Hiikkaa Suura الأنبياء الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
Namootaaf, odoo isaan gara galanii daguu keessa jiranuu qormaanni isaanii isaaniif dhihaatee jira
Verse 2
Gorsi haaraan Rabbii isaanii irraa kan isaan taphachaatuma isa dhaggeeffatan ta’an malee isaanitti hin dhufu.
Verse 3
Onneen isaanii dagattuu taatee malee (hin dhaggeeffattu)Miidhaa hojjattoonnis iccitiin marii taasisanii “Sila kun namuma akka keessaniitii mitii? Sila isin odoo argitan falfalatti dhaqxuu?" (waliin jedhu).
Verse 4
(Muhammad-SAW) ni jedhe: “Gooftaan kiyya jecha samiifi dachii keessatti (dubbatamu hunda) ni beekaInnis dhaga’aa, beekaadha.
Verse 5
Dhugumatti, isaan ni jedhan: “(Qur’aanni) kun abjuu laaqamaadhaLakkii! Soba inni of irraa uumeeLakkii! Inni weellisaadha(Yoo dhugaa ta’e) raajii akka warri durii ittiin ergameen nutti haa dhufu.”
Verse 6
Gandi Nuti ishee balleessine tokkolleen hin amanne; sila isaan ni amanuu?
Verse 7
Si duras dhiirota wahyii gara isaanii goonu malee hin ergineYoo kan hin beekne taatan warra beekumsa qaban gaafadhaa
Verse 8
Nuti isaan (ergamoota Rabbii) qaamota nyaata hin nyaanne hin taasifnes; kan (addunyaa keessa) yeroo hunda jiraatanis hin taane
Verse 9
Sana booda waadicha isaaniif dhugaa goonee isaaniifi nama feenes ni baraarsinee; daanga dabartoota immoo ni balleessine.
Verse 10
Dhugumatti, Nuti kitaaba yaadannoon (gorsi) keessan isa keessa jiru gara keessanitti buufnee jirraSila hin xiinxaltanuu?
Verse 11
(Warra) gandaa miidhaa hojjattu taatee baay'ee balleessine; erga isheetii ummata biraa uumne
Verse 12
Yeroo adabbii keenya argan, yeroma san isaan ishee irraa gulufu.
Verse 13
Hin gulufinaa; akka gaafatamtaniif jecha gara waan isa keessatti qanansiifamtaniifi (gara) manneen keessanii deebi’aa
Verse 14
ﭯﭰﭱﭲﭳ
ﭴ
(Isaan) ni jedhan: “Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota turre.
Verse 15
Hanga haamamoo, dhaamoo isaan taasifnutti jechi (nuti miidhaa raawwattoota taane) jedhu watwaata isaanii ta’uu irraa hin deemne.
Verse 16
Nuti samii, dachiifi wantoota isaan lamaan gidduu jiran taphattoota taanee hin uumne.
Verse 17
Odoo tapha godhachuu feenee silaa of biraa isa taasifanna; kana hojjatoo hin taane.
Verse 18
Lakkii; dhugaa soba irratti darbina (ol taasifna)Sammuu isa dhoosee (isa balleessa); yoosuu inni (sobni) dhabamaadhaIsiniifis waan (Rabbi) irratti uumtaniif badiitu (mirkanaa’ee) jira.
Verse 19
Wantoonni samiifi dachii keessa jiran hundi kan IsaatiIsaan Isa (Allaah) bira jiranis (maleykonnis) Isa gabbaruu irraa hin boonan; hin hifatanis.
Verse 20
ﮰﮱﯓﯔﯕ
ﯖ
Halkaniifi guyyaa (Rabbiin) qulqulleessu; hin boqatanis.
Verse 21
Sila gabbaramtoota (gabbaran), kanneen (namoota) du’aa kaasan, dachii irraa godhatuu?
Verse 22
Odoo isaan lamaan (samiifi dachii) keessa Rabbiin malee gabbaramtoonni biraa jiraatanii lamaan isaaniituu ni badu tureRabbiin Gooftaa Arshii ta’e waan kaafiroonni (Isaan) jedhan irraa qulqullaa’e!
Verse 23
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
ﯴ
Inni waan dalagu irraa hin gaafatamu; isaan immoo ni gaafatamu.
