Hiikkaa Suura نوح الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
Nuti "odoo adabbiin laalessaan isaanitti hin dhufin dura ummata kee sodaachisi" jechuun Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra
Verse 2
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
ﮍ
(Nuuhis) ni jedhe: "yaa ummata kiyya! Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.
Verse 3
ﮎﮏﮐﮑﮒ
ﮓ
Rabbiin gabbaraa; Isa sodaadhaa; anaafis ajajamaa" jechuun.
Verse 4
"Dilii keessan irraa isiniif araarama; hanga yeroo murtaa'eettis isin tursiisaBeellamni Rabbii yeroo dhufe booda hin aanfamuOdoo kan beektan taatanii (silaa isa malee hin gabbartanu).
Verse 5
(Nuuhiin) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Ani ummata kiyya halkaniifi guyyaan waame.
Verse 6
ﮱﯓﯔﯕﯖ
ﯗ
Waamichi kiyya (dhugaa irraa) baqa malee homaa isaaniif hin daballe.
Verse 7
Akka Ati isaaniif araaramtuuf dhawaata ani isaan waamuun qubbeen isaanii gurra isaanii keessa kaa’anii uffata isaanii haguuggatanii (badii) itti fufan; booniinsa boonan.
Verse 8
ﯧﯨﯩﯪ
ﯫ
Ergasii lallabeen isaan waame.
Verse 9
Achi boodas ani ifan isaaniif godhe; hasaasuus isaanittin hasaase.
Verse 10
ﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
ﯺ
‘Gooftaa keessan araarama kadhaa; dhugumatti Inni Akkaan Araaramaadhan’ jedhe.
Verse 11
ﭑﭒﭓﭔ
ﭕ
Rooba baay'ee deddeebi'aa isin irratti erga.
Verse 12
Qabeenyaafi ilmaanis isiniif dabalaAshaakiltii isiniif godheeti laggeenis isiniif taasisa.
Verse 13
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
ﭦ
Maaltu isiniif jiraayi guddina Rabbii hin sodaanne?
Verse 14
ﭧﭨﭩ
ﭪ
Dhugumatti, sadarkaa sadarkaadhaan isin uumeera.
Verse 15
Sila akka Rabbiin samii torban wal jalaa gubbaatti uume hin arginee?
Verse 16
Isaan keessattis ji'a ibsaa taasisee; aduus madda ifaafi ho'aa (siraaja) taasise.
Verse 17
ﭼﭽﭾﭿﮀ
ﮁ
Rabbiinis biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche.
Verse 18
ﮂﮃﮄﮅﮆ
ﮇ
Ergasii ishee keessatti isin deebiseeti, baasuus isin baasa.
Verse 19
ﮈﮉﮊﮋﮌ
ﮍ
Rabbiinis dachii afata isiniif godhe.
Verse 20
ﮎﮏﮐﮑ
ﮒ
Akka isin ishee irraa karaalee babal'aa seentaniif.
Verse 21
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Isaan ajaja kiyya didanii, nama qabeenyi isaatiifi ilmaan isaa hoonga’iinsa malee homaa isaaf hin daballe hordofan.
Verse 22
ﮡﮢﮣ
ﮤ
Tooftaa gurguddaa baasan
Verse 23
‘Gabbaramtoota keessaniis hin dhiisinaa; waddi, suwaa'i, yaghuus, ya'uuqiifi nasriinis hin dhiisinaa' (waliin) jedhan.
Verse 24
Dhugumatti, (namoota) baay'ee jallisaniiruMiidhaa raawwattootaaf jallinna malee hin dabalin.”
Verse 25
Diliiwwan isaanii irraa kan ka'e, bishaaniin nyaachifamanii ibidda seensifamanRabbiin alatti tumsitoota isaaniif hin arganne.
Verse 26
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Kaafiroota irraa nama tokkollee dachii irratti hin dhiisin.
Verse 27
Yoo Ati isaan hambifte gabroota Kee jallisu; dilaawoo akkaan kaafira ta'e malees hin dhalan (hin horan).
Verse 28
Gooftaa kiyya! Anaaf, abbaafi haadha kiyyaaf, nama mu’umina ta'ee mana kiyya seeneef, mu'uminootaafi mu'umintittiifis araaramiKaafirootaafis badii malee hin dabalin.”
تقدم القراءة