Hiikkaa Suura الإسراء الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
Inni gabricha Isaa halkan masjida kabajamaa (Makkaa) irraa gara masjida fagoo, kan moggaa (naannoo) isaa barakaa goonee, mallattoowwan keenya akka itti argisiifnuuf deemsise qulqullaa’eDhugumatti, Inni Isumatu dhaga’aa, argaadha
Verse 2
Muusaafis kitaaba kenninee Ilmaan Israa’iilif “anaa gaditti hirkoo hin godhatinaa” (jechuun) qajeelfama isa goone.
Verse 3
)Yaa) sanyii namoota Nuuh wajjin (doonii) yaabbachiifne! Dhugumatti, inni gabricha galatoomfataa ture.
Verse 4
Gara Ilmaan Israa’iil kitaaba keessatti “dhugumatti isin dachii keessatti yeroo lama badii dalagdu; of tuulummaa guddaa ta’es of tuuluuf jirtu” (jechuun) beeksisa goonee jirra
Verse 5
Isaan lamaan irraa waadaan jalqabaa yeroo dhufe, gabroota Nuuf ta’an kan lolatti cimaa isin irratti ergineIsaanis gola manneen keessanii keessa ni deddeebi’ani(Waadichis) waadaa raawwatamaa ta’eera
Verse 6
Ergasii isaan irratti dabaree injifannoo isiniif deebifnee qabeenyaafi ilmaanis isiniif daballeGama gosaatiinis baay’ee isin taasifne.
Verse 7
Yoo toltuu hojjattaniif lubbuma keessaniif toltuu hojjattuYoo hamtuu hojjattanis isuma irrattiYeroo waadaan lamaffaa dhufe, akka (diinotiin keessan) fuula keessan hammeessan, akka masjiidichas (Aqsaas) akkuma yeroo jalqabaa isa seenanitti seenaniifi akka waan irratti injifatan barbadeessuu barbadeessan (isin irratti ergina)
Verse 8
Gooftaan keessan rahmata isiniif gochuun ni kajeelamaYoo isin (badiitti) deebitan, Nutis (isin adabuutti) ni deebinaJahannamiinis kaafirootaaf mana hidhaa taasifnee jirra.
Verse 9
Dhugumatti, Qur’aanni kun (karaa) ishee irra haqaafi qajeeltuu taatetti ni qajeelchaMu’uminoota warra gaggaarii hojjatan dhugumatti mindaan guddaan isaaniif jiraachuudhaan gammachiisa.
Verse 10
Isaan aakhiraatti hin ammanne immoo adabbii laalessaa ta’e isaaniif qopheessinee jirra (jechuun gammachiisa).
Verse 11
Ilmi namaa (yeroo aarii) hamtuu akkuma toltuu kadhatutti (Rabbiin) kadhataIlmi namaa jarjaraa ta’eera.
Verse 12
Halkaniifi guyyaas mallattoo lama taasifnee jirraMallattoo halkanii dukkanaan haguugnee, mallattoo guyyaa immoo ifa gooneAkka tola Gooftaa keessan irraa ta’e barbaaddaniifi akka lakkoofsa waggootaafi herregas beektaniif (kana goone)Waan hunda addaan baafnee isa addeessinee jirra.
Verse 13
Nama hundayyuu carraa isaa morma isaatti rarraafnee jirraGuyyaa Qiyaamaa kitaaba banamaa (inni) isa argatu taasifneeti isaaf baafna.
Verse 14
Kitaaba kee dubbisiHardha ati mataan kee of irratti herregaa ta’uuf ga’aadha.
Verse 15
Namni qajeele, kan inni qajeelu matuma ofiitiif qofaNamni jallates, kan inni jallatu ofuma irrattiLubbuun ba’aa baadhattu kamilleen ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuHanga ergamaa erginutti kan adabnus hin taane.
Verse 16
Yeroo magaalaa tokko balleessuu feene, namoota qanani’oo ishee (akka Rabbiin sodaatan) ajajnaIsaan ishee keessatti ajaja Rabbii didu; kanaaf jechi (adabaa) isaan irratti mirkanaa’aIshee guutumatti barbadeessine.
