سورة النور

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura النّور الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

)Isheen kun) suuraa Nuti ishee buufnee, dirqama ishee taasifnee, akka gorfamtanuuf jecha ishee keessattis keeyyattoota ifa ta’an buufneedha.
Dubartii (gaa’ilaan dura) sagaagaltuufi dhiira (odoo hin fuudhin) sagaagalus tokko tokkoon isaanii rukuttaa dhibba isaan rukutaaYoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taataniif, amantii (adaba yookiin haddii) Rabbii keessatti isaan lamaaniif garaa laafuun isin hin qabatinadabbii isaan lamaaniis gareen mu’uminoota irraa ta’e itti haa hirmaatu.
)Ragaan) shaneessituunis yoo inni namoota sobaan maqaa ishee xureessan irraa ta’e, ‘abaarsi Rabbii isa irra haa jiraatu’ jechuun kakachuudha.
)Ragaan) shanessituus ‘yoo inni (dhiirsi ishee) namoota dhugaa jedhan irraa ta’e abaarsi Rabbii ishee irra haa jiraatu’ jechuudha
Odoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, (silaa Rabbiin isin adabbii ture)Dhugumatti, Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, ogeessa
Maaliif yeroo isa (soba kana) dhageessan, mu’uminoonni dhiiraas ta’ee kan dubaraa, ofii isaaniitiif toltuu yaadanii “Kun soba ifa bahaadha” jechuu dhaban?
Yeroo isin arraba keessaniin olola isaa ooftanii, afaan keessaniinis waan sirritti hin beekne jettanii, odoo inni Rabbiin biratti guddaa ta’ee jiruu isin waan laafaa isa seetan san (adabni guddaan isin tuqa ture).
Odoo tolaafi rahmanni Allaah isin irra jiraachuu baatee, ammaas odoo Rabbiin mararfataa rahmata godhaa ta’uu baatee, (silaa isin adabbii ture).
Yaa warra amantan! Tarkaanfiiwwan shayxaanaa hin hordofinaaNamni tarkaanfiilee shayxaanaa hordofe, inni (sheyxaanni) gocha fokkataafi gocha jibbamaa ta’anitti ajajaOdoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, silaa tokkoon keessanis gonkumaa badii irraa hin qulqullooftanu tureGaruu Rabbiin nama fedhe ni qulqulleessaRabbiin dhaga’aa, beekaadha
Dhugumatti, isaan dubartoota tikfamoo, sagaagalummaa irraa dagatoofi mu’uminoota ta’an maqaa xureessan, addunyaafi Aakhiraattis abaaramaniiruIsaaniif adabbii guddaatu jira
Guyyaa Arrabni isaanii, harki isaaniitiifi miilli isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’an (adabamu).
Dubartoonni badoon dhiirota badoofi, dhiironni badoonis dubartoota badoof ta’uDubartoonni gaariin dhiirota gaariifi, dhiironni gaggaariinis dubartoota gaariifiIsaan sun waan isaan jedhan irraa qulqulleeffamoodhaIsaaniif araaramaafi kennaa gaarii ta’etu (Jannatatu) jira.
Dubartoota mu’uminootaatiinis “(ija keessan gadi qabadhaa”) jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaama saalaa isaaniis ni tikfatu“Faaya isaaniis isa isaan irraa ofiin mul’ate malee hin mul’isinaa; haguuggaa isaanii qoma isaaniitti haa uffisanu; miidhagina qaama isaanii dhiirsa isaanii, yookiin abbootii isaanii, yookiin abbootii dhiirsa isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin ilmaan dhiirsa isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleettiiwwan isaanii, yookiin dubartoota isaanii (mu’uminoota ta’an), yookiin gabroota too’annaa isaanii jala jiran, yookiin tajaajiltoota dhiira irraa ta’an kan fedhii hin qabne ta’aniifi yookiin ijoollee qaama saala dubartootaa irratti hin mul’atinitti (hin beekinitti) malee miidhagina isaanii hin mul’isinMiidhagina isaanii irraa wanti isaan dhoksan akka beekamuuf jecha miila isaaniitiin dachii hin dhiitinYaa mu’uminootaa! Akka milkooftaniif jecha hundi keessanuu gara Rabbiitti tawbaa deebi’aa.” jedhiin.
Isin irraas konfoleysa (dhiiraas ta’ee dubaratii hin fuudhin) fuusisaaGabroota keessan kan dhiiraatiifi dubartootaa irraas ta’an isaan gaggaarii (fuusisaa)Yoo hiyyeeyyii ta’anis Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsaRabbiin dureessa, beekaadha.
