Hiikkaa Suura الحجر الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
Alif Laam RaaIsheen kun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti
Verse 2
Isaan kafaran (Guyyaa Qiyaamaa) odoo Muslimoota ta’anii baay’ee hawwu!
Verse 3
Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu isaan dhiisi(Itti gala isaaniis) fuula duratti ni beeku.
Verse 4
Beellamni beekamaan isheef jiraatu malee (warra) magaalaa tokkollee hin balleessine.
Verse 5
Ummanni tokkollee beellama ishee hin dursitu, boodas hin aansamanu.
Verse 6
“Yaa isa zikriin (Qur’aanni) isa irratti buufame! dhugumatti ati maraataadha” jedhan.
Verse 7
Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate, maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne?” (jedhan).
Verse 8
Nuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnuYoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane.
Verse 9
Dhugumatti, Nuti Zikrii Numatu buuseNumatu isaaf tiksoodha.
Verse 10
Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra.
Verse 11
Ergamaan tokkos isatti kan qishinan ta’anii malee isaanitti hin dhufne
Verse 12
ﮰﮱﯓﯔﯕ
ﯖ
Akka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna.
Verse 13
Isatti hin amananuDhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa)
Verse 14
Odoo balbala samii irraa ta’e isaan irratti bannee, ishee keessa kan ol ba’an ta’anii;
Verse 15
Silaa “ijuma keenyatu cufameInumaa nuti ummata sihriin itti godhameedha” jedhu.
Verse 16
Nuti dhugumatti samii keessattis urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra.
Verse 17
ﭙﭚﭛﭜﭝ
ﭞ
Sheyxaana darbatamaa hunda irraas ishee tiiksine.
Verse 18
Isa dhageettii hatee qaanqeen ifabahaa ta'e isa hordofe malee,
Verse 19
Dachiis Nuti ishee diriirsinee jirraGaarreenis ishee keessati goonee jirraWanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra.
Verse 20
Ishee keessatti waan ittiin jiraattaniifi waan isin isaan hin soorre (beyladoota) isiniif goone.
Verse 21
Kuusaaleen isaa Nu biratti ta’u male Wanti tokkos hin taane; Hanga beekaamaadhaan malee isa hin buufnu.
Verse 22
Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee bubbeewwan erginee jirraSamii irraas bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra(Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane.
Verse 23
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
ﮛ
Nuti dhugumatti lubbuu Numatu jiraachisee ajjeesasNumatu dhaaltotas.
Verse 24
Dhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerraWarren boodaas dhugumatti beeknee jirra
Verse 25
Dhugumatti Gooftaan kee Isumatu walitti isaan qaba; Inni ogeessa, beekaadha
Verse 26
Dhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne
Verse 27
Jinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne.
Verse 28
Yeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha.
Verse 29
Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, kan sujuuddan ta’aatii isaaf kufaa
Verse 30
ﯶﯷﯸﯹ
ﯺ
Maleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an.
Verse 31
Garuu Ibliis warra sujuuda bu’an irraa ta’uu ni dide.
Verse 32
(Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an irraa ta’uu didde?” jedhee
Verse 33
[Inni] “Ani nama Ati suphee (faara) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumteef sujuuda hin bu’u” jedhe
Verse 34
ﭦﭧﭨﭩﭪ
ﭫ
(Rabbiinis) “ishee irraa ba’i; Ati dhugumatti darbamaadha.
Verse 35
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
ﭲ
Dhugumatti hanga Guyyaa Murtiitti abaarsi sirra jira.”
Verse 36
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
ﭹ
“Gooftaa kiyya! Hanga guyyaa kaafamaatti na tursiisi” jedhe.
Verse 37
ﭺﭻﭼﭽ
ﭾ
(Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe.
Verse 38
ﭿﮀﮁﮂ
ﮃ
“Hanga guyyaa yeroo beekaamaatti.”
Verse 39
(Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen walumaa galatti isaan jallisa
Verse 40
ﮏﮐﮑﮒ
ﮓ
Gabroota kee irraa qulqulleeffamoota isaan ta’an malee.
Verse 41
ﮔﮕﮖﮗﮘ
ﮙ
(Rabbiinis) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha
Verse 42
Jallattoota irraa warra si hordofan malee dhugumatti, gabroota kiyya irratti dandeettiin tokkoyyuu siif hin jiru.
Verse 43
ﮦﮧﮨﮩ
ﮪ
Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) walumaagalatti beellama isaaniiti.
Verse 44
Isheedhaafis balbala torbatu jiraTokko tokkoon balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.”
Verse 45
ﯕﯖﯗﯘﯙ
ﯚ
Dhugumatti, warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru.
Verse 46
ﯛﯜﯝ
ﯞ
“Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan).
Verse 47
Obboleeyyan siree irratti walitti garagaggalan ta’anii jibbaa irraa waan qoma isaanii keessa jiru baafne
Verse 48
Ishee keessatti dadhabbiin isaan hin tuquIsaanis ishee irraa hin baafamanu.
Verse 49
“Ani dhugumatti Anatu araaramaa, rahmata godhaadha” jechuu gabroota kiyyatti odeessi.
Verse 50
ﯻﯼﯽﯾﯿ
ﰀ
“Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi.)
Verse 51
ﰁﰂﰃﰄ
ﰅ
Keessummaa Ibraahiim irraas isaanitti odeessi
Verse 52
Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen
Verse 53
“Hin sodaatinNuti ilma beekaa ta’een si gammachiifnaa” jedhan.