Verse 24
Sila isaan Rabbiin ala gabbaramtoota taasifatuu? “Ragaa keessan fidadhaa” jedhiinKun gorsa namoota ana waliin jiraniifi gorsa namoota ana dura turaniitiGaruu irra hedduun isaanii dhugaa hin beekanuKanaafuu (isa) irraa garagalu.
Verse 25
(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafuu Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine
Verse 26
Isaanis “Rahmaan ilma godhate” jedhuInni qulqullaa’eeraLakkii isaan (maleykoonni) gabroota (Rabbii) kabajamoodha
Verse 27
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
ﭲ
Jechaan Isa hin dursanu; isaan ajaja Isaatiin hojjatu.
Verse 28
Inni waan isaaniin duraatiifi waan isaaniin duubaas ni beekaNama Inni jaalateef malee isaan hin manguddoomanuIsaanis (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa na’u
Verse 29
Isaan irraa nama “Isaan alatti anatu gabbaramaadha” jedhe, isa sana jahannam isaaf galata galchinaAkkasitti miidhaa hojjattoota galata galchina
Verse 30
Sila isaan kafaran akka samiifi dachiin walitti maxxantuu (qaama tokko) turanii, ergasii addaan isaan baafne hin beekanuu? Bishaan irraas lubbu qabeeyyii hunda ni uumneSila hin amananuu?
Verse 31
Dachii keessatti akka isheen isaaniin hin sochoone gaarreen lafa qabataa taasifneerraIshee keessattis daandiwwan gugurdaa akka ittiin qajeelaniif isaaniif taasifneerra.
Verse 32
Samiis jaarmaya (kan gubbaa) eegamaa isa taasifnee jirraGaruu isaan mallattoolee ishee irraa garagalu
Verse 33
Inni Isa halkaniifi guyyaa, aduufi baatii uumeedha; hunduu orbitii (isaanii) keessa daaku (deemu)
Verse 34
(Yaa Muhammad!) Si duras ilma namaatiif jireenya waaru (yeroo hundaa) hin taasifneSila yoo ati duute, isaan ni waaruu?
Verse 35
Lubbuun hundi du’a dhandhamtuudhaIsin qormaatuuf hamtuufi gaariin isin mokkorraGaruma keenyatti deebifamtu.
Verse 36
Isaan kafaran yeroo si argan odoo Rahmaaniin dubbachuutti kafaranii jiranuu “sila kun isa gabbaramtoota keessan (hamtuun) maqaa dhahu sani mitii?” (jechuun) qishnaa qofa si taasifatu
Verse 37
Namni hunduu jarjara irraa uumameAni mallattoolee kiyya isinittin agarsiisaa Ana hin jerjersiifatinaa.
Verse 38
“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waadaan kun yoom (raawwatama)?” jedhu
Verse 39
Isaan kafaran odoo yeroo ibidda fuula isaanii irraafi dugda isaanii irraa qabuu hin dandeenyeefi tumsas hin arganne san beekanii (hin jerjerfatanu ture).
Verse 40
Dhugumaatti, isheen (Qiyaaman) tasuma isaanitti dhuftee, isaan dhamaaftiIshee (of irraa) deebisuu hin danda’anu; yeroonis isaaniif hin kennamu.
Verse 41
Dhugumatti, si duras ergamtootatti qishnamee (baacamee) isaan irraa warri baacan wanti isaan itti qishnaa turan isaan marse.
Verse 42
Jedhi: “Eenyutu halkaniifi guyyaa (adabbii) Rahmaan irraa isin eega?” Dhugumatti, isaan yaadannoo Rabbii isaanii irraa garagaloodha.
Verse 43
Moo isaan gabbaramtoota Nu irraa isaan tiksan qabu? Lubbuu isaaniituu tumsuu hin danda’anuIsaanis Nu irraa tikfamuu hin danda’an.
Verse 44
Dhugumatti, Nuti isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga yeroon isaan irratti dheeratutti qanansiifneSila Nuti dachii moggaa ishee irraa suuta suutaan hirdhisaa akka deemnu hin arganuu? Moo isaantu injifatoodhaa?