Verse 17
Nuuhiin boodas magaalota irraa meeqaatama balleessine! Badii gabroota Isaa beekaa argaa ta’uun Gooftaan kee ga’aadha
Verse 18
Nama ishee (addunyaa) jerjertuu taate kana fedhu, ishee keessatti nama feeneef waan feene jerjersinaErgasii Ibidda jahannam arrabsamaa, darbamaa ta’ee kan seenu isaaf goona
Verse 19
Nama Aakhiraa fedhee haala dhugoomsee jiruun hojii ishee isiif hojjate, warra san hojiin isaanii galateeffatamaa ta’eera
Verse 20
Hundaayyuu, isaan kanaafi isaan sanas, kennaa Gooftaa keetii irraa (isaaniif) kenninaKennaan Gooftaa keetii dhorgatamaa miti.
Verse 21
Akkamitti garii isaanii garii irra akka caalchifne ilaaliHaa ta’u malee, Aakhiraatu sadarkaafi caalchisuuttis irra guddoodha.
Verse 22
Rabbii wajjin gabbaramaa biraa hin taasisin; (yoo waliin gabbarte) balaaleffatamaa, salphataa taatee teessa.
Verse 23
Gooftaan keetis akka isin Isa malee homaa hin gabbarreefi haadhaa abbaa keessanitti tola ooltan murteessee jiraYoo odoo ati lubbuun jirtuu tokkoon isaanii yookiin lamaanuu sadarkaa dullummaa irra ga’an, jecha hifannaa (tuffii) isaaniin hin jedhinIsaaniinis hin lolinJecha kabajaa isaaniin jedhi.
Verse 24
Isaaniif rahmata godhuuf jecha koola (qoochoo) xiqqeenyaa isaaniif gadi qabi“Gooftaa kiyya! Akkuma isaan anaa xiqqaa ta’ee na guddisan Atis rahmata isaaniif godhi” jedhi.
Verse 25
Gooftaan keessan waan lubbuu keessan keessa jiru akkaan beekaYoo namoota gaggaarii taataniif Inni warra akkaan gara Isaatti deebi’aniif araaramaa ta’eera.
Verse 26
Firaaf, harka qalleeyyiifi kara deemaafis haqa isaa kenni, qisaasuu (bazzaruu) hin qisaasin.
Verse 27
Dhugumatti, warri qisaasan obboleeyyan sheyxaanaa ta’aniiruSheyxaannis Gooftaa isaatti akkaan kafaraa ta’eera.
Verse 28
Yoo kennaa Gooftaa kee irraa ta’e kan isii kajeeltu barbaaduuf jecha isaan irraa gara galte, jecha laafaa isaaniin jedhi.
Verse 29
Harka keeti gara morma keetiitti sakaalamaa hin godhinDiriirinsa hundas isa hin diriirsinKomatamaa, sheena’aa taatee teessa.
Verse 30
Dhugumatti Gooftaan kee kennaa nama fedheef ni bal’isa; (nama fedhe irratti) ni dhiphisasDhugumatti, Inni gabroota Isaa beekaa, argaa ta’eera.
Verse 31
Ilmaan keessanis sodaa hiyyummaatiif jecha hin ajjeesinaaIsaaniifi isinis Nutu sooraDhugumatti, isaan ajjeesuun badii guddaa ta’eera.
Verse 32
Sagaagalummaattis hin dhihaatinaaDhugumatti, inni (hojii) fokkataafi karaa hamaa ta’ee jira.
Verse 33
Lubbuu Rabbiin (ajjeessuu) haraama godhe haqaan ala hin ajjeesinaaNama miidhamee ajjeefames nama isa dhaaluuf aangoo (dhiiga gaafachuu isaaf) kenninee jirraAjjeechaa keessatti daangaa hin dabrinDhugumatti, inni tumsamaa ta’eera.
Verse 34
Qabeenya yatiimaas, kaayyoo gaariif malee hanga inni cimina isaa ga’utti itti hin dhihaatinaaWaadaas guutaaDhugumatti, waadaan gaafatamaa ta’ee jira.
Verse 35
Yeroo safartanis safara guutaaMadaala qajeelaa ta’eenis madaalaaKun waan gaariidha; booddeen isaas bareedaadha.
Verse 36
Waan beekumsa isaa hin qabne hin hordofinDhugumatti, dhageettiin argaaniifi onneenis, kun hundinuu isa irraa gaafatamaa ta’eera.
Verse 37
Dachii keessas boonaa hin deeminDhugumatti, ati dachii hin urtu; dheerinnaanis gaara hin geessu.