Verse 54
“Sila dullumni na tuquu wajjin na gammachiiftuu? Maaliin na gammachiiftu?” jedheen.
Verse 55
“(Nuti) dhugamaan si gammachiifne; Abdii kutattoota irraa hin ta’in” jedhaniin
Verse 56
“Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii kutata?” jedhe.
Verse 57
ﭽﭾﭿﮀﮁ
ﮂ
“Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen.
Verse 58
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
ﮉ
“Nuti dhugumatti, gara ummata yakkamtootaatti ergamne” jedhan.
Verse 59
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
ﮐ
“Garuu maatii Luux dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.”
Verse 60
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
ﮗ
“Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”
Verse 61
ﮘﮙﮚﮛﮜ
ﮝ
Yeroma ergamoonni maatii Luuxitti dhufanu
Verse 62
ﮞﮟﮠﮡ
ﮢ
“Dhugumatti, isin ummata wallaalamoodha” jedhe.
Verse 63
“Dhugumatti nuti waan isaan isa keessatti shakkaa turaniin sitti dhufne” jedhan.
Verse 64
ﮫﮬﮭﮮ
ﮯ
“Dhugaadhaan sitti dhufneDhugumatti nuti dhugaa dubbattoota.
Verse 65
Cittuu halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duuba isaanii hordofiIsin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtaniis deemaa.”
Verse 66
“Ajaja sanas xumurri warra sanii bariifattoota ta’anii kutamaadha” jechuun gara isaatti murteessine
Verse 67
ﯪﯫﯬﯭ
ﯮ
Jiraattonni magaalaas kan wal gammachiisan ta’anii dhufan.
Verse 68
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
ﯵ
(Luuxis ni jedhe): “Dhugumatti, isaan kun keessumoota kiyyaa, nan saaxilinaa” jedhe
Verse 69
ﯶﯷﯸﯹ
ﯺ
“Rabbiin sodaadhaa; anas hin xiqqeessinaa.”
Verse 70
ﯻﯼﯽﯾﯿ
ﰀ
(Namoonni magaalattiis) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan.
Verse 71
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
ﭗ
(Luuxis) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).”
Verse 72
ﭘﭙﭚﭛﭜ
ﭝ
(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.
Verse 73
ﭞﭟﭠ
ﭡ
Biiftuun isaanitti kan baatu ta’anii iyyattiin isaan qabatte
Verse 74
Gubbaa ishee jala ishee taasifnee, dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine
Verse 75
ﭫﭬﭭﭮﭯ
ﭰ
Dhugumatti, kana keessa xiinxaltootaaf mallattooleetu jira.
Verse 76
ﭱﭲﭳ
ﭴ
Dhugumatti, isheen (magaalattiin) daandii qajeelaa irra jirti.
Verse 77
ﭵﭶﭷﭸﭹ
ﭺ
Dhugumatti, kana keessa mu’uminootaaf mallattootu jirti.
Verse 78
ﭻﭼﭽﭾﭿ
ﮀ
Dubbiif, warri bosonaa dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an.
Verse 79
ﮁﮂﮃﮄﮅ
ﮆ
Haaloo isaan irraa ba’anneDhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru.
Verse 80
ﮇﮈﮉﮊﮋ
ﮌ
Dhugumatti jiraattonni Hijris ergamtoota kijibsiisaniiru.
Verse 81
ﮍﮎﮏﮐﮑ
ﮒ
Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an.
Verse 82
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
ﮙ
Of amanoo ta’anii gaarreen irraas manneen isaanii uraa turaniiru
Verse 83
ﮚﮛﮜ
ﮝ
Bariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte
Verse 84
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
ﮤ
Wanti isaan hojjataa turan isaan irraa homaa hin deebifne.
Verse 85
Samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii dhugaadhaan malee hin uumneDhugumatti Qiyaamaanis dhuftuudhaIrraa gara galuu gaarii ta’e gara gali.
Verse 86
ﯗﯘﯙﯚﯛ
ﯜ
Rabbiin kees isatu akkaan uumaa, beekaadha
Verse 87
Dhugumatti Nuti deddeebi’aa irraa torbaafi Qur’aana guddaa siif kenninee jirra
Verse 88
Gara waan nuti garee isaan (kaafiroota) irraa ta’an ittiin qanansiifnee ija kee lamaan hin diriirsin; Isaan irrattis hin gaddin; kooluu ija keetiis Mu’uminootaaf gadi qabi
Verse 89
ﯵﯶﯷﯸﯹ
ﯺ
“Dhugumatti ani, anatu sodaachisaa ifa galaadha” jedhi.
Verse 90
ﯻﯼﯽﯾ
ﯿ
Akkuma qoqqooddattoota irratti buufne
Verse 91
ﭑﭒﭓﭔ
ﭕ
Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran).
Verse 92
ﭖﭗﭘ
ﭙ
Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna.
Verse 93
ﭚﭛﭜ
ﭝ
Waan isaan dalagaa turan irraa
Verse 94
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
ﭤ
Waan itti ajajamte ifatti labsi; Mushrikoota irraas garagali.
Verse 95
ﭥﭦﭧ
ﭨ
Dhugumatti, warra sitti qishnan siif geenyeerra.
Verse 96
(Isaan) warra Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa godhan; fuulduratti beeku.
Verse 97
Dhugumatti waan isaan jedhanuun qomni kee rakkachuu ni beekna.
Verse 98
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
ﮁ
Gooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessiWarra sujuudan irraas ta’i
Verse 99
ﮂﮃﮄﮅﮆ
ﮇ
Hanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari.
تقدم القراءة