سورة الرعد

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura الرعد الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

“Gooftaan samiifi dachii eenyu?” jedhiin“Allaahdha” Jedhi“Sila Isaa gaditti jaalallee lubbuu isaaniitiif bu’aas ta’ee miidhaa hin argamsiifne taasifattanii?” jedhiin“Sila jaamaafi namni argu wal qixa ta’uu? dukkanaafi ifnis wal qixa ta’aa? jedhiinSila isaan Rabbiif shariikowwan uumama akka Isaa uumanii uumamni isaan irratti wal fakkaate godhanii? “Rabbiin uumaa waan hundaati; Inni tokkicha injifataadha” jedhi
Samii irraa bishaan (rooba) buusee laggeen hanga isheetiin ni yaate; lolaanis hoomacha ol fuudhamaa baadhate; waan isaan faayaafi meeshaa barbaaduuf jecha ibidda irratti qabsiisan irraas hoomacha (xurii) akkasiitu jiraAkka kanatti Rabbiin dhugaafi soba fakkeenya godha; hoomachi goggogaa ta’ee deemaWanti nama fayyadu immoo dachii keessa taa’aAkka kanatti Rabbiin fakkeenya godha
Odoo Qur’aanni gaarreen (iddoo isaanii irraa) ittiin deemanii yookiin dachiin isaan ciccittee yookiin du’aan isaan dubbifameeyyuu (hin amananu)Amriin hunduu RabbumaafiSila isaan amanan akka Rabbiin odoo fedhee namoota hunda qajeelchu hin beekanuu? Isaan kafaran waan isaan dalaganiin qalbi dhooftuun isaan tuqxu ta’uu irraa yookiin hanga waadaan Rabbii dhufutti manneen isaaniitti dhihoo qubachuu irraa hin deemtuDhugumatti, Rabbiin waadaa hin diigu.
Sila Inni (Rabbiin) lubbuu hunda irratti waan isheen hojjatteen (tiksuun) dhaabbataa ta’e (akka gabbaramaa akkas hin ta’iniitii?) Isaan Rabbiifis hiriyoota (shariika) taasisan“Isaan maqaa dhahaa” jedhiSila waan Inni dachii keessatti hin beekne Isatti himtumoo jecha mul’ataa (kan sobaa dubbattu)?” Dhugumatti isaan kafaraniif tooftaan isaanii isaaniif miidhagfamee, karaa qajeelaa irraas deebifamaniiruNama Rabbiin isa jallises qajeelchaan isaaf hin jiru
Yoo garii waan ittiin isaan sodaachifnee si argisiifne (tolte)Yookiin yoo si ajjeefnes (komiin sirra hin jiru)Wanti sirra jiru geessuu qofa; qormaanni immoo Nurra jira.
تقدم القراءة