Verse 38
Sun hundi yakki isaa Gooftaa kee biratti jibbamaa ta’eera
Verse 39
Kuni beekumsa irraa waan Gooftaan kee gara keetti wahyii godheedhaRabbii wajjinis gabbaramaa biraa hin taasisin(Yoos) komatamaa, fageeffamaa taatee jahannam keessatti darbamta.
Verse 40
Sila Gooftaan keessan isiniif ilmaan dhiiraa fileeti ofiif maleeykota irraa ilmaan dubaraa godhatee? Dhugumatti, isin jecha guddaa jettu.
Verse 41
Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti akka (isaan) gorfamaniif deddeebinee ifa goonee jirraBaqa malee homaa isaaniif hin dabalu.
Verse 42
Jedhi: “Odoo akka isaan jedhan Isa waliin gabbaramtoonni biraa jiraatanii, silaa gara abbaa Arshiitti karaa barbaaddatu turan.”
Verse 43
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
ﮑ
Inni (Rabbiin) waan isaan jedhan irraa qulqulluufi ol ta’iinsa guddaas ol ta'eera
Verse 44
Samiin torbaniifi Dachiin, akkasumas wanni isaan keessa jiran hundi Isa faarsuWanti tokkos kan odoo faaruu Isaatiin Isa hin qulqulleessin hafu hin jiruGaruu isin faaruu isaanii hin beektanuDhugumatti, Inni obsaa, araaramaa ta’eera.
Verse 45
Yeroo Qur’aana dubbiftus gidduu keetiifi gidduu warra Aakhiraatti hin amannee haguuggii hin mul’anne taasifna.
Verse 46
Akka isaan isa (Qur’aana) hin hubannes onnee isaanii irratti haguuggii, gurra isaanii keessatti immoo duuchaa goonee jirraYeroo Qur’aana keessatti maqaa Gooftaa keetii kophaa Isaa dubbatte, baqataa dugda galu
Verse 47
Nuti yeroo isaan gara kee dhaggeeffatan, yeroo isaan maqoo (iccitii) hasaasan, yeroo miidhaa raawwattoonni “namticha sihriin tuqame malee waan biraa hin hordoftanu” (waliin) jedhanis waan isaan isa dhageeffataniif ni beekna.
Verse 48
Fakkeenya akkamii akka siif taasisan ilaaliIsaan jallatanii jiru; karaa (sirrii argachuus) hin danda’anu
Verse 49
Ni jedhus: “sila nuti erga (duunee) lafeefi bututaa (tortoraa) taanee booda uumama haarawa taanee kaafamoo dhaa?”
Verse 50
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
ﭗ
(Yaa Muhammad!) jedhiin: “Dhagaa yookiin sibiila ta’aa.
Verse 51
Yookiin uumama qoma keessan keessatti (kaafamuun) guddatus ta’aa (kaafamuun keessan hin hafu).” Ergasiis “Eenyutu nu deebisa” jedhu“Isa yeroo jalqabaa isin uumeedha” jedhiMataa isaanii sitti raasuuf jiruNi jedhus: “Inni sun yoomi ree?” “Dhihoo ta’uun mirkanaa’aadha” jedhiin.
Verse 52
Guyyaa Inni isin waamnaan, isin Isa faarsaa owwaattanii, yeroo gabaabaa malee turuu dhabuu yaaddan (ta’uun mirkanaa’e).
Verse 53
Gabroota kiyyaan “jecha gaggaarii dubbadhaaDhugumatti, sheyxaanni gidduu isaanii balleessaDhugumatti, sheyxaanni ilma namaatiif diina ifa bahaadha” jedhiin.
Verse 54
Gooftaan keessan akkaan isin beekaadhaYoo fedhes rahmata isiniif godha; yookiin yoo fedhe isin adabaNuti isaan irratti itti gaafatamaa goonee si hin ergine.
Verse 55
Gooftaan keenama samiifi dachii keessa jiru akkaan beekaadhaNuti dhugumatti nabiyyoota garii garii irra caalchifnee jirraDaawudiif zabuur kennineerra
Verse 56
“Warra Isa (Rabbii) gaditti (gabbaramaadha) jettan san waammadhaa! (Isaan) miidhaa isin irraa fuudhuus ta’ee naannessuu hin danda’an” jedhiin.
Verse 57
Warri isaan yaammatan sun eenyuu isaaniitu gara Rabbiitti irra dhihaataadhaan dhiheenya barbaadu.[] Rahmata isaas ni kajeeluadabbii isaas ni sodaatuDhugumatti, adabbiin Rabbii keetii sodaatamaa ta’ee jira.