Verse 45
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Kan ani isin sodaachisuun wahyii qofaaniNamoonni gurri isaanii (haqa irraa) duude yeroo dinniinni isaaniif godhamu hin dhagayanu.”
Verse 46
Rabbiin kakadhee! gosti adabbii Gooftaa kee irraa ta’e yoo isaan tuqe ni jedhu: “Yaa badii keenya! Dhugumatti nuti miidhaa raawwattoota taaneerra.”
Verse 47
Nuti Guyyaa Qiyaamatiif madaala haqaa lafa keenyaLubbuun takkas homaa hin miidhamtuYoo waan ulfina hanga firii (ija) raafuu qabu ta’es Nuti ishee ni fidnaQormaataafis Nuti ga’oodha
Verse 48
Dhugumatti, Nuti Muusaafi Haaruuniif (kitaaba) adda baasaa, ifnanaafi yaadannoo warra Rabbiin sodaataniif ta’e kenninee jirra.
Verse 49
(Isaan) warra Gooftaa isaanii fageenyatti sodaataniifi isaan Qiyaamaa irraa sodaataniidha.
Verse 50
Kun (Qur’aanni) gorsa barakeeffamaa Nuti buufneedhaSila isin isa mormituu?
Verse 51
Dhugumatti, Nuti kana duras qajeelfama Ibraahiimiif kenninee jirraNuti isa beekoo taanee jirra
Verse 52
Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “Siidaawwan isin (Ibaadaaf) ishee irra teessan kun maali?” jedhe (kennineef)
Verse 53
ﯔﯕﯖﯗﯘ
ﯙ
[Isaan] ni jedhan: “Abbootii keenya kan ishee gabbaran agarre.”
Verse 54
[Inni] ni jedhe: “Dhugumatti, isiniifi abbootiin keessanis jallina ifa bahaa keessa jirtan.”
Verse 55
[Isaan] ni jedhaniin: “Sila dhugaan nutti dhufte moo ati warra taphatan irraayi?”
Verse 56
Ni jedhe: “Baraa, Rabbiin keessan Gooftaa samiifi dachii, kan isaan uume saniAnis kana irratti warra ragaa ba’an irraa tokko.”
Verse 57
“Allaah’n kakadhee! Ani erga isin dugda gara galtanii deemtan booda dhugumatti, tooftaan ittiin taabota keessan (mancaasun) qopheeffadha” (of keessatti jedhe).
Verse 58
Akka isaan gara isaa (taabota guddichaa) deebi'aniif jecha guddaa isaaniif ta’e tokko qofa (dhiisee) caccabaa isaan godhe.
Verse 59
(Isaan) ni jedhan: “Namni gabbaramtoota keenyatti kana hojjate dhugumatti, inni miidhaa raawwattoota irraayi.”
Verse 60
“Dargaggeessa Ibraahiim isaan jedhamu tokko kan maqaa isaanii (hamtuun) dubbatu dhageenyeerra” jedhan.
Verse 61
Ni jedhan: “Akka isaan ragaa irratti bahaniif jecha ija namootaa dura fidaa.”
Verse 62
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
ﭺ
“Sila situ gabbaramtoota keenya irratti (yakka) kana raawwatee Yaa Ibraahiim?” jedhan.
Verse 63
(Ibraahiimis) “Lakkii, guddaa isaaniitu kana hojjateYoo kan dubbatan ta’aniif isaan gaafadhaa” jedhe.
Verse 64
Gara lubbuu isaanii deebi’anii “isin isinumatu miidhaa raawwattoota” jedhan
Verse 65
Sana booda mataa isaanii lafatti gadi deebisanii “ati dhugumatti, isaan kun hin dubbatanuu beektee jirta (maaliif kana jetta?)” jedhan.
Verse 66
(Ibraahiim) ni jedhe: “Sila Rabbiin ala waan homaa isin hin fayyadneefi isin hin miine gabbartuu?
Verse 67
Isiniifi wantoota isin Allaah’n ala gabbartaniinis ‘uffi’ (jedheera)! Sila hin xiinxaltanuu?”
Verse 68
Ni jedhan: “Yoo kan hojjattan taataniif isa gubaa; gabbaramtoota keessanis gargaaraa.”
