa dhiifne).
Magaalota irraa haala isaan miidhaa hojjatoo ta’anii jiraniin Ani yeroo isheef kennee, ergasii (adabaan) ishee qabee kan deebiin ishee gara kiyyatti ta’uuf taa’u meeqaatama
Hanga Qiyaamaan tasa isaanitti dhufutti yookiin (hanga) adabbiin guyyaa maseenaa (isa booda halkan hin jirree) isaanitti dhufutti isaan kafaran waa’ee isaa (Qur’aanaa) irraa shakkuu irraa hin deeman.
Isaan kafaranii, keeyyattoota keenya sobsiisan, warri sun adabbii (jahannam kan) salphisaa ta’etu isaaniif jira.
Qabsoo Isaaf malu (Karaa) Rabbii keessatti qabsaa’aa; Inni isin filateera; amantii keessatti dhiphina tokkollee isin irratti hin gooneKaraa abbaa keessan Ibraahiim (deemaa)Akka ergamaan Rabbii isin irratti ragaa ba’uufi isinis namoota irratti ragaa baataniif Isatu (Rabbitu) kana duraafi (Qur’aana) kana keessattis Muslimoota isin moggaaseKanaaf salaata dhaabaa; zakaa kennaa; Rabbiin ciminaan qabadhaaInni jaalalloo keessaniJaalallee ta'uuf waa tolee! Gargaaraa ta'uufis waa tole!
تقدم القراءة