____________________
[1]Yaanni aayatichaa ‘warri gara Rabbiitti irra dhiheenya qabanuyyuu dhiheenya barbaaduu! Warri biraa immoo sanaa ol Rabbirra barbaaduu qabu!’ jechuudha.
____________________
[1]Yaanni aayatichaa ‘warri gara Rabbiitti irra dhiheenya qabanuyyuu dhiheenya barbaaduu! Warri biraa immoo sanaa ol Rabbirra barbaaduu qabu!’ jechuudha.
Verse 58
Magaalota kamiyyuu Guyyaa Qiyaamaatiin dura ishee balleessinu yookiin adabbii cimaa ishee adabnu malee hin haftuSun kitaabicha keessatti barreeffamaa ta’eera.
Verse 59
Mallattoolee keenya erguu wanti Nu dhorge warri duraa ishee kijibsiisuu malee hin jiruSamuudiifis gaalattii dhaltuu akka mallattoo ifa galaatti kenninee jirraIsheettis kafaranii (halaakamani)Nuti sodaachisaaf malee mallattoo hin erginu.
Verse 60
Yeroo “dhugumatti, Gooftaan kee namootaan marseera” siin jennes [yaadadhu]Arginsa kee ishee (halkan Israa’ii) si argisiifne san, namoota ittiin mokkoruuf qofa malee waan biraatiif hin gooneMukattii Qur’aana keessatti abaaramtes (mokkoroof malee hin goone)Nuti isaan sodaachifna; inni daangaa dabriinsa guddaa malee waan biraa isaaniif hin dabalu.
Verse 61
Yeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jennes [yaadadhu]Ibliis malee isaan sujuuda godhanInni (Ibliis) “sila ani nama Ati dhoqqee (biyyee) irraa uumteefin sujuuda godhaa?” jedhe.
Verse 62
)Ibliis) ni jedhe: “Mee naaf himi! Isa Ati ana caalaa kabajje kana, yoo hanga Guyyaa Qiyaamaatti na tursiifte, sanyii isaa muraasa malee garan fedhen harkisa.”
Verse 63
)Rabbiin) ni jedhe: “Deemi! Namni isaan irraa si hordofes dhugumatti, jahannam galata keessan galata guutamaa ta’eedha.
Verse 64
Isaan irraa nama dandeesses sagalee keetiin kakaasiYaabbattoota keetiifi lafoo keetiinis isaan irratti gulufsiisiQabeenyaafi ilmaan keessattis isaanitti qindaa’ii waadaas isaaniif gali.” Sheyxaanni gowwoomsuu malee homaa waadaa isaaniif hin galu.
Verse 65
Dhugumatti, gabroota kiyya, isaan irratti aangoon siif hin jiruHirkoo ta’uuf Rabbiin kee ga’aadha.
Verse 66
Gooftaan keessan Isa akka tola Isaa irraa barbaaddattaniif, doonii galaana keessa isiniif deemsisuudhaDhugumatti, Inni isiniif rahmata godhaa ta’eera.
Verse 67
Yeroo rakkoon wahii galaana keessatti isin tuqes, Isa malee namoonni isin kadhachaa turtan (hundi) ni baduYeroma Inni gara dachiitti isin baase (Isa irraa) gara galtanNamnis akkaan kafaraa ta’eera.
Verse 68
Sila (Rabbiin) cinaa dachii isiniin kutuu yookiin bubbee cirrachaa isin irratti erguu, ergasii hirkoo argachuu dhabuu keessan hin sodaattanuu?
Verse 69
Yookiin immoo yeroo biraa isa (galaana) keessatti isin deebisee yeroma san hobonboleettii isinitti ergee, sababa isin kafartaniif isin balleessee ergasii isaan (adaba sanaan) isiniif Nu irratti hordofaa argachuu dhabuu keessan hin sodaattanuu?
Verse 70
Dhugumatti, Nuti ilmaan Aadam kabajneerraDachiifi galaana keessattis isaan baadhanneerraWantoota gaggaarii (halaala) irraas soorata isaaniif kennine jirraIrra hedduu wanta uumnee irras caalchisuu isaan caalchifnee jirra.
Verse 71
Guyyaa nama hunda imaamota isaaniitiin waamnu [yaadadhaa]Namni galmeen (kitaabni) isaa mirga isaatiin kennameef, warri sun kitaaba isaanii ni dubbisu; hanga qajjiisa baqaqaa firii timiraa keessaallee hin miidhamanu.