Verse 69
Nutis “Yaa ibiddaa! Ibraahiim irratti qabbanaafi nagaa ta’i" jenne
Verse 70
ﯟﯠﯡﯢﯣ
ﯤ
Isaanis hamtuu itti yaadanNuti isaanuma irra hoonga’oo goone.
Verse 71
Isaafi Luuxiin gara dachii ishee keessa aalama hundaaf barakaa gooneetti bilisa baafne.
Verse 72
Isihaaqiin isaaf kenninee, Ya’aquubis dabalataan (isaaf kennine)Hundaayyuu gaggaarii goone.
Verse 73
Imaamota ajaja keenyaan qajeelchan isaan taasifnee jirraWantoota gaggaarii hojjachuu, salaata dhaabuufi zakaa baafachuus gara isaanitti wahyii gooneWarra Numa (qofa) gabbaran turan
Verse 74
Luuxiinis murtii haqaafi beekumsa (amantii) isaaf kenninee jirra(Ummata) ganda badii fokkatoo ta’an hojjatan san irraas isa baraarsinee jirraDhugumatti, isaan ummata badoo, finciltoota turan.
Verse 75
Rahmata keenya keessas isa seensifneDhugumatti, inni warra gaggaarii irraayi.
Verse 76
Nuuhiinis ‘yeroo inni sana dura (Nutti) lallabee isaaf owwaannee, isaafi maatii isaas cinqaa guddaa irraa baraarsine’ [yaadadhu]
Verse 77
Namoota keeyyattoota keenya sobsiisan irraas nagaya isa baafneDhugumatti, isaan warra hamtuu turanKanaaf hunda isaanii bishaaniin dhidhimsine.
Verse 78
Daawuudiifi Suleeymaaniinis ‘yeroo isaan lamaan lafa qonnaa (oyruu) re’oonni ummataa (halkan) dheedan keessatti murtii kennan” [yaadadhu]Nutis murtii isaanii ni beekna turre.
Verse 79
Ishee (murtittii) Suleeymaaniin hubachiifneHundaafuu beekumsa murtii haqaafi beekumsa (amantiis) kennineerraGaarreeniifi allaattiinis Daawuudii waliin akka Ana qulqulleessan laaffifneNutis hojjatoo taane
Verse 80
Uffata sibiilaa kan yeroo wal loltan waraana irraa isin ittisan hojjachuus isa barsiifnee jirraSila isin (Nu) hin galatoomfattanuu?
Verse 81
Suleeymaanifis qilleensa bubbisaa, kan ajaja isaatiin gara dachii ishee keessatti barakaa goonee yaatu (laaffifnee jirra)Nutis waan hunda beekoo taaneerra.
Verse 82
Sheyxaanota irraas isaan (faaya baasuuf garba keessa) isaaf lixaniifi sana malees hojii biraa hojjatantu jiraNutis tiksoo isaanii taaneerra.
Verse 83
Ayyuubiinis ‘yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “ani dhugumatti, rakkoon na tuqeera; Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti” (jedhu yaadadhu)
Verse 84
Isaaf owwaannee cinqaa irraa waan isarra jiru irraa furreRahmata Nu biraa ta'eefi warra Rabbiin gabbaran yaadachisuuf jecha maatii isaatiifi fakkaataa isaaniis isaanii wajjin isaaf kennine
Verse 85
Ismaa’iil, Idriisiifi Zalkifliis (yaadadhu); hunduu obsitoota irraayi.
Verse 86
Rahmata keenya keessas isaan seensifneDhugumatti, isaan warra gaggaarii irraayi.
Verse 87
Zannuuniinis (Yuunusiinis yaadadhu); yeroo inni dallanaa deemee, Nuti hamtuu isa irratti dhiphisuu dhabuu yaadeDukkana keessaa “Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiruAti qulqulloofteDhugumatti, ani miidhaa hojjataa irraa ta’een jira” (jechuun) lallabe
Verse 88
Isaaf owwaanne; cinqaa irraas isa baraarsineAkka kanatti mu’uminoota nagaa baafna
Verse 89
Zakariyyaas (yaadadhu); yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “Gooftaa kiyya! Kophaa (ilma malee) ana hin dhiisin; Ati irra caalaa dhaaltotaati” (jedhe).