Isaan waan fuudhaaf isaan barbaachisu hin argatin hanga Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsutti, kabajaa ofii haa eeggatanGabroota too’annaa keessan jala jiran gidduus yoo isaan keessatti toltuu beektan, isaan barreeffama (beellamaan bilisoomuu) barbaadaniif, barreessaaQabeenya Rabbii kan Inni isiniif kenne irraas isaaniif kennaaShamarran gabrootaa keessan yoo isaan kabajaa ofii eeguu fedhan isin bu’aa jireenya addunyaatiif jecha, sagaagalummaa irratti isaan hin dirqinaaNamni isaan dirqe, dhugumatti Rabbiin erga isaan dirquutii (isaanif) araaramaa, rahmata godhaadha.
Dhugumatti, Nuti keeyyattoota ifa ta’aniifi fakkeenya warra isin dura dabranii irraas, akka warra Rabbiin sodaataniifis gorsa ta’aniif jecha gara keessanitti buufnee jirra.
Rabbiin ifaa samiifi dachiitiFakkeenyi ifa Isaa akka foddaa ibsaan ishee keessa jiruutiIbsaan sun immoo birillee keessa jiraBirillichis akka urjii calaqqisaa muka barakeeffamtuu, zeytuunaa irraa taate, kan kallattii bahaas ta’ee, dhihattiis hin ta’in, kan zeytiin ishee odoo ibiddi isa tuquu baattellee ifuutti dhihaatu kan fakkaattuudha(Kana jechuun) ifaa ifaa irraati ta’ee dha! Rabbiin nama fedhe gara ifaa Isaatti qajeelchaAmmas Rabbiin namootaaf fakkeenyota taasisaRabbiin waan hunda beekaadha.
Rabbiin isin irraa warra amananii, gaggaarii hojjatan akkuma warra isaan duraa (dachii irratti) bakka buusee ture, dachii irratti bakka isaan buusuuf jira‘Amantii isaaniif jaalate isaaniif mijeessee, erga sodaa isaaniitii nagayatti isaaniif jijjiiraa’ waadaa galeeraOdoo humaa natti hin qindeessin Ana qofa gabbaru (waadaa gale)Sana booda warri kafare, isaanumatu finciltoota
Yaa warra amantan! Isaan (gabroonni) mirgi keessan dhuunfatteefi isin irraa isaan umrii saalfii (gaa’ilaa) hin ga’in yeroo sadi hayyama isin haa gaafatanu: salaata fajrii dura, yeroo walakkaa guyyaa ho’aaf uffata keessan baafattaniifi salaata ishaa’ii boodaYeroo sadi kan isin qullaa baataniidhaIsaan kanaan ala gariin keessan garii irra yoo naanna’an, isin irras ta’ee isaan irra diliin hin jiraatuAkka kanatti Rabbiin keeyyattoota (Isaa) isiniif addeessaAllaahn beekaa, ogeessa.
)Namaa wajjin nyaachuu keessatti) Jaamaa irra rakkinni hin jiruNaafa (hokkolaa) irrattis rakkinni hin jiruDhukkubsataa irraas rakkinni hin jiruIsin irrattiis mana keessan irraa, yookiin manneen abbootii keessanii irraa, yookiin manneen haadholii keessanii irraa, yookiin manneen obboleeyyan keessan dhiiraa irraa, yookiin manneen obboleettiwwan keessanii irraa, yookiin manneen wasiila (abbeeraawwan) keessanii irraa, yookiin manneen adaadota keessanii irraas, yookiin manneen eessumman keessanii irraas yookiin manneen haboowwan (aaddee) keessanii irraa, yookiin waan furtuun isaa harka keessan jiru irraa, yookiin (mana) hiriyyaa keessanii irraa nyaachuu keessatti rakkinni isin irra hin jiruWalii wajjinis ta’ee adda addaan nyaachuu keessatti badiin isin irra hin jiraatuYeroo manneen seentan of irratti nagaa buusaaKabajaa Rabbi biraa taate, barakeeffamtuu, qulqulluu taate (of irratti buusaa)Akka kanatti akka xiinxaltaniif Rabbiin keeyyattoota (Isaa) isiniif ibsa.
Mu’uminoonni dhugaa, isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, yeroo isaa wajjin dhimma walitti qabaa ta’e irratti ta’an, hanga isa hayyamsiifatanitti achii hin deemneedhaDhugumatti, isaan si hayyamsiifatan, isaan sun warra Rabbiifi ergamaa Isaatti amananiidhaKanaafuu yeroo garii dhimma isaanitiif si hayyamsiifatan, isaan irraa nama feetef hayyami; Rabbi irraas araarama isaaniif kadhuDhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
تقدم القراءة