Verse 72
Namni addunyaa keessatti jaamaa (qalbii) ta’e, aakhiraa keessattis jaamaadha; karaadhaanis irra jallataadha.
Verse 73
Dhugumatti, isaan waan Nuti gara keetti wahyii goone irraa, akka ati soba isaan ala ta’e Nu irratti uumtuuf jecha si jallisuutti dhiyaatanii turanOggas jaalallee si taasifatu ture.
Verse 74
Odoo Nuti gadi si dhaabuu baannee, silaa ati waan xiqqoo gara isaanii dabuutti dhihaattee turte
Verse 75
Oggas Nuti (adabbii) dachaa kan jireenyaatiifi (adabbii) dachaa du’aa si dhandhamsiifna tureErgasii ati Nurraa tumsaa hin argattu.
Verse 76
Dhugumatti, isaan akka ishee irraa si baasaniif dachii keessatti si shororkeessuutti dhihaatanii jiruYoos, si booda xiqqoo malee hin turan ture.
Verse 77
Karaa ergamtoota keenya irraa nama si dura erginee (karaa siif goone)Karaa keenyaaf jijjiirama hin argitu.
Verse 78
Aduun dabuu irraa hanga dukkana halkaniitti salaata ulaagaa ishee guutii sagadiSalaata fajriis (sagadi)Salaanni fajrii (maleykaadhaan) hirmaatamaa ta’eera
Verse 79
Halkan irraas isaan (Qur’aanaan) haala (salaata) dabalataa siif taateen sagadiGooftaan kee iddoo faarfamaa ta’e si dhaabuun mirkanaa’aadha.
Verse 80
Jedhis: “(yaa) Gooftaa kiyya! Seensa gaarii naseensisiBa’iinsa gaariis na baasiSi biraas ragaa na gargaaru naaf taasisi.
Verse 81
“Dhugaan dhufe; sobni dhabameDhugumatti, sobni dhabamaa ta’eera” jedhi.
Verse 82
Nuti Qur’aana irraa waan qorichaafi rahmata mu’uminootaaf ta’e kan miidhaa raawwattootaaf hoongoo malee homaa hin daballe buufna.
Verse 83
Yeroo ilma namaa ni’imaa keenyaan qanansiifnes, garagaleeti cinaa isaatiin (dhugaa) irraa fagaataYeroo hamtuun isa tuqes, abdii murataa ta’a.
Verse 84
Jedhi: “Hunduu karaa isatti fakkaateen dalagaGooftaan keetis nama karaan isaa qajeelaa ta’e akkaan beekaadha.”
Verse 85
Ruuhii irraa si gaafatu“Ruuhiin dhimma (amrii) gooftaa kiyyaatiBeekumsa irraa waan xiqqoo malee isiniif hin kennamne” jedhiin.
Verse 86
Odoo feenee isa gara keetti wahyii goone ni deemsifna turreErgasii siif Nurraa isa (deebisutti) itti gaafatamaa hin argattu.
Verse 87
Garuu rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (isa eegne)Dhugumatti, tolli Isaa si irratti guddaa ta’eera.
Verse 88
Jedhi: “odoo ilmi namaatiifi jinnoonnis fakkaataa Qur’aana kanaatiin dhufuu irratti walitti qabamanii, odoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniis fakkaataa isaatiin hin dhufan.”
Verse 89
Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti fakkeenyota hunda irraa namootaaf addeessinee jirraIrra hedduun namootaa kafaruu malee didanii jiru.
Verse 90
Ni jedhanis: “Hanga burqituu dachii keessaa nuuf maddisiiftutti siif hin amannu.
Verse 91
Yookiin (hanga) oyruu muka timiraatiifi Inabaa irraa siif ta’ee, ergasii isa keessa laggeen yaasiinsa yaaftutti (hin amannu).
Verse 92
Yookiin (hanga) akka jettetti kutaa samii irraa taate nu irratti kuffiftutti yookiin (hanga) Rabbiifi maleeykota fuuldura keenya fiddutti (hin amannu).
Verse 93
Yookiin (hanga) manni faaya warqee irraa ta’e siif ta’utti yookiin (hanga) samii keessa ol baatutti; ol ba’iinsa keettis hanga kitaaba dubbifnu nuuf buuftutti hin amannu” (jedhu)“Gooftaan kiyya qulqullaa’ee jiraSila ani nama ergamaa (Rabbii) ta’ee ergame malee waan biraa ta’eeraa?” jedhi
Verse 94
Namootas yeroo qajeelfamni (Rabbii) isaanitti dhufe “sila Rabbiin nama ergamaa taasisee ergaa?” jechuu malee homtuu amanuu isaan hin dhorgine.
Verse 95
“Odoo dachii keessa maleykonni tasgabbaa’anii deeman kan jiraatan ta’ee, silaa maleykaa samii irraa ergamaa taasifnee isaan irratti buufna turre” jedhi.
Verse 96
“Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragaaf Rabbiin ga’aadhaDhugumatti, Inni gabroota Isaa irratti beekaa, argaa ta’eera” jedhiin
Verse 97
Namni Rabbiin qajeelche, isatu qajeelaadhaNama Inni jallises, isaaniif Isaa gaditti gargaartota hin argituufGuyyaa Qiyaamaas fuula isaanii irratti, jaamaa, arrabaa qabamaafi gurraa duudaa ta’anii isaan kaafnaTeessoon isaaniis jahannamiDhawaata isiin gadi laaftuun gubaa ibiddaa isaaniif daballa.
Verse 98
Waan isaan keeyyattoota keenyatti kafaranii “sila yeroo lafeefi biyyee taane, nuti dhugamatti uumama haara’a taanee kaafamoodhaa?” jedhaniif kun mindaa isaaniiti.
Verse 99
Sila akka Rabbiin samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa ta’eefi beellama isa keessa shakkiin hin jirre isaaniif taasise ta’uu hin ilaallee? Miidhaa dalagdoonni (Rabbitti) kafaruu malee ni didan
Verse 100
Jedhi: “odoo isin dilbii rahmata Gooftaa kiyyaa dhuunfattanii, silaa dhumuu sodaaf (of biratti) qabattu turtan.” Ilmi namaa akkaan don’a ta’eera.
Verse 101
Dhugumatti, Muusaaf mallattoolee ifa ta’an sagal kennineefii jirraIlmaan Israa’iil, yeroo inni isaanitti dhufnaan Fir’awnis “yaa Muusaa! Ani dhugumatti sihriin qabamaa ta’uun si yaada” isaan jedhe gaafadhu.
Verse 102
(Muusaanis) ni jedhe: “Ati dhugumatti isaan kana haala ragaa ifa ba’aa ta’aniin Gooftaa samiifi dachii malee homtuu hin buusin sirritti beektee jirtaAnis yaa Fir’awn! Dhugumatti, ati halaakamaa ta’uun si yaada.”
Verse 103
Dachii (Misraa) irraas isaan baasuu fedheIsaafi namoota isa waliin turan hundas bishaan isaan nyaachifne.
Verse 104
Nutis isa booda ilmaan Israa’iiliin ni jenne: “dachii keessa jiraadhaaYeroo beellamni boodaa (Qiyaamaan) dhufe, hunda keessaniin dhufna.”
Verse 105
Nutis dhugaan isa (Qur’aana) buufne; innis dhugaan bu’eGammachiisaafi sodaachisaa goonee malee Nuti si hin ergine.
Verse 106
Qur’aana akka ati suuta suutaan namoota irratti isa dubbiftuuf isa qoqqoodne; buusiinsas isa buufne.
Verse 107
Jedhi: “Isatti amanaa yookiinis hin amaninaa; dhugumatti, isaan isa dura beekumsa kennaman, yeroo inni isaan irratti dubbifame fuula isaaniitiin sujuuda bu’u.”
Verse 108
Ni jedhus: “Gooftaan keenya qulqullaa’eeraDhugumatti, waadaan Gooftaa keenyaa raawwatamaadha.”
Verse 109
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
ﮉ
Fuula isaanii irratti booyaa sujuuda bu’uInnis sodaa isaaniif dabala.
Verse 110
Jedhi: “Allaah kadhaa yookiin Rahmaaniin kadhaa; kamiinuu yoo kadhattan Isaaf maqoota babbareedaa ta’antu jiraSalaata kee keessatti (baay’ee) sagalee kee ol hin fuudhin; (baay’ee) gadis hin qabatinGiddu (lamaan) sanitti karaa godhadhu
Verse 111
”Faaruun hundi kan Rabbii ilma hin godhatiniiti, kan mootummaa keessatti hiriyyaa hin qabneefi kan sababa salphinaa gargaaraan isaaf hin jirreeti” jedhiGuddisuu Isa guddisi
تقدم القراءة