Verse 90
Kanaafuu isaaf owwaannee Yahyaas isaaf kennineNiitii isaas (akka deessu) isaaf tolchineDhugumatti, isaan (nabiyy-oonni) toltuu keessatti kan daddafan ta'anii kajeellaafi sodaan (guutamanii) kan Nu kadhataniifi Nu sodaatan ta'an.
Verse 91
Ishee qaama saalaa ishee tikfattes (Maryamiinis yaadadhu)Ruuhii (uumama) keenya irraa ta’e ishee keessatti afuufneIsheefi ilma ishees aalama hundaaf mallattoo taasifne.
Verse 92
Dhugumatti, isheen kun amantii keessan amantii tokkittiidhaAnis Gooftaa keessanii Ana (qofa) gabbaraa.
Verse 93
Amantii isaanii keessatti adda qoodamanHunduu gara keenya deebi’oodha
Verse 94
Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, hojii isaa hoonga’uun hin jiruNuti isaaf galmeessaadha
Verse 95
Ganda ishee balleessine irratti (duniyatti deebi'uun) dhorgaadha; isaan hin deebi'an.
Verse 96
Hanga yeroo (hidhaan) Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj banamee isaanis tabba hunda irraan dhangala’anuutti (hin deebi'anu).
Verse 97
Waadaan dhugaas dhihaatee jiraYeroo san ijji warra kafaree akkuma banamtetti haftuudha“Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre(Yoom kana qofa) inumaa miidhaa raawwattoota irraa taane" jedhu
Verse 98
Dhugumatti, isiniifi wantoonni isin Rabbiin ala gabbartanis qoraan (ibidda) jahannami; isin ishee (Jahannam) seenoodha
Verse 99
Isaan (taabotoonni) kunniin odoo gabbaramtoota ta’anii silaa ishee hin seenan tureHundi isaaniis ishee keessatti waaru (hafu).
Verse 100
Isaaniif ishee keessatti halaaka (iyyaansa) harreetu jira; akkasumas isaan ishee keessatti hin dhaga’an.
Verse 101
Dhugumatti, warra Nu irraa milkiin isaaniif dabarte, isaan sun ishee irraa fageeffamoodha
Verse 102
Sagalee ishee hin dhaga’anuIsaanis waan lubbuun isaanii jaallattu keessatti hafoodha.
Verse 103
(Guyyaa Qiyaamaa) naasuun guddaan isaan hin gaddisiisuMaleykonnis isaan qunnamuun “Kun guyyaa keessan kan waadaa isiniif galamaa tureedha” (jedhuun)
Verse 104
Guyyaa samii akka barreessan xalayaa (galmee) marutti marru san [yaadadhu]Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna(Kun) waadaa Nu irra jiruudhaDhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra.
Verse 105
Dhugumatti, Nuti erga ‘Lawhal Mahfuuz’ keessatti barreessinee booda kitaabota keessatti “dachii gabroota kiyya gaggaariitu dhaalaa” barreessineerra.
Verse 106
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
ﮏ
Dhugumatti, (Qur’aana) kana keessa ergaa ga'aa ta’etu namoota (Rabbiin) gabbaraniif jira.
Verse 107
ﮐﮑﮒﮓﮔ
ﮕ
Aalama hundaaf rahmata taasifnee malee (waan biraatiif) si hin ergine.
Verse 108
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Ani wanti gara kiyyatti wahyii godhamu ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha’ (kan jedhuu dha)Sila isin Muslimoota hin taatanuu ree?”
Verse 109
Yoo gara galan “Ani ifaan ifatti isin beeksiseAni wanti waadaa isiniif galame dhihoo moo, fagoo ta’aa isaa hin beeku” jedhi.
Verse 110
Dhugumatti, Inni jecha ol fuudhamaa ni beekaWaan isin dhoksitanis ni beeka.
Verse 111
Ani inni (an isinitti himu kun) mokkoroo isiniif ta’uufi qananii yeroo gabaabaa (isiniif) ta’aa hin beeku.
Verse 112
(Muhammad) ni jedhe: “(Yaa) Rabbi! (Anaafi warra ana sobsiisan giddutti) dhugaan murtii godhiGooftaan keenyas Rahmaani, waan isin jettan irrattis gargaarsifatamaadha
تقدم القراءة