سورة مريم

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura مريم الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

(Kun) rahmata gooftaan kee Gabricha Isaa Zakariyyaaf (godhe) dubbachuudha.
“Kan ana (amantii kiyya) dhaaluufi kan sanyii Ya’aquub irraas dhaaluYaa Gooftaa kiyya! Jaallatamaas isa taasisi.”
(Rabbiin ni jedhe): “Yaa Zakariyyaa! Dhugumatti, Nuti ilma maqaan isaa Yahyaa ta’e, kan kana dura maqaa isaa eenyuufillee hin taasisiniin si gammachiifna.”
(Zakariyyaanis) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! Mallattoo wahii naaf godhi.” (Rabbiinis) ni jedhe: “Mallattoon kee halkan sadihiif odoo fayyaa qabduu (Zikrii malee) nama dubbisuu dhabuudha.”
Mararfannaa Nu biraa ta’eefi qulqullinas (isaaf kenninee jirra)Innis (Rabbiin) sodaataa ta’eera.
Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha RabbiitiInni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira.
(Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessaniKanaaf Isa qofa gabbaraaSantu karaa qajeelaadha” jedhe.
Gareewwan (yahuudaafi nasaaraa) gidduu isaaniitti (waa’ee Iisaa irratti) wal dhaban; wal gayii guyyaa guddaa (Qiyaamaa) san keessatti warra kafaraniif adabbiin mirkanaa’eera!
(Kaafiroonni) guyyaa isaan Nutti dhufan, maaltu akkaan dhaga’oo argoo isaan taasise! Garuu hardha miidhaa raawwattoonni jallina ifaa ta’e keessa jiru.
Nutis moggaa mirga (gaara) Xuur irraa isatti lallabnee, maqoo itti haasa’uunis (of itti) isa dhiheessine!
(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaan jiran hundaatiKanaafuu Isa (qofa) gabbari; Isa gabbaruu irrattis obsa qabaadhuSila Isaaf moggoo (fakkaataa) wahii ni beektaa?
Gooftaa keetiin kakannee! Dhugumatti, isaaniifi sheyxaanota walitti qabneeti, ergasii moggaa jahannamitti jilbeenfatoo taasifnee isaan fidna
Sana booda warra Rabbiin sodaatan nagaa baafna; warra miidhaa hojjatan immoo ishee keessatti jilbiiffatoo taasifnee (isaan) dhiifna.
Isaaniin duras dhaloota heddu kan meeshaa mana keessaatiifi argaa ijaattis isaan caalaa babbareedoo ta’anis balleessinee jirra?
Sila isa keeyyattoota keenyatti kafaree “Ani dhugumatti, qabeenyaafi ilmaan kennamuufin jira” jedhe naaf himi?
Waan inni (qaba) jedhu (hunda) irraa dhaalla; innis kophaa isaa Nutti dhufa
Lakkisaa; (kun waan ta’uu miti) isaan fuulduratti gabbaruu isaanii ni mormu; isaan irrattis faallaa ta’anii dhiaatu.
Guyyaa warra Rabbiin sodaatan gara Rahmaanitti garee kabajamoo taasifnee isaan walitti qabnu [yaadadhu].
Verse 94
Dhugumatti, Inni tokko tokkoon isaan beeka; lakkoofsa guutuu ta’es isaan lakkaa’eera
Hundi isaaniis Guyyaa Qiyaamaa kophaa isaanii gara Isaatti (Rahmaanitti) dhufu.
Wanti Nuti arraba kee irratti isa (Qur’aana kana) sii laaffifneef akka warra Rabbiin sodaatan ittiin gammachiiftee, ummata akkaan mormitoota ta’an immoo ittiin sodaachiftuufi
تقدم القراءة