Hiikkaa Suura الطور الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﮞ
ﮟ
(Gaara) Xuuriin kakadhe.
Verse 2
ﮠﮡ
ﮢ
Kitaaba barreeffamaanis.
Verse 3
ﮣﮤﮥ
ﮦ
Xalaayaa bal’ifamaa keessatti.
Verse 4
ﮧﮨ
ﮩ
Mana jiraachifamaanis.
Verse 5
ﮪﮫ
ﮬ
Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis.
Verse 6
ﮭﮮ
ﮯ
Galaana qabsiifamaaniis.
Verse 7
ﮰﮱﯓﯔ
ﯕ
Dhugumatti, adabbiin Gooftaa keetii argamaadha.
Verse 8
ﯖﯗﯘﯙ
ﯚ
Wanti isa deebisu tokkolleen hin jiru.
Verse 9
ﯛﯜﯝﯞ
ﯟ
Guyyaa samiin socho’iinsa (hamaa) sochootu.
Verse 10
ﯠﯡﯢ
ﯣ
(Guyyaa) gaarreenis deemicha deemtu.
Verse 11
ﯤﯥﯦ
ﯧ
Warra guyyaa san kijibsiisaniif badii ibiddaatu jira.
____________________
بومئذ لم يترجم
____________________
بومئذ لم يترجم
Verse 12
ﯨﯩﯪﯫﯬ
ﯭ
(Isaan) warra soba keessa taphataniidha.
Verse 13
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
ﯴ
Guyyaa humnaan gara ibidda jahannam oofamiinsa oofaman
Verse 14
ﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
ﯻ
(Isaaniin jedhama): “Isheen kun ibidda kan ishee sobsiisaa turtaniidha.
Verse 15
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
ﭗ
Sila kun falfala moo isinumatu hin argitanu?!
Verse 16
Ishee seenaa (dhandhamaa); obsitanus yookiin obsuu baattanus isiniif waluma qixaWanti isin mindeeffamtan waanuma hojjachaa turtan qofa” (jedhaman).
Verse 17
ﭦﭧﭨﭩﭪ
ﭫ
Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan jannataafi qananii keessa jiraatu.
Verse 18
Waan Gooftaan isaanii isaaniif kennetti gammadoo ta’anii (keessa jiraatu); Gooftaan isaaniis adabbii gubaa jalaa isaan baraarse.
Verse 19
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
ﭻ
“Waan hojjataa turtaniif jecha gaarii haala ta’een nyaadhaa; dhugaa” (isaaniin jedhama).
Verse 20
Sireewwan hiriira galfaman irra hirkatoo ta’anii (jiraatu)Dubartoota adaadii ija babal’aa isaan fuusifna.
Verse 21
Isaan amananii ilmaan isaaniis iimaanaan isaan hordofan, maatii isaanii isaanitti dhaqqabsiifna(Galata) dalagaa isaanii irraas homaayyuu hin hir’ifnuNamni hunduu waan hojjateen qabamaadha.
Verse 22
ﮚﮛﮜﮝﮞ
ﮟ
Mudraaleefi foon waan isaan fedhan irraa ta’e isaaniif daballa.
Verse 23
Ishee keessatti geeba (xoofoo farsoo jannataa) kan ishee keessa sobaafi diliin hin jirre walitti daddabarsu (waliif kennu).
Verse 24
Ijoollee dhiiraa isaanii warra faaya eegamaa fakkaatantu isaan irra naanna’u.
Verse 25
ﯓﯔﯕﯖﯗ
ﯘ
Gariin isaaniis garii irratti gara galaniiti wal gaggaafatu.
Verse 26
Ni jedhu: “Nuti kana dura maatii keenya keessatti (Rabbi irraa) sodaatoo turre.
Verse 27
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
ﯧ
Rabbiin nu qanansiisee, adabbii summaa’aa jalaas nu baraarse.
Verse 28
Nuti dhugumatti, kana dura Isa kadhataa turreInni dhugumatti, Isumatu tola oolaa, mararfataadha.”
Verse 29
Yaadachiisi! Ati ni’imaa Gooftaa keetiitiin, raagaafi maraataa miti.
Verse 30
“Weellisaadha; dhufuu du’aa isa irratti eegna” jedhan mitii?
Verse 31
ﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
ﰊ
“Eegaa! Anis isin waliin warra eegu irrayii” jedhiin.
Verse 32
Sila sammuu isaaniitu kanatti isaan ajaja moo? Lakkii, isaanumatu ummata daangaa darboodha.
Verse 33
Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu moo?” lakkii, isaanumatu hin amanne.
Verse 34
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
ﭩ
Yoo kan dhugaa dubbatan ta’aniif haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu.
Verse 35
Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman moo isaanumatu uumoo dha?
Verse 36
Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu.
Verse 37
Kuusaa Gooftaa keetiitu isaan bira jira moo isaantu injifattoota?
Verse 38
Moo kortoo (samii geessu) kan isa keessaan (maleykota) dhagayantu isaaniif jira! Dhaggeeffataan isaanii ragaa ifa ta’een haa dhufu.
Verse 39
ﮏﮐﮑﮒﮓ
ﮔ
Moo Isaaf ilmaan dubaraa jiraataniiti isiniif immoo ilmaan dhiiraa jiru?
Verse 40
Moo mindaa isaan gaafatteeti kaffaltiin isaa isaanitti ulfaate?
Verse 41
ﮝﮞﮟﮠﮡ
ﮢ
Moo isaan bira iccitiin fagoo jiraateeti isaan barreeffatan?
Verse 42
Lakkii! Tooftaa baasuu fedhaniWarri kafare isaanuma kan tooftaan itti baafamu.
Verse 43
Moo Rabbiin malee gabbaramaa biraa qabu? Rabbiin waan isaan itti qixxeessan irraa qulqullaa’e.
Verse 44
Yoo samii irraa cittuu wahii kan gadi kuftu arganis “duumessa kuufamaadha” jedhu
Verse 45
Hanga guyyaa isaanii kan isa keessa dhuman qunnamanitti isaan dhiisi.
Verse 46
Guyyaa tooftaan isaanii homaa isaan hin fayyadneefi isaanis hin tumsamne (hanga qunnamanitti).
Verse 47
Dhugumatti, isaan miidhaa raawwataniif sana dura adabbiitu jiraGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Verse 48
Murtii Gooftaa keetiitiif obsiDhugumatti, ati tika keenya jala jirtaYeroo kaatu Faaruu Gooftaa keetiitiin Isa qulqulleessi.
Verse 49
ﰋﰌﰍﰎﰏ
ﰐ
Halkanis Isa faarsi; yeroo urjiiwwan seenanis (faarsi)
تقدم القراءة