Hiikkaa Suura المعارج الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﮮﮯﮰﮱ
ﯓ
Adaba (kaafiroota irratti) argamaa ta'e kadhataan wahii kadhate.
Verse 2
ﯔﯕﯖﯗ
ﯘ
Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru.
Verse 3
ﯙﯚﯛﯜ
ﯝ
Rabbii Abbaa kortoowwanii ta'e irraa (argama)
Verse 4
Malaykonniifi Jibiriil guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama ta'e keessatti gara Isaa ol koru.
Verse 5
ﯪﯫﯬ
ﯭ
Obsa gaarii obsi.
Verse 6
ﯮﯯﯰ
ﯱ
Isaan (adabicha) fagoo taasisanii isa ilaalu.
Verse 7
ﯲﯳ
ﯴ
Nuti immoo dhihootti isa argina.
Verse 8
ﯵﯶﯷﯸ
ﯹ
Guyyaa Samiin akka meeta baqee taatu.
Verse 9
ﯺﯻﯼ
ﯽ
(Guyyaa) Gaarreenis akka jibrii hiddamee taatu.
Verse 10
ﯾﯿﰀﰁ
ﰂ
(Guyyaa) firri fira hin gaafanne.
Verse 11
Isaan agarsiifamuNamni dilaawaan odoo ilmaan isaa kennee adabbii guyyaa sanii jalaa bilisa ba'ee jaalata.
Verse 12
ﭜﭝ
ﭞ
Niitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo bilisa ba’ee jaalata);
Verse 13
ﭟﭠﭡ
ﭢ
Firoota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis;
Verse 14
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
ﭩ
Nama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata).
Verse 15
ﭪﭫﭬﭭ
ﭮ
Dhorgamaa! Dhugummatti, isheen balala ibiddaati.
Verse 16
ﭯﭰ
ﭱ
Buqqiftuu gogaa sammuuti.
Verse 17
ﭲﭳﭴﭵ
ﭶ
Nama (amantii irraa) duubatti deebi'ee, gara gale ni waamti.
Verse 18
ﭷﭸ
ﭹ
(Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti)
Verse 19
ﭺﭻﭼﭽﭾ
ﭿ
Dhugumatti, namni obsa dhabeessa ta'ee uumame.
Verse 20
ﮀﮁﮂﮃ
ﮄ
Yeroo hamtuun isa tuqe dallanaadha (gammachuu dhaba).
Verse 21
ﮅﮆﮇﮈ
ﮉ
Yeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha.
Verse 22
ﮊﮋ
ﮌ
Warra sagadan malee;
Verse 23
ﮍﮎﮏﮐﮑ
ﮒ
Isaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman malee);
Verse 24
ﮓﮔﮕﮖﮗ
ﮘ
Isaan qabeenya isaanii keessa mirgi beekamaan jiru,
Verse 25
ﮙﮚ
ﮛ
Kadhataafi hiyyeessa hin kadhanneef,
Verse 26
ﮜﮝﮞﮟ
ﮠ
Isaan Guyyaa Murtii dhugoomsan,
Verse 27
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
ﮧ
Isaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan(malee kan biroo obsa dhabaa dha).
Verse 28
ﮨﮩﮪﮫﮬ
ﮭ
Dhugumatti, adabbiin Gooftaa isaanii amanamaa miti.
Verse 29
ﮮﮯﮰﮱ
ﯓ
Isaan qaama saalaa isaanii tiiksan,
Verse 30
Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; dhugumatti, isaan komatamoo miti.
Verse 31
Namni sanaan ala barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha.
Verse 32
ﯧﯨﯩﯪﯫ
ﯬ
Ammas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan,
Verse 33
ﯭﯮﯯﯰ
ﯱ
Isaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan,
Verse 34
ﯲﯳﯴﯵﯶ
ﯷ
Isaan salaata isaanii irratti tiikfatan.
Verse 35
ﯸﯹﯺﯻ
ﯼ
Warri sun jannata keessatti kabajamoodha.
Verse 36
ﯽﯾﯿﰀﰁ
ﰂ
Warra kafareef maaltu jiraayi gara kee ariifatu?
Verse 37
ﰃﰄﰅﰆﰇ
ﰈ
Garee gareen mirgaafi bitaa irra guutanii.
Verse 38
Sila namni isaan irraa ta'e hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa?
Verse 39
ﰒﰓﰔﰕﰖﰗ
ﰘ
Haa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan irraa isaan uumne.
Verse 40
Gooftaa Bahaafi Dhiha hedduutiinin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha.
Verse 41
Namoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (danda'oo dha)Nuti dadhabsiifamoo hin taane.
Verse 42
Hanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi.
Verse 43
Guyyaa qabrii irraa arifataa ba'an isaan waan gara taabotaa dhangala'an fakkaatu.
Verse 44
Ijji isaanii xiqqaattee salphinni isaan haguugdiSun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha.
تقدم